Subscribe To Our YouTube Channel

Dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos | Kutaa 1ffaa

Dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos 


Kutaa 1ffaa


Barreeffama dheeraa kana keessatti waa'ee dhaloota Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos kutaalee lamaan qoodnee kan ilaallu ta'a, isinis kutaa lamaanuu dubbisaa hiriyoota keessaniif qoodaa!


«Gannaa» ykn dhalachuu Gooftaa, qorichaa fi Waaqa keenya Iyyesuus Kiristoos jedhama. Bara Qulqulluu Yohaannis guyyaan yaadannoo dhaloota Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Mudde 28 irra oola. Sababni isaas, bara Qulqulluu Luqaas irraa gara bara Qulqulluu Yohannisitti yeroo ce'u Qaammeen ja'a (6) waan ta'uuf.


Gooftaan Nama ta'ee dhalachuun isaa maalif barbaachise? Dhalachuu isaatiin maal fayyadamne? Yeroo dhalatu ajaa'ibni raawwatame maali? gaaffilee kanneenii fi kanneen biroo armaan gaditti bal'inaan haa ilaallu



Iccitii Foon uffachuu Waaqayyoo


Icciitii Foon uffachuu jechuun iccitii Waaqni nama ta'e, namni ammoo Waaqa itti ta'e jechuudha. Kunis Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Samii irraa gadi bu'ee Waaqni Abiddi, Waaqni Afuurri hin argamnee fi hin qabamne Dubroo Maariyaam irraa foon ishee irraa foon, dhiiga ishee irraa dhiiga, lubbuu ishee irraa lubbuu fudhachuudhaan nama ta'ee dhalachuu isaa kan ibsu dha.

Waa'ee isaa kana ilaalchisee Waaqayyo duraan dursee raajota irra bulee raajii dubbateera. Isaay. 7:14 «Kunoo Durbi durbumman ni ulfoofti, ilmas ni deessi, maqaa isaas Amaanu'eel jettee ni moggaafti, Amaanu'eel jechuunis 'Waaqayyo nu waliin jira' jechuudha». Osoo Amaanu'eel isa dhalate waa'ee isaa hin ilaaliin fuuldura waa'ee foon uffachuu Waaqayyoo (Waa'ee Dubroo ishee Amaanu'eeliin deessee baruun) dursinee barachuun barbaachisaadha. Seenaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kanas kan beekuu ykn barachuu dandeenyu Kitaaba «Negere Maariyaam» ykn «Dubbii Maariyaam» jedhu irraati.


Seenaa Gabaabaa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam 


Raajichi Isaayyaas 1:-9 irratti «Utuu Waaqayyo sanyii gaarii nuuf hambisuudhaa baatee akka warra Sadoomii fi Gamooraa taanee badna turre» jedha. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos sanyii gaarii kan taate giiftii keenya Dubroo Maariyaam akaakayyuu torba (7) irraa kaasee filate. Isaan jalqaba biyya lyyerusaalem keessa kan jiraatan warra Waaqayyootti amanan kan ta'an abbaa manaa fi haadha manaa Pheexiriqaa fi Teekitaa kan jedhaman irraa kaasee filate. Isaan kun lamaan qabeenyaa hundumaa qabu garuu dhala hin qaban turan.

Gaaf tokko haadha manaa isaa Teekitaan Waaqayyo akka dhala isheef kennuuf kadhatte. Waaqayyos mul'ataan gadameessa ishee keessaa Raadi Adii qulqulluun baate raada adii qulqulluu dhaltee, hanga torbaatti akkasuma ta'e. Isheen torbaffaan immoo baatii (ji'a) dhalte. Ji'i immoo Aduu (Biiftuu) dhalte mul'ataan agartee abbaa manaa isheetti himte, Abbaan manaa ishee immo akka Yooseef (Uma.40:-1), akka Daani'eel (Dan 2:-14) abjuu hiikuu ykn mul'ata hiikuu kan danda'an bira deemee gaafate. Namichi abjuu hiiku kunis «Waaqayyo arjummaa isaan isin daawwateera. Raaddeen adii torban sun ijoollee durbaa Qulqulluu ta'an torba argattu. Isheen torbaffaan baatii deesse immoo uumama namaa keessaa adda kan taate, hunda irra kan caaltu ergamoota durattis kan kabajamtu yemmuu ta'u, waa'een aduu sanaa immoo anaaf hin ifne» jedhee hiikeef. Haa ta'u malee, biiftuun sun Gooftaa lyyesuus Kiristoosiin ture. Akkaataa kanaan yeroon isaa yemmuu ga'u:

Teekitaan → Heernaaniin deesse, Hernaan → Dardiin deesse, Dardiin → Toonaanin deesse, Toonaan → Seekariin deesse, Seekariin immoo Seetinaan deesse, Seetinaan immoo Haannaa deesse, Haannaan immoo Giiftii Maariyaamiin deesse, Giiftii Maariyaamiin immoo Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin deesse.

