Ayyaana Gannaa | Qubee Online +

Dhaloota Gooftaa Iyyesuus December 25 moo Mudde 29?
Dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos

Mata duree keenya kana keessatti waa’ee Dhaloota Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos ni ilaalla. Akkasumas guyyaa sirriin Dhaloota Gooftaa yoomi December 25 kan warri lixaa jedhan moo Mudde 29 akka keenyaatti guutummaa isaa dubbisaa!

Guyyaan Dhalootaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Mudde 29 moo December 25 dha?

Manni Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaan maalif guyyaa Yaadannoo dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Mudde 29 kabajji?

Warreen Lixaa hoo maalif dhaloota Gooftaa gaafa December 25 kabaju?

Yaadannoon dhaloota Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos yoom jalqabame?

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaan inni itti dhalate hoo ni beekamaa?

Guyyaan Ayyaanni Yaadannoo dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos itti kabajamu. Ykn yaadatamu warra Lixaa biratti fi nu biratti ykn Mana Kiristaanaa keenyatti maalif gargar ta’e?

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaan inni itti dhalate Kitaaba Qulqulluu irratti. Kallattiidhaan ibsamuu dhiisuu isaatiin guyyaa isa sirrii inni itti dhalate argachuuf. Ykn beekuuf Seenaa hordofanii baay’ee kan dhadhaban hedduun ni jiru.

Kanarraa kan ka’es guyyaa dhaloota isaa ilaalchisee garaagarummaan guyyootaa uumamaniiru. Ta’us garuu hangamiyyuu Kitaabni Qulqulluun guyyaan isaa kanadha jedhee. Ifatti dubbachuu dhiisuyyuu wantoota agarsiistuu ta’aan tokko tokko garuu osoo hin caqasamiin hin darbamne.

Kanas hubachuudhaaf Wangeela Qulqulluu Luqaas Boqonnaa 1 lakk. 8-14 irratti kan barreeffame ilaaluun barbaachisaadha.

«Mootii Yihudaa bara Heeroodsitti kutaa Abiyaatii Luba Zakkaariyaas jedhamutu ture. Haati manaa isaas Qomoo warra Aroon irraa turte. Maqaan ishees Elsaabeet ture. ……. innis yeroo dabaree isaatti Waaqayyo fuulduratti tajaajiluuf gara Mana Qulqullummaatti seenee Uludhaaf Ixaanni isa gahe. Yeroo Ixaanaattis uummanni hundi ala dhaabbatanii ni kadhatu ture.

Ergamaan Waaqayyoos karaa mirga Aarsa Ixaanaa dhaabbatee itti muldhate. Zakkaariyaasis yeroo Ergamaa Waaqayyo argetti ni nahe, sodaanis itti dhufe.  Ergamichis akkas jedheen ‘Yaa Zakkaariyaas Kadhannaan kee dhaga’aameera waan ta’eef hin sodaatiin! Niitiin kee Elsaabeet ilma ni deessi maqaa isaas Yohaannis jettee ni moggaafti! gammachuus siif ni ta’a, dhalachuu isaatiinis baay’eewwan ni gammadu’» Luq. 1:5-, 8:14

Dubbisni Kutaa Kitaaba Qulqulluu kana keessatti argamu garmalee barbaachisaa kan ta’e qabatee ni arganna. Ta’us yaada kana sirriitti hubachuuf ykn argachuuf jechaa fi yaada Kitaabolee Qulqullaa’oo. Waliin firoomee ibsamuu fi hiikamuun isa barbaachisa waan ta’eef dubbicha of eeggannoo fi hubachuu dhaan hordofuun barbaachisaadha.

Agarsiistuu inni guddaan Ergamichi Qulqulluun Gabri’eel Zakkaariyaasiif waa’ee dhalachuu Yohaannis Cuuphaa. Guyyaa itti Missiraachoo himetti ykn guyyaan Ergamaan Waaqayyoo Qulqulluun Gabri’eel Luba Zakkaariyaasitti.  Missiraachoo hime Ibroota biratti «በዓለ ሥርየት» ykn «Ayyaana dhiifamaa ykn Siriyet» jedhamee guyyaa itti kabajamaa ture ta’uu isaati.

Ayyaana dhiifamaa ykn Siriyet Ayyaanni jedhamu akka lakkaawwii Ibrootaatti. Ji’a isa torbaffaatti jechuunis «Taasriin» ykn «Onkoloolessa» guyyaa kurnaffaa irra kan oolu Ayyaana guddaa ture.

Ayyaanni kunis Seera Oriitiitiin «Ji’a torbaffaatti, Waaqayyo fuulduratti Cubbuu keessan hunda irraa ni qulqullooftu. Sanbata guddaas isiniif ta’a…….» jedhamee kan ajajame Ayyaana guddaa ture. Leeww. 16:29-30, 23:27, Lakk. 29:7-11.

Guyyaa Ayyaana kanatti Hangafni Lubootaa uffata Lubummaa Qulqulla’aa uffatee gara Maqdasiitti ni seenu.

Aarsaa Waaqayyo fuuldura jirutti Mukukkula Ibiddaa «የእሳት ፍህም» fidee Tsinaa ykn Ultuu Ixaanaa ni guuta. Duumessi aara isaas Dunkaana sana irratti kan jiru golga isaa akka uffisuuf Waaqayyo fuulduratti Ixaana sana Ibidda irra ni ka’a. Akkasumas Lubichi tajaajilaaf gara Mana Qulqullummaatti ykn gara Maqdasiitti yeroo seenutti jalqaba ofii isaatiif. Sana boodas uummata hundaaf kadhatee ykn dhiisisee hanga ba’utti Dunkaana sana keessatti kan biraa namni kamiyyuu hin jiraatu ture. Leeww. 16:17.

Egaa Zakkaariyaas gara Mana Qulqullummaatti yeroo seenetti. Taateewwan kunneen raawwatamuu isaanii Qulqulluun Luqaas Wangeela isaa keessatti ibseera. «Innis (Zakkaariyaas) Waaqayyo fuulduratti yeroo tajaajiluuf gara Mana Qulqullummaatti. Seenee carraan Ixaana uluu isa dhaqqabe.

Yeroo Ixaanaattis uummanni hundi ala dhaabbatanii ni kadhatu ture» jedha. Kanaafuu Zakkaariyaas gara Mana Qulqullummaatti guyyaan itti seene Sirni caqasame. Guyyaa itti raawwatamu guyyaa Ayyaana dhiifamaa ykn Siriyet yoo ta’u akka lakkaawwii Ibrootaatti Onkoloolessa guyyaa kurnaffaa irratti dha.

Kanaafuu Qulqulluun Luqaas guyyaa kana bifa addaatiin guyyaa gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos.  Itti dhalateef ka’umsa seenaatiif dhagaa bu’uuraa ta’uu isaa caqasee ibseera jechuudha.

Guyyaan itti Ergamaan Waaqayyoo Qulqulluun Gabri’eel Luba Zakkaariyaasitti Missiraachoo hime. Kunis Ayyaanni Dhiifamaa Ayihuudotaa guyyaa irra oole akkaataa lakkaawwii Ibrootaatti. Onkoloolessa guyyaa kurnaffaa irratti ta’uu isaa Abbootii fi Beektonni Mana Kiristaanaa durii hedduun hiikoo irratti ibsanii ni arganna.

Fakkeenyaafis Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee fi Maar Yohaannis Wangeela Luqaas Boqonnaa 1 yeroo hiikan ibsa bal’aa ta’een ibsanii ni argina.

Hiiktonni Kitaaba Qulqulluu Mana Kiristaanaa Itoophiyaas hiikoo Andimtaa Abbootii irraa dhufeen.  «Zakkaariyaas gara Mana Qulqullummaatti seene» kan jedhu irratti Seenaadhaan yeroo ibsan. «Addeessi Onkoloolessaa ‘sereq’ yeroo taasistetti guyyaa kudhanitti. Guyyaan isaas guyyaa Yooseef (Ayyaana dhiifamaa ykn Siriyet) dha. . walitti qabamanii ni kadhatu. ‘ወበይእቲ ዕለት አሕምምዋ ለነፍስክሙ’ ykn guyyaa sanatti ofii keessan gadi qabdu.» jedhanii hubachiisaniiru. (Hiikoo Wangeelaa :- Fuula 324).

