Araarsummaa Qulqullootaa | Qubee Online +

Araarsummaa Qulqullootaa Mana Kiristaanaa | Kutaa 2ffaa
Araarsummaa Qulqullootaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo

Kuni kutaa 2ffaa Koorsii Araarsummaa Qulqullootaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo ti. Kutaa kanatti osoo hin darbiin dura kutaa 1ffaa dubbisaa!

Araarsummaa Qulqullootaa Kutaa 2ffaa

Seensa :- maatiiwwan Waaqayyoo ijoolleen haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam nagaa Waaqayyootiin akkam jirtu? Ameen maqaan Waaqayyoo kan galatoome haa ta’u! egaa koorsii Araarsummaa Qulqullootaa jedhu kana yeroo darbe kan eegalle yoo ta’u, kutaa 1ffaa yeroo darbe ilaalleerra. Kutaa 1ffaa keessatti qabxiiwwan gurguddoon nuti ilaalle;

Malummaa Qulqullootaa : Qulqulloota jechuun maal jechuu akka ta’e; Qulqulloota kan jedhaman eenyu fa’a akka ta’an; Qulqullummaa gosa meeqatu jira;

Kitaabni Qulqulluu waa’ee Qulqullootaa maal akka jedhu fi k.k.f ilaallee turre. Isinis gara kutaa lammaffaa kanatti osoo hin darbiin dura kutaa 1ffaa dubbisaa! kutaa 2ffaan har’aaf qabannee dhiyaanne kunooti dubbisaa!

Qulqulloonni ni Araarsu

Hojii araarsummaa kan namoonni fedhii isaaniitiin jalqaban osoo hin taane kan Waaqayyo fedhii isaatiin akka jalqabam godhe dha. Kunis kan ta’e namni hundi namummaa isaatiin walqixa tahee haa dhalatu malee, akkuma wal qixa dhalate

walqixa waan gaarii fi waan yaraa hin hojjetu, wal qixa cubbuu fi hojii bareedas hin hojjetu. Kanaaf kan gaarii hojjetu isa yaraa hojjetuuf ni kadhata jechuu dha. Kanas immoo caqasawwan kanaa gadii irraa hubachuu n ni danda’ama. Akkasuma

Abrahaam yeroo mootii Geeraraa Abemelilk jedhamun haadha manaa isaa yemmuu saamamuuf jedhu Waaqayyo Abemeelikiin ni akeekachiise.

«Waaqayyo immoo abjuu sana keessa Abemelikiin, ati garaa keetti hamaa otoo hin yaadin kana akka goote anuu beeka, kanaaf ati akka ana hin yakkineef ani si

dhoowweera, ati akka ishee bira geessufis ani karaa siif hin laanne. Ammna haadha manaa namichaa galchiif. Innoo

raaja dha, inni siif ni kadhata, atis ni jiraatta, namichaaf yoo galchuu dhaa baatte garuu ati akka duutu, namoonni kee hundinuus akka du’an beeki!» jedhe (Uma 20:1)

Abemeliik osoo ofii isaatii kadhatee Waaqayyo akka hin araaramneef, Abrahaam akka isaaf kadhatu isumatu itti hime. Egaa kanarraa ragaa biraa barbaaduun shakkuummaadha, abboommii fi fedha Waaqayyoos kabajuu dhabuu dha.

Abemelik, Abirahaamis nama, anis nama maal taha yoon ani si kadhadhe akkamiin anaaf hin araaramne hin jenne. As irratti Waaqayyo qulqullummaa Abrahaami fi cubbummaa Abemelik muldhiseera.

Inumaayyuu Waaqayyo wanta raawwachuuf tahu, yemmuu uummata adabuufis tahu, qulqullootatti akka himu seenaan kanaa gadii kun dhugaa baha. Yemmuu Waagayyo Sodom balleessuuf jedhetti qulqulluu Abirahaam ni beeka ture. «Yemmuus Waaqayyo, wantan gochuuf jedhu Abiraham nan dhoksaa ree? Abirahaam caba guddaa, saba jabaas ni taha, sabni biyya lafaa hundinuu sababii isaatiif ni eebbifamu!» (Uma 18:17) jedheera.

