Sirna Uumamaa
Kutaa 5ffaa
Uumama Guyyaa Jahaffaa (Jimaataa)
«Ammas Waaqayyo lafti waan lubbuu qabaattee jiraattu akka qomoo qomoo isaatti, horii qe'ee wanta munyuuqu bineensa lafaas akka qomoo qomoo isaatti haa baasu» jedhe. Innis akkasuma ni ta'e" (Uma 1:24).
Uumama guyyaa Kamisaa fi uumama guyyaa Jimaataa akkamitti adda baafna kan jedhuuf; kan guyyaa Kamisaa bishaan keessa malee lafarra hin jiraatan, kan guyyaa Jimaataa immoo lafarra malee bishaan keessa hin jiraatan jechuudha.
Guyyaa kana immoo Waaqayyo iccitii du'aa ka'uu namootaa nuuf ibsuuf barbaadeti malee hunduma guyyaa Kamisa uumee (hojjetee) xumuruu ni danda'a ture. Kunis warra lapheen lafarra harkifamaniin, warra lukaan deeman, warra balali'anin, wal fakkaata. Kunis akka fakkenya faaggaa (malakatiin) yeroo
sadi afuufamuutti jechuu dha. Hanga kanatti uumama 21 ta’u. Kana booda immoo guyyaa Jimaata uumama ilma namaa, uumama Addaam dubbanna.
Kana booda Waaqayyo «Koottaa akka bifa keenyaa fi fakkeenya keenyaan nama ni uumna, jedhe.» (Uma.1:26). Kanaanis iccitii Sillaasee (Sadummaa) hubanna. «Koottaa ni uumna» jechuudhaan.
Hiikkaan «Addam» jedhu kun maal jechaadha kan jedhuuf ammoo kan «Baayyee folollee ta'ee kan hin dheeranne, kan hin gabaabbanne, bifa qabeessa bareedaa» jechuudha.
«Nama» jedheen. Namni amaluumaa foonumma afurii fi amaluumaa lubbummaa, tokko kan waan sadi of keessatti qabate irraa hojjetame. Amaluumaa foonummmaa kan jedhamanis bishaan, ibidda, qilleensa fi biyyee yoo ta'an, amalummaan lubbummaa kan of keessatti qabate amaluummawwan sadan ammoo Kan dubbatu (nabaabiit), kan yaadu (qalbeeffachuu) fi kan bara baraaf jiraattu (jiraattummaa) ta'uusaa kan ibsudha dha.
Waaqayyoo uumama 21 erga uume booda maaliif Addaam uume yoo jenne waan isa jaalatefidha. Dursee wantoota bu'uura jireenyaa ta'an nyaataa-dhugaatii, bakka jireenyaa fi uffata isaaf barbaachisu hunda uumeef. Akka abbaa gaarii tokkootti jechuudha. Abbaan gaariin akka ilma isaatiif dura waan gaarii qopheessu jechuu dha. Gama biraatiinis Gooftaan erga uumaama 21 uume booda maaliif Addaamiin uume yoo jennee, abboommi kurnan, icciti shanan, aboommii wangeelaa jahan kun bakka tokkotti 21 ta'u, kana hunda kabaji jechuu
isaati.
Uumama warra biroo dugdaan gadi jechisiisee (gonbisee) Addaamiin ammoo ol dhaabee uume. Kuni maaliif yoo jennee Addaamiin «Isin bitaa malee uumamaan hin bitaminaa» jechuuf barbaadeti. Kan biroos immoo bineensonni biroo
du'aan tortortanii ni hafu; Addaam garuu du'aa akkuma gooftaa ni ka'a; bara baraaf jiraata jechuu kana ibsuuf barbaadeeti. Deebisees immoo Addaam kan taa'uu fi kan ka'u godhee uume yoo jennu maaliif kan jedhuuf, taa'uu isaatiin
nama biyya lafaa kana, ka'uu isaatiin immoo nama biyya samiiraati jechuu ibsa. «Waaqayyo guyyaa 7 dura hojii hojjechaa ture ni raawwate, guyyaa torbaffaattis Waaqayyo waan hojjecha ture hundumaattis ni boqate.» Uma. 2:2) . Ni boqote yoo jedhu garuu Waaqayyo dhadhabeeti jechuu osoo hin taane, uumuu dhiise jechuu barbaadeeti.
Egaa hanga kanatti uumamni 22 ta'u. Addaamin dabalatee jechuudha. Maal fa'i bakka tokkotti yoo jenne: bishaan, ibidda,
qilleensa, lafa, samiiwwan, ifa, dukkana, ergamoota, hawaa (bishaan bakka saditti qoodame dabalatee), biqiltoota, biqiltoota
sanyii, fuduraalee (kuduraalee), addeessa, aduu, urjiiwwan, bineensota lapheen harkifaman, bineensota lukaan deeman, kanneen balali'an kan Kamisaa, kan bishaan keessatti argaman (kan guyyaa kamisaa) (bineensota lapheen harkifaman, bineensota lukaan deeman, bineensota balali'an kan lafa gogaarraa argaman kan guyyaa Jimaataa) fi Addaam ta'u.
Ergasii Waaqayyo Gooftaan «Namni kophaa isaa ta'uun gaarii miti kan isa gargaartu ni uumnaaf» jedhe Uma. 2:28. Addaam uumamee guyyaa saddeettaffaattii Hewaan ammoo ni uumamte. Yemmuus Addamitti hiribni cimaan ni dhufe, lafee cinaachaa isaa iraa fuudhee foon itti uffisee Hewaan nama
waggaa 15 godhee ni uume. Maqaa ishees Heewaan jedhe; maalif yoo jenne Hewaan jechuun haadha jiraattota hunda jechuudha. Addaamis yeroo hirribaa dammaqu dubartii of cinaatti arge. Kanaan boodas «Lafeen ishee lafee koo keessaa, foon ishees foon koo irraa argame, isheen kun nama irraa waan argamteef 'Dubartii' jedhamtee haa waamamtu» jedhe.
Kanaafis «Dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa, haadha
manaa isaattis ni maxxana, isaan foon tokko ni ta'u» akkuma
jedhame (Uma.2:24). Addaam uumamee guyyaa 40 tti Hewaan
uumamtee guyyaa 80 tti gara Jannata Edenitti galan.
Itti fufa!
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
Madda :- Kitaaba Bu'uuraawwan Amantaa (Waldaa Duuka Bu'ootaa)
Karaa Channel Telegram Ortodoksii Tawaahidoo kan dhiyaate
0 Comments