Subscribe To Our YouTube Channel

Dargaggeessa Bosona Amaazoon keessaa gara Biraaziil Magaalaatti Bahee fi wantoota isa mudatan

Bosona Amaazoon keessaa tasa gara Biraazil magaalaatti nama bahe


Biraazilitti jireenya isaanii bosona keessa kan taasifatan Gosoonni hedduun jiru.


Akka tasaa gara magaalaatti qullaa isaa kan seene dargaggeessi haaraan kun jiraattoota waliin afaaniin walii galuuf yeroo rakkatu mul'ateera.

Bosona guddicha Addunyaa keenyaa Amaazoon keessaa tasa gara magaalaa biyya Biraazil keessatti argamtuutti bahe namni kun.

Biyya Laatiin Ameerikaatti argamtu Biraazilitti Gosoonni haaraa ta'aan 400 ol akka jiran ni amanama. Biyyattii keessatti walumaa galatti naannoo namoota Miiliyoona 216 ol kan ta'aan ni jiraatu.

Uummata biyyattii walii galaa keessaa namoota Miiliyoona 30 kan ta'aan jireenya isaanii bosona keessa kan taasifatanidha kan jedhame yoo ta'u, gidduu kana jiraataa Gosoota kanaa keessaa tokko kan ta'e dargaggeessi tokko ofii isaa magaalaa qarqaratti argeera.

Mukkeen muramaa lama qabatee qullaa isaa kan mul'ate dargaggeessi kun ibidda barbaadee gara magaalaatti dhufuun isaa akka hin oolle jiraattonni magaalittii tilmaamaniiru, akkasumas isa gargaaruuf yeroo yaalan viidiyoon agarsiisu marsaalee hawaasummaa garaa garaa irratti kan gadhiifame yoo ta'u xiyyeeffannoo guddaa argateera.

Meeshaa boba'aa ibidda ittiin qabsiisan ykn Laayitarii akkamitti fayyadamuu akka qabu dargaggeessa kanatti yeroo agarsiisanii fi innis haalli itti fayyadama isaa yeroo isa rakkisu mul'ateera.

Baay'ee osoo hin turiin jireenya isaanii bosona keessatti lammiileen taasifataniif nageenya isaanii fi aadaa isaanii eeguuf dhaabbilee dhuunfaa hunda'aan keessaa tokko kan ta'e gara firoota isaatti akka deebi'uuf isa gargaareera jedhameera.

Kanaan dabalataattis dargaggeessi kun jiraattota magaalaa waliin yeroo wal argetti fi bosona keessatti yeroo deemsa irra turetti dhukkubaaf akka hin qabamne beekuuf yaallu fayyaa taasifamee ture jedhame.

Miseensa Gosa Beelaaroozaatu kan jedhame dargageessi kun iddo Gosti isaa itti jiraatu jedhamu laga Puuruus qarqaraan gara magaalaatti bahe jedhameera.

Jireenya isaanii bosona keessatti kan taasifatan Gosoonni Biraazil balaan badiinsaaf waan saaxilamaa jiraniif iddoo jiranitti gargaarsi isaaniif taasifamaa jira.

Salphaatti dhukkubaaf saaxilamu kan jedhaman Gosoonni kunneen Gosoota biroo fi hawaasa naannoo sanaa waliin akka walitti hin makamneef eegumsi addaa isaaniif taasifamaa jira.

Madda :- Al Ain Amharic

Post a Comment

0 Comments