Qulqulluu Phaawuloos namaaf kadhachuun hojii Qulqullootaa

akka ta’e yoo ibsu nuun waadaa kadhachuu (araarsu) kaa’ee, «Egaa Waaqayyoo karaa keenyaan akka araarfamu (kadhatamuuf) waa’ee Kiristoosiif nuti ergamtoota dha. Waaqayyoon wajjin araaramaa jennee Kiristoosiin isin kadhanna» (2 Qor 5:19).

Araarsummaa qulqullootaa bakka lamatti gooduun ni danda’ama.

Isaanis araarsummaa qulqulloota yemmuu lubbuun addunyaa

kana irra jiraniifi araasummaa qulqullootaa erga addunyaa

kana irraa darbanii booda dha.

Araarsummaa Qulqullootaa Jireenya Fooniin (Yeroo Lubbuun jiran)

Qulqulloonni hedduun yemmuu lubbuun jiranitti hojii araarsumma hojjetanii darbaniiru, namootas balaa irra gahuuf ture hundarra Waaqayyoon kadhatanii araara argamsiisaniiru. Kanas fakkeenya fudhachuudhaan seenaa armaan gadii kana iraa ni ilaalla.

Raajii Musee fi Saba Israa’eel

Ammas Waaqayyo Museedhaan «Ani saba kana argeera, kunoo inni saba boqu-jabeessa, aariin koo isaan irratti boba’ee akkan isaan fixutti na dhiisi, si garuu abbaa saba guddaa sin godha!» jedhe.

Museen ammoo aarii Waaqayyo gooftaa isaa qabaneessudhaaf «Yaa Waaqayyo, maaliif aariin kee saba kee isa humna guddaa dha fi irree cimaadhaan biyya Gibxii baafte kana irratti akka boba’u goote ree? ati hamaa isa saba keetti fiduuf jette adaraa dhiisi, aarii kee isa boba’aas irraa deebisi, isa maqaa ofii keetiin kakattee garboota kee Abirahaam, Yisihaaq, Yaaqobinis sanyii keessan akka urjoota samii keessaa nan baay’isa biyyicha isa ani dubbadhe kanas sanyii keessaniif dhaala bara baraa godhee nan kenna jettee isa dubbatte yaadadhu!» jedhe.

Yeroo kanas Waaqayyo hamaa isaa saba isaa irratti gochuu yaade sana ni dhiise (Ba’uu 32:9). Egaa yaa hubannu, Waaqayyo, cubbuu isaanii iraa kan ka’e Israa’eloota rukutuu barbaadee ture, Museedhaanis hangafa sabootaa baay’ee isa bira sin taasisa jedheen, garuu Museen tole hin jenne. Waaqayyos uummata sanaaf ni nahe, Waagayyo uummata bal’aa sana irra sagalee fi yaada Musee akka filate as irraa hubachuu ni dandeenya.

Raajii Eelsaa

Raajiin Waagayyoo Eelsaan mucaa du’e yemmuu lubbuun jirutti du’aa kaasee jira. Yeroo Eelsaan dhufee manichatti lixe, mucichi du’ee reeffi isaa siree Eelsaa irra ni ciisa ture, Elsaan akkuma ol lixeen keessaan balbala cufatee, Waaqayyoon ni kadhate, kana booddee siree irratti ol ba’ee, afaan isaa afaan mucichaa irra, ija isaa ija mucichaa irra, harka isaa harka mucichaa irra kaa’ee isa irra gadi ni ciise, akkuma inni

mucicha irratti diriireen qaamni mucichaa ho’uu jalqabe.