Hanga kanaatti Zakkaariyaas Yohaannis akka argatu Missiraachoon hanga itti himametti Ayyaana dhiifamaa ykn Siriyet kan jedhamuun akkaataa lakkaawwii Ibrootaatti Taasriin ykn Onkoloolessa guyyaa kudhan ta’uu isaatiif kan itti hubate karaa barumsawaa fi Kitaaba Qulqulluu argineerra.

Amma ammoo akkaataan lakkaawwii kun akkaataa lakkaawwii guyyaa Itoophiyaa waliin walitti dhufeenyi inni qabu akkam akka ta’eefi lakkaawwii Itoophiyaanotaatti yoom akka oolu haa ilaallu.

Akkaataa lakkaawwii Ibrootaatti Ayyaanni Dhiifamaa kan oole akkaataa lakkaawwii Addeessaatti Onkoloolessa guyyaa kudhan waan tureef, kana gara akkaataa lakkaawwii Itoophiyaanotaatti deebisnee guyyaa isaa argachuuf gara lakkaawwii baraatti senuun dirqama ta’a. Ta’us garuu gara lakkaawwii guyyaa kanatti yeroo seennu guyyaa itti dhimmi qabaanne irra oolu qofa haa ilaallu.

Akkaataa lakkaawwii Ibrootaatti Ji’i ykn Baatiin Taasriin ykn Onkoloolessi guyyaan kudhan akkaataa lakkaawwii Itoophiyaanotaatti kan oolu, ykn akka lakkaawwii Ibrootaatti Onkoloolessa guyyaa kudhan kan oolu akka lakkaawwii Itoophiyaanotaatti ammoo Fulbaana 27 ture. Kunis lakkaawwiin guyyaa Addeessaan lakka’aamu jijjiiramaa kan jiraatu waan ta’eef. Kana jechuunis akkaataa lakkaawwii Addeessaatti Onkoloolessa guyyaa kudhan kan ture Ayyaanni Serq akkaataa lakkaawwii Aduutti ammoo Fulbaana 27 ture jechuudha.

Kanaafuu guyyaa itti Ergamaan Waaqayyoo Qulqulluun Gabri’eel Luba Zakkaariyaasitti Missiraachoo hime akka lakkoofsa Itoophiyaanonni Fulbaana 27 ta’ee arganna jechuudha. Lubni Zakkaariyaasis tajaajila isaa akkuma xumureen ykn raawwateen ykn Ayyaanni sun akkuma xumureen hoggasuma gara Mana isaatti gale, Yohaannis Cuuphaanis garaatti baatame. Wangeelli Qulqulluun «Yeroon tajaajila isaa yeroo raawwatame gara manaatti gale, haati manaa isaa Elsaabeetis ni ulfoofte.» jechuun ni hubachiisa.

Qulqulluun Yaareed kana bu’uura taasifachuu dhaan «ወእምድኅረ ክልዔ መዋዕል ፀንሠት ኤልሳቤጥ ብእሲቱ» ykn «Guyyaa lama boodas ni ulfoofte» jedheera. Kanaafuu Qulqulluun Yohaannis Cuuphaan kan garaatti baatame akka lakkaawwii Itoophiyaanotaatti Fulbaana 29 dha jechuudha.

Qulqulluu Yohaannis Cuuphaan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiif daandii kan qulqulleessu fi fuuldura isaa kan deemu ergamaa ta’uun isaa Raajotaan raajiin dubbatamee tureera. Isa. 40:3-5, Milk. 3:1.

Akka raajiin dubbatamettis Yohaannis guyyaa garaatti baatamuu isaa irraa kaasee daandii barbaadameen Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiif daandii isaa qajeelchaa ergamaa fuuldura isaa deemu ta’ee argameera. Luq. 1:76-79.

Yohaannis Cuuphaan guyyaan inni itti garaatti baatame fi guyyaa inni itti dhalate armaan olitti akkuma ilaalle ka’umsaa fi bu’uura ta’ee ni argama jechuudha. Egaa walitti dhufeenyaa fi walitti hidhamuu seenaa kana irratti ykn bu’uura kanaatiin Elsaabeet ulfooftee ji’a jahaffaa isaatti Luba Zakkaariyaasitti Missiraachoo kan hime Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Gabri’eel gara haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti ergamuun «Ni ulfoofta! Ilmas ni deessa!» jechuudhaan fayyisaa keenya Iyyesuus Kiristoos akka garaatti baattuu fi akka deessu itti hime.

Kunis Yohaannis Cuuphaan guyyaa itti garaatti baatame jechuunis Fulbaana 29 irraa kaasee yeroo lakka’aamu ji’a jaha jechuun Bitootessa 29 (መጋቢት 29) ta’a.

Ergamaan Waaqayyoo Qulqulluun Gabri’eel haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti Missiraachoo yeroo himu «Dhabduu jedhamaa kan turte Elsaabeetiif kunoo ji’a jaha » jedhee kan dubbate guyyaa itti garaatti baatte kan agarsiisu mitii? Luq. 1:36-38. Kanaafuu guyyaa Bitootessa 29, jechi Foon kan itti ta’eefi gadameessa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam keessatti guyyaa itti garaatti baatamedha jechuudha.

Bitootessa 29 irraa kaasee dhiirri garaa haadha isaa guyyoonni inni itti turu Ji’a Sagaliifi guyyoota Shan (guyyoota 275) yeroo lakkoofnu Qaammee dabalatee guyyaan dhaloota isaa Mudde 29 irra oola jechuudha

Guyyaa Bitootessa 29 kan garaatti baatame Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Cubbuudhaan ala hojii namaa ykn hojii namummaa hunda raawwateera waan ta’eef Ji’a Sagaliifi guyyoota Shan gadameessa haadha isaa Qulqulleettii Dubroo Maariyaam keessa turee Mudde 29 Beetaliheem Yihudaatti ni dhalate.

Kanaafis Manni Kiristaanaa Qulqulleettiin Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa ragaawwan Tiwuufiitii fi Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu bu’uura godhachuun guyyaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Mudde 29 kabaja guddaadhaan ni kabajji.

Kana waan ta’eefis Manni Kiristaanaa Itoophiyaa fi Manneen Kiristaanaa kanneen biroo guyyaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Mudde 29 kan kabajan ragaa fi bu’uura irratti hundaa’uunidha malee akkasumaan miti.

Dhugaan isaa kana ta’ee osoo jiruu guyyaan Yaadannoo dhaloota kan warra Lixaa biratti maalif December 25 ta’e? Manni Kiristaanaa keenya maalif Mudde 29 kabajji? warreen Lixaa hoo guyyaa Yaadannoo dhaloota Gooftaa keenyaa maalif December 25 kabaju?

Warreen Lixaa guyyaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos maalif gaafa December 25 akka kabajan yaadonni, ilaalchonni fi sababoonni garaa garaa ni caqasamu. Isaan kana keessaas sababoonni caalaatti dhaga’aaman isaan armaan gadiiti;

Inni tokkoffaan :- Akkaataa lakkaawwii isaanii waliin walitti firoomsuuf kan taasifamedha kan jedhudha. Kunis Monokseen Roomee Diyoonaasiyoos Eksijas jedhame bara 525 tti kaka’umsa Phaaphaasii Vaatikaaniitiin lakkaawwii baraa haaraa qopheessee dhiyeesse. «Seenaa hordofee qorannoo ani taasiseen Kiristoos kan dhalate bara 1 dura waggaa torba dursee (Bara Addunyaa 5493) tti dha» yaada jedhu dhiyeesse. Bara Addunyaa Kiristaanummaa guutummaatti hojii irra oola kan ture 5025 irratti waggoota 7 dabalee Al tokkoon 5032 geessise.

