Subscribe To Our YouTube Channel

Bu'aa Qormaata Bahumsaa fi Rakkoowwan mudatan fi haala Walii Galaa Qormaata Exit Exam | Ministeera Barnootaa

Gadhiifamuu Bu'aa Qormaata Bahumsaa fi Rakkoowwan Naamusaa mudatan


Waa'ee bu'aa qormaata bahumsaa Ji'a Amajjii bara 2017, waa'ee qormaata fi bu'aa isaa akkasumas rakkoowwan mudatan Ministeerri Barnootaa maal jedhe?


«Naamusa waliin wal qabatee barattoonni 540 adda baafamaniiru. Qabxii isaanii ammaa kana irraa hanga haquutti, kan itti aanus irra deebiin qoromuu hanga dhorkuutti fi kanneen balleessaan isaanii cimaa ta'e ammoo hanga dhumaatti yeroon isaan itti hin qoromne jiraachuu danda'a.» Ministeera Barnootaa.

Qormaata bahumsaa ykn Exit Exam sadarkaa biyyaalessaatti kenname kan Ji'a Amajjii bara 2017 bu'aan isaa Yuunivarsiitiiwwaniif kan ergame yoo ta'u, barattoonnis Gurraandhala 7 bara 2017 irraa kaasuun karaa Yuunivarsiitiiwwan isaanii ilaallachuu akka danda'an ibsamuun isaa ni yaadatama.

Yeroo qormaataa kanattis liinkiin barattoonni qabxii isaanii ittiin ilaallatan kan gaafatame yoo ta'u, «Yuunivarsiitiiwwaniif ergameer» jedhamuu isaatiin karaan addaa ittiin ilaaluun danda'aamu yoo jiraate ni ibsama jedhaniiru.

Kanaanis, liinkiin qabxiin ittiin ilaalamu kami? gaaffii jedhuuf hojjetaan Ministeera Barnootaa tokko «Liinkiin qabxiin ittiin ilaalamu Yuunivarsiitiiwwaniif ergameera. Yuunivarsiitiiwwan muraasaan ala hundumtuu ilaaluu akka danda'an itti himameera.» jedhaniiru.

«Liinkichi, yeroo darbe online supporting page dhaaf kan itti fayyadamnu ture, page sana irratti gadhiifameera. Isaan ni beeku, kana dura liinkii gadhiifamedha, Liinkii qormaata bahumsaa ykn Exit Exam dhaaf ittiin galma'aan irratti qabxii isaanii ilaaluu ni danda'u» jechuun hubachiisaniiru.

Barattoonni meeqa akka darbaniifi barattoonni meeqa qabxiin akka hin dhufneef gaafatamee hanga ammaatti kan hin beekamne ta'uu ibsuun «Qaaccessi Dastaa kanaa hin hojjetamne, Yuunivarsiitiiwwan tokko tokko gaafa guyyaa Gurraandhala 8 bara 2017 jechuunis Sanbata dhufu waan eebbisiisaniif isaanii mf jedhameetu ariitiin kan gadhiifame» jedhaniiru.

Gama biraatiin ammoo, Yuunivarsiitiwwan rakkoon naamusaa irratti mul'ate irratti bu'aan qormaata bahumsaa ykn Exit Exam kan hin gadhiifamne ta'uus ibsaniiru.

«Rakkoon naamusaa ykn Diisippiliinii cimee kan itti mul'ate Yuunivarsiitiiwwan tokko tokkoof qabxiin hin ergamne, Yuunivarsiitiiwwan Jaha (6) ta'an. Isaan kanaan ala hundaafuu ergameera. Kanaafuu qaaccessi ykn analysis daataa barattootaa kan Yuunivarsiitiiwwan jahan kanaa yeroo dhumu wal faana hojjetama » jechuun himaniiru.

Kanaafuu bu'aan qormaata bahumsaa Yuunivarsiitiiwwan filatamaniif ergame jechuudhaa? gaaffii jedhuuf ammoo «Yuunivarsiitiiwwan jahan malaammaltummaan fi hanni qormaataa baay'inaan itti mudateen ala Yuunivarsiitiiwwan hundaaf ergameera» jechuun deebiin kennameera.

Yeroo qormaataatti rakkoo mudatee ture moo nagaadhaan xumurame? gaaffii jedhuuf ammoo qormaanni bahumsaa ykn Exit Exam kan Ji'a Amajjii keessa kenname kun nagaadhaan xumuramuu isaa fi rakkoo cimaan kan hin mudanne ta'uu isaa ibsaniiru.

Itti dabaluunis «Rakkoowwan naamusaa baramoo ta'aanidha kan turan, hanna barattootaa waliin wal qabatee wantoota hin eeyyamamne kanneen akka bilbila harkaa fi meeshaalee Electronics tokko tokko fayyadamuuf yaaluun, tokko tokko ammoo barattoonni kana dura qoroman seenanii akka qoromaniif yaalii taasisuun fa'a kan mudatedha malee rakkoo cimaan hin turre» jedhaniiru itti dabaluun.

Rakkoo naamusaa waliin wal qabatee barattoota meeqatu argame? gaaffii jedhuuf deebii yeroo kennan «Naamusa waliin wal qabatee hanga ammaatti barattoonni 540 ta'aan adda baafamaniiru. Marsaa kanaan qabxii isaanii hanga haquutti, marsaa itti aanu hanga qoromuu dhorkuutti fi rakkoo guddaa kan uuman ammoo hanga dhumaatti yeroon isaan itti hin qoromne jiraachuu danda'a» jedhaniiru.

«Garuu hanga ammaatti hin murtoofne. Yeroodhaaf garuu qabxiin isaanii akka haqamudha barattoonni 540 kan adda baafaman. Lakkoofsi kun kanaa ol ta'uu danda'a, yeroodhaaf garuu barattoonni 540 ta'aan adda baafamaniiru» jechuun itti dabalanii ibsaniiru.

Gara fuulduraatti barattoonni meeqa akka darban fi hin darbine hordofnee kan isin biraan geenyu ta'a. Channel keenya Telegram join taasisaa.

Madda TIKVAH ETHIOPIA.

Post a Comment

0 Comments