Ibsa Ministeera Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaa
Barattoonni Yuunivarsiitii eebbifamuu isaaniitiin dura waggaa tokkoof akka barsiisan dirqamuufi
Ministeerri Barnootaa barattoonni Yuunivarsiitii eebbifamuu isaaniitiin dura hawaasa waggaa tokkoof dursanii akka barsiisan yookin ammoo akka tajaajilan hojimaata taasisu hojiirra oolchuuf karoora qabachuu isaa beeksise.
Ministeerri Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaa guyyaa Bitootessa 24 bara 2017 Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti Misooma humna namaa, Koree dhaabbii dhimmoota Teeknooloojii fi gahee hojiitiif, sababa bu'aan qormaata biyyoolessaa barattoota kutaa 12ffaa gadi bu'uuf irratti qorannoo dhiyeessaniiru, mariinis irratti taasifamaa ture.
Yeroo kanattis waa'ee karoora barattoota Yuunivarsiitii irratti qabamee ibsaniiru;
Waggoota darbaniif (yeroo isaan gara aangootti dhufan irraa kaasee) bu'aan qormaata biyyoolessaa barattoota kutaa 12ffaa sadarkaa olaanaa dhaan gadi bu'aa akka ta'u sababoota taasisan keessaa, gahumsa barsiisotaa fi kaka'umsi xiqqaachuun ni caqafamu jedhan.
Rakkoo kana yeroo dhiyoo keessatti hiikuuf akka danda'aamuuf hojiileen garaa garaa garaa hojjetamaa akka jiran Ministeerichi ibsaniiru.
Hojimaanni moggaasni «Sarvisii Yuunivarsiitii Itoophiyaa» jedhu kennameef bara 2018 irraa eegalee hojiirra akka oolu karoorri kan qabame ta'uu isaa kan ibsan Ministeerichi «Barataan waggaa afuritti eebbifamu, barumsa isaa waggaa sadaffaa akkuma xumureen gara Hawaasa isa barsiiseetti deebi'ee waggaa tokkoof tajaajila barsiisuu kennee (hawaasa tajaajilee) akka eebbifamu ni ta'a» jechuun dubbataniiru.
Kunis yeroo ta'u baasiin bu'uuraa barattoota kanaa kan haguugamu akka ta'es ibsaniiru.
Hojimaanni kun barattootaaf ofii isaaniitiif muuxannoo akka ta'uufi caalaatti akka bilchaatan akka isaan taasisus dubbataniiru.
Barattoonni ogummaa barsiisummaa gonfatanii sanumaan gara ogummaa sanaatti akka deeman carraa uumuun yeroodhaafis ta'u fedhiin ogummaa kanaa gadi bu'aa kan dhufe gara ogummaa kanaatti kan seenu baay'ina barsiisaa dabaluuf akka gargaarus Ministeerichi ibsaniiru.
Dhiyootti gamaggama barsiisota irratti taasifameen hanqinni barsiisota 100,000 gahu akka jiru beekamu isaa kan dubbatan Piroofeesar Biraanuu Naggaan, hojimaanni kun hanqina barsiisotaa sadarkaa guddaa irra jiru hir'isuuf gahee ofii isaa akka bahu hubachiisaniiru.
Garaa garummaa fi hanqina namoota gara ogummaa barsiisummaatti seenanii sirreessuuf tooftaawwan qabaman keessaa tokko, barsiisonni sirna faayinaansii biyyattii keessatti gahee ofii isaanii akka qabaatan fi qaala'iinsa jireenyaa akka dandamatan taasisuuf «Baankii Barsiisotaa» hundeessuun karoora isaanii tokko ta'uu kaasaniiru.
Baankichi «Waggaa tokko keessatti gara hojiitti ni seena jennee eegna!» kan jedhan Ministeerichi, bara 2019 ammoo gara hojimaata Sarvisii Yuunivarsiitii Itoophiyaatti akka seenamu ibsaniiru.
Madda :- Gaazexaa Reporter
Odeeffannoo barnoota yeroo yeroon argachuuf channel keenya Telegram fi Page keenya Facebook Qubee Media join taasisaa!
1 Comments
Barattoonni law akkami ni hammata imaammatichi?
ReplyDeleteYoo ni hammata ta'e hojii akkamiidha hojjettu?