Ta’us garuu herreegni lakkaawwii yaadaa kun dogoggora ture. Kanaafis Manneen Kiristaanaa warreen bahaa lakkaawwii baraa haaraa kuffisuun lakkaawwii baraa isa durii itti fayyadamuu isaanii itti fufan.

Lakkaawwiin baraa inni haaraan garuu Bara haaraa kan jijjiiruu Ji’a Amajjii irratti ta’e. Kanaafis Smsababni inni tokkichii fi inni guddaan Awuroppaatti Waqtiin ulfaataan jiidhinsaa ykn qorraa dhumaa kan jiruu fi ho’i Aduu dhufaa jiraachuu isaa ykn ho’i Aduu dhufaa kan itti deemu waan ta’eef Ji’a Amajjii kanatti ykn Qorri badaa kan deemuu fi ho’i Aduu dhufaa kan deemu Baatii Amajjiitti akka ta’e ni himama waan ta’eef, kana waan ta’eefis Ayyaana Yaadannoo dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos jalqaba bara Haaraa wakiin tokko taasisuuf jedhanii guyyaa dhaloota Gooftaa December 25 taasisan kan jedhudha sababni inni tokkoffaan.

Yaadni inni kan biraa fi Beektota hedduu biratti kan amanamu ammoo December 25 sababni inni itti filatameef Awuroppaanonni Kiristaanummaa fudhachuu isaaniitiin dura kabajaa kan turan guyyaa Ayyaana Xaa’otii isaanitti argame kan jedhudha.

Roomaanonni Qeesaar Oreeliyaan (Bara 275) irraa kaasee guyyaa Waaqessummaa Ayyaana Yaadannoo «Aduu Jabduu» ykn «Sol Invictus” the Unconquered Sun» guyyaa kanatti ni kabaju ture.

December 25 guyyaa dhaloota Aduu jedhamee waamama waan tureef guyyaa kanattis guutummaa bulchiinsa Roomitti Sirna Ahizaabotaa fi Waaqessummaa Xaa’otii guddaadhaan ni kabajama ture. Boodarra garuu uummanni Kiristaanummaa fudhachaa yeroo deemu Waaqummaa uumamaa ykn Aduu Waaqessuu fi kabajuu irraa gara Aduu dhugaa (ፀሐየ ጽድቅ) ykn Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Waaqessuutti akka deebi’anii fi guyyaa Yaadannoo dhaloota isaas (kan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos) akka kabajaniif taasisuuf guyyaa kana filataniiru.

Yaadni ykn ilaalchi kun barreessitoota bara sana turaniin ilaalameera (W.P. Dawson, “Christmas: Its Origins and Associations,” London, 1902)

Waaqessummaa fi bartee Aduu keessattu guyyaa kanatti uummataaf taasifamaa kan ture akkaataan kabaja Ayyaana Xaa’otii barteen isaa baay’eewwan akka salphaatti gadhiisuu waan hin dandeenyeef guyyuma kanatti ykn guyyaa kana irratti Yaadannoo guyyaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos kabajuun warra dhadhaboo bartee Xaa’otii Waaqessuu irraa bilisa isaan baasuuf ni fayyada jedhanii yaaduudhaan kan taasisan ture.

Egaa akka lakkaawwii Mana Kiristaanaa Itoophiyaatti Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos erga dhalatee kunoo gaafa Mudde 29 waggaa 2014 (kan bara kanaatiin) ni ta’a.

Maalif barri haaraan keenya Dhaloota Gooftaa booda hin jalqabu? Awuroppaanonni akkaataa lakkaawwii baraa Goorgooriyos kan hordofan yoo ta’u akkaataan lakkaawwii kun Bara Araaraa (የዓመተ ምሕረት መለወጫ) kan ittiin jijjiiran malee akka keenyaa walumaa galatti barri kan ittiin jijjiiramu miti. Barri haaraan keenya garuu Dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos durayyuu kan itti fayyadamaa turredha.

Awuroppaanonni Bara Araaraa kan ittiin jijjiiran jedhaniyyuu garuu akka amala isaatti, akka waamama isaatti fi akka isaan barbaadanitti dhaloota Gooftaa keenyaan hin jalqabne (Dhaloota kan kabajan December 25, Barri haaraa isaanii garuu January 1 dha) Ayyaana Yaadannoo dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos akka lakkaawwii baraa isaaniitti erga kabajan booda, irra deebiin guyyaa saddeettaffaa isaatti jijjiirraa bara haaraa jedhanii kabaju.

Akkaataan lakkaawwii baraa Goorgooriyos kunis dhaloota Kiristoos irratti hundaa’uu dhiisuu isaa, amala biraa ykn Sirni nam-tolchee kan itti makame ta’uu isaa agarsiisa.

Osoo Kiristaanummaa bu’uura godhatee ka’e ta’ee guyyaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ka’umsa taasifatee osoo ka’ee ture. Kana ta’uu dhiisuu isaatiin garuu ammas ta’u guyyaa dhaloota Gooftaa kophaatti kabajanii, irra deebiin ammoo torbee booda Ayyaana jijjiirraa bara haaraa kabaju.

Ayyaanni jijjiirraa bara haaraa kan keenya garuu Seera laphee irraa barannee, Oriitii dhaan bu’uura Kitaabaa isaaf arginee Wangeelaanis isa jabeessinee qabannee kan jiraanne, baroota gurguddoo sadi kan darbee fi as kan gahedha. Jijjiirraa bara haaraa kan keenya (Fulbaana 1) jennee Aadaa biyya keenyaatiin kan kabajnu, Aduunyaan jiraachuu dhabuu irraa gara jiraachuu kan itti argameetti, ifni, yeroo, guyyaa, sa’aatiin kan itti uumaman ifaaf, yeroodhaaf, guyyaadhaaf, ji’aaf Waggaa dhaaf guyyaa durii kaasee bu’uura ta’edha.

Kana hunda argamsiisuuf Waaqayyo mataa isaa kan itti ibse, Addunyaa uumuudhaan guyyaa itti of ibsedha jenneetu kan kabajnu. Kanarraa kan ka’es Fulbaana 1 «ርእሰ ዐውደ ዓመት» ykn «Mataa jijjiirraa baraa» jennee waamna, kabajna.

Channel WhatsApp guddicha ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Dhaloota Gooftaa Iyyesuus December 25 moo Mudde 29? first appeared on Qubee Online +.

Gaaffilee Dhaloota Iyyesuus Kiristoos ka’aaniifi Deebii
Waa’ee Dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Gaaffilee ka’aanii fi Deebii isaanii

Barreeffama keenya har’a keessatti waa’ee Dhaloota Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos fi Gaaffilee Dhaloota isaa irratti ka’aaniif deebii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo qabannee dhiyaanneerra. Hanga dhumaatti dubbisaa.

Waa’ee Dhalachuu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos fi akkaataa kabaja isaa

Gara baldhina isaatti deemuu keenyaan dura Gannaa ykn «ገና» jechuun maal jechuudha kan jedhu haa ilaallu, «Gannaa» jechuun jechi isaa jecha Giriikii ykn jecha Tsirii irraa kan dhufe yoo ta’u hiikni isaas Dhaloota jechuudha.

Akkuma beekamu Abbaan keenya Addaam Cubbuu hojjeteen hanga yeroo gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos dhalateetti dukkana keessa ture. Isa. 9:2.

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos erga dhalate booda garuu uummanni gaaddidduu dukkanaa keessatti rakkachaa fi dhama’aa ture ifa arge, uummanni abdii hin qabne abdii qabaate, Addunyaan moofaa tures Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiin haaraa ta’e. Isa. 9:2, Roomee. 13:12

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos nama ta’ee gara Addunyaa kanaatti kan dhufe maalifi?

Waa’ee nama ta’ee gara Addunyaa kanaatti dhufuu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Abbootiin Mana Kiristaanaa fi Beektota Addunyaa kan jedhaman waan baay’ee jedhaniiru, waan baay’ees barreessaniiru.