Haannaan kan isheen Giiftii Maariyaamiin da'uu dandeesse: Iyyaaqeem nama jedhamutti heerumtee Waaqayyootti amananii jiraachaa turan. Haa ta'u malee waan hundumaa qabu garuu dhala hin qaban turan.

Akka Abrihaamii fi Saaraa, Yisihaaqii fi Ribqaa, Zakkaariyaasii fi Elsaabeet, Tsaggaa Ze'aabii fi Igzi'aariyaa. Haa ta'u iyyuu malee galgalaa fi ganama gara Waaqayyootti ni boo'u turan. Wareegas gara waaqayyootti ni wareegu turan. Wareegni isaan wareeganis «Yoo mucaa dhiiraa nuuf laatte mana kee keessa kan si tajaajilu, yoo durba taate immoo Tsabala waraabdee Masooba Warqii dhooftee mana qulqullummaa keessa akka qulqulleessituuf siif laanna.» jedhanii wareeganii wareega isaanii kanas luba Zakkaariyaasitti himan. Lubichi kunis «Waaqni kadhannaa keessan isiniif haa dhaga'u, wareega keessaniis isiniif haa fudhatu, yaada garaa keessaniis isiniif haa raawwatu!» jedhee kadhannnaa isaanii ol ergeef. Akkaa lubichi Eeli kadhannaa Haannaa ol ergeef 1 Sam.1:1

Manatti galaniis torban tokkoof subaayee (laguudhaan) turan. Isaan booda Hagayya gaafa 7, bara 16 Dh.K.D eeyyama Waaqayyoo ta'ee Haannaan giiftii keenya Maariyaam ulfooftee Caamsaa 1, bara 15 Dh.K.D Tulluu Libaanos irratti Giiftii keenya Maariyaam deesse. Sababni isheen tullicha irratti deesseef, Haannaan ulfooftee utuu jirtuu adaadaan ishee Seeminaas namni jedhamu du'ee jennaan boo'icha isaa deemtee gaaddidduun ishee irra buunaan du'a keessaa ka'ee waa'ee gadameessa Haannaa keessa ishee jirtuu kadhannaa isheetiin akka ka'e dubbate. Gaaddidduun Pheexiroos dinqii garaa garaa gochaa akka ture HDB .5:15, Akkasumas Qulqulluun Phaawuloos mataatti kan maratu fi herbeen inni ittiin dafqa haxaawatu ajaa'iba garaa garaa gochaa akka ture HDB.19:11, Lafeen Raajicha Elsaayis du'aa akka kaase 2 Mot.13:20, Gaaddidduun Haannaa harmee Maariyaamiis ajaa'iba baay'ee gochaa tureera.


Yeroo kanatti ijoolleen Waaqayyoo warri abdii Addaamiif kenname hawwiidhaan eegan yemmuu gammadan, ijoolleen Diyaabiloos warri sanyii gaarii jibban immoo Haannaa fi Iyyaa'iqeemiin balleessuu barbaadan. Yemmuu kanatti ergamaan waaqayyoo gara gaara kanaa (Libaanositti) akka baqatan itti hime. Gaara kana irrattis qulqulleettii Haannaan Giiftii Maariyaamii deesse. Gaara kana gubbaattis akka isheen dhalattu ogeessichi Solomoon duraan dursa dubbatee jira waan ta'eef ( Weedduu Weedduu Caalu 4:6) Kanaafis har'a Caamsaa 1 Manni Kiristaanaa keenya akka barsiistetti amantootni alatti buna danfisuudhaan, mulluu affeeluudhaan, Hoolaa qaluudhaani fi k.k.kf. tiin ni yaadatu. Yaadannoon Qulqullootaa barabaraan ni jiraata waan ta'eef Faar.111/112/:6 Eebbas ni laata waan ta'eef Fkn 10:7.

