Bara Kakuu Moofaa | Qubee Online +

Daandii Abbootii Ortodoksii Tawaahidoo | Kutaa 2ffaa
Daandii Abbootii Mana Kiristaanaa Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo

Kutaa 1ffaa keessatti yeroo darbe Daandii Abbootii Ortodoksii Tawaahidoo jalatti waa’ee baroota arfan Daandii Abbootii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo ilaalleerra. Kutaan itti aanu kunooti hanga dhumaatti dubbisaa!

Daandii Abbootii Ortodoksii Tawaahidoo

Daawwit Mootii jalqabaa | Daandii Abbootii Ortodoksii Tawaahidoo

Daandii Abbootii Ortodoksii Tawaahidoo keessatti kan argannu Mootichi Daawwit Israa’elitti Mootota mo’an hunda caalaa hojii guddaa kan hojjatee fi deemsa isaa hundas Waaqayyo waliin Mootii taasise yoo ta’u, barri Mootummaa isaas Dh.K.D bara 1011-970 tti kan ture dha, Umurii isaa ijoollummaatti hoolota abbaa isaa eega ture. 1 Saam. 16:11. Daawwit jechuun ‘filatamaa’ jechuudha. Faar. 88:9.

Waaqayyos Saamu’eel ijoollee Iseey keessaa tokko akka mootii taasisee muudu yeroo isa ergu gara Beeteeliheem deemee Iseeyiin ijoollee kee keessaa mootii taasisuufani waan ta’eef as fidi jedheen, Iseeyis Mootummaa dhaaf kan ta’u kanadha jedhee ilma isaa hangafaa Eliyaab itti dhiyeesse innis Waaqayyoon akka hin filatamne itti hime. 1. Saam. 16:6. Kan itti aanu itti dhiyeesse kunis hin filatamne jedheen, bifuma kana isaan dhiyeessaa dhufee dhalootaan 8ffaa, dhufaatiin 7ffaa kan ta’e Daawwit ni dhiyeesseef Daawwitis obboloota isaa gidduutti dibamee mootii ta’eera. 1 Saam. 16:1-13.

Kennaa (Dandeettiiwwan) Daawwit torban

1. Kennaa Mootummaa :- Isa balleesse adabuu, isa miidhame kaasuu (beenyaa kennuu)

2. Kennaa Lubummaa :- Uummataaf kadhachuu, aarsaa dhiyeessuu. 1. Seenaa Baraa 15:17

3. Kennaa Humnaa :- Leencaa fi Qeerransa injifachuu. 1 Saam. 17:34

4. Kennaa Mawwii (Habte Mewie ) :- Dirree waraanaatti diina injifachuun qaanessanii deebisuu. 1 Saam. 18:27

5. Kennaa Baganaa :- Baganaa rukutuun Waaqayyo galateeffachuu.

6. Kennaa Raagaa (Raajii dubbachuu) :- Wanta gara fuulduraatti raawwatu raajiin dubbachuu ykn raaguu.

7. Kennaa Fayyisuu :- Baganaa rukutuun dhukkubsattoota fayyisuu. 1 Saam. 16:23.

Fedha Waaqayyoon, Kabaja Waaqayyoof kan muudame Mootichi Daawwit magaalaa guddittii akka taatuuf kan filate Iyyerusaalemidha. Akka Mootota Israa’eel kanneen biroo Xaa’otii ykn Waaqolii tolfamoo hin waaqessine ture.

Kanaafis hojii isaa hundatti kan jaalatame waan ta’eef Waaqayyo akka laphee koo kan ta’e Ilma Iseey kan ta’e Daawwitin argadhe jedhee dubbateefiira. Kiristoos Iyyesuus ilma Daawwit jedhameera. Daawwit mootota Israa’eloota rakkisaa turan hunda injifatee biyyattii kabachiiseera. 2 Saam. 5:18-25. Kanaafuu biyya Waaqayyoo mootii dhabdee turteef yeroo jalqabaaf mootii qajeelaa fi raajii ta’uu isaatiin dursaa Mootii Israa’eel jedhameera.

Ilma Daawwit Solomoon booda mootonni turan Israa’eel iddoo lamatti qoodanii bulchu turan. Kunis seenaa waggaa 400 ti. Solomoon qomoowwan Israa’eel kudha lamaan bitaa tureera, bara ilma isaa Robi’aam garuu Mootummaan isaa iddoo lamatti qoodamee;

Qomoon kurnan Solomooniif diina ta’uun, Iyyorbi’aamii waliin ta’uun Israa’eel jedhaman, isaan kun Mana Daawwit dhiisanii kan deeman waan ta’aniif Magaalaa isaaniis Samaariyaa taasifatan.

Qomoowwan lamaan Yihudaa fi Biniyaam garuu Mana Mootummaa Daawwitii fi Mana Qulqullummaa qofa qabatanii Iyyeruusaaleemitti hafuun Roobi’aamiif ta’uuf maqaa isaanii Yihudaa jedhan. 1 Mot. 11:28-33.