Yaada hundaa qabatee kan argannu garuu,  dhugaa fi soba gargar baasuuf kan gargaaru jecha Waaqayyoo kan qabate Kitaaba Qulqulluu qofaa yoo ta’u innis Raajii dubbatame ykn raajame xumura ykn raawwatamuu isaa waliin wal simsiisuun Kitaaba Raajiin sun itti dubbatame raawwii isaa waliin Boqonnaa fi lakkoofsa isaa waliin bifa ifaa ta’een ka’aameera isaan keessaas;

Raajii ykn Raaga

Raajii jechuun gara fuulduraatti kan ta’u, ykn wanta gara fuulduraatti dhufu ykn raawwatamuu fi yeroon isaa yeroo gahutti kan raawwatamu osoo inni hin gahiin dura beekuu fi kennaa dubbachuuti.

Jecha kanatti kan fayyadaman wanta gara fuulduraatti dhufu dursanii beekanii, bara akkasiitti wanti akkasii ni ta’a jedhanii kennaa Waaqayyootiin dursanii beekanii kan dubbatan ykn raajan Raajota jedhamanii waamamu. Raajii yeroo jedhamus iddoo lamatti kan qoodamu yoo ta’u; isaanis;

1. Afuurri Waaqayyoo ijoollee namaatiif kan jedhu ibsu raajii fi mul’ata,

2. Faayidaadhaaf, hojiiwwan badaa ta’aaniif kan oolu Afuurota hamoo garaa garaa irraa Raajii argamudha.  Gosti raajii nuti lammaffaa irratti ramadne kun Falfala ykn Xonqolaa malee raajii jedhamuu hin danda’u!

Egaa isa sobaa haa dhiisnuutii gara Raajii isa dhugaatti haa darbinu.

Addaam sababa Bofaatiin Jannata keessaa ba’uyyuu Waaqayyo Gooftaan garuu isa hin dhiisnu, bara boodarraatti (waggaa 5,500 booda) akka isa fayyisu, kanaafis ilma isaa Amalummaa hangafaa fi quxisuu hin qabne ilma isaa tokkicha akka ergu, fayyinaaf abdii isaaf kenneera.

Ijoolleen Addaamis kana hubachuudhaaf, beekuudhaaf hawwanii guyyaa itti dhalatu sana ykn guyyaa fayyina sana beekuuf ykn argachuuf gartokkeen Addeessaan ykn Baatiidhaan, gariin ammoo Urjiiwwaniin, warreen kaan ammoo ifa Aduutiin lakka’aa turaniiru. Waaqayyos barri gidiraa ykn barri Kakuu Moofaa yeroo xumurametti raajiin jaalattoota isaa akka raawwatamuuf ilma isaa tokkicha gara Addunyaatti erge. Yoh. 3:16

Raajiiwwan Dhaloota Gooftaa Iyyesuus Kiristoos iif dubbataman

Waa’ee dhalachuu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Raajiiwwan Kakuu Moofaa keessatti dubbataman;

1. Si’iifi dubartiittii gidduutti, sanyii kee fi sanyii ishee gidduutti diinummaa nan taasisa. Inni mataa kee rukuta, atis miila isaa hiddita – Uma. 3:15 → Waaqayyo

2. Si gidduutti obboloota kee keessaa raajii akka koo siif kaasa, isas ni dhageessa! – Seera Keessa Deebii 22:18 → Raajicha Musee

3. Ahizaabonni dachee irraa hundi sanyii keetiin ni eebbifamu – Uma. 22:18 → Waaqayyo

4. Nan arga amma garuu miti, Yaa’iqoob irraa Urjiin ni baha – Seera Lakkoofsaa 28:17 → Bala’aam

5. Kunoo durbi ni ulfoofti, ilmas ni deessi maqaa isaas Amaanu’eel jettee ni moggaafti – Isa. 7:14 → Raajicha Isaayyaas

6. «ሕፃን ተወልደ ለነ ወልድ ተውህበ ለነ» ykn ilmi nuuf dhalate, ilmi dhiiraas nuuf kennameera – Isa. 9:6-7 → Raajicha Isaayyaas

7. Ati yaa Beetaliheem Efraataa….. si keessaa ka’umsi isaa durii kaasee bara baraaf kan ta’e Israa’eel irratti mootii kan ta’u ni ba’a – Mik. 5:2 → Raajicha Mikiyaas

8. Ati mucaan Tsiyoon gammadi – Zakkaariyaas 9:9 → Raajicha Zakkaariyaas

9. Raajichi Daani’eel kan dubbate, kan raaje Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos waa’ee yeroo inni dhalatuu fi ijoollee namaaf waa’ee guyyaa inni waadaa itti galee adda baasee ni hubachiisa. – Dan. 7:25-28 → Raajicha Daani’eel

10. Kunoo Efraataatti isa dhageenye – Faaruu 131/132:6 → Raajicha Daawwit

Subaa’eewwan Dhaloota Gooftaa Iyyesuus Kiristoos galaman

Dhaloota Gooftaa keenyaa dursanii Qulqulloonni Subaa’ee galuun lakka’aa turan. Isaan keessaas muraasa haa ilaallu.

1. Subaa’ee Heenook

Heenook Subaa’ee isaa lakka’aa kan ture dhaloota abbootiitiin yoo ta’u, waggaa dhibba torba tokko jedhee lakka’eera. Subaa’ee saddeettafaaniis Iyyesuus Kiristoos akka dhalatu raajeera. Jalqabbiin lakkoofsa isaas Addaamii jalqabeetu.

Raagni isaas akkas jedha «Sanbatni saddeettafaas Qulqullummaa fi kunaneen subaa’ee itti beekamudha. Sayifiinis isheef ni kennama, mootiin guddichis kan itti galateeffatamu Manni isheerraatti ni ijaarama. Galatni isaas kan bara baraati.» Heenook 35:1-2. Jechuun yeroo raaju hiiktonni akkasitti deebisu.

Isheef Sayifii ni kenna jechuun isaa Qulqullummaa fi Kunaneen kan itti baramu Wangeelli yeroo sana addunyaa hundatti ni lallabamti jechuudha.

Mana Mooticha Guddaa ni ijaara jechuun isaa Mootiin Moototaa Iyyesuus Kiristoos kan itti galateeffamu Manni Kiristaanaa ni ijaaramti jechuu isaati.

Galanni isaas kan bara baraati jechuun isaa namaa fi ergamooti tokkummaan ta’aan «Samii Irratti Galanni Waaqayyoof, Lafa Irratti Nageenyi Namaaf» jechaa yeroo hunda ni galateeffatu jechuudha.

Sanbatni Saddeetafaannis Kiristaanotaaf kan kennamte guyyaa dhaloota Iyyesuus Kiristoosidha jedhu.

2. Subaa’ee Daani’eel

Waa’ee nama ta’uu gooftaa keenyaa yeroo murteessee subaa’ee lakkaa’ee kan dubbate Daani’eelidha. Subaa’een Daani’eel kan lakkaawwamu waggaadhaani. Daani’eel waggaan torbaatamni yeroo dhume sinan ilaala jedhamee raajii Ermiyaasiin kan dubbatame yaadachaa yeroo kadhatu Ergamaan Qulqulluun Gabri’eel bifa namaatiin itti mul’atee akka jedheeniira «Waaqayyo kadhannaa kee dhaga’eeraatii, akkan sitti himuuf dhufeera.