Hanga waggaa sadiitti mana abbaa fi haadha isheetti turte. Waggaa sadii booda garuu «Wareega nyaachuun nuuf hin ta'u» jedhanii Mudde 3 bara 12 Dh.K.D. Mana qulqullummaa Iyyerusaalem jirutti geessan. Yeroo sanatti lubichi Zakkaariyaasii fi maanguddoonni yeroo sana turan fuula ishee akka biiftuu ifu ilaalanii «Maal nyaachifna, maal obaafna, eessa raffifna, eenyuutus immoo eega?» jedhanii utuu isaan wal falmaa jiranii hangafoota ergamootaa torbanuu keessa Qulqulluu Faanu'eel kan jedhamu nyaata waaqa irraa masoobii warqee keessa kaa'ee dhugaatii waaqa irraa xoofoo ifaatti naqee sooruu jalqabe.


Yerooti yeroottis kan ishee eeguu fi kunuunsu waan ta'eef mana qulqullummaa keessa akka isheen jiraattuuf eyyamaniif ykn jaalala waaqayyoo ta'eef. Waggaa kudha lama guutuus ergamoota waaqayyoon do'atamtee uffata waaqa irraa kennameef uffachaa nyaataa fi dhugaatii samii irraa soorachaa mana qulqulluummaa keessatti guddatte. Turtii mana qulqullummaa keessa turte kana keessatti qorumsi gurguddaa irraan ga'uuf yaaliin irratti geggeeffamaa tureera. Haata'u iyyuu malee gargaarsa ergamoota waaqayyoon oolteetti. Qormaatni kunis:-

1. Ayihuudonni ijoollee Diyaabiloos ta'an al tokko manicha qulqullummaa keessatti gubanii ajjeesuudhaaf, al tokko immoo Maxaqul nama jedhamu bira deemanii qorichaan ajjeesuudhaaf yaalii guddaa gochaa turaniiru, Garuu waan gaariin morman waan ta'eef ofii badan malee ishee balleessuu hin dandeenye.

2. Qorumsi karaa keessaa maanguddoota yeroo sana turan irra buluudhaan Umuriin ishee waggaa kudha shan (15) gaafa guutu akka dubartoota warra kaanii abaarsoo (xuraa'ummaan) Hewwaan irra kan jiru se'anii mana qulqullummaa keenya xureessiti haa baatu jedhan. Garuu Giiftii Maariyaamiin ogeessichi Solomoon Weedduu Weedduu Caalu 4:7 irratti mudaa waan tokko kan hin qabne ta'uu ishee akka dubbate isheen mudaa tokko illee hin qabdu sookkoon Hewwaan ishee irra hin geenye. «Eenyuutti laanna? eenyuttis heerumsisna?» 

Yaada erga wal jijjiiranii booda Maanguddoonni warri haadha manaan jalaa du'an fi dargaggoonni warri fuudha ga'aan akkasumas warra sababa garaagaraan haadha warraa isaanii gadi dhiisan walii galli isaanii nama 4000 (kuma Afur) ta'aan ishee fuudhuudhaaf walitti qabaman. Garuu carraan kan kennameef maanguddoota haati warraa jalaa du'an baay'inni isaanii 1985 (kuma tokkoo fi dhibba sagalii fi saddeettamii shan) kan ta'aaniif carraan akka bu'uuf ta'e. Isaan keessaa maanguddichi Yooseef tokko ture. Yeroo kana «Carraan abbaaf haa murteessu» jedhanii ulee ykn dhaabbata isaanii irratti hundumtuu maqaa ofii isaanii barreessanii lubicha Zakkariyaasitti akka kennamu ta'e. Innis harkaa funaanee mana qulqullummaa keesa kaa'ee kadhannaa irratti godhee ulee hunduma isaanii keessaa borumtaa isaa uleen Yooseef lalisee ija naqatee bule. 

Akka uleen Aaroon (Lakk. 17:1-12). kanarraan kan ka'e manguddichi Yooseef gara mana isaatti fuudhee galee kaadhimaa ykn eegduu ishee akka ta'u godhan. (Kitaaba Nagara Maariyaam jedhu fuula 26-50 tti.)