Iyyorbi’aam Mootummaan isaa akka jalaa hin diigamne, uummannis sababa Waaqeffannaatiin akka gara Mana Daawwit gara Robi’aamitti jalaa hin deemne dabaan Xaa’ootii Warqee lama irra hojjetee biyyoota lama Daan fi Beeteelitti dhaabee waaqeffachiisuu jalqabe. 1. Moot. 12:25-33.

Qoqqoodamuun Iyyerusaaleem diinaaf mijataa waan ta’eef kabajame kan ture Magaalaa Daawwit Gibtsoonni fi Filisxeemonni yeroo garaa garaatti seenuun saamaniiru. Warreen Asoor, Baabiloon fi mootonni Ahizaabotaa kanneen biroos magaalota isaanii diiganii, uummata isaaniis booji’aniiru. 2 Mot. 24:1 dhumarratti Naabukadanatsoor bara 587 Dh.K.D ni diige. 2 Mot. 25:1 waggaa 70’f Magaalittiin diigamtee abbaa malee turteerti.

Sana boodas Qisoon kan jedhamu Mootiin Faars Yihudonni magaalaa isaanii akka ijaaran eyyamee Magaalittiin irra deebiin ijaaramteerti. Zarubaabel fa’as Mana Qulqullummaa itti ijaaraniiru, Nahimiyaanis bara 445 Dh.K.D dallicha ijaareera, dabalataanis harka Asoorotaa, Roomaawwanii, harka warra Faarsitti kufuun rakkoo guddaan irra gaheera.

Boodarras ajaja Mootii Roomaatiin Heeroodis qabatee akka bulchu eyyamameefii bulcheera garuu Heeroods qomoo Yihudotaa irraa kan hin argamnee fi eyyama uummataa malee ajaja mootii Roomaatiin kan muudame Edomaawwii waan ta’eef uummanni isa hin simanne ture. Ta’us garuu jaalatames jibbames bara 47 Dh.K.D kaasee hanga bara 79 Dh.K.B tti wal harkaa fuudhaa Heerodsonni hedduun bulchaniiru.

1.4 Bara Lubootaa | Daandii Abbootii Ortodoksii Tawaahidoo

Luba jechuun ‘Tajaajilaa’ jechuudha. Zarubaabeelii hanga Kiristoositti barri jiru bara Lubootaa jedhamee waamama.

Israa’elotaaf Iyyoo’aaqeemitti aanee teessoo abbaa isaarra kan taa’e Yo’aakiin (Ikooniyaan) kan mootii ta’e ji’oota sadiif qofaa dha. Bara 597 Dh.K.D Israa’eel harka Baabiloonotaatti kuftee osoo jirtuu Mooticha booji’anii, ija isaa baasanii ummata, Israa’eel keessa gara 10,000 tti kan siqan booji’anii gara Baabiloonitti geessanii ykn fudhatanii ture. 2 Mot. 24:8, kanaanis Israa’eel lafa onaa taateerti.

Kanaan osoo hin gahiin Israa’eloonni waggoota 37’f gara Baabiloonitti geeffamanii dhumarras gara biyya isaaniitti deebi’aniiru. Garuu achi osoo jiranii Amantaa ni eegu turan, Namoonni Waaqayyoof dhihoo ta’an kanneen akka Daani’eel fa’an isaan waliin Baabiloon turan. Bara godaansaa kanaa booda booji’amuu dhaa yeroo deebi’an Zarubaabeelis booji’amiinsaa deebi’ee ture. Booji’amuu waggaa 70 boodas Zaruubaabeel dursaa ta’ee Mana Qulqullummaa Iyyerusaaleem ijaarsiseera. Zarubaabeel Luba ta’ee tajaajila ture. Kana waan ta’eefis deebi’uu Israa’eelii jalqabee hanga dhufaatii Kiristoositti barri jiru bara Lubootaa jedhameera.

Gooftaanis ati Luba bara baraa akka muudama Malkatsadeq jedhameera. Kana jechuun garuu Zarubaabeel dura Luboonni hin turre jechuu miti. Bara Abbootiitti kanneen akka Musee, Aroon, Malkatsedeq fa’a Luboota turan. Garuu barri isaanii bara Abbootii jedhama. Bara Abbootii kanatti Museen mana Fari’oonii ba’ee gara gammoojjiitti yeroo godaanetti fuudhaaf kan filate intala Luba Yotoor ykn Raagu’eel dha, Lubni kunis Itoophiyaa akka ta’e baay’eewwan irratti walii galu. Kunis Itoophiyaan bara Kakuu Moofaatti Luboota akka qabdu kan agarsiisu dha.