Amma dubbicha qoradhu, mul’atichas hubadhu cubbuun kan ittiin badu Gooftaan kabaja isaa mindaa isaa kan godhatu kan jiru torbaatamni gahuufi raawwachuufi jedhiitii saboota kee qacari jedheera.» Dan. 9:22-25, Erm. 29:10

Subaa’een torbaatamni waggaa 490 ( 70 x 7 = 490) yeroon kun hanga dhufaatii Kiristoositti yeroo jirudha. Andimta Hizq. 4:6

3. Subaa’ee Ermiyaas

Ermiyaas Baabiloonii akkuma deebi’een Mana Qulqullummaa diigame keessa osoo taa’ee kadhatuu mul’ata argee, guyyaa sadaffaattis akkas jedhee raajii dubbate «Uumaa keenya jecha tokkoon galateeffadhaa, Ilma Abbaa Iyyesuus Kiristoos galateeffadhaa. Kana booda nama ta’uuf, foon uffachuufi, gara addunyaa kanaa dhufuufi kan isa hafe Subaa’ee guyyaa 333 dha waan ta’eef inni gara addunyaa kanaa ni dhufa, Duuka Bu’oota 12 ni filata, gara Dabra Zayitittis ni deema…. » Tarafa Baarook 5:43-53

Ermiyaas Subaa’ee isaa kan jalqabee fi mul’ata kan arge erga addunyaan uumamtee waggoota 5054 booda ykn DH.K.D bara 446 dha.

Kunis Subaa’ee Ermiyaasiin subaa’een tokko guyyaa 490 dha.

Subaa’een hundi ammoo 490 x 333 = 163,170 guyyoota hamma kana ta’a.

Kunis gara waggaatti yeroo jijjiiramu 163,170 ፥ 365 = 446 waggaa ta’a.

Ermiyaas Subaa’ee isaa lakkaa’uu kan eegale erga addunyaan uumamtee ykn bara addunyaa 5054tti. Raajichi bara itti dubbatamee kaasee hanga dhaloota gooftaatti waggaa 446 ta’a.

Abbootiin Mana Kiristaanaa keenyas Afuura Qulqulluu Waaqayyootiin durfamanii kitaabolee Qulqullaa’oo qorachuun waggootni Addaamii hanga Kiristoositti jiran 5500 ta’uu isaanii mirkaneessaniiru.

Kunis :-

Addaamii hanga Noohitti – Waggaa 2256

Noohii hanga Museetti – Waggaa 1588

Musee hanga Solomoonitti – Waggaa 593

Solomoonii hanga Kiristoositti – Waggaa 1063 ta’a.

Walumaagalatti waggaa 5500 ta’a.

Raawwatamuu Raajiiwwan dubbataman kanneenii

1. Dhuma barichaa ykn beellamichi yeroo gahetti Waaqayyo ilma isaa erge, Dubroo irraas ni dhalate – Gal. 4:4 :- Qulqulluu Phaawuloos

2. Museenis Waaqa Abbootii isaa Gooftaa dhaaf ana akkuma kaaste Raajii obboloota keessan keessaa isiniif kaasa! wanta isinitti himu hunda isa dhaga’aa, lubbuun raajii sana hin dhageenyes adda baatee ni baddi! – HDB. 3:22 :-  Qulqulluu Pheexiroos

3. Ilma Daawwit, ilma Abrahaam Kitaaba Dhalootaa Iyyesuus Kiristoos (Maat. 1:1) – Qulqulluu Maatewoos, Gal. 3:8-18 :- Qulqulluu Phaawuloos

4. Bakkalchi barii anadha – Mul. 22:16 :- Qulqulluu Yohaannis

5. Waaqayyo nu waliin yoo ta’e eenyutu nu morma – Roomee 8:31 :- Qulqulluu Phaawuloos

6. Inni guddaadha! ilma Waaqayyoos ni jedhama, Waaqayyo gooftaanis teessoo Abbaa isaa Daawwit ni kennaaf – Luq. 1:32 :- Qulqulluu Gabri’eel

7. Ibsa waa’ee iddoo Iyyesuus Kiristoos itti dhalatuu kan Raajichi Mikiyaas raaje – Maat. 2:1-6, Yoh. 7:32.

8. Wangeela Qulqulluu Yohaannis 12:19, Wangeela Qulqulluu Maatewoos 21:6-11

Ayyaanni dhaloota Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos yoom kabajamuu jalqabe? guyyaan itti kabajamu hoo maalif oola?

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa inni itti dhalate isa sirrii beekuudhaaf Astiroonoomaroonni, namoonni ykn hayyoonni Seenaa fi Ariyooloojii qo’annaa hedduu taasisaniiru. Ta’us garuu yaada tokko irratti walii galuu dhabuu isaaniitiin, lakkaawwiin baraa Kiristaanotaa haaluma kanaan tokko osoo hin ta’iin hafeera. Ta’us garuu Itoophiyaatti kabajamuu kan jalqabe jaarraa arfaffaa irraa eegalee akka ta’e seenaan ni hubachiisa.

Kanaafis Akkaataan lakkaawwii baraa warra Goorgooriyos ykn Goorgooriyoosaawwiyaan kan fayyadaman uummanni Addunyaa dhaloota Kiristoos kan isaan kabajan kuti kabajuu keenya dura guyyaa 13 durseetu ykn December 25 kabaju.

Manni Kiristaanaa Room guyyaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Mudde 25 ykn December 25 kabajaa akka turte bara 336 Dh.K.B irraa kaasee ifaadha. Guyyaan kun Ahizaabota biratti Ayyaana Aduu jedhamee kabajamaa waan tureef Kiristaanonnis amala Xaa’otii Waaqessuu kan qabu Ayyaana Aduu isaan kabajan kana balleessuuf jedhanii guyyaa Yaadannoo dhaloota b Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa kana kabajuu jalqaban.

Manni Kiristaanaa Bahaas dursa kenniteefii kan kabajju Akka Lakkoofsa warra Awuroppaatti Amajjii 6 (akka keenyaatti naannoo Mudde 28) kan oolu Ayyaana Ephifaaniyaa ture. Yeroo muraasa booda garuu Cuuphaa fi dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos walfaana Amajjii 6 kabajaa akka turte seenaan ni ibsa.

Manni Kiristaanaa tokkottii taatee osoo jirtuu Kiristaanota Addunyaa irra jira gidduutti garaa garummaan akkasii akkamitti uumamuu danda’e?

Garaa garummaan isaa akkamitti akka ta’e haa ilaallu; dhaloota Gooftaa dursee Bara Addunyaa 46 tti Qeesaariin Room Juuliyees jedhamu bara sanatti Urjii lakkaa’uu fi qorachuudhaan kan beekamu Soosginas waamsisee lakkaawwii baraa wal borcee ture akka sirreessu isa ajaje.

Hayyuun kunis eeyyamamaa ta’ee waggaa ji’oota kudha lamatti qoodee, tokkoon tokkoon Baatiiwwan ykn ji’oota waggaa keessa jiraniis (Ji’a Gurraandhalaatiin ala) guyyoota 31 fi 30 akka qabaatan taasisee qopheesse. Ji’i Gurraandhalaa garuu guyyoota 29 akka qabaatu taasise.

Ta’us garuu waggaa afur keessatti guyyaan tokko haftee waan ta’uuf, waggaa arfaffaa irratti Ji’i Gurraandhalaa guyyaa 30 akka ta’u murteesse. Juuliyees Qeesaaris uummanni Room kanaan akka tajaajilamu labsii labse.

Dabalataanis Juuliyees Qeesaar guyyaan jijjiirraa bara haaraa Baatii Bitootessaa kan ture jijjiiree Baatii Amajjii akka ta’u taasise. Kanaanis lakkaawwii baraa Juuliyees kana biyyoonni hedduun fudhatanii waggoota 1500’f itti fayyadamaa turaniiru.

Sababni isaas guyyoonni waggaa keessa jiran walitti ida’aamanii guyyoota 265 fi Ruubii ta’uu isaanii ture. Kunis ta’ee lakkaawwiin Juuliyees mudoon irratti hin dhabamne sababni isaas haftee daqiiqaa 11 fi Sakandii 14 ni agarsiisa ture waan ta’eef.

Kanarraa kan ka’es akka lakkoofsa Awuroppaatti bara 1582 Dh.K.B kan ture Pooppiin Room Poop Goorgooriyos inni saddettaffaan hayyoota urjii walitti qabee erga irratti mari’atanii booda lakkaawwiin baraa fooyya’ee akka ittiin hojjetamu labsii dabarse. Yeroo sana irraa eegalee Manni Kiristaanaa Kaatolikii Roomaa lakkaawwii Goorgooriyos fayyadamuu jalqabde.

