Subscribe To Our YouTube Channel

Boqonnaa Abbaa keenya Abuna Gabra Manfas Qiddus

Boqonnaa Abbaa keenya Abuna Gabra Manfas Qiddus (Aabboo)


Bitootessa 5 Guyyaa Abbaa Gabra Manfas Qidduus itti boqotaniidha. Abbaan keenya Abuna Gabra Manfas Qidduus biyya Gibxii iddoo Nihiisa jedhamutti abbaa isaanii Simi'ooni fi Haadha isaanii Aqileesiyaa irraa Mudde 29 ajaa'iba Waaqayyoon dhalatan. Abbaa fi Haati isaanii erga wal fuudhanii booda ijoollee dhabanii waggaa 30 guutuu boo'ichaa fi gaddaan jiraataa turan. Waaqayyoos dhala akka isaaniif kennuuf jabeessanii kadhachaa turan.

Guyyaa tokko Aqileesiyaan gara Mana Kiristaanaa dhaqxee Fakkii Sillaasee dura dhaabbatte maaloo yaa Waaqayyoo ilma si gammachiisu, kan Abboommii kee eeguu fi qulqullina jaallatu naaf kenni jettee kadhatte. Yeroo sanas Fakkicha irraa sagaleen «Ilma maqaan isaa guddaa, qulqullinni isaa akka ergamoota Qulqulluu Mikaa'eelii fi Qulqulluu Gabri'eelii kan ta'e, lubummaan isaas akka Malkatsadiq kan ta'e, akka Yohaannis cuuphaa fi akka raaji Eliyaas kan ta'e ni deessa jedheen.» Akkuma Waaqayyo waadaa isheef seenetti Aqileesiyaan Muddee 29 ilma deesse.

Maqaan daa'ima dhalatees Ergamaa Waaqayyo Qulqulluu Gabri'eeliin mogga'e. Maqaan isaas Garbicha ykn tajaajilaa Hafuura Qulqulluu ykn «Gabra Manfas Qiddus» jedhamee mogga'e. Wanti dinqii ta'ee immoo guyyuma dhalateetti Abbaaf galanni haa ta'u, Ilmaaf galanni haa ta'u, Afuura Qulqulluufis galanni haa ta'u! jedhanii yeroo sadii sagadan. Ammas dukkana keessa gara ifaatti kan nu fidde galanni siif haa ta'u jedhan. Guyyaa dhalatan irraa eegalanii haati isaanii hin haammanne, harmas hin hoosifne. Yeroo kana dinqii ta'e irraa kan ka'e haati isaanii fi warri achi jiran hundi baayee dinqisiifatan.

Waggaa sadii (3) erga guutan booda ergamaan Qulqulluun Gabri'ee Waaqayyon ajajamee daa'imicha harka haadha irraa fuudhee gara kawaalaa (Gadaamiitti) geesse. Hogganaa gadaamichaanis waan daa'imni kun nyaatuu fi dhuguufis hin yaadda'ina inni sagalee Waaqayyo qofaan jiraata jedhee itti hime. Ergamaa Qulqulluun Gabri'eelis gara samiitti ol fudhatee iddoo baay'ee daawwachiise. Kana boodas Diyaaqonii ta'ee akka Isxifaanoositti qulquullummaan Waaqayyoon tajaajilaa ture boodas immoo gonfoo (Askeema) kaawwatee ni monokkose erga aangoo lubummaa fudhatee sooma fi kadhannaa baay'isa ture.


Kana booda nama irraa addaan ba'ee kaawaala (gadaamii) keessa kophaa jiraachuu eegale. Akka duuka bu'ootaa dinqii fi kennaa fayyisuu ni keennameef. Nama seexanni irra bule seexana irraa baasa kan dhibame fayyisaa kadhaa isaatinis dhukkubsattoonni dhukkuba isaaniirraa ni fayyu turan. Ergamaa Gabri'eeliin gara samiitti ol fudhatee Gooftaa Iyyeesusiin erga eebbisiisee booda akkas jedheen. Kadhannaa keetiin lubbuun ati abiddaa keessa baastu baayyeedha namarra adda ba'ii jiraadhu. Kadhata keetiin kan ijaan hin agarree ni fayyu, kan qaamaan miidhaman dhaabbatanii, sirra'aanii ni deemu jedhen.

Waaqayyos leencaaf qeerrensa waliin akka jiraataniif Leenca 60 fi Qeerransa 60 ni kenneef. Kana booda bineensota kana maalan nyaachisa jedhanii gaafa gaafatan lafa ati dhaabbattu arraabanii jiraatu, ni quufus ittiin jedheen. Ergamoonnis waan kana gaafa dhaga'aan ni gammadan yeroo bakka isaa duriitti deebi'us mataa irraa eegalee hanga lukaatti rifeensi ni biqileef. Dheerinni rifeensa isaatis ciqilee tokkoof walakkaa ture.