Eelsaan isa irraa ol ka’ee kutaa manichaa keessa, asii fi achi erga adeemee booddee, ammoo siricha yaabbatee, mucicha irra ni diriire, mucichis si’a torba haxxiffatee ija isaa ni banate (2 Mot 4:32).

Egaa qulqulloonni hoji hamma kana gahu, yemmuu lubbuun jiranitti ni hojjetu, namaaf Waaqayyo walitti araarsuun haa hafuuti, hanga nama du’e du’aa kaasuutti aangoon kennameefii jira.

Seenaan Abemelik mootii Geeraaraa fi Abirahaamis araarsummaa qulqullootaa yemmuu lubbuun jiranitti kan jedhuuf fakkeenya gaariidha. Abrahaam akka Abemelik mootii Geeraraaf kadhates dura kana olitti kaafnee jirra.

Israa’eloonni yeroo cubbuu isaaniitiin gidiraan itti baay’atee turetti uummanni hundi walitti qabamuun raajii Eermiyaasiin akkas jedhan «Akkuma argitu baayyee keessaa kan hafne xiqqaa taaneerra, maaloo kadhaan keenya si haa qaqqabu, Waaqni kee Waaqayyoonis karaa irra deemnuufi waan hojjennu akka nutti agarsiisuuf Waaqa nuuf kadhu!» jedhaniin. Eermiyaasis kadhateefi dubbii nama jajabeessu deebiseeraafi.(Ermiyaas 42:2)

Qulqulluu Pheexiroos

Kakuu Haaraa keessattis Qulqulluun Pheexiroos bartuu Xaabitaa jedhamtu akka du’aa kaase ni agarra.

«Mandara Iyyoophee keessas bartuun Xaabitaa jedhamtu tokkotu turte. Maqaan ishee afaan Giriikiitiin ‘Dorkaas’ kan jedhu ture hiikoon isaa ammoo kuruphee jechuudha. Isheen yeroo hundumaa hojii gaarii hojjechuudhaan hiyyeessota gargaaruudhaan dabarsiti turte. Gidduu tokko dukkubsattee duunaan qaama ishee dhiqanii kutaa mana gubbaa keessa ciibsan. Lidaan Iyyoopheetti dhihoo waan taateef bartoonni Qulqulluun Pheexiroos akka achi jiru dhagahanii ‘Adaraa ammaaf ammatti nu bira gahi!’ jedhanii akka isa waamaniif namoota lama itti ergan…… Pheexiroos garuu ofii isaatii jilbiinfatee kadhatee, ergasii gara reeffichaatti garagalee ‘Xabitaa ka’i!’ jedheen isheen ija ishee banatte Pheexiroosiin yemmuu argite ol jettee

teesse.» (Hojii Duuka Bu’ootaa 9:36)

Egaa akka fakkeenyaatti kana qofa fudhanne malee seenaa wal fakkaatu caqasa kana keessaa argachuun ni danda’ama. Hojii Duuka Bu’ootaa boqonnaa 5, 1 Sam 16:23, 1 Mot 17:17 fi

kan biroos ilaaluun ni danda’ama.

Channel Guddicha WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Araarsummaa Qulqullootaa Mana Kiristaanaa | Kutaa 2ffaa first appeared on Qubee Online +.

Araarsummaa Qulqullootaa Ortodoksii Tawaahidoo | Kutaa 1ffaa
Araarsummaa Qulqullootaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo

Mata duree kana keessatti kutaa garaa garaatiin waa’ee Qulqullootaa fi Araarsummaa Qulqullootaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo ni ilaalla. Hanga dhumaatti dubbisaa!

Araarsummaa Qulqullootaa Kutaa 1ffaa

Qulqulluun eenyu? Araarsummaa Qulqullootaa

Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo keessatti kan bu’uura

ta’aan keessaa tokko araarsummaa qulqullootaatti amanuu dha.

Qulqulloota kan jennu ammoo Waaqayyo filatee hojii gaarii

isaan hojjetaniin kan qulqulleesse, addunyaa kan mo’atanidha.