Biyyoonni Hordoftoota Amantaa isaanii kan ta’aanis fudhatanii hoggasuma hojiirra yeroo oolchan kutaaleen ykn bulchiinsonni Jarman garuu hanga jaarraa 17ffaatti lakkaawwii Juuliyees fayyadamu ture. Ingiliiziinis labsii Mana Kiristaanaa Room kana kan fudhatte bara 1752 Dh.K.B tti ture. Sana booda garuu biyyoonni Lixaa fudhataniiru.

Kunis ta’uu kan danda’eef bara 1582 Dh.K.B tti kan dabalaman guyyoonni kudhan walitti dabalamanii Lakkaawwii Goorgooriyos fi Juuliyees gidduutti garaagarummaa waan uumaniifi.

Garaagarummaa lakkaawwii baraatiin kan ka’e guyyoonni Yaadannoo dhaloota Gooftaa warra Lixaa fi Itoophiyaanota biratti garaagarummaa guyyaa 13 qabu. Ta’us garuu jalqaba akkuma dubbanne Addunyaan yeroo hedduu waa’ee lakkaawwii baraa rakkoon ishee mudatee turuun isaa ifa ta’uyyuu Itoophiyaan garuu Bara Oriitiittis ta’e Bara Kakuu Haaraatti ijoollee akka bakkalcha bariitti ifa waan qabduuf lakkoofsa kana ykn lakkaawwii baraa kana irratti homaa rakkoo hin qabdu. Dursees ykn duris, hardhas Aadaa ishee lakkaawwii baraa ishee akkuma qabatettu ni argamti.

Kanaafuu lakkaawwii Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo ykn biyya keenya Qulqulleettii Itoophiyaa ammoo kanatti aansinee haa ilaallu;

Akkaataa Lakkaawwii Baraa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa

Bara keenya kanatti Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa dhaloota Gooftaa akka Manneen Kiristaanaa kanneen birootti maalif hin kabajju? gaaffiin jedhu erga dhaga’aamuu eegalee oolee bubbuleera. Wanti beekamuu qabu tokko garuu Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa dhaloota Gooftaa Mudde 29 kan kabajju kophaa ishee osoo hin taane Mana Kiristaanaa Iskindiriyaa waliin ta’uuni, tarii Manneen Kiristaanaa Ortodoksii Oriyeentaal hundi guyyaa kana ykn Mudde 29 kabaju jechuun ni danda’aama, Ayyaana Cuuphaas akkasuma.

Garaagarummaa guyyaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos irratti uumameef sababa isaa fi hundee dubbii kanaa ragaa isaa waliin baldhisee «በእንተ ልደት ድንግልናዌ» mata duree jedhuun Hayyuun Iskindiriyaa Yohaannis Abeel Heeram barreessee argama waan ta’eef achi irraa ilaaluun ni fayyada (Keeyyata 84) dhimmi isaa garuu Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa ragaa Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaa’edha jettee waan itti amanteefi malee waggoota hedduuf ittiin hojjetamaa turuu isaatiin yookiin ammoo Manni Kiristaanaa Iskindiriyaa waan itti fayyadamtuuf qofaa miti.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Bitootessa 29 garaatti baatame Mudde 29 dhalachuu isaa

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos yoom garaatti baatamee, yoom akka dhalate beekuufi hubachuuf gara Wangeela Qulqulluu Luqaasitti deebina. «Kunoo ji’a jahaffaattis Ergamichi Qulqulluun Gabri’eel gara Maariyaamitti deemee Iyyesuus Kiristoos akka deessu itti hime!» Luq. 1:26-38. Guyyaan kunis lakkaawwii Itoophiyaatti guyyaa itti Qulqulluun Yohaannis Cuuphaa itti garaatti baatame irraa kaasee Bitootessa 29 ta’uu isaa ni hubanna.

Fakkeenyaaf :-

Onkoloolessa – 1

Sadaasa – 2

Mudde – 3

Amajjii – 4

Gurraandhala – 5 fi

Bitootessa – ji’a 6 dha.

Kanaafuu Bitootessa guyyaa 29 Ilmi ykn jechi Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos nama kan itti ta’e, garaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam keessa kan itti bule ta’uu isaa erga hubanne booda, guyyaa fi ji’a itti dhalate argachuuf ammoo Bitootessa 29 irraa kaasee Qaammee dabalatee Ji’a 9 fi guyyoota 5 ykn guyyoota 275 ni lakkoofna kunis Mudde 28 ykn Mudde 29 ta’a. Mudde 28 kan ta’u bara Yohaannisitti yoo ta’u kunis qaammeen 6 waan taatuufi.

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos gadameessa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam keessa ji’a Sagal fi guyyoota 5 erga ture booda guyyaa Kibxataa, Mudde 29 bara 1 Dh.K.B halkan sa’aatii 7-10 yeroo jiru keessatti Beetaliheemitti dhalate (Giyoorgis ilma Amiid, fuula 158 -159).

Kunis bifa herreegaatiin kan bira gahaamu waan ta’eef hin shakkisiisu. Ilmi dhiiraa garaa haadha isaa keessa kan inni turu Ji’a Sagaliifi guyyoota Shan ta’uun isaa baroota hedduudhaaf amanamee kan turedha. Daballiin ykn hirdhinni guyyaa dhaloota ijoollee namaa irratti mudatu Gooftaa keenya hin mudanne. Isa. 7:14, Gal. 4:4

Kunoo Urjiin bahaa namoota Ogeeyyii dursee iddoo daa’ima dhalate sanaatti akkuma isaan geessise Wangeelaawwiin Luqaasis kan agarsiise guyyaa itti Luba Zakkaariyaasitti Missiraachoon himame duuka bu’uun Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa inni itti dhalate isa sirrii ni amanti.

Kanaafuu Manni Kiristaanaa Itoophiyaa guyyaa dhaloota Gooftaa Mudde 29 kabaja guddaadhaan ni kabajji. Maat. 2:1-11, 2 Pheex. 1:19-21

Mana Kiristaanaa Itoophiyaa waliin biyyoonni ykn Manneen Kiristaanaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos kabajan; Mana Kiristaanaa Ortodoksii;

Gibtsii

Sooriyaa

Hindii

Arman fi

Itoophiyaa yoo ta’aan Manneen Kiristaanaa Baha fagoo keessaa ammoo Manneen Kiristaanaa Ortodoksii Giriikii fi Mana Kiristaanaa Ortodoksii Raashiyaati.

Awuroppaanonni guyyaa dhaloota Gooftaa kan kabajan nuti guyyaa itti kabajnu irraa guyyaa 13 dursaniitu. Kana jechuunis akkaata lakkaawwii keenyaatti naannoo Mudde 16 akka isaanitti ammoo December 25  jechuudha.

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Mudde 29 dhalachuu isaa Abbootii ykn Beektota ragaa ba’aan

1. Qulqulluu Efreem isa Sooriyaa

2. Giyoorgis ilma Amiid

3. ሰዒ.ድ ወ/በጥሪቅ

4. መበንጋዊ/ማኅቡብ

5. ወልደ መነኮስ

6. Didisqiliyaa Keeyyata 29 fi 37

7. Hayyoota ykn Abbootii Mana Kiristaanaa Itoophiyaa fa’i

Akkaataan kabaja Dhaloota Gooftaa uummata Itoophiyaa waliin walitti dhufeenya inni qabu

Itoophiyaatti akkaataan kabaja Ayyaana Gannaa ykn dhaloota Gooftaa jalabultii isaa irraa eegalee  Manneen Kiristaanaa hundumaatti «ዋዜማ እምርኅቅ ብሔር» jedhamuun jalabultiin ni dhaabbatama. «ይትባረክ ኮከብ መርሖሙ” ሰላም “ይእዜኒንትልዋ ለሰላም» jedhamee Misbaakiin ni dubbifama.

