«Haakuugaay-Shaa ykn Bitaa» fi «Ridaa ykn Dursaa»
Seenessa ajaa'ibaa warra Jaappaan
Jaappaanonni warri baha fagoo seenaa ajaa'ibaa akkas jedhu isaanirra darbee Addunyaaf kan hafe ni qabu.
Jaarraa 17ffaa keessa dhukkuba ijaatiin kan rakkatu Go-Saay kan jedhamu Mootii Jaappaantu ture. Biyya Jaappaanitti hakiimota argaman hunda waamee dhukkuba isaatiif akka furmaata isaaf barbaadan taasisuyyuu isaan garuu isa fayyisuu hin dandeenye. Kooriyaatti, Chaayinaatti, Moongooliyaatti fi Raashiyaatti osoo hin hafiin namoota qoricha beekan bebbeekamoo ta'an waamee, qarshii fi aangoo isaan badhaasuufis waadaa isaaniif seenaa dhukkuba isaa irraa fayyuuf yaale, garuu hin danda'aamneef. Dhuma irrattis Moongooliyaa keessatti qarqara Hara Uvuus bira ganda ykn mandara Ulaangoom jedhamu keessa namni qoricha beeku kan baay'ee beekamaa ta'e akka jiru ni dhaga'ame. Mootichi Go-Saayis daldaltoota kaaraavaanii Oyiraat jedhamaniin nama kana barbaadanii akka isaaf fidan Warqee kennee isaan gaggeesse ykn isaan erge.
Ji'oota afur boodas daldaltoonni kaaraavaanii Oyiraat abbaa qorichaa sana Gaala gaggabaaboo fi rifeensa baay'atan biyya sanaatiin fe'anii isa fidan. Mootichi Go-Saayis abbaan qorichaa sun dhufuu isaa yeroo dhaga'u abdiin fayyuu isaa ni lalise.
Abbaan qorichaa warra Moongooliyaa kunis gara mana mootummaatti seenee Mootichaan wal argan. Mootichis dhukkuba ijaa isa rakkisu kana irraa namichi Moongooliyaa kun yoo isa fayyise wanta barbaade hunda akka isaaf kennu waadaa galeef. Abbaan qorichaa warra Moongooliyaa sunis qoricha dhukkuba Mootii sanaa fayyisuu danda'u akka qabu, garuu mootichi fayyuu kan danda'u waan tokko yoo guute qofaa akka ta'e itti hime. Mootichi Goo-Saayis wanta jedhame hunda guutuudhaaf waadaa gale. Abbaan qorichaa warra Moongooliyaa sunis «Hakugaay-Shaa (bitaa) yoo taate hin fayyitu, Ridaa (dursaa) yoo taate ni fayyita!» jedhee itti hime. Mootichi Goo-Saayis dubbiin abbaa qorichaa sanaa waan isa ajaa'ibeef garaa garummaa «Bitaa» fi «Dursaa» gidduu jiru isa gaafate. Abbaan qorichaa sunis «Bitaan alaqaa humnaa fi qabeenya isaa qofaa fayyadamudha, Dursaan garuu sammuu isaa fi dandeettii isaa alaqaa fayyadamudha» jedhee gabaabsee deebiseef. Mootichi Goo-Saayis dursaa ta'uu isaa mirkaneesseef abbaa qorichaa sanaaf.
Abbaan qorichaa warra Moongooliyaa sunis dhukkuba ijaatiif kan ta'uufi guyyaa guyyaadhaan qoricha dibamu mootichaaf erga kenne booda akkas jedhee isa ajaje «Hanga dhukkubichi sitti furutti, wanti ati ilaaltu hundi magariisa ta'uu qaba! bifa magariisaan ala kan argitu yoo ta'e dhukkubichi sitti cima!» jedhee isa akeekkachiise. Mootichi Goo-Saayis wanti kun salphaa ta'uu isaa abbaa qorichaa sanatti himee gargar bahan. Abbaan qorichaa warra Moongooliyaa sunis ji'oota sadi booda deebi'ee isa ilaaluuf waadaa galee daldaltoota kaaraavaanii Ooyiraatii jedhaman waliin gara biyya isaatti deebi'e.
Mootichi Goo-Saayis hojjettoota isaa hunda waame. Wanta abbaan qorichaa sun itti himes yaadachuun Mana Mootummaa isaa irraa eegalee meeshaalee jiran, keenyaawwan, mukkeen, tulluuwwan fi k.k.f hundi qalama magariisa akka dibaman ajaje. Jiraattonni magaalaa sanaas mana isaanii haalluu magariisa akka diban labsiin labsame, uffata magariisaan ala uffachuunis ni dhorkame. Bineensonnis bifa magariisa akka dibaman jedhame, labsiin kanaafis kan oolu warqee miiliyoonaan lakka'aamu baasii ta'e. Kooriyaa irraa, Chaayinaa irraa, Raashiyaa irraa fi Hindii irraas qalamni gara Jaappaanitti baay'inaan galuu jalqabe. Namaa fi bineensonni lafa irratti dhaabamanii kan biqilan hamma fakkaatanitti magariisa ta'an. Ji'oota sadi booda abbaan qorichaa warra Moongooliyaa sun bu'uura waadaa seeneetiin gara Jaappaanitti dhufe.
