Subscribe To Our YouTube Channel

Dabra Zayit | Torbee Shanaffaa Tsoomii Guddaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Tulluu Ejersaa

Torbee Shanaffaa Tsoomii Guddaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos


Dabra Zayit ykn Tulluu Ejersaa



Darba Zayit ykn Tulluun Ejersaa Tulluu ykn bosona muka Ejersaatiin guutame jechuudha. «ደብር» jechuun jecha Gi'iziiti hiikni isaas tulluu jechuudha. «ዘይት» jechuun ammoo «Wayiraa» ykn «Ejersa» jechuudha. Walumaa galatti «ደብረ ዘይት» jechuun iddoo mukni Ejersaa baay'ina itti argamu, Tulluu mukni ejersaa itti baay'ate jechuudha.

Iyyerusaalem irraa gara Bahaatti Tulluu argamu Tulluu Ejersaa irraa gudduu dhaan sulula Qeedroon qofaatu argama. Qarqara isaa irraa iddoo biqiltuu Geete Semaanii jedhamutu argama. Guyyaa Kadhannaa Kamisaa galgala Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos iddoo itti qabame fi boodas iddoo Foon Qulqulluu haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam itti boqote yookin ammoo iddoon awwaala haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Tulluu kana qarqaratti ni argama. Beete Fagee fi Biitaaniyaa qarqara isaa fi karaa Bahaa tabba irratti argamu. Tulluun kun Kitaaba Qulqulluu irratti kan ibsame iddoo wantoonni garaa garaa itti raawwatamanidha. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos waa'ee dhufaatii isaa lammaffaa Tulluu kana irratti dubbateera. Maat. 24:3 Tulluu kana irraa gara Samiitti ol ba'eera. Tulluu kana irratti Gooftaan keenya guyyaa magaalaa fi baadiyyaatti barsiisaa oolee Iddoon itti bulu holqi Elewoon ni argama. Dhufaatii isaa lammaffaatiinis iddoo kanatti akka ibsamu raajiidhaan dubbatameera. (Luq. 24:50, Zakkaariyaas 14:3-5)

Walakkeessa Tsoomii Guddaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos irratti kan argamu ykn Torbeen Shanaffaan Tsoomii Guddaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos maqaa Tulluu kanaatiin moggaafameera. Guyyaa kana hayyuun Mana Kiristaanaa keenyaa Qulqulluun Yaareed dhufaatii lammaffaa waliin faaruu isaa barreesseera. Tulluu kana irratti «Innis Dabra Zayit taa'ee osoo jiruu, Duuka Bu'oonni isaa kophaa isaanii isatti siqanii :- 'nutti himi! kuni yoom ta'a? mallattoon dhufaatii kee fi dhuma Addunyaa maalidha?' jedhaniin» jedhamee akkuma barreeffame Duuka Bu'oota isaatiif dhufaatii isaa lammaffaa, dhuma Addunyaa fi ka'umsa warra du'anii barumsa kana hunda bal'inaan erga barsiise booda ayyaanichi ykn Sanbanni Shanaffaan Tsoomii Guddaa maqaa Tulluu kanaatiin moggaafameera. Maat. 24:3