Waaqayyo gooftaan qulqulluu akka taanuuf nu abboomuun isaa sagalee kanaa gaditti barraa’e irraa ni hubanna. «Ani Waaqayyo gooftaan keessan qulqulluu akkuman ta’e isinis qulqulloota ta’aa!» (Lew. 19:2).

«Inni isin waame qulqulluu akkuma ta’e isinis adeemsa keessan hundumaan qulqulloota ta’aa» (1 Phex. 1:14)

Waaqayyo amalummaa isaatiin qulqulluu fi cubbuun kan isaaf hin taane, sadarkaan qulqullummaa isaas uumamni hangana gaha jedhee dubbachuun kan ibsu miti. Akkuma armaan olitti hubannutti Waaqayyo kan isaa kan ta’an hundi akka qulqulluu ta’an fedha.

Namootaafis ani qulqulluu akkuman ta’e isinis qulqulluu ta’aa jedha. Kanaaf kan Waaqayyoo kan ta’e hundi qulqulluu dha jechuudha. Jecha Qulqulluu jedhu kana bakka lamatti qooduun ilaaluun ni danda’ama;

1. Qulqulluummaa Waaqummaa:

Qulqullummaa Waaqayyoo qofaaf ta’e dha. Sababni isaas Waaqayyo amaluuma isaatu qulqulluu dha waan ta’eef.

2. Qulqullummaa Kennaa:

Qulqullummaan akkanaa kun

kan Waaqayyoon fedha isaatiin uumama biroof kennu jechuudha. Qulqullummaa kennaa kan qaban immoo adda adda baasne ilaaluu ni dandeenya. Isaaniis: Ergamoota Qulqulluu, Meeshaalee (Mi’oota) qulqulluu, guyyaa qulqulluu, iddoowwan Qulqulluu fi namoota qulqulluu dha.

Egaa jecha qulqulluu jedhu kana gabaabsinee hanga kana erga ilaalle, mee gara mata duree kaasneetti haa deebinu.

Qulqulloota kan jedhaman kanneen keesaa hojiin araarsummaa kan ilaallatu ergamoota qulqulluu fi namoota qulqulluu dha. Kitaabni waa’ee sagalee Waaqayyoo dubbatu guddichis kitaaba Qulqulluu jedhama. Ergamoota qulqulluu yemmuu jennu ammoo ibiddaa fi bubbee irraa guyyaa jalqabaa uumaman kan ijaan hin muldhanne, kan lakkoofsa isaanii Waaqayyo malee namni lakka’ee bira hin geenye jechuudha.

Namoota qulqulluu kan jedhamanis immoo Wareegamtoota Qulqulluu, toloota (dhugoomtota) qulqulluu, hayyoota Qulqulluu, Raajota qulqulluu ti kan biroos jennee ilaaluun ni danda’ama. Egaa kanaaf wangeela irratti Qulqulluu Maatewoos, Qulqulluun Maarqoos, Qulqulluu Luqaas, Qulqulluu Yohaannis, Qulqulluu Pheexiroos, Qulqulluu Phaawuloos fi k.k.f jechuudhaan maqaa isaanii dura jecha Qulqulluu jedhu kan itti fayyadamnu. Amantaa Ortodooksii Tawahidoo keessatti waa’een araarsummaa Qulqullootaa fi kabajni isaanii bal’inan kan itti amanamuudha.

Egaa yemmuu waa’ee araarsummaa qulqullootaa ilaallu, dursa qulqulloonni akkamiin araarsu, aangoo akkanaa kana

eenyutu kenneef, qulqulloonni yoo lubbuun jiranii fi erga du’aan addunyaa kanarraa boqotan booda akkamiin araarsu kan jedhu ilaalla.