Dhukkubni ijaa Mooticha Goo-Saayis homaa jijjiirama hin finne. Biyyattiin garuu magariisummaa uffatteerti, magariisa taateerti. Abbaan qorichaa warra Moongooliyaa sunis guyyaa itti Jaappaan seenee kaasee osoo adda hin kutiin ni kolfa ture. Dhuma irrattis gara Mana Mootummaatti yeroo dhiyaatu uffanni mootichaa haalluu magariisa yeroo dibaman dhaqqabe. Wanta kana yeroo argus inumaayyuu kolfa isaa to'achuu dhadhabe. Mootichis haalli abbaa qorichaa kun bitaa isatti gale. Mootichis maalif akkasitti akka kolfu abbaa qorichaa sana gaafate, dhukkubichis akka isatti hin furre ibseef.
Abbaan qorichaa warra Moongooliyaa sunis kan isa kolfisiisu gowwummaa Mootichaa ta'uu itti hime. Dhukkubicha irraa kan hin fayyine garuu Bitaa malee Dursaa ta'uu dhiisuu isaatiin ta'uu isatti hime. Mootichis bitaa ta'uu isaa fi gowwummaa isaa ibse akka itti himu abbaa qorichaa sana gaafate. Abbaan qorichaa sunis «Ati wanta hunda aangoo fi qarshii keetiin qofaa yaadda! kuni ammoo mallattoo addaa ykn amala «Hakuugaay-Shaa ykn Bitaati». Wanta hunda humnaa fi qarshii isaatiin raawwachuu akka danda'u yaada. Eeyyeen tarii wanti ati argitu ykn ilaaltu hundi magariisa ta'uu akka qabu sitti himeen ture. Atis tajaajiltoota kee uummata dhiphisaa biyya hunda haalluu magariisa dibuuf yaalte. Ofii haala kee kanaan yoo baay'ate magaalaa kana caalaa darbuu dandeessaa? Addunyaa hunda hoo magariisa dibdee dandeessaa? Samii, Aduu, Addeessa, Urjiiwwan, Tulluuwwan gurguddoo fa'a hoo maal goota? wanta hunda caala ammoo Ibidda maal gochuufi? argitee «Haakuugaay-Shaa» rakkoon isaa guddaan wanta hunda humnaa fi qarshiidhaan nan to'adha jedhee yaaduu isaati. Wantoota kanas iddoowwan ykn wantoota muraasa irratti hojii irra oolchuu yoo danda'u, Bitaan kanaan ni gowwooma, yeroo murta'aaf isaaf ni milka'a, sunis bitummaa kee caalmaatti ni dabala. Turaa yeroo deemtu garuu humna kee fi qarshii keetiin humni ykn qaamni ati irra hin geenye akka jiru ni beekta. Kanneen akka Aduu, Addeessa fi Ibidda fa'a.
Sammuu osoo qabaattee turtee «Ridaa» ykn «Dursaa» taata ture. Ridaa ykn dursaa osoo taatee ammoo rakkoo furuuf humnaa fi qabeenya kee fayyadamuuf fiiguu keetiin dura sammuu kee fayyadamta ture. Iji kee haalluu ykn bifa magariisa qofaa akka ilaalu yoo barbaadde dubbichi baay'ee salphaa ture. Yeroo sana ani yeroon si ajaju «Baay'ee salphaadha!» yeroo naan jettu ati dhuguma «Ridaa» ykn dursaa sammuu isaatti fayyadamudha jedhee yaadeen ture. Amma garuu dogoggoree akkan ture naaf gale.
«Karaa salphaan maalidha ture?» jedhe Mootichi Goo-Saayis haalichaan garmalee dinqamaa. «Karaa salphaan» jedhe abbaan qorichaa warra Moongooliyaa sun. «Karaan salphaan ykn daandiin salphaan wanta ati argitu hunda magariisa taasisee kan sitti agarsiisu «fuullee ijaa ykn kishaafa» ykn «Manatsirii» bittee ija kee irra kaawwachuudha. Manatsirii kana ija kee irra osoo kaawwatteerta ta'ee tajaajiltoota kee, lammiilee kee dhiphisuun, siif jedhamee lafa hunda ykn biyya magariisa dibsiisuun, uffata magariisa uffisuun fi biyyas balleessuun sirraa hin eegamu ture. «Haakuugaay-Shaa ykn Bitaa » waan taateefi malee «Dursaa ykn Ridaa» osoo taatee biyya kee fi uummata keetiif jettee ati ni dhiphatta malee ofii keetiif jettee biyya kee fi uummata kee hin dhiphistu ture.
«Haakuugaay-Shaa ykn Bitaa» waan taateefi malee «Dursaa ykn Ridaa» osoo taatee biyya kee magariisa taasisuuf yeroo yaaddu uummata kee amansiisuun sirraa eegama ture.
«Haakuugaay-Shaa ykn Bitaa» waan taateefi malee «Dursaa ykn Ridaa» osoo taatee yeroo sana ani «Wanta magariisa qofaa arguu qabda» jedhee yeroon si ajaje sana «Salphaadha!» hamma jettu «Akkam godhee?» jettee gaafachuu qabda ture. Bitaan bitamaa barbaada. Dursaan garuu gorsaa barbaada. Bitaan humna barbaada, dursaan garuu ogummaa barbaada. Bitaan wanti hundi salphaadha jedha. Dursaan garuu akkamitti salphaa akka ta'uu danda'u yaada, gaafata. Bitaan wanta isatti fakkaatee fi wanta yaade hunda raawwata. Furmaanni isaa dhufes, dhiises, rakkoon sun hiikames, dhiises, rakkoon biraa dhufes, dhiises homaa dhimma hin qabu. Dursaan garuu wanta taasisuu danda'u fi wanta isatti fakkaate hundaa hin raawwatu, wanta jijjiirama fidu malee. Yoo danda'eyyuu, humna yoo qabaateyyuu, aangoo yoo qabaateyyuu jijjiirama kan fidu ta'uu isaa hanga hin mirkaneeffannetti hin raawwatu. Ofii murtee kana yeroo murteessitu ogeessota ykn beektota biyya keetii mariisistee? osoo hin mariisiste ta'ee biyya kana hunda akkasitti magariisa hin taasistu ture. Kanaafuu ati akkamitti fayyitaree? of jijjiiruun osoo sirraa eegamuu Addunyaa jijjiiruuf kaate. Jijjiiruun kan sirraa eegamu wanta ati argitu osoo hin taane, karaa ati ittiin ilaaltu ture. Manatsirii magariisa osoo bitte ta'ee ati Addunyaa magariisa taasistee ilaalta (Addunyaan magariisa taatee sitti mul'atti). Kan biraa ammoo akka barbaadetti Gurraachas, Diimaas, Adiis, Keelloos taasisee ishee ilaala. Amma garuu ati magariisa waan barbaadduuf qofaa lammiileen kee hundi magariisa akka ilaalan, magariisa akka uffatan, magariisa akka nyaatan isaan taasiste. Uumaan «Kaamii» garaa gara taasisee uummata uume ati gosa tokko taasisuuf barbaadde. Sanuu siif jedhamee. Dursaan ykn «Ridaan» uummataafi. Bitaa ykn «Haakuugaay-Shaa» yeroo taatu garuu uummanni kan keeti, akka barbaadde isa taasista. Bitaadhaaf uummataa fi «Kiyaameeruu» ykn Gaalli tokkodha. Bitaadhaaf lamaan isaaniiyyuu akka barbaade taasisuun ni danda'aama. Bitaadhaaf lamaan isaaniiyyuu qabeenya dha, Bitaan waa'ee uummataa isatu beeka. Mataan ykn sammuun uumnataas isa irratti. Inni yaade jechuun uummanni yaade jechuudha, inni barbaade jechuun uummanni barbaade jechuudha.
Kanaafuu ati akkamitti fayyitaree? Warqee kee hin barbaadu, badhaasni kees mataa keetiif haa ta'u, kunoo fudhadhu Manatsirii ykn fuullee ijaa magariisa, yoo dandeesse wantoota ati balleessite kanneen sirreessi, kan dhabamsiistes deebisi. Yoo hin dandeenye ammoo badiin kan biraa osoo hin gahiin iddoo jirutti akka dhaabbatu taasisi. Ani garuu gara biyya koo Hara Uvuus, gara ganda Ulaangoomitti nan deema. Naannoo lafa caffa'aa sanattis gowwummaa kee kana yaadachaa kolfaa nan jiraadha. «Kook-Oh-Ruuh» ykn laphee ykn sammuu yoo argatte fi bitaa irraa baatee dursaa ta'uu yeroo jalqabdu na waami, yoon lubbuun jiraadhe nan dhufa. Yeroo sanatti dhukkuba kee irra sirriitti ykn guutummaatti akka fayyitu sin taasisa. Ammaaf garuu «Gan-Kii-Da» ykn «Nagaa ta'i! ofii kee eegi!».
Abbaan qorichaa warra Moongooliyaa sunis Jaappaan irraa kaasee hanga Moongooliyaatti, hanga lafa caffa'aa Uvuusitti iddoo gahe hundatti seenaa mootichaa kana seenessaa deeme. Sababa kanaanis seenaan kun Iraanii kaasee hanga Jaappaanitti afaanota garaa garaatiin ni seeneffama jedhama.
Isin hoo jireenya keessan keessatti «Haakuugaay-Shaa» moo «Ridaa» dha? «Manatsirii» magariisa bitattu moo biyya hunda qalama magariisa dibdu? barreeffama kana irraa waan barattaniifii yaada keessan comment irratti nuuf barreessaa!
0 Comments