Kanatti dabalataanis Itoophiyaan Qomoo Kaam ta’uu isheetiin Aangoo Lubummaa sanyii Kaam kan ta’e karaa Malkatsedeqiin dursitee fudhatteerti, Aarsaa Oritiis dhiyeessaa jiraachuun ishee beekamaadha. Kan biraa Kiristoos booda Lubummaan ni ture, Hangafa Luboota Iyyesuus Kiristoosiin kan kenname Aangoo Lubummaa Kakuu Haaraa jalqabummaa Abuna Salamaatiin fudhattee uummata ishee ni bulchiti Itoophiyaan. Kanas ta’e garuu Bara Lubootaa kan jedhamu akkuma dursinee ibsine, ilaalle Zarubaabeelii hanga Kiristoositti kan jiru dha.

Boqonnaa 2

Raajota | Daandii Abbootii Ortodoksii Tawaahidoo

Raajii jechuun ykn «Nebiy» jechuun jechi isaa Afaan Gi’izii irraa kan dhufe yoo ta’u hiikni isaas ‘raage, raaje, muldhata’ jechuudha. 1 Saam. 9:9. Raajonnni Waaqayyo irraa ergaa jechaanis ta’e muldhataan kan isaanitti himame ykn kan isaan bira gahe  gara gurra uummataatti ni dabarsu ykn ni dhageessisu ture. Seera Lakkoofsaa. 12:6. Fakkeenyaaf Musee, Iyyaasuu, Daawwit, Eliyaas, Saamu’eel, Naataan, Elsaa’i, fi k.k.f. Raajonni kunneen Raajii ni dubbatu, Mootii dibanii ni muudu, akkasumas uummataaf akka mootiitti ta’aanii dursaniiru ykn tajaajilaniiru. Daawwitiifis kennaawwan torba kennamaniif keessaa tokko kennaa raajummaati ture.

Gooftaan keenya, Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Addunyaa kana fayyisuuf dhufuu isaatiin dura, Raajonni waa’ee isaa ;samii samii irraa ni bu’a, ni dhalata jedhanii fakkeenyota garaa garaatiin fakkeessuun raajanii turan. Garuu boqonnaa kana jalatti raajota hunda osoo hin taane raajota muraasaa fi hangafoota ta’aan ni ilaalla. Isaan kana keessaas akka itti aanutti ilaalla.

1. Raajicha Isaayyaas

→ Isaayyaas jechuun ‘Fayyisummaa Waaqayyoo’ jechuudha.

→ Isaayyaas Dhaloota Kiristoos Dura Bara 740-688 tti turedha. Akkasumas Abbaan isaa Amoots jedhama.

→ Raajota Gurguddoo ykn hangafoota jedhaman arfan keessaa tokko yoo ta’u, raajii bara Mootii Akaazii fi Hisqiyaas turedha.

→ Mootichi Hizqiyaas yeroo dhukkubsateettii fi du’uuf yeroo dhiyaatetti umurii isaa irratti waggaan 15 akka dabalameef kan itti hime isadha.

→ Isaayyaas waa’ee dhufaatii Kiristoos sirriitti barreessuu isaatiin, barreessitoonni Kakuu Haaraa Kitaaba Raajii isaa baay’inaan fayyadamanii barreessaniiru.

→ Hojii kanaaf filatamuu isaatiin dura, hidhii isaa irratti Lamtsii qaba ture waan ta’eef, akkasumas Lamtsiin Kakuu Moofaatti mallattoo cubbuu ta’uu isaatiin Ergamaan Waaqayyoo isa fayyiseera.

→ Isaayyaas tajaajila Mana Waaqayyootiin cinaatti gorsaa Mana Mootummaa ture.

→ Akka Mana Kiristaanaa keenyaatti hamma Raajicha Isaayyaas Raajiin Raajii dubbate hin jiru.

→ Raajiin kun kan dhalate Dh.K.D waggaa 800 dura yoo ta’u, Raajummaadhaaf kan filatames umurii isaa dargagummaatti ture.

→Abbaa fi haati isaa Isaayyaas ykn Fayyisaa kan jedhaniin, Barumsa isaatiin, raaga isaatiin kennaa fayyisummaa waan qabuufi.

→ Waqtii inni raajiidhaaf filatametti Hangafni Lubootaa Azaariyaas, Mootichi ammoo Ooziyaan jedhamu ture. Wal dhabdee Hangafoota Lubootaa fi Mooticha gidduutti tureenis Mootichi ol aantummaa isaa agarsiisuuf osoo aangoo ykn kennaa Lubummaa hin qabaatiin Uluuf Tsinaa qabatee gara Mana Qulqullummaa seene.