Qulqulloonni kan Gooftaaf hamma dhumaatti amanamanii, wareegaman fi maqaa Gooftaa keenya Qoricha keenya lyyasuus Kiristoosiif jedhanii gidiraa arganii fi maqaa isaatiin dinqii baayyee godhan, jireenya isaanii guutuu Waaqayyoon tajaajilanii kan darbanii dha. Kanarraanis kan hafe addunyaa kana tufachuudhaan lafa onaa (Gadaamii) keessatti bineensaa fi qorra dilalla’aa danda’anii.

Waaqayyoon galateeffachaa kan turan, oduu fi jaalala biyya lafaa kanarraa kan fagaatanii dha. Akka baruumsa Mana Kiristaanaatti Waaqayyo nama ta’ee, afaan namaatiin dubbatee, cubbuu malee wanta namni hojjete hunda hojjetee darbe jenna. Kanaaf ammoo namoota isaaf amanamaniif waadaa galeeraaf, waada isaaniif gale kanas ni raawwataaf jennee amanna.

Caqasawwan kanaa gadii kitaaba Qulqulluu iraa fudhatamanis

kanuma dhugaa bahu;

«Ijji lamaan Waaqayyoo gara qulqullootaati, gurri lamaan isaatis gara kadhaa isaaniiti» (Faar 34:15)«Fedhiin qulqullootaa ni laatamtiif» (Fakk. 10:24).

«Kadhaan nama qulqulluu hojii isheetiin humna cimaa gooti, dirqamas ni raawwatti» (Yaaq 5:16)

«Waaqayyo cubbamtoota irraa ni fagaata, kadhaa qulqullootaa garuu ni dhaga’a.» (Fakk. 15:29)

«Kadhaan qulqullootaa Waaqa biratti akka Ixaana jaalatamaadha» (Faar. 140:2)

Channel Guddicha WhatsApp ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo join taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Araarsummaa Qulqullootaa Ortodoksii Tawaahidoo | Kutaa 1ffaa first appeared on Qubee Online +.

Qulqulloota akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidootti
Qulqulloota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo

Mata duree kana keessatti waa’ee Qulqulloota akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti kan ilaallu ta’a, hanga dhumaatti dubbisaa!

Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Qulqulloota

Qulqulloota jechuun maal jechuudha?

Mata duree kana jalatti waa’ee kabaja Qulqullootaa akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti bal’inaan kutaa kutaan qooduun ni ilaalla. Isinis dubbisuun share godhaa, blogichas follow godhaa!

Jalqaba hiika jecha Qulqulloota jedhuu ilaalla, jechi Qulqulloota jecha ‘Qulqulluu‘ jedhu irraa kan dhufe yoo ta’u, hiikni isaas; kan kabajame, kan qulqullaa’e, kan adda ta’e, kan filatame jechuudha. Qulqulluun Phaawuloosis ergaa isaa gara warra Roomee 8:33 irratti “Waaqayyo kan filate eenyutu morma?” jedha, kanaaf kan filataman Qulqulloota, kan filate ammoo Waaqayyoodha. Akkasumas Seera Leewwotaa 19:2 irratti Waaqayyo “Ani Waaqayyo akkuman Qulqulluu ta’e isinis Qulqulloota ta’aa!” jedha akkasumas Qulqulluun Pheexiroos jecha kana fayyadamuun lallabeera. 1 Phex.1: 16. Waaqayyo Amalummaa isaatiin Qulqulluudha, Uumamtoonni isaas seera isaa eeguun ulaagaa guutuun Qulqulloota ni jedhamu.

Gosoota Qulqullummaa akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo

Qulqullummaanis gosoota lamatu jiru isaanis;

1. Qulqullummaa Amalummaa

Qulqullummaan Amalummaa Waaqayyo qofaaf kan ta’udha. Waaqayyo Amalummaa isaatiin Qulqulluudha ykn Qulqullummaan Amalummaa isaati. Qulqullummaan Amalummaa kunis eenyu iyyuu kan irraa hin fudhanne, itti hin daballeef, kan irraa hin hir’isne, kan dorgomaa hin qabne, cubbuun kan wal hin simne Waaqayyoof qofa kan ta’udha.