Wangeelli ni dubbifama dhuma irrattis «አድኅነነ ሕዝበከ» jedhamee xumura jalabultii ta’a. Galgala sa’aatii 2 yeroo ta’u dhalachuu Gooftaa Missiraachoo kan himan Dawulii ykn Bilbiloonni Mana Kiristaanaa daqiiqaa shaniif sagalee isaanii ni dhageessisu, Lubnis ta’e Uummanni uffata Aadaa isaanii isa Adii uffatanii gara Mana Kiristaanaatti ni dhufu.

Sana boodas Luboonnis, Uummannis Maahileetiidhaan, Tsinaatsiliidhaan, Kabaroodhaan «ዮም ተወልደ ቤዛ ኲሉ ዓለም» jedhanii tokkummaan faarfachaa hanga yeroo Sirna Qiddaaseetti ni turu. Sirni Qiddaasee erga raawwatame booda sa’aatii sagal irratti uummanni gara Mana isaaniitti ni deemu.

Erga bari’e boodas firoota isaanii gaafachuu dursanii hiyyeessota naannoo isaanii jiran waamanii tokkummaan firas ta’e hiyyeesonni hunduu tokkummaan manatti argamanii wanta ayyaanaaf qophaa’e ni nyaatu, ni dhugu, kennaas waliif kennu. Mana isaaniittis marga jiidhaa lalisaa ykn «ቄጠማ» firfirsuun, Abaaboo qopheessuudhaan ni bareechu. Wanti nyaatamuu fi dhugamus akka humna isaaniitti ni qopha’a.

Kanaafuu «ልደትሶ በኲሉ ልደት ጸውአኒ በካልዕ ዕለት» jedhameera. Namoonni biyya keenyaas «Gooftaan nuuf dhalate! Diyaabiloos lapheen isaa gubate!» jedhanii miira isaanii Afuurawaa ibsatu.

Tiksootaa fi Aadaa isaanii

Tiksoonni guyyaa kanatti garee gareedhaan ta’aanii tapha Qillee ni taphatu. Gammachuu isaaniis ulee isaa waliin rukutuun ni ibsatu, kunis «hardha namaa fi Ergamoonni tokko ta’aaniiru!» kan jedhu waliin kan wal qabatudha. Luq. 2:15.

Channel Guddicha WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Dubbistanii waan xumurtaniif Galatoomaa! osoo hiriyoota keessaniif Share taasistanii gaariidha jenna!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Gaaffilee Dhaloota Iyyesuus Kiristoos ka’aaniifi Deebii first appeared on Qubee Online +.

Dhaloota Gooftaa Iyyesuus Kiristoos fi Namoota Ogeeyyii
Dhufaatii Namoota Ogeeyyii fi Dhaloota Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos

Barreeffama keenya guyyaa hardhaa keessatti waa’ee Dhaloota Gooftaa fi Namoota Ogeeyyii ykn Sabi’aa Saggal «ሰብአ ሰገል». Eenyummaa fi maalummaa isaanii ni ilaalla Kitaaba Qulqulluu waliin wal bira qabuudhaan. Dubbisa gaarii!

Namoonni Ogeeyyii fi Dhaloota Gooftaa

«ሰብአ ሰገል» jechuun jechi isaa jecha Gi’iizii irraa kan dhufe yoo ta’u hiikni isaas «ሰብአ» jechuun «Namoota» jechuu yoo «ሰገል» jechuun ammoo «Ogummaa» jechuudha, walittis Namoota Ogeeyyii jechuudha.

Waa’ee Namoota Ogeeyyii kanaa Wangeela Maatewoos irratti akkasitti barreeffamee ykn ibsamee ni arganna «Iyyesuusis Beetaliheem Yihudaatti bara Mooticha Heeroods yeroo dhalatetti, kunoo Namoonni Ogeeyyii ykn Sabi’aa Saggal ‘Mootiin Ayihuud dhalate eessa jira? Urjii Baha irraa arginee isaaf sagaduuf dhufneerra,’ jedhanii Baha irraa gara Iyyerusaaleemitti dhufan……. Urjicha yeroo arganitti gammachuu guddaadhaan garmalee gammadan.

Gara manaattis seenanii Daa’imicha haadha isaa Maariyaam waliin argan, kufaniis ni sagadaniif, Saanduqa isaaniis bananii Warqee, Ixaanaa fi Karbee dhiyeessaniif» Maat. 2:1-2, 2:10-11.

Namoonni Ogeeyyii eenyu fa’i?

Barsiisaan ykn Hayyuun Mana Kiristaanaa keenyaa Alaqaa Ayyalew Taammiruun Kitaaba isaanii «የኢትዮጵያ

እምነት በሶስቱ ህግጋት» jedhu keessatti maqaa namoota ogeeyyii kanneen sadanii :-

Maalichuur

Maantiisooraa fi

Badidaasfaar akka ta’e yeroo ibsan, Hayyoonni Mana Kiristaanaa fi Seenaa warreen Lixaa ammoo

Melichior

Balthasar fi

Caspar jedhuun.

Egaa maqaa isaanii irratti garaagarummaan sagalee kan jiru fakkaatuyyuu wal fakkaataa dha, baay’ee wal irraa hin fagaatu.

Wal dhabdee ykn walii galuu dhabuu hedduu kan qabu garuu «Namoonni Ogeeyyii kunneen lammiilee biyyoota kamiiti? Eessaa dhufan?» kan jedhudha.

Alaqaa Ayyalew Taammiruun sadan isaaniiyyuu Itoophiyaanota ta’uu isaanii ykn aanga’ootaa Itoophiyaa ta’uu isaanii yeroo barsiisan, warreen kaan ammoo inni tokko Adii, inni tokko ammoo lammii Esiyaa fi inni tokko ammoo lammii Itoophiyaa akka ta’an ni dubbatu.

Hayyoonni warri Lixaa hedduunis barsiisa ykn yaada Alaqaa Ayyalew ni deeggaru. Fakkeenyaaf;

William Leo Hansbery and E Harper Johnson barreeffama isaanii «Africa’s Golden Past Historical facts challenging notion that Christianity isn’t religion of West» jedhuu keessatti akkas jedhanii ni ibsu ;

“…………..were members’ of the Magi and they are Melchior king of Nubia; and Balthazar king of Saba which was for a thousand years the capital city of the African Kingdom… and here too it may be of interest to note the gold, frankincense and myrrh… are all natural product of , and very abundant in, the African regions

embraced by Nubia, Ethiopia and Sudan ”

Barreessitoonni Seenaa fi namoonni Amantaa warra Lixaa kanneen biroo ammoo seenaan isaan irratti walii galan «Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiif Warqee, Ixaanaa fi Karbee kan dhiyeessan Ogeeyyiiwwan sadan Itoophiyaa, Esiyaa fi Adiidha.

Sadan isaanii keessaa umuriidhaan inni xiqqaan isa Adii yoo ta’u kennaan inni dhiyeesses Karbeedha. Inni lammaffaan ammoo Araba ykn Esiyaa irraa kan dhufe yoo ta’u kennaa Warqeeti, inni Sadaffaan ammoo shakkii tokko malee lammii Itoophiyaa yoo ta’u kan inni dhiyeesses Ixaana dha.» jechuudhaan ni barsiisu.

Namoonni Amantaas ta’e Hayyoonni Seenaa barreessan hundi wal mormii tokko malee kan irratti walii galan garuu namoota ogeeyyii sadan keessaa inni tokko Lammii Itoophiyaa ykn Itoophiyaawwii ta’uu isaati.

“Balthasar came from Ethiopia or Saba. He is often portrayed as a black man of about forty years of age. He brought the gift of frankincense. Frankincense is the dried resin of Boswellia trees which, at the time of

Christ, grew in Arabia, India, and Ethiopia. It was used in perfumes (Song 3:6; 4:6) and incense for the temple worship (Ex 30:9, 34-38; Lev 2:1-12; 6:14-28; 24:7). Cause incense represents the prayers of the faithful

rising towards Heaven, the gift of frankincense symbolizes sacrifice, Christ’s divine nature, and His

titles of High Priest and Son of God. The wise men were given the gift of Faith for their frankincense.”