As irratti kaadhimaa jechuun akka dubbii (aadaa) warra Israa'eelotaatti eegduu jechuu dha malee akka aadaa biyya keenyaatti isa fuudhaaf kaadhimatan jechuu miti. Kanaafis ragaan kitaaba qulqulludha:

Hooseeyi 2:21-22 irratti Waaqayyo Iyyerusaalem barabaraan «Si kaadhimadheera» jedhe. Akkas jechuun an si eegeera jechuudha malee sin fuudha jechuu miti.

Waluma gala Yooseefiif kaadhimamte jechuun Yooseefiin eegamti jechuu dha. Sababni isaa Yooseefii fi Giiftii Maariyaamiin firooma qabu. Firoomni isaas:- Alaazaar namni jedhamu Maattaan fi Qisaraa kan jedhaman dhalche. Maattaan inni jedhamu immoo Yaa'iqoob fi Yooseefiin dhalche. Qisaaraan immoo Iyyaa'eqeemiin, Iyyaa'iqeemiin immoo Maariyaamii dhalche. Maariyaamii fi Yooseefiin akaakayyuu 3ffaa irratti wal-ga'u waan ta'eef fira jedhamu. Firri immoo hanga akaakayyuu 7tti akka wal hin fuune kitaaba qulqulluutu dhorka Kitaaba Fitaa Nigistii keeyyata 24 lakk. 842, keeyyata 34 lakk. 853, Lew.18:1-20, Lew. 20:20

Alaazaar → Maattaan → Yaa'iqoob → Yooseef

Gama biraan ammoo

Alaazaar → Qisaaraa → Iyyaaqeem → Maariyaam 


Sababni biraan Yooseef hunduma caalaatti filatameef ammoo:-

1. Uleen isaa raajii Waaqayyoon Lalistee waan argamteef.

2. Nama Hundumaa keessaa carraan waan laatameefiif.

3. Hafuura Qulqulluun waan irra buleef

4. Gooftaan Iyyesuus Kiristoos sanyii Daawit gosa Yihuudaa keessaa akka dhalatuuf raajiin dubbatame waan jiruuf Milk.5:2

5. Sanyii malee Kiristoos yoo dhalate sanyii Addaam keessaa hin qabu akka hin jedhamneef Isay 1:9, Maat 1:1, Ibr.1:16.

6. Waa'ee godaansa Giiftii maariyaamii Raajotaan caafamee jira, yeroo godaansa kanaa duukaa bu'ee akka eeguuf, akka gargaaruuf. Isaay 19:1, Hos. 11:1, Maat 2:13.

7. Hafuura Qulqulluun yemmuu isheen ulfooftuu ejjituu abbaa manaa ala ulfoofte jedhanii akka seera Museetti dhagaan akka hin rukutneef ykn summii maayaa zalafaa jedhamu obaasanii akka hin ajjeesneef akka inni eeguuf Yooseefitti kennamte Lakk 5:19, SKD 22:1.

Utuu mana Yooseef jirtuu ergamaan Waaqayyoo Qulqulluu Gabreeliin «Gammadi nagaan siif haa ta'u!» ittiin jedhe. Yeroo kana «Kun Seexana isa harmee koo Hewaaniin dogoggorse ta'innaa laata?» jettee gara mana qulqullummaatti deemte. Achis taa'eema eege. Irra deddeebitees gaafatte. Dhuma irratti amantee «Akka jecha keetii naaf haa ta'u!» jettee fudhatte. Luq. 1:26-38.

Gaafuma sanas Hafuura Qulqulluudhaan ulfooftee sagaleen jalqaba ture sun inni waaqa bira/cina turee fi inni ofii isaatii waaqa ture sun foon ishee irraa foon, dhiiga ishee irraa dhiiga fudhatee gadameessa ishee keessatti murtaa'e. Yoh. 1:1-14. Kunis kan ta'e bara Yohaannis Bitootessa 29 waggaa araaraa bara 1 guyyaa Sanbata Guddaa (Dilbata) ganama keessaa saa'atii 3 (sadii). Waadaan Addaamii fi Hewaaniif seename barri 5500 yemmuu xumuramu «Sanyii kee irraa dhaladheen dhufee si fayyisa!» kan jedhe kana raawwachuuf gadameessa Giiftii keenya Maariyaamii keessa bule. Giiftiin keenya Maariyaamiinis sanyii dhiiraa malee durbummaadhaan fayyisaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin ulfooftee deesse. (Isa. 7:14).