2. Qulqullummaa Kennaa

Qulqullummaan Kennaa Waaqayyo irraa namoota ulaagaa isaa guutaniif kan kennamudha. Kunis Qulqullummaa guutuu, hir’achuu danda’u, kan dorgomaa qabu. Hojii gaabbii fi qulqullummaa cimaan kan argamudha.

Akka Mana Kiristaanaa keenyatti sadarkaan Qulqullummaa akkamidha? ykn Qulqulluu maqaa jedhuun kan Waamaman eenyu fa’a? kan jedhu haa ilaallu.

1. Waaqayyoo Amalummaa isaatiin Qulqulluu waan ta’eef Qulqulluu ni jedhama. Isa. 6:3, Mul. 4:8

2. Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Dubroon Maariyaam kabajni ykn Qulqullummaa ishee Qulqullummaa kennaa yoo ta’u, kabajni ishees Waaqayyootii gadi uumamtoota hundumaa olittidha. Kanaafi Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam Qulqulleettii Qulqullootaa kan jedhamtu. Uumamtoota hundaa ol kan ishee taasisu ykn uumamtoota hunda irraa Qulqullummaa Kennaa isheetiin kan adda ishee taasisu keessaa muraasni;

[1] Cubbuu ykn Abaarsi Addaamii fi Heewaan ( Original Sin ) kan ishee hin tuqnedha.

Kanas Raajichi Isaayyaas akkas jedhee barreesseera “Waaqayyo Gooftaan osoo sanyii nuuf hambisuu baatee akka Sodomii fi Gomoraa taana ture….” Isa. 1:9

Abbaan ishee Mootichi Daawwitis ” Yaa Mucaa koo dhaga’i! Gurra kees as qabi, Fira kee mana abbaa kee irraanfadhu, Mootiin Miidhagina kee jaalateera hoo inni gooftaa keeti…” jedha. Faar. 44:10-11 kana hiikoo isaa gabaabbinaan yeroo ilaallu;

– Yaa mucaa koo kan jedheef sanyii isaa irraa waan dhalatteefi, akkasumas raajonni “yaa mucaa koo” jecha jedhu baay’inaan ni fayyadamu waan ta’eef.

– Firoota kee mana abbaa kee irraanfadhu jechuun isaa firoota fi abbaa kan jedhaman Addaam fi ijoollee isaati, mana isaanii irraanfadhu jechuu isaa abaarsi Addaam irra gahe si hin tuqu kanaaf isa hirraanfadhu jechuu yoo ta’u;

– Mootiin miidhagina kee jaalateera kan jedhe ammoo Mootii kan jedhame Iyyesuus Kiristoosidha, kanaaf gooftaan miidhagina kee ykn qulqullummaa kee jaalateera, sirra buluuf qulqullummaa kee filateera, inni gooftaa keeti jechuu isaati. Faar. 131:13-14

[2] Surraa ykn kennaan kan guutamte waan taateef.

Kanas Ergamichi Qulqulluun Gabri’eel akkas jechuun ragaa baheera “Kennaan kan guutamte gammadi!” Luq. 1:28

[3] Garaa haadha isheetii kaasee Qulqullummaa foonii, lubbuu fi yaadaa waan qabduufi.

Kanas Abbaan ishee Mootichi Solomoon akkas jedheera “Yaa Misirroo koo iddoo hundumti keeyyuu miidhagaadha, mudoos hin qabdu” WWC. 4:7

Qulqullichi Daawwitis “Gooftaan Bultoo isaa qulqulleesse” jedhee faarfateera. Faar. 45:4

Waa’ee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam waa muraasa kaasne malee kana qofa miti, kabajni ishee himamee hin dhumu.