Raajiiwwan Namoota Ogeeyyiitiif dubbataman ykn Raajaman | Dhaloota Gooftaa

Waa’ee namoota ogeeyyii Raajiiwwan garaa garaa Kitaaba Qulqulluu keessatti barreeffamaniiru. Laphee Waaqayyoo jedhamuudhaan kan beekamu Mootichi Daawwit eenyu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos duratti dhiyaatee akka sagaduu fi kennaa akkamii fidaniifi akka dhufan akkas jedhee Raajii dubbatee ture ;

«Fuuldura isaattis Itoophiyaan ni sagadu, Mootonni Xarsees fi Eddoolota ishees kennaa ni fidu, Mootonni Arabaa fi Saabaa kennaa ni dhiyeessu!» Faaruu 71/72:9-11

As irratti Qulqulluun Daawwit «Mootonni Saabaa fi Arabaa» jedheetu kan barreesse. Saabaan bulchiinsa Arabaa osoo taateerti ta’ee ykn Saabaan bulchiinsa ykn kutaa Arabaa keessaa ishee tokko osoo taateerti ta’ee silaa «Bulchiinsa ykn kutaa Arabaa kan taate Saabaa» jedhee barreessa ture, garuu Saabaa fi Arabni garaa gara to ta’uu isaanii ibsuun barreessa.

Itti aansuunis Raajota Hangafa jedhaman keessaa tokko kan ta’e Raajichi Isaayyaas akkas jedhee Raajii dubbateera «Baay’inni Gaalotaa, Gaalonni Midiyaam fi Geefeer, si uffisu hundumtuu Saabaa irraa dhufu, Warqee fi Ixaana ni fidu Galatoo Waaqayyoos ni haasa’u.» Isa. 60:6

Raajonni lamaaniyyuu Itoophiyaanota kan ta’aan warreen Saabaa ykn Saabaawwan kennaa fidanii akka dhufan ifatti dubbataniiru. Itoophiyaanonni kennaa qabatanii fi Iyyerusaaleem nagaa gaafachuuf ykn «ለመሳለም» gara Iyyerusaaleemitti yeroo deeman kan jalqabaa isaanii miti.

Fakkeenyaaf Mootittiin Saabaa Ogummaa Mootii Solomoon ilaaluuf Itoophiyaa irraa kaatee gara teessoo Mootii Solomoon kan taate Iyyerusaaleemitti deemteerti.

«Mootittiin Saabaa maqaa Waaqayyootiin kan isheef ba’e waa’ee Solomoon yeroo dhageessetti hibboodhaan isa qoruuf ni dhufte. Gaalota irrattis Warqee garmalee hedduu ta’e, Inquu kabajamaa ta’es feesistee mi’a fee’isaa guddaa waliin gara Iyyerusaaleemitti seente, gara Solomoonitti yeroo dhuftettis wanta laphee ishee keessa jiru hunda itti himte.

Mootichaafis Warqee Makliitii Dhibba tokkoofi digdama (120), Shittoo garmalee hedduu, Inquu kabajamaas ni kenniteef, baay’inni Shittoo akka sanaa Mootittiin Saabaa Mooticha Solomooniif kennite sana booda hin dhufne! ture!»

Galmeen jechootaa Kitaaba Qulqulluu Makliitii Safartuu ulfaatinaa ta’uu isaa fi Makliitiin tokko ammoo Giraama Kuma Afurtami lama (42,000) ta’uu isaa ni hubachiisa.

Kanaafuu Mootittiin Saabaa Warqeen isheen fidde Safartuu Warqee ammaatiin kana fakkaata jechuunis Makliitiin tokko Giraama Kuma Afurtami lama ykn Kiiloo giraama Afurtami lama (42 Kg) ta’a.

Kanaafuu baay’inni Warqee Mootittiin Saabaa Mooticha Solomooniif kennite ammoo Warqee Makliitii Dhibba tokkoofi digdama (120) kanaafuu kana gara Kiiloo giraamaatti yeroo jijjiirru ammoo:

1 Makliitii = 42,000g ykn 42 Kg

120 Makliitii = ?

Kanaafuu 120 x 42 Kg = 5040 Kg.

Kanaafuu Mootittiin Saabaan Mooticha Solomooniif Warqeen isheen kennite 5040 Kg dha jechuudha.

Tarii Warqeen namoonni Ogeeyyii Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiif dhiyeessan achirraa kan fudhatamedhaa laata?

Namoota Urjii lakka’aan moo Namoota Amantaa?

Akka barsiisa Hayyoota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Ogeeyyiiwwan sadan jechuunis namoota Ogeeyyii sadan dursaa kan ture Ergamaa Waaqayyoo Urjiidhaan fakkeeffamedha malee Urjii nuti galgala yeroo Aduun lixxu arginu miti.

Urjiin qaama ifaa Aduun yeroo lixxu muldhatudha malee guyyaa hin muldhatu, sababni isaas ifti Aduu guyyaa jiru waan isa liqimsuuf Urjii kamiyyuu guyyaa hin muldhatu.  Kokobiin kun garuu namoota ogeeyyii guyyaa fi halkaniin dursaa Beetaliheem isaan geessiseera.

Want kun durii kaasee Abbootii cimoo ykn Abbootii Tsoomii fi Kadhannaa baay’isaniif, kanneen Qulqulloota ta’aaniif kan muldhatu ykn isaaniif kan ibsamu Ergamaa akka tureefi dubbiin kunis fakkeenyawaa akka ta’e Barsiisonni Mana Kiristaanaa ni barsiisu.

«Yaa’iqoob irraa Urjiin ni ba’a, Israa’eel irraa uleen ni ka’a» Seera Lakkoofsaa 24:17

Namoonni Ogeeyyii kunneenis kennaa isaanii erga dhiyeessaniin booda gara Itoophiyaatti imalan, imalli isaaniis guyyaa afurtama itti fudhate ture. Akkuma gahaaniinis dhalachuu Gooftaa Missiraachoo himan, dhalachuu Gooftaas ni barsiisan, Barsiisonni Wangeelaa Itoophiyaas isaan turan.

Biyyi keenya Itoophiyaan Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo dhalatu mootiin ishee argamee kennaa dhiyeesse. Uummatas waa’ee dhaloota Gooftaa ni barsiise, bara Duuka Bu’ootaatti ammoo Jaandarabaan Mana Mootummaa isaa Baakoos kan jedhamu Iyyerusaaleem deemee Cuuphaa nuuf fide. Cuuphaas ni barsiise. Hanga hardhaatti uummata Itoophiyaa biratti Ayyaanonni Yaadannoo dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos fi Cuuphaan kabajaa fi iddoo addaa qabu.

Nuti Itoophiyaanonni kana kan kabajnus Abbootiin keenya iddoo sanatti argamanii turan guyyaa isaan nutti himaniin waan ta’eef ykn guyyaan dhaloota Gooftaa fi Cuuphaa guyyaa irra oolu ykn guyyaa gooftaan keenya itti dhalatee fi Cuuphame Abbootiin keenya achitti argamanii waan turaniif guyyaa sanaan kabajna. Ofii guyyaan dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus akka Mana Kiristaanaa Itoophiyaa fi warreen Lixaa biratti maalif gargar ta’e? Dubbisaa!

Guduunfaa :- Egaa hardhaaf mata duree «Namoonni Ogeeyyii eessaa dhufan? Eenyu fa’i?» jedhu jalatti waa’ee eenyummaa fi maalummaa isaanii waa muraasa ilaalleerra, yeroo biraa ammoo waa’ee dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos sirriitti kan ilaallu ni ta’a.

Channel keenya WhatsApp join taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Dhaloota Gooftaa Iyyesuus Kiristoos fi Namoota Ogeeyyii first appeared on Qubee Online +.