→ Kana kan arge Raajichi Isaayyaas osoo dheekkamuun ykn gorsuun isarraa eegamuu ni callise. Waaqayyo garuu mooticha Ooziyaan Lamtsiidhaan rukute. Ooziyaanis Lamstiin yeroo fuula isaa rukutu, fuula isaa Shaashiidhaan hidhate ykn lamtsii fuula isaa Shaashiidhaan dhokfachuuf yeroo yaalu Lamtsichi Shaashicha gubbaatti ba’e. Akka Israa’eelootaatti namni Lamtsiin rukutame Mana Mootummaa keessa mitiitii Magaalaa keessayyuu hin jiraatu waan ta’eef magaalaadhaa alatti isa baasan. Bakka isaattis Iyyo’aattaam Mootii ta’ee muudameera ykn mo’eera.

→ Isaayyaas ammoo dandeettii Waaqayyo isaaf kenneen hin fayyadamne, hin dubbanne waan ta’eef Hidhii isaa irra Lamtsiin rukutame. Isas geessanii mana dukkanaatti itti cufan. Kennaan Raajummaa isaas harkaa fuudhame. Kennaan ykn qabeenyi Qulqullootaa inni guddaan gaabbiidha waan ta’eef, innis achi taa’ee osoo jiruu gaabbii ni gale, ni tsoome, ni kadhate Waaqayyos gaabbii isaa ni fudhateef. Sana booda bara Mootichi Ooziyaan du’etti Waaqayyo gooftaan teessoo isaa dheeraa irra taa’ee, Kiruubeel teessoo isaa baatanii, Suraafeel ykn Luboonni Digdami Arfan Samii «Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu! » jedhanii yeroo isa galateeffatan Isaayyaasitti ni muldhate. Isa. 6:1.

→ Abbootiinis Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo kana yeroo hiikan «Inni ati sodaatte Ooziyaan kunoo du’e, ani garuu Mootummaan koo bara baraan kan jiraatudha» yeroo jedhuunidha jedhu. Yeroo sanattis Waaqayyo «Gara Saba kootti eenyun ergadha?» jedhe. Isaayyaasis «Gooftaa koo! Ani Hidhiin koo ni rakase malee» jedheen. Waaqayyos Suraafii ergeef, Ergamichis Qabduudhaan Mukukkula aarsaa keessaa qabee fidee Hidhii isaa irra kaa’eef yeroo kanattis Isaayyaas Lamtsii isaa irraa ni qulqullaa’e. Kennaan Raajummaa isaas ni deebi’eef. Kunis fakkeenya Fooniifii Dhiiga Gooftaati. Guyyaa kana booda garuu nama addaa, nama cimaa ta’e. Waaqayyo qofaa malee nama kan hin sodaanne Wattaadara Waaqayyoo amanamaa ta’e. Ooziyaan boodas mootota afur bara isaaniitti isaanitti dheekkame. Isaanis;

1. Iyyo’aattaam

2. Akaaz

3. Hizqiyaas

4. Minaasee dha.

→ Mootichi Hizqiyaas Mootii ta’ee waggaa kudha arfaffaa isaatti Mootiin Asoor Seenaakireem diinummaan irratti ka’e. Gara naannoo isaattis dhufee itti marsee isa sodaachise. Seenaakireemis waraanaan garmalee hamaa ture. Sana irrattiyyuu ammoo eeboo kan qabatan loltoota ciccimoo 185,000 ol qaba ture. Kanaanis Hizqiyaas akka isa hin dandeenye baree ergaa itti erge. Seenaakireem garuu kan Seexanni irra bule waan tureef kadhaa Hizqiyaas gara cinaatti dhiisee Waaqa Israa’eel fi maqaa isaa Qulqulluus morkuutti ka’e.

Yeroo kanattis Mootichi Hizqiyaas maqaan Waaqayyoo yeroo salphatu dhaga’ee baay’ee gadde. Ergamtootas gara Raajicha Isaayyaasitti ergee, Mana Qulqullummaa seene. Waaqayyo fuuldurattis uffata isaa tarsaase. Waa’ee Iyyerusaaleemiifi waa’ee saba isaatiifis ni boo’e. Yeroo kanattis Waaqayyo karaa Raajicha Isaayyaasiin akkas jedhe «Garbicha koo Daawwitiif jedhee magaalaa kana nan fayyisa ykn nan oolcha». Halkan sanattis ergamaan ajaa’ibni Qulqulluun Mikaa’eel samii irraa bu’uun gara loltoota Seenaakireem deemuun Sayifii isaa Ibiddaatiin Loltootni Ahizaabotaa 185,000 ni harca’aan. 1 Moot. 18:13, 19:1.

→ Raajichi hangafni kun ykn Raajiin Isaayyaas raajiiwwan ajaa’ibaa hedduu dubbaateera. Kanneen keessaas; «Kunoo Durbi ni ulfoofti, ilmas ni deessi» Isa. 7:14. Yeroo sanatti kan turan gorsitoonni hamoo Mootichaas mooticha bira deeman «Yaa Mootii waggaa 1000 moo’i. Kan akka kee homtuu hin jiru, Raajiin raajichi dubbates siifidha. ‘Durba’ kan jedhamte Iyyerusaaleem yoo taatu ilma dhiiraa kam jedhame ammoo si’idha.» jedhaniin.