3. Qulqulloota Ergamoota

Ergamootni ifaa ergamoota xuraa’oo ykn ergamoota dukkanaa irraa adda waan ta’aaniif Qulqulloota ni jedhamu. Akkasumas tajaajiltoota Waaqayyoo waan ta’aaniif tokkos Maqaan Waaqayyoo waan irra jiruuf Qulqulloota ni jedhamu. Maat. 25:31, Yih. .14, Henok 1:9, Mul. 4:8

4. Namootni jireenya Qulqullummaan jiraatan, gammoojjii keessatti kadhannaa fi sagadaan kan murtaa’anii jiraatan, kennaa raajummaa dhugaa kan qaban, mootonni jireenya qulqullummaan jiraatan, kanneen kitaaba qulqulluutiin shakkitoota mormuun injifatanii amantaa eegsisan fi k.k.f Qulqulloota ni jedhamu. Fknf, Abrahaam, Iyyoob, Abbaa Inxoons, Abbaa Paawulii, Raajicha Isaayyaas, Raajicha Ermiyaas, Mooticha Daawwit, Mooticha Solomoon, Yohaannis Afaan Warqee, Qeerloos fi k.k.f

Akkasumas gama biraatiin wantootni ykn meeshaalee tajaajila Mana Waaqayyoof ta’an, bultoo Waaqayyoo ta’aan Qulqulluu ni jedhamu. Fknf, Taabota, Fannoo, Meeshaalee Qulqullaa’oo, Fakkiiwwan Qulqullaa’oo, Kitaabolee Qulqullaa’oo fi k.k.f

Akkuma Kitaaba Qulqulluu irratti barreeffame kan waamaman baay’eedha, kan filatan xiqqoodha. Maat. 22:14. Qulqulloonni Waaqayyoon kan filatamanidha. Akkasumas Qulqullichi Phaawuloos ergaa isaa gara warra Roomee 8:33 irrattis “Kan Waaqayyo filate eenyutu morma?” jechuun caalaatti ibsa, kan filatu Waaqayyoodha.

Qulqulloonni kana raawwatan, kan godhan yeroo jedhamu maqaan Waaqayyoo akka isaanirra jiru ykn Waaqayyo akka isaanirra bulee kana hojjetu hubachuun barbaachisaadha, dirqamadhas. Kitaabni Qulqulluus kan jedhuu fi kan deeggaru kanumadha. mee muraasa haa kaasnu;

“Waaqayyo Qulqulloota isaa irratti akka ibsame hubadhaa! ykn baraa!” jedha Qulqullichi Daawwit. Faar. 4:3 Akkasumas irra deebi’uun Qulqulluun Daawwit akkas jedha, “Waaqayyo Qulqulloota isaa irratti dinqiidha” Faar. 67/68:35.

Nu’i warra Iyyesuus Kiristoos waaqessinuuf nuuf bu’uura amantii fi fakkeenya kan nuuf ta’aan Raajotaa fi Duuka Bu’ootadha. Efe. 2:20 “Bu’uura Duuka Bu’ootaa fi Raajotaa irratti bocamtaniirtu ykn hundooftaniirtu. Dhagaan /rogaa/ bu’uuraas Iyyesuus Kiristoosidha.” jedha.

Qulqulloota simachuu, maqaa isaaniin yaadannoo taasisuun gatii namaaf kennisiisa, Kitaabni Qulqulluun kan deeggarudhas.

“Isin kan simatu ana simata, ana kan simatu isa na erge simata. Raajii maqaa raajiitiin kan simatu gatii raajii sanaa argata, Qulqulluu maqaa Qulqulluutiin kan simatu gatii Qulqulluu sanaa fudhata…..” Maat. 10:40-12 “Anis isiniinan jedha, …. akka isin simataniif….. jaalattoota keessaniif taasisaa” Luq. 16:9 As irratti jaalattoota kan jedhaman Qulqulloota ” Kana booda garboota isiniin hin jedhu …. isiniin garuu jaalattoota koo isiinan jedha” Yoh. 15:15 . Qulqulloota mormuun, arrabsuun, isa ykn Iyyesuus Kiristoos mormuu, arrabsuu, isa dhaga’u dhiisuudha, Waaqayyos kana hin jaalatu. Akkamitti? nama ajaa’iba mee haa ilaallu!