Guyyaa tokko Duuka Bu'oonni waa'ee sirna gamoo Mana Qulqullummaa xiyyeeffannoo dhaan tokkoon tokkoon isaa ilaaluun ni ajaa'ibsiiftan. Ganama yeroo kadhannaa kadhannaa isaanii taasisanii yeroo xumurtan bareedina Mana Qulqullummaa Aduun ganamaa irra bu'e hubatanii ilaalanii ogeessi kam akka hojjete waliin haasa'aa jiranii Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis akka isaan waliin dinqisiifatu osoo eeganii inni garuu wanta isaan hin eegne ni dubbate. Manni Qulqullummaa sun akka diigamu, itti aansees erga du'e booda ka'ee akka ol ba'uu fi Addunyaa kana dabarsuuf lammaffaa akka dhufu iccitiiwwan gara fuulduraatti raawwataman akkasumas wanta Mana Qulqullummaa fi uummata irra gahu raajii itti hime. Wanti kunis boqonnaa waan isaan dhorkeef gara Dabra Zayititti erga ce'an booda bal'inaan akka isaaniif ibsu gaafatan. Kutaa kana keessatti akkuma ilaallu gaaffiin isaanii guyyaa isaa fi mallattoo isaatii, ykn «yoom?» fi «maal?» kan jedhudha. Diigamuun Mana Qulqullummaa yoom ta'a? Mallattoon dhuma Addunyaa fi dhufaatii keetiihoo maalidha? Gooftaan keenyas gaaffilee isaanii qofaa irratti hundaa'ee deebii bal'aa kenneefiira.

Yoom ta'a kan jedhaniif gaaffii jalqabaatiif «Waa'ee guyyaa sanaa fi sa'aatii sanaa Abbaa dhaan ala ergamoonni Samiis ta'e ijoolleen namaa hin beekan!» jechuun deebii gabaabaa yeroo kennu, waa'ee gaaffii lammaffaas isaan fudhachuuf itti cimus of eeggannoowwan, gorsa fi fakkeenyotaan isaan barsiiseera. Maat. 24:36

Mallattoowwan Dhufaatii Lammaffaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos 


1. Kiristoos Sobaa kan ta'aan ni ka'u «ሐሰተኞች ክርስቶሶች» 


Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos wanti inni dubbate keessaa yeroowwan fi biyyoota garaa garaatti namoonni hedduu ani Kiristoosidha jechuun sobaan akka ka'aan dubbateera. Jechi Gooftaa keenya kan hin jijjiiramnedha, kana dura namoonni hedduun «Ani Kiristoosidha» jechuun ka'aanii turan. Mul'ata Yohaannis irratti mataa bineensichaa jedhamee kan caqasame fi Qulqulluu Phaawuloosiin «Nama badii innis mucaa badiinsaa!» kan jedhame badii hedduu fi gidiraa kan geessisu abbaa mallattoo addaa 666 Kiristoos sobaa hamma ibsamutti daandii irratti Kiristoos sobaa hedduun ka'aaniiru. Dhufaatii Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos lammaffaatiin kan barbadaa'u Masi'iichi sobaa kan xumuraa fi waggaa sadii fi walakkaaf Mana Kiristaanaa kan waraanu, hojii raawwachiisaa fi raawwataa gidiraa isa guddaa ni ta'a. Hanga gooftaan keenya dhufutti akka hin dogoggorreef gooftaan keenya dursee «Baay'eewwan ani Kiristoosidha jechuun maqaa kootiin ni dhufu waan ta'eef, baay'eewwanis ni dogoggorsiisu ........ yeroo sanatti eenyuyyuu, Kiristoos as jira achi jira yoo isiniin jedhe hin amaniinaa!» jedhee kan nu akeekkachiise kanaafi. Mul. 13.

Biyya keenya Itoophiyaattis bara Atsee Libna Dingil «Ani Kiristoosidha» jechuun Masi'iin sobaa ka'ee akka ture Seenaan Mana Kiristaanaa ni hubachiisa. Masi'iichi sobaa kunis akkuma Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos Duuka Bu'oota 12, gargaartota 72 fi Qulqulloota Dubartoota 36 qabachuun Kiristoos akka ta'e dubbachuun yeroo socho'u mootichi waamsisanii «Ati eenyu?» yeroo jedhaniin qaanii tokko malee «Ani Kiristoosidha» jedheen. Mootichis «Kiristoos Dubroo Maariyaam irraa dhalatee, fannifamee Addunyaa fayyisee du'aa ka'ee ol ba'eera, Addunyaa dabarsuufis lammaffaa ni dhufa, ati garuu eenyu?» jedhaniin. Inni garuu «Eeyyeen sirriidha! kana dura mana Israa'eel irraa kan taate Dubroo Maariyaam irraa dhaladhee, barsiisee, fannifamee, du'ee, ka'ee, ol ba'een ture, amma ammoo gurraachonni warri Afriikaa akka na hin komanneef haadha koo Dubroo Mari'aat Wangeel irraa warra gurraachotaaf lammaffaan dhaladhe » jedheen. Mootichis «Seexanni namarra bulee akkamitti namatti taphata » jedhanii isa adaban, duuka bu'oonni isaas ni bittinna'aan. 