Hiikoo sobaa ykn jal’aa kanas kan isaan dhageffate Mootichi Hizqiyaas isaan hin mormine. Sababa kanaanis Waaqayyo dheekkamee Raajicha Isaayyaas itti erge. Raajichis dhufee akkas jedheen «Ni duuta malee hin jiraattu waan ta’eef, mana kee ijaarradhu» jedheen. Hoggasumas Mootichi Hizqiyaas ni dhukkubsate, ni dhadhabe. Mootichis gara Waaqayyootti «Yaa Gooftaa koo! Akka arjummaa keetti si fuulduratti gaarummaan deddeebi’uu koo yaadadhuutii naaf dhiisi!» jedhee kadhate.

Raajichi Isaayyasis hoggas Mootichuma bira osoo jiruu jechi Waaqayyoo gara isaatti dhufe. Waaqayyos Raajicha Isaayyaasiin «Kadhannaa kee dhaga’ee waa’ee Daawwitiif jedhee siif dhiiseera, bara jireenya kee irrattis waggaan 15 siif dabalameera» jedhiitii Mooticha Hizqiyaasitti himi jedheen. Raajichis gara mootichaatti deebi’ee itti himee «Hanga guyyaa sadiitti fayyitee Mana Qulqullummaatti ni deebita» jedheen.

→ Mootiin bara Raajicha Isaayyaasitti ture kan biraan Mootiin Minaasee inumaayyuu Xaa’otii dhaabe, ni sagadeefis, Raajichi Isaayyaasisi kan ilaalee hin callisne Addabaabaayiitti itti dheekkame. Kanaanis kan aaree fi kan mufate Mootichi Minaasee Raajicha Isaayyaas ni ajjeesise.

Guyyaan Yaadannoo Boqonnaa Raajicha Qulqulluu Isaayyaas Fulbaana 6 dha. Eebbi isaa nurra haa bulu.

Kutaa 2ffaan Koorsii keenya Daandii Abbootii Mana Kiristaanaa Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo kana fakkaata ture, hanga dhumaatti kan dubbistan hiriyoota keessaniifis qoodaa!

Channel WhatsApp Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Daandii Abbootii Ortodoksii Tawaahidoo | Kutaa 2ffaa first appeared on Qubee Online +.

Daandii Abbootii Ortodoksii Tawaahidoo | Kutaa 1ffaa
Daandii Abbootii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo

Mata duree Daandii Abbootii Ortodoksii Tawaahidoo jedhu kana keessatti waa’ee Abbootii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo ni ilaalla, hanga dhumaatti dubbisaa!

Kutaa 1ffaa

Daandii Abbootii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen!

Mata Duree «Daandii Abbootii Ortodoksii Tawaahidoo» jedhu kana jalatti kutaa kutaan akka fedha Waaqayyootti Baroota Arfan, Seenaa Raajotaa, Seenaa Duuka Bu’ootaa, Seenaa Qulqulloota Itoophiyaa fi k.k.f ni ilaalla isinis nu hordofaa, dubbisaa!

1. Baroota Arfan | Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo

Abbootiin Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo akka ibsanitti Addunyaan erga uumamtee eegalee, jechuunis Uumama Addaamii kaasee hanga dhufaatii Kiristoositti kan jiru yeroowwan Kakuu Moofaa iddoo afuritti qoodamu. Isaanis;

1. Bara Abbootii /Zemene Aabew/

2. Bara Abbootii Firdii /Zemene Mesafint/

3. Bara Moototaa /Zemene Negestat/ fi

4. Bara Lubootaa /Zemene Kahinat/ dha.

Abbaan keenya Addaam turtii isaa Jannataa kan waggaa torbaa xumuree adabbiif yeroo gara lafaatti godaanu hangamiyyuu ilma namaa ta’u kan balleesse; Waaqayyoo Addaam fi ijoollee isaa hin dhiisne ture waan ta’eef, gatii kanfalee isaan fayyisuuf dhufe. Dhufaatii Kiristoos dura waggoota turan 5,500 keessatti garuu jecha, jechaan isaanitti dubbata ture. Uma. 3:10, 9:1, 12:1… . Jaalattoota Waaqayyoo kan jedhaman Abbootiin, Tolootni, Raajonni bara kana turaniiru, jaalala Kiristoosiif jedhaniis Wareegamummaa Raajonni fudhatan, osoo hin du’iin kan ol ba’anii hanga har’aatti biyya jiraattotaa kan jiran Abbootiin Eebba Waaqayyoo hawwanii ykn barbaadanii deemsa isaanii Waaqayyo waliin taasisan Qulqulloonni baroota kanatti argamaniiruu. Nutis bu’uurota kan ta’an kanatti aansinee gaggabaabsinee dhiyeessina.

