Komii Barattoota Dhaabbilee Barnoota olaanoo Dhuunfaa Gadhhifamuu Bu'aa Qormaata Bahumsaa irratti
Barattoonni Yuunivarsiitiiwwan dhuunfaa garaa garaa bu’aan qormaata bahumsaa ykn Exit Exam isaanii hanga ammaa akka hin gadhiifamne ykn akka isaaniif hin ergamne ibsaa jiru.
Gama kanaanis Ministeerri Barnootaa gaaffii akkasii yeroo ka'eefitti ibsa armaan gadii guyyaa kaleessaa Tikvah Ethiopia tiif kenneera;
«Dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa kaffaltii isaanii kaffalaniif Bu'aan qormaata bahumsaa har'a gadhiifameera.»
«Dhaabbileen barnoota olaanoo dhuunfaa qormaata bahumsaa walakkeessaa kan Amajjii bara 2017 barattoota isaanii fudhataniif qabxiin isaanii osoo hin gadhiifamiin turuun isaa ni yaadatama,
Yeroo jalqabaatiif qormaata bahumsaa kan fudhatan barattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa kaffaltii isaanii osoo hin kaffaliin turuu isaaniitiin qabxiin isaanii osoo hin gadhiifamiin tureera.»
Dhaabbileen kunneen kaffaltii isaanii raawwachuu isaaniitiin har'a bu'aa qormaata bahumsaa isaaniif gadhiifamuu isaa ibsameera.»
Ministeerri Barnootaa bu'aan qormaata bahumsaa walakkeessaa kan Amajjii bara 2017 xumuramee Yuunivarsiitiiwwaniif akka ergame ibseera, garuu Yuunivarsiitiiwwan hundaaf miti. Akkasumas dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaatiifis Yuunivarsiitiwwan Mootummaa booda ergeefiira, hanga ammaattis dhaabbileen barnoota olaanoo dhuunfaa qabxiin qormaata bahumsaa isaan bira hin geenye ni jiru.
Kunis barattoota dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa ykn Yuunivarsiitiiwwan akkasumas Koolleejjiiwwan dhuunfaa fi maatii isaanii keessa yaaddoo fi dhiphina uumeera.
Barattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa akka lammaffaatti ilaalamuu?
Barattoonni dhuunfaa sababa dhaabbata barnoota isaanii dhuunfaatti barataniif ilaalcha lammaffaa fi kabajaa dhabuun isaanii yeroo dheeraaf waan mul’atudha. Yuunivarsiitiiwwan dhuunfaa biyya keessa jiran beekamtii guutuu Ministeera barnootaa irraa argachuun seera qabeessa ta’aanii hojii baruufi barsiisuu hojjatu, barattoonni isaanii garuu mirga barattoota mootummaa waliin wal qixa ta’e argachuu hin qaban jedhu.
Bu'aan qormaata bahumsaa dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa gadhiifamuu dhiisuu waliin wal qabatee barattoonni fi maatiin barattoota dhaabbilee barnoota olaanoo gaaffiilee garaa garaa qaama dhimmi ilaallatuuf kaasaa jiru;
🔹 Qormaata yeroo tokkotti fudhatanii bu’aan maaliif gar gar dhiyaata?
🔹 Mirgi barattoota dhuunfaa maaf dhiitama?
🔹 Ministeerri Barnootaa maaliif adda isaan baasa?
🔹 Maalif barattoonni dhuunfaa yeroo hunda kabaja dhabu?
«Barataan dhuunfaa nama lammaffaa miti! Akka barattoota mootummaa mirga guutuu qaba.» jechuun barattoonni fi maatiin isaanii ibsaa jiru.
Barattoonni Dhuunfaa Itoophiyaa keessatti haqa hin qabanii?
Barattoota dhuunfaa yeroo hunda tuffachuu fi gadi xiqqeessuutu mul’ataa dhufaa jira. «Barataan dhuunfaa qarshii kafaleetu barate malee, barumsi isaa salphaa miti. Innis akka barattoota biroo dhiibbaa qormaataa, qo’annoo, fi jireenya keessa darbuun qormaata fudhata.» jedhu. Haa ta’u malee, yeroo hunda ilaalcha lammaffaa argachuun haqa irraa fagaata.
Barattoonni mootummaa fi dhuunfaa qormaata tokkichatti hirmaatanii turan. Garuu bu’aan barattoota mootummaa hatattamaan ifa ba’ee, kan dhuunfaa garuu lafarra harkifamuun haqa hin qabu jedhu barattoonni.
Ministeerri Barnootaa maal jedhe?
Ministeerri Barnootaa dhimma kana irratti ibsa guutuu kennuu hin dandeenye. Haa ta’u malee, odeeffannoo Ministeerri Barnootaa TIKVAH ETHIOPIA tiif kenneen qabxiin qormaata bahumsaa barattoota Yuunivarsiitiwwan dhuunfaa kaffaltii barbaachisu raawwatanii akka gadhiifame ibseera.
Barattoonni maal gaafachaa jiru?
✓ Bu’aan qormaata bahumsaa hatattamaan nuuf haa lakkifamu!
✓ Barataan dhuunfaa kabaja haa argatu!
✓ Mirgi barattoota dhuunfaa akka mootummaa kabajamuu qaba!
✓ Dhalli namaa hunduu ija takkaan haa ilaalamu!
Barattoonni dhuunfaa gaaffii haqa qabu dhiyeeffachaa jiru. Mirga barattoota dhuunfaa kabachiisuun mirga barattoota hundaa kabachiisuudha!
Madda Abdii Sabaa fi TIKVAH ETHIOPIA
1 Comments
Keenya sagaleen bara technology kanatu ukkamse
ReplyDelete