Bara Maatewoos Mudde 29 Guyyaa gaafa Facaasaa (Kibxataa) halkan keessaa sa'aatii 10 tti Beeteliheem magaalaa Daawwititti dallaa horiitti durbummaadhaan deesse. Luq 2:1-8, Weedduu Weedduu Caalu 4:12. Erga Gooftaa keenya deesseen boodas durbummaadhumaan jiraatte. (Durbummaan ishee hin jijjiramne), Hisq 44:1-3, Maat 2: 5-6, Milk 5:2-4


Iyyesuus Kiristoos Dhalachuun maalif isa barbaachise?

Gooftaa, Mootii Moototaa kan ta'e Waaqayyo hundumaa gochuu ni danda'a. Wanti isaaf dadhabamu tokko illee hin jiru. Dhalachuu dhiisee jechuma isaatiin samii kana kan diriirse Addaamiin fayyisuu ni danda'a ture, garuu dhalachuun kan isa barbaachiseef sababootni baay'een jiru.

1. Seexanni diinni Addaamii fi Hewaan foon Bofaa uffatee afaan Bofaan haasa'ee waan ajjeeseef. Uma. 3:13 inni ammoo haala kanaan deebisuuf foon namaa uffatee dhiiga namaa naqatee dhalachuudhaan mucaa namaa fayyisuuf jedheeti.

2. Waadaa Addaamii fi Hewaaniif gale raawwachuuf jedheti. Siraak. 2:-46

3. Jaalala mucaa namaaf qabu ibsuuf jedheeti. 1 Yoh.4:-7

4. Dubbii raajotni raajan dhugoomsuuf. Isa. 7:14, 9:6

5. Raajonni bara xumuraa jala namootni hundinuu afaan Waaqayyoo irraa ni baratu kan jedhan raawwachuuf Isa. 54:13, Yoh. 6:45.

6. Addaam nu keessaa akka isa tokko ta'e (Uma 3:-25) jecha dubbatame kana raawwachuuf kan dhalateedha.


Iyyasuus kiristoos Dhaloota lama qaba

1. Haadha malee abbaa irraa dhalate. Fakk. 8:22-23, Yoh. 8:54, Mul.14

2) Bara boodanaa abbaa malee haadha irraa dhalate. Luq. 2:1-21, Maat.1:18, 2

Dhalachuu isaatiin waan baay'ee fayyadamne

1. Mucummaa dhabnee turre arganne. Yoh.1:12, 1 Yoh.3:1

2. Bilisummaa arganne. Gal. 5:1, 1 Phex. 2:16

3. Du'a baraa baraa jalaa fayyine. Room.5:17

4. Ragaa hin badne arganne. Yoh.14:27

5. Ayyaana mirga isaan jiraachuu arganne. Maat.25:35

Waa'ee dhalachuu Iyyesuus Kiristoos afaan raajotaan dubbatame Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos waa'een dhaloota isaatii akka bishaan tabba irraa dhangala'uu, akka keessummaa tasa dhufuu kan dhufe miti. Duraan dursee fakkeenya fakkeessee, raajotaan raajii dubbatee ergasii booda kan dhalateedha.

Fakkeenya Fakkeeffame;

A. Ba'uu 3:2 Waaqayyo abbaa keenya Museetti gaara Kooreeb ykn Siinaa irratti biqiltuu jiidhaa abiddi irraa boba'u tokko itti argisiise. Abiddichi biqiltuu sana hin gubne. Biqiltuu jiidhaan sunis abiddicha hin dhaamsine, Warri waliitiif faallaa ta'aan lamaanuun kun osoo walii isaanii hin balleessiin tokkummaatti wal simatanii (Tawaahidoodhaa) arge. Fakkeenyi biqiltuu sanaa dubree Maariyaam, fakkeenyi abiddichaa Waaqayyoodha.