Kanaaf nuti ijoolleen Ortodoksii Tawaahidoo dhugumaan Kiristoos waan lallabnuuf, waan beeknuuf Qulqulloota kabajna, Kitaaba Qulqulluutu nu deeggara waan ta’eef. Fknf;

1. Seera Lakkoofsaa 12:1 kaasee maal jedha? Musee dubartii Itoophiyaa waan fuudheef Aroonii fi Maariyaam isa morman jedha. Mormaniis hin hafne Waaqayyo isaanitti dheekkame dhukkubaanis ni rukutaman; maalif? Qulqulluu Musee Qulqullicha Waaqayyoo irratti waan dubbataniif. Kitaabuma sana Boq. 17:1 kaasee kan jiru waa’ee Qoree, Daataan fi Abeeroonis achumaan dubbisaa!

2. Gara kakuu haaraatti yeroo dhufnu seenaa nama ajaa’ibu tokko arganna. Kunis HDB. 9:1 kaasee kan argannudha, Kunis waa’ee Saawulidha, boodarra Qulqulluu Phaawuloos. Saawul Duuka Bu’oota gidirsuuf, ajjeessuuf xalayaa fudhachuuf gara Hangafa Lubootaa deemee yeroo gara Damaasqootti deemu tasa daandii irratti tasa sagaleen Qaqawweessaa dhaga’ame innis lafa irratti kufe yeroo kanas sagalee “Saawul Saawul maalif na ari’atta?” jedhu dhaga’e.

Nama ajaa’iba kan kana jedhe Iyyesuus Kiristoosidha. Kan gidirfaman garuu Qulqulloota ykn Duuka Bu’oota kanaaf Qulqulloota ari’uun, gidirsuun Waaqayyo ari’uu waan ta’eef “Maalif na ari’atta?” jedhe. Kanaaf Qulqulloota ari’uun, jibbuun Waaqayyo jibbuudha. HDB. 9:1-9, 22:6-16, 26:12-18 . Kanaaf har’a Shakkitootni Qulqulloota akkasitti kabaja qaban, Kitaabni Qulqulluu kan akkasitti ragaa ba’uuf kana arrabsaa Kiristoos lallabna jechuun wanta hin fakkaannedha. Dhuguma Kiristoos kan lallaban daandii akka Saawul durii amma irra jiran kana dhiisanii akka Phaawuloos boodarraa yeroo ta’an qofadha.

Qulqulloota Waaqayyo kabaje, filate tuffachuun nama adabsiisa.

“Tuffachuu fi of-tuulummaan arraboonni Qulqulloota ykn toloota irraatti dubbatan isaaniif wayyoo ykn haa cufaman ykn didaa haa ta’an” Faar. 30/31:18

“Cubbamaan duuti isaa kan hammaatedha, Qulqullootaa ykn toloota kan jibban ni gaabbu.” Faar. 33/34:21 . “Raajota koo irratti wanta hamaa hin godhiinaa!” Faar. 104/5:15 .

“Museenis, Waaqayyoon kan filatame ykn qulqullaa’e Aroonis naannootti isaan irratti dubbatan ykn mufatan, Laftis ni banamte Daataan ni liqimsite, Warra Abeeroonis ni ukkaamsite” Faar. 105/6:16-17.

Dabalataanis Uma. 20:18, Mul. 16:6 dubbisuun ni danda’ama.

Walumaa galatti gabaabinaan kutaan Tokkoffaan kana fakkaata

kutaa 2ffaan itti fufa kutaa itti aanutti waa’ee Araarsummaa Qulqullootaa ilaalla, isinis osoo hin nuffiin dubbisaa! dubbisaa! dubbisaa! share godhaa! blogicha hordofaa!.

Barnoota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo karaa WhatsApp hordofaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

The post Qulqulloota akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidootti first appeared on Qubee Online +.