1.1 Bara Abbootii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo

Addaamii jalqabee hanga Museetti barri jiru akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo tti Bara Abbootii jedhamee waamama. Kitaabolee waan hin qabneef seerichi seera laphee jedhama. Abbaan keenya Addaam Jannata keessa waggaa 7, lafa irratti ammoo waggaa 923 Walumaa galatti Addaam waggaa 930 erga jiraate booda boqoteera. Uma. 5:5.

Ijoolleen isaas harka Sillaaseen yeroo jalqabaaf kan uumame lafee /ekeraa/ Addaam osoo hin awwaaliin kadhannaa isaaf gochaa ka’anii turan. Kunis wal qabachaa dhufee hanga Nohitti gahe, Nohis gara Doonii yeroo seenu qabatee seene, itti aansees yeroo bishaan badiinsaa hir’atu Seemiif, Seem ammoo Mootii Saaleem kan ta’e Malkatsedeqiif kenne. Uma. 14:18 Malkatsedeqis ekericha ykn laficha sana ulaa jiraate. Innis Luba Kakuu Moofaa waan tureef. Faar. 110:4, Ibr. 7:1.

Malkatsadeq jechuun Afaan Ibraayisxiin “Mootii dhugaa” jechuudha. Qulqulluun Phaawuloos waa’ee dhaloota Malkatsedeq yeroo barreessu, haadhaa fi abbaa hin qabu, yeroon itti dhalates; jalqabni isaa fi dhumni isaas hin beekamu jedha. Sababni inni kana itti jedheef inni guddaan dhaloonni isaa karaa Qomoo Ormootaa ykn Ahizaabota waan ta’eef fi yeroo sanatti Yihudonni Qomoo isaaniin ni boonu waan ta’eef Ayihudoota gammachiisuuf dubbate malee dhaloonni Malkatsadeq akka nutti himutti Ilma Mootii Gibxii Wanoobaa kan Kana’anitti Mootii ta’e jedha.

Iyyerusaaleem kan hundeesse Siiduu kan jedhamu mootii Sudaan fi Gibxii yoo ta’u, karaa Gibxii darbee warra Kana’an ni gabbarsiisa ture, Betesayidaanis kan moggaafamte Siiduu dhaani. Siiduunis Saaleem dhalcha, Iyyerusaaleem Saaleemiin moggaafamteerti, Saaleemis Milikinii fi Malkatsadeq dhalche. Malkatsedeqis aangoo Lubummaa isaan Abrahaam eebbiseera.

Nooh bara addunyaa 652 tti dhalate, Addaam irra kaasee yeroo lakka’amu dhaloota 10ffaa irratti argama. Bishaan badiinsaa booda Waaqayyo Noh waliin Waadaa taasiseera, dhaloonni hundi erga cubbuu hojjeteen bade booda ijoollee Noh sadan jechuunis; Seem, Kaam fi Yaafeet abbaa isaanii fi haadholee manaa (Niitiiwwan) isaanii waliin hafaniiru. Har’a sanyiin namaa jiru hundi, Adiin, Gurraachi, Habashaan [3] hundi Qomoo Seem, Kaam fi Yaafeet qofa. Abbaan isaanii garuu tokkicha Addaamidha. Uma. 7:1

1.1.1 Seera Laphee

Seera Laphee jechuun sammuu ilma namaatti uumamaan kenname keessa beekumsa jirudha, bara isaaniitti jechuunis Kitaaboleen Oritii Musee shanan osoo hin barreeffamiin dura Kitaaba Henook fi Kitaaba Iyyoobiin ala Kitaabni waan hin jirreef Kitaaba Seeraa waan hin qabneef Seera Laphee jedhameera. Fknf; Abrahaam uumaa isaa kan argate Seera Lapheen qorateetu.

Kitaabni Henookis kan barreeffame waa’ee Seeraaf osoo hin taane, waa’ee sochii fi haala Aduu, Urjii, Adeessaa; Samiitti osoo dhokate jiruu Ergamoonni Henookiif ibsanii kan barreesse dha. Yih. :14, Uma. 5:21. Kitaaba Iyyoobiin wal qabatee garuu namoonni hedduun Museen akka barreesse ni amanu. Ta’ees garuu bara sanatti Afuurawaas ta’e kan Foonii Kitaabni Seeraa bara sanatti akka bara kanaatti barreeffame jiraachuu dhabuyyuu namni hundiyyuu Waaqayyo abbaa murtee taasifatee yaada sammuu isaan socho’a ture, Waaqa isaaniis Seera Lapheen Waaqessu ture. Room. 2:12.