B. Uma.1:11 lafa gaafa Facaasaa sanyii tokko malee biqiltuu jireenyaa mucaa namaaf ta'u biqilchitee.

C. Ba'uu 12:1 waa'ee Hoolaa Faasikaa sabni Israa'eel du'a jalaa ittiin oolanii

D. Uma. 22:13 waa'ee Abrihaamii fi Yisihaaq.

• Yisihaaq fakkeenya Addaam

• Arangamichi fakkeenya Giiftii Maariyaam

• Hoolichi fakkeenya Gooftaa Iyyasuus Kiristoos

• Gaarri Mooriyaa fakkeenya gaara Qaraaniyoo

E. 2 Mot. 2:20 Waa'ee okkotee Elsaayi

Bishaan fakkeenya biyya lafaa, Okkotee haaraan fakkeenya Giiftii Maariyaamii, Ashaboon sun fakkeenya Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos, Bishaan hadhawaan sun fakkeenya abaarsoo Addaamii fi Hewaanii fi k.k.fn fakkeenyota dhalachuu gooftaa keenya Iyyasuus kiristoositti fakkeeffama.


Raajii Raajameef :-

1. Uma. 3:15 Siif dubartattii gidduu diinummaa nan kaa'a.

2. Uma. 3:22 Addaam nu keessaa akka isa tokkoo ta'e.

3. Isa. 7:14 Durbi durbummaan ni ulfoofti

4. Isa. 9:6 Mucaan nuuf dhalate, ilmis nuuf kenname.

5. Dan. 2:34 Utuu harki namaa itti hin bu'in dhagaa tulluu guddaa irraa galagale.

6. Hisq. 44:1-3 Waa'ee balbalichaa

Raajotni waa'ee dhalachuu Iyyesuus Kiristoos raajii raajaniif hubannoof kan armaan olii ni ga'u.


Waa'ee Dhalachuu Isaa Raajotni Dubbatan Kakuu Haaraa keessatti Raawwachuu

1. Yoh. 3:16 Isatti kan amananiif jireenya bara baraa akka argataniif Waaqayyo tokkicha ilma isaa ituu hin mararsiifatiin kennee biyya lafaa ittiin jaal'ate.

2. Gal. 4:4 Barri xumuraa sun yemmuu ga'u Waaqayyo mucaa isaa ergee sanyii namaa(dubartii irraa dhalate).

3. Ibr. 2:16 Inni sanyii Abrihaam kan qabuu dha malee kan ergamootaa miti.

4. Fil. 2:6 Inni bifa waaqummaa ituu qabuu gadi of deebise.


Inni Dhalate Iyyesuus Kiristoos Waaqa ta'uu isaa;


1. Yeroo inni dhalate ifni akkaataa argamee hin beekneen argamuu isaa. Luq. 2:8-14

2. Yeroo inni dhalate ergamoonni gammachuun faarsaa galata dhiyessuu isaanii. Luq. 2:9-14

3. Ogeessonni Baha biiftuu harka fuudhii adda ta'e kennuu isaanii haadha isaa wajjin mucichaaf sagaduu isaanii. Maat. 2:1-12

4. Yeroo inni dhalate tiksoonni inni dhalate qoricha Addunyaati jechuu isaanii Luq. 2:14

5. Hundumtuu isaan kan ta'e dha. Yoh. 1:3, 1 Qor.8:6, Qol.1:16

6. Waaqa jiraattotaa Maat.22:21-32

7. Kiristoos fooniin dhufee innis hunduma gararraa kan ta'e barabaraan waaqa eebbifameedha. Rom. 9:5

8. Toomaas gooftaa koo, Waaqa koo jedhee dhugaa ba'e. Yoh. 20:28

9. Inni waaqa dhugaa fi waaqa jireenyaa baraa baraati. 1 Yoh. 5:20

Yoh. 8: 58 «Dhuguman (2) isiniin jedhaa ani ituu Abrihaam hin dhalatiin fuuldura jira» jechuu isaa.

10. Ani jiraataadha du'een ture garuu amma jiraataa bara baraati. Du'a fi Si'ool irratti aboon qaba. Mul. 1:18

11. Mul.1:7-8 inni duumessaa wajjin ni dhufa isa kan waraanan ituu hin hafiin namni hundumtuu isaa ni argu. Namoonni biyya lafaa waa'ee isaatiif ni bo'u eeyyee dubbiin kun dhugaa dha. Inni kan ture fi kan dhufu inni hundumaa kan danda'u Waaqayyoodha, Aalfaa fi Oomeegaa dha.

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Madda :- Galmee Seenaa

Post a Comment

0 Comments