2. Waraana


Waraanni dur kan ture, bara ammaa kanatti baay'inaan kan mudate garuu yeroo kanatti biyyoota hedduu keessatti gaggeeffamaa jira. Waraanni yeroo durii dubartoota, jaarsolii humna hin qabne fi daa'imman dhumaatiif kan saaxilu ture. Yeroo ammaatti garuu waraanni enyuyyuu kan adda hin baafne, eenyufiyyuu kan garaa hin laafne dhiiga nama hundaayyuu kan dhangalaasu fi garmalee hamaa ta'eera. Kanas Gooftaan keenya mallattoo dhufaatii isaa lammaffaa kan gaafatan Duuka Bu'oota isaaf mallattoo lammaffaa taasisee itti himeera «Waraanas, oduu waraanaas ni dhageessu, kuni ta'uun dirqama waan ta'eef of eeggadhaa! hin rifatiinaa, dhumni isaa garuu ganaadha. Uummanni uummata irratti Mootummaanis Mootummaa irratti ni ka'a waan ta'eef» jechuun dubbateera. Maat. 24:6-7

3. Beela


Beelli namoota haala dhiphisaa keessa taatee galchu fi du'aaf saaxiludha. Waa'ee oduu beelaa biyya keenya Itoophiyaattis kan dhageenye fi kan argine ta'uu isaatiin kan humna qabu qarshii dhaan fi kan hin qabne ammoo kadhannaadhaan gargaaruuf yaalaniiru. Rakkoon uumamaa osoo nu hin mudatiin rakkoo namoonni fidaniif namoonni miiliyoona hedduutti lakka'aaman gargaarsa namoomaatiif ni saaxilamu. Kunis lolaan, hammeenyaan rakkoo namoonni fidaniin mallattoo dhufaatii lammaffaa gooftaa ta'ee Duuka Bu'oota Gooftaatti himameera. «Beelli iddoo garaa garaatti ni ka'a» akkuma jedhu. Maat. 24:7

4. Kirkira Lafaa


Kirkirri lafaa baroota darbanitti badiiwwan garaa garaa biyyoota garaa garaatti akka geessise kan dagatamu miti. Bara 1999 irraa kaasee hanga har'a tti biyyoota garaa garaatti lubbuu namoota hedduu kan fixe fi mana malee kan hambise kirkirri lafaa Heyitii, Taayiwaan, Turk fi biyyoota biroottis ka'eera. Kunis Duuka Bu'ootaaf deebii mallattoo dhuma Addunyaa kenname «Raafamni lafaas iddoowwan garaa garaatti ni ta'a» jedhamee gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin mallattoo dhuma Addunyaa ta'ee kan himame jechi isaa hin hafu waan ta'eef ammas ta'aa jira. Maat. 24:7