Bara sanatti namoonni Addunyaa irra jiran hundi afaan ykn qooqa tokkoon qofa jechuunis Afaan Ibraayisxiin qofa dubbatu turan. Afaan tokkichi kun afaan Ibraayisxii osoo hin taane afaan Gi’iziiti warri jedhanis jiru. Ta’us garuu dhuma irratti balleessaa cimaa hojjataniin Waaqayyo afaan isaanii jijijjiire, kanaanis lafa irratti afaan namaa gargar ta’ee hafe. Gara dhimma keenya duraatti yeroo deebinu Museen Kitaabolee Oritii shanan kan barreesse Waaqayyo waliin dubbachaati dha. Kanumaanis Museen yeroo 570 Waaqayyo waliin jechaa jechatti  dubbateera, Addaam irraas dhaloota 27ffaa dha. Barri Addaamii kaasee hanga Museetti jirus Seenaa Waggoota 3844 ti. Barri kunis bara Abbootii jedhameera.

1.2 Bara Abbootii Murtee (Abbootii Firdii)

Barri Iyyaasuudhaa kaasee hanga Saa’oolitti jiru bara abbootii Firdii jedhamuun waamama, Iyyaasuu jechuun ‘Fayyisaa’ jechuudha, Museetti aanee itti gaafatamummaa Musee fudhachuun Israa’eloota dursee hanga lafa dhaalan /midre rust/ isaanii galanitti kan isaan durse isadha. Iyyaasuun Awusee jedhamees ture, Lakk. 13:8, Kaaleeb hojii isaa hundatti isa gargaara ture, Lakk. 13 fi 14, Barri Abbootii Firdii seenaa waggaa 389 qofadha. Baroota kanatti garuu Abbootiin Firdii Waaqayyoo gammachiisanii fi gaddisiisan jiraataniyyuu nuti garuu deemsa isaanii Waaqayyo waliin taasisanii fi nuufis barumsa kan ta’an muraasa filannee ilaalla.

Museen abbaa firdii jalqabaa yoo ta’u Saamu’eel ammoo isa dhumaati. Kanaafis Musee duras ta’e Saamu’eel booda Israa’eelitti abbootiin firdii hin turre jechuu dandeenya. Musee irraa eegalee hanga Saamu’eelitti Raajonni maqaan isaanii caqasamee jiru lakkoofsaan 11 yoo ta’an, kan maqaa isaanii hin caqasamne Raajonni 71 ni jiru Raajonni Dubartootaa sadis turaniiru walumaa galatti 82 ta’uu isaanii Kitaaboleen nutti himu. Barri Aboota Firdii kan xumurame ykn goolabame Dh.K.D bara 1093 tti.

Iyyaasuun Israa’eel bara dursaa turetti innis akkuma Musee wantoota dinqii hedduu hojjeteera. Lafa Abdii (promised land) Waaqayyo isaaniif kenne yeroo gahan Iyyaarikoon dallaan ijaaramtee karaa itti seenan yeroo dhaban, Amantaa dhaan guyyaa torba yeroo naanna’an dallichi jijjigee lafa ykn biyya dhaala isaanii dhaaluuf danda’aniiru. Ibr. 11:30 Inni kan biraa lafa dhaalaa funyoo dhaan safaraa osoo uummataaf hiraa jiruu guyyaan itti dhiinaan Samii Gabaa’oon irratti Aduun akka hin lixne dhorkee dhaabe, Israa’eloonni lafa isaanii erga argatan booda Aduun lixxeerti. Kunis Dh.K.D seenaa bara 1520 raawwatedha.

Iyyaasuun umurii isaa waggaa 110 tti erga boqote booda abbootiin firdii garaa garaa saba Israa’eel qomoon qoodanii bulchaa turan. Geede’oonii hanga Saamu’eelitti Israa’eel kan dursan abbootii firdii sagal yoo ta’an isaan kana keessaa; Abemelek, Tolaa, Iyyaa’ir , Yoftaahee, Abtsaan, Eeloom, Abdoon, Soomsoon, Eeliin fa’a hangafoota yoo ta’an walumaa galatti garuu 17 dha.

Israa’eloonni Seera Waaqayyoo dhiisanii Xaa’otii (Waaqa Tolfamaa) yeroo dhaabanitti Waaqayyo barumsa akka isaanii ta’uuf diina isaanitti kaasa, yeroo kanas Xaa’otiiwwan isaanii caccabsanii gara Waaqayyootti yeroo iyyanis Waaqayyo nama goota isaaniif kaasee isaan oolcha ture. Kitaaba Abbootii Firdii 2-11, Kanaanis barri abbootii firdii kun bara Saamu’eelitti dhaabbateera, xumurameera.

1.3 Bara Moototaa /Zemene Negestat/

Bara Moototaa kan jedhamu bara Mootii Daawwitii hanga Zarubaabelitti jirudha. Daawwit hangamiyyuu mootii Israa’eel ta’uyyuu, Waaqayyoodhaan garuu Mootii koo jedha ture. Faar. 5:2. Daawwitii kaasee hanga Sedeqiyaasitti mootota hedduutu ture garuu isaan keessaa muraasota isaanii qofadha kan Waaqayyo duuka bu’an.

Read Also :- Tsiyoon Maariyaam

1.3.1 Mootii Israa’eel jalqabaa Naa’oos Amoonaawwii diinni jedhame Uummata Israa’eeliin ija keessa mirga mirgaa naaf gabbaraa jedhee diinummaan irratti ka’a. 1 Saam. 11:2. Bittaan cubbuu hamaa akkasii Israa’eel irratti mul’ate waan hin beekneef Israa’eel diina isaaniitiin Ilkaan Arbaa, Warqii, Meetii kan biraas horii fi Gaala yoo ta’e malee akkamitti ija keenya siif gabbarra, kunimmaa hin ta’u jedhanii bara sana kan ture Raajicha Waaqayyoo Saamu’eeliin mootii nuuf muudi, dursummaa isaatiin ni waraanna jedhanii gaafatu.

Innis muuduu isiniifan muuda garuu isinuma keessaan isiniif muuda yoo isin miidhe hoo? jennaaniin isaan garuu diina keenya qofa nuuf haa balleessu malee haa ta’u jedhaniin innis isaan beellame. Qomoo Biniyaamii Qiis namni jedhamu Harroonni jalaa badanii mucaa isaa Saa’ool, daa’ima isaa Abaneer qabatee biyyaa biyyaatti osoo barbaaduu daandiiwwan Efreem irra gahe, asiinis hin jiran kanaafuu abbaan keenya baduu keenyatti ni gadda waan ta’eef haa deebinu jedhanii, Raajiin Waaqayyoo as jira nutti hima waan ta’eef gara isaatti haa deemnu jedhanii gara Raajicha Waaqayyootti deeman.

Waaqayyos Raajichaan boru daa’ima gara kee dhufu isa mootii taasisi muudiif jedheenii ture waan ta’eef Saa’ool waa’ee baduu Harroota sanaa gaafachuuf yeroo deemu saba Israa’eeliif Mootii akka ta’u filatamuun isaa itti himame. Guyyaan Afurtamni sun yeroo dhumus Qomoowwan Israa’eel kudha lamaan qabatee gara Maseefaatti ba’e, ulee keessan naaf kennaa jedhee yeroo carraa buusuu carrichi karaa qomoo Biniyaam ba’e, karaa Qomoo Biniyaam yeroo buusu Qomoo Maaxariif ba’e, kana booda namni hir’achaa dhufeetu Qomoo Qiisiif gahee, ijoollee Qiisiif yeroo buusu Saa’ooliif ba’e. Mootiin keessan kunoo jedhee kenneef, kana booda diina isaanii ija keessan mirgaa naaf gabbaraa jedhee isaan ka’ee ture Naa’os Amoonaawwii injifatee deebi’eera. Kana booda Israa’eloonni Waaqayyo uumaa keenya, Saa’ool Mootii keenya jedhanii isa simatan.

1.3.2 Saa’ool maalif tarree Moototaa hin galle?

Sababni Saa’ool tarree Moototaa keessa hin galleef;

1. Saa’ool Amaleqawoota balleessee akka dhufu Waaqayyo irraa ajajamee karaa ilma isaa dursummaa Yoonaataaniin injifatee yeroo deebi’u wanta hin ajajamne booji’ee dhufuu isaatiin Raajichi Saamu’eel mufatee waan isatti dheekkamee fi eyyama Waaqayyoo malee iddoo Raajichi hin jirretti Aarsaa dhiyeessuu isaatiin Mootummaan isaa akka hin cimne fuuldura Waaqayyootti akka tuffatame itti himameera. 1 Saam. 13-8-14

2. Israa’eelitti seerri Lubummaa qomoo Leewwiitii, Mootummaan qomoo Yihudaatii hin ba’u waan ta’eef, inni garuu qomoowwan 12’n keessaa qomoo xiqqaa Biniyaam irraa waan ta’eef Israa’eloonni akka Mootiitti isa hin hin simanne ture. Uma. 35:18.

3. Saa’ool hojii isaaf hin ajajamne yeroo hojjetetti Saamu’eel itti dheekkamee yeroo ba’u, uffata isaa yeroo qabatu uffanni Saamu’eel ni tarsa’e, yeroo kana Waaqayyo Mootummaa kee tarsaa’e jedheenii ture waan ta’eef, Mootummaan Saa’ool kanaan tarsa’e.

4. Eeyyama Waaqayyoo malee Israa’eloonni Saamu’eeliin Mootii nuuf muudi jedhanii waan isa rakkisaniif qofa waan ta’eef kan Saa’ool Mootii taasiseef. Sababoota kanaa fi kana fakkaatanii Saa’ool Mootii Israa’eel jalqabaa jedhamee waamamuu hin dandeenye. Kanaafuu Mootiin Israa’eel jalqabaa Raajicha Daawwitidha.

Barnoota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo karaa WhatsApp argachuuf Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Itti fufa!

The post Daandii Abbootii Ortodoksii Tawaahidoo | Kutaa 1ffaa first appeared on Qubee Online +.