Abuna Gabra Manfas Qiddus ykn Aabboon nafa isaaniitiinis jabaadhu Waaqayyoo duras qullaa kee dhaabbatta cimi jedhanii of jajjabeessu turan. Halkanis, guyyaas Waaqayyoon kadhachuu irraa hin hafu ture foon isaa hanga goguutti gogaan isaa hanga lafeetti maxxanuutti ni sagadu malee nyaata hin nyaatan ture. Ergamoonnis yeroo hunda ni jajjabeessu turan. Waaqayyo raajicha Ermiyaasiin osoo gadameessa haadha kee keessa jirtuun si filadhe akkuma jedhe Aabboonis akkuma raajichaa Waaqayyoon filataman.

Kadhannaa isaaniitiinis lubbuun namoota hedduu araara argataniiru. Gooftaanis waan ati na kadhatte siifan kenna, maqaa kee kan waamanii fi yaadannoo kee kan godhaniif dhiifama nan godhaaf jedhee waadaa seeneef. Aabboon yeroo waadaa Waaqayyo irraa argatetti nama waggaa 300 ta'ee ture. Waadaa sanaanis namoota baay'eetu abiddaa ba'e.

Abuna Gabra Manfas Qiddus gara biyya Itoophiyaa qeerransoota fi leencota isaa wajjin saragallaa qilleensaa irra taa'aniitu kan dhufan. Qulqulluun Gabri'eelis gara iddoo Midire Kabditti geesse. Sana boodas gara tulluu Ziqu'aalaa( Cuqqaalaa) isaan fidee, hora tulluu cuqqaalaa bira dhaabbatanii biyya keenya kallattii arfaniinuu eebbisan. Maqaa Aabboo jedhus Oromootuma naannoo sanaatu kenneef. Aabboonis hora sana keessa Waggaa 100f dhaabbatanii kadhatan yeroo kanatti lafeen isaaniis akka cabbii ta'ee mul'ate, foon isaaniis ni dhume, dhiigni isaaniis bishaaniin wal make.

Seexannis Kaabaa, Kibbaa dhufanii rakkisu, ni waraanus ture kana booda gooftaan gara isaa dhufee as keessaa ba'i namoota Itoophiyaatiif araarameera jedheen. Yemmuu waggaa 7f biyya «Midire Kebditti» dhaabbatanii kadhatanis Seexanni Arraagessa fakkaatee ija isaanii lamaanuu keessaa fudhate, isaan garuu kadhaa isaanii addaan hin kunne turan yeroo Seexanni kana godhu kadhannaadhaan hawwatamee (booji'ame) ture. Sana booda garuu Qulqulluu Mikaa'eelii fi Qulqulluu Gabri'eeliin dhufanii fuuldura isaa dhaabbatanii ija isaa irratti hafuura itti baafatan kanaanis iji isaanii deebi'eef. Yemmuu isaan gara tulluu Cuqqaalaatti deebi'anis Sillaaseen akka Abiraamitti mulatanitti Aabboottis muka tokko jala dhaabbatanii itti mulataniiru, Gooftanis gara tulluu Cuqqaalaatti deebi'itii Seexana waggaa 100f si qoraa turan sana dhabamsiisi ergamoota koo siifan erga ittiin jedheen, yeroo sana aboon bakakkaan rukutu waan kennameef ergamootaan seexana sana ittiin fixan.

Ajaa'iba Aabboon raawwatan keessaa yeroo Abuna Saamu'eel kan Waaldibbaa leenca tokko yaabbatanii leenca tokko irratti immoo kitaaba isaanii fe'anii isaan gaafachuu dhufnaan leencota Abuna Saamu'eel lenconni Aabboo jalaa nyaatan. Abbaan Saamu'el kana gaafa argan ni na'an maal yaa abbaa koo anoo eebba keessanin fudhachuu dhufe jedhanii gaddinaan, Aabboon immoo leencota isaaniitiin koottaa tufaa waan isiniif hin eyyamamne maaf nyaattani jedhaniin. Leenconni isaaniis dhaga'anii tole jedhanii tufan sana booda leencota nyaataman sana maqaa Gooftaa Iyyesuusiin ka'aa jedhanii yemmuu ajajan lenconni nyaataman sun ni ka'an. Ajaa'ibni kun ajaa'iba Aabboon hojjetan keessaa isa tokkoodha.

Walumaa galatti lakkoofsi umurii isaanii, Waggoota 300 biyya Misir keessa, Waggaa 262 biyya Itoophiyaa keessa waluma galatti waggaa 562 jiraatanii erga waadaa hedduu fudhatanii booda Bitootessa 5 haala nama ajaa'ibsiisuun boqotan. Waggaa keessattis guyyaan kun biyya keenya keessatti haala ho'aadhaan kabajama keessumatti immoo «Midire Kebdii» fi Tulluu Cuqqaalaatti ykn Shawwaa Bahaa keessatti Onkolooleessa 5 haala wal fakkaatuun ni kabajama.

Kadhannaa qulqullichaatiin Waaqayyo nutti haa araaramu!

Sugni abbaa keenyaa nurra haa bulu!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Madda :- Galmee Seenaa

Post a Comment

0 Comments