5. Gidiraa Kiristaanota irra gahu


Gidiraan Kiristaanota irra gahu waan jalqabaa jiru fakkaata. Seexanni qaamota garaa garaa fayyadamuun Kiristaanota irratti yeroo kamiyyuu caalaatti rakkoo uumuuf yeroo itti eegaledha. Awuroppaa tti gaaffiin Kiristaanotaa yeroo itti dafee hin deebineef ta'eera, gaaffii Mana Kiristaanaa keessummeessuufis dhaabbileen Mootummaa fedhii dhabaa fi yakka isaanii kanas dhoksuuf keeyyata seeraa uumaafii jiru. «Yeroo sanatti gidiraaf dabarsanii, isin ajjeesus, waa'ee maqaa kootiifis ormoota biratti kan jibbamtan ni taatu» jedhamee akkuma barreeffame amantaan cimanii dhaabbachuun akka duubatti hafummaatti, gantummaan akka qaroominaatti bara itti ilaalamu keessa akka jirru ifadha. Kuni ilaalcha yeroo xiqqaa keessatti babal'ateen Kiristaanota gara ofirraa fageessuutti, akka yakkamtootaatti ilaaluu kan taasisu kunis gochoota badaa hojjetaman keessaa muraasa. Maat. 24:9

6. Raajota Sobaa


Afuura Daabiloosiin hojii dinqii agarsiisaa, yoo isaaniif danda'ames warra filatamanis kan dogoggorsiisan «Raajotadha» kan ofiin jedhan baay'eewwan akka ka'aan gooftaan keenya mallattoo dhufaatii isaa taasisee dubbateera. Yeroo ammaa kanatti biyya keenya keessattis «Raajotadha» kan ofiin jedhan baay'een jiru.

Isaan kunis maqaa Raajicha Eliyaasiin akkasumas Raajicha Elsaayiin sobaa fi burjaajjessaa humna falfalaatiin sobdoonni dogoggorsiisan akka ka'aan mallattoo dhufaatii Gooftaa ta'ee himameera.«Raajonni sobaa hedduunis ni ka'u, baay'eewwan ni dogoggorsiisu, Masi'iin sobaa fi raajonni sobaa ni ka'u waan ta'eef, yoo isaaniif danda'ame warra filatamanis hanga dogoggorsiisuutti raajiiwwan dinqii gurguddoo ni taasisu. Egaa : kunoo gammoojjii keessa yoo isiniin jedhan hin ba'iinaa, mana keessa jira yoo isiniin jedhan hin amaniinaa!» akkuma jedhu. Maat. 24:11-26 egaa bara keenya kanattis biyya keenyattis ta'e Addunyaa biraatti maqaa raajii fi lallabaatiin sochii daldalaa fi badiin taasifamu hubachuun of eeggachuun barbaachisaadha 

7. Jaalalli Baduu


Inni kan biraa ammoo jaalalli qorruudha, jaalalli raawwii seeraati waan ta'eef ilmi namaa jaalala dhabuu hin qabu. Ammas «Namoota hedduu biraa jaalalli ni baddi» raajiin jedhamee dubbatame akka nurra hin geenyeef jaalalaan jiraachuu qabna. Maat. 24:12 jaalalli firii Afuura Qulqulluuti, jaalalli argamaa fi madda wanta gaarii hundaati, kanaafuu namoonni jaalalaan jiraachuu qabna.

8. Wangeelli Babal'achuu


Wangeelli Addunyaatti babal'achuun mallattoo dhuma Addunyaa Duuka Bu'ootatti himame keessaa isa tokkodha. Guyyaa murtootti Kiristoositti amanee fi amantii isaa hojii irra oolchee waa'ee jiraachuu yeroo gaafatamu «Hin dhageenye , hin argine, hin barre» kan jedhu cubbamtoota waliin itti murteeffama. «Ormootaafis ragaa akka ta'u Wangeelli Mootummaa kun guutummaa Addunyaatti ni lallabama, yeroo sanattis dhumni isaa ni dhufa» jedhamee akkuma dubbatame mana hundatti Wangeelli ni lallabama. Maat. 24:14

Kanaanis guyyaa dhufaatii lammaffaa gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoositti «Isin ijoollee abbaa kootii koottaa! Mootummaa isiiniif qophaa'e dhaalaa» akka jedhamnuuf sagalee isaa Qulqulluu dhageenyee, amannee, amanamnee hanga dhumaatti seera Waaqayyoon durfamnee hojii gaarii fi jireenya Qulqullummaan jiraachuu qabna. Maat. 25:34

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments