Subscribe To Our YouTube Channel

Boqonnaa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam | Kutaa 3ffaa

Boqonnaa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam


Kutaa 3ffaa


Hub :- kutaa 1ffaa fi 2ffaa osoo hin dubbisiin gara kutaa kanaatti hin darbiinaa!

Waa'ee Godaansa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam 


Ergamaan Waaqayyo akkuma Yooseefitti dubbate mootichi Heroodos Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos ajjeesuu barbaada waan tureef, Dubroon Maariyaam Goofta keenya baattee Gibxiitti godaante. Maat. 2:11-13, Mul.12:13-18. 

Sababni godaansa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam;


✓ Jannata keessaati kan ari'atame Addamii fi ijoolleen isaa ari'atamanii (godaanani) fayyisuuf Gooftaan keenya ofii isaatii ari'atamee (godanee) iddoo isaanii jalqabaatti isaan deebisuuf.

✓ Dubbii Raajii Isaayyaasiin dubbatame raawwachuuf Isa. 19:1

✓ «Mucaa koo Gibxiitti waame raajii jedhu raawwachuudhaaf. Hoose'i 11:1, Maat. 2:15 

Barri godaansa giiftii keenya Maariyaamii turtiin isaa waggaa sadii fi ji'a ja'a. Mul.12:6. Kan inni itti yaadatamus Fulbaana 26 hanga Sadaasa 6 tti yeroo ta'u Zamana Tsigee jedhamee beekama. Sababa isaa kan ibsu:

Haamer waggaa 3ffaa lakk.4

Malakat waggaa 1 ffaa lakk.11 fi 12

Seenaa Boqonnaa fi Du'aa Ka'umsa Dubroo Maariyaam 


Ji'a sagalii fi guyyaa shan gooftaa garaatti baattee waggaa 3 mana abbaa ishee fi haadha isheetti, waggaa kudha lama (12) mana qulqullummaa waggaa 33 fi ji'a sadi Gooftaa waliin, waggaa 15 Yohaannis abbaa Wangeelaa waliin, walii gala waggoota 64 tti bara 49 keessa Amajjii 21 boqottee Hagayya 14 awwaalamtee, guyyaa sadaffaa isheetti Hagayya 16 gara samiitti ol baate.

Akkaataan boqonnaa fi du'aa ka'umsa Dubroo Maariyaam baay'ee ajaa'ibsiisaadha. Kanaafis waan kana ta'eef Ayihuudonni mari'atanii reeffa ishee gubuuf waan barbaadaniif yaalii karaa Taawufinaas godhameen harkisaa lachuu yemmuu irraa citu reeffi giiftii keenya Maariyaamii immoo hojii Waaqayyoo dinqisiisaa ta'een gara Jennataatti ol fudhatamee muka jireenyaa jala ka'aamee yeroo reeffi ishee ol fudhatame kan arge Yohaannis abbaa wangeelaa ture.

Yohaannis irraa kan dhaga'aan bartoonni reeffa ishee argatanii awwaallachuuf Hagayya 1 Subaa'ee qabatanii utuu kadhachaa, Tsoomaa jiranii Hagayya 14 Gooftaan keenya reeffa harmee isaatii fidee kenneef. Isaanis gammachuu fi faaruu guddaatiin bakka isheef qophaa'e Geetasemaan iddoo jedhamutti awwaallatan. Gaafa kana bartuun Toomaas hin turre. Guyyaa 3ffaa isheetti akka du'aa ka'umsa mucaa isheetti samiitti utuu isheen ol baatuu argee giiftiin keenya waan ta'e hundumaa itti himtee mallattoo fi eebbaaf haa ta'uuf jettee kafana ishee Toomaasitti laatte. Akkuma Filiphoos duumessa irra deemaa ture jechudha HDB. 8:31. Har'as mirga Waaqaa jirti. Faar 44(45):9. Toomaasis lallabaaf iddoo biraa turee gara bartootaa yeroo dhufu akka awwaalan yeroo itti himan Amajjitti du'anii Hagayyaatti akkamitti awwaalchi ta'a ta'uun irra hin jiru malee yemmuu inni isaan jedhu ati duraanis du'aa ka'umsa ilma ishee shakkitee turte koottu amma immoo iddootti awwaalle ilaali jedhanii awwaalicha banan boolli duwwaa dha. Innis deebiseefii na hin amantan jedheetan malee yeroo isheen ol ba'aa jirtu argeera, jedhees kafana isheen itti laatte itti agarsiisa. Isaanis mallattoof, eebbaaf haa ta'uuf gargar hiratan har'as abbootiin Fannootti kan isaan hidhatan yaadannoo sanaa dha.

Akkuma yeroo Eliyaas ol ba'e Elsaayiif kaabbaa isaa gadi darbateefi ture sanarras eebba guddaa itti argatee ture. 2 Moot. 2:1. Akkuma marata mataa Qulqulluu Phaawuloos kukkutanii fudhataa turanii dha. HDB. 19:11-12. Bartoonnis nuti arguu qabna jedhanii waggaatti Hagayya gaafa tokkoo (1) subaa'ee jalqabanii Gooftaan keenya kadhannaa isaanii dhaga'ee hunduma isaanii gara samiitti ol baase. Giiftii keenya bultoo godhatee ofii isaatii Luba 1ffaa, Pheexiroos Luba 2ffaa, Diyaaqoon Isxifaanosiin immoo Daaqonii 1ffaa taasisee qiddaasee qaddasuun hundumaa qorrobsiise. Maddi isaa.

Waa'ee Boqonnaa fi Du'aa Ka'umsa Giiftii keenya Dubroo Maariyaam icciitii Kitaaba Qulqulluu keessatti 


1. Faar. 131(132):8 irratti yaa Gooftaa iddoo aara-galfi keetti ka'ii! ati fi Manni Qulqullummaa kees. Taabota kee wajjin jedha jechi kun akka du'a ka'umsaa mucaa isheetti du'a ka'umsa ishee mul'isa.

2. Weedduu Weeddduu Caalu 2:10 jaalallee koo ka'i miidhagduu koo koottu kunoo Ganni darbee jira roobni ammoo sokkee deemeera, abaaboonni lafa irratti mul'atani. Yeroon kun yeroo Godaansa Giftii keenya Maariyaamii; yeroo Ayihuudonni diinummaan irratti ka'an; yeroo rakkina fannifamuu mucaa isheetii gadduun ishee sun darbuusaa agarsisa.

Abaaboonni lafa irratti mul'atan jechuun isaa immoo du'aa ka'umsi lafaa irratti lallabamuu agarsiisa. Arbuun laliseera jechuun isaa immoo adeemsa gaarii kan hin qabnee adeemsa gaarii argisiisuu jalqabaniiru jechuu isaati. Kan waame gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos yemmuu ta'u, kan waamamte immoo giiftii keenya Maariyaamii dha. Iccitiin kun akka Faar. 45:9 gubbaatti barreeffameera giiftiin keenya Maariyaamii du'a keessaa kaatee har'a mirga Waaqayyo jiraachuu ishee agarsiisa.

Waa'ee Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Gaaffilee ka'aaniif Deebii isaanii


KAADHIMA :- Kaadhima jechuun akka aadaa Ayihuudotaatti eegduu jechuudha Hoose'i 2:21. Sababni Yooseef Maariyaamiif kaadhima jedhameef:-


A) Uleen Yooseef ulee maanguddoota warra kaan keessaa akka ulee Aaroon daraaree waan argameef.

B) Maanguddoota 1985 keessaa carraa waan argateef.

C) Hafuurri Waaqayyo isa irra waan bu'eef.

D) Fira waan ta'aaniif yeroo godaansaatti akka ishee eeguuf.

E. Rukuttaa irraa ishee akka hambisuuf. Lakk. 5:19 11. 

Mucaa ishee Hangafaa hanga Deessutti Hin beekne kan jedhu;


Hangafa jechi jedhu akka aadaa biyya keenyaatti duuka bu'aa, itti aanee kan dhalatu ykn quxisuu kan qabu jechuudha. Akka caaffata Kitaaba Qulqulluu tti garuu isa jalqaba gadameessa haadha isaa saaqee jechuu dha. Ba'uu 13:1-2, Qol.1:17... Uumama hundumaa fuuldura inni hangafa hundumtuu isaan isaaf uumaman sagaleen kun kan dubbatame Gooftaa keenya Iyyesuusiif. Ibr.1:9... Hangafa ilma isaa gara biyya lafaatti yeroo ergu jedha as gubbaa irratti Kiristoos hangafa jedhamuu isaati abbaan Dubroo booda kan hin qabne amalummaa mucaa isaa gara biyya lafaa dhaqi, dhaladhu, fannifami du'i! jedhee erguu isaa agarsiisa. Egaa hangafa waan jedhameef duwwaaf abbaan Kiristoos malee kan biroo gara biyya lafaatti ergeera jennaaree? miti. Egaa mucaa ishee isa hangafaa jedhamuun isaa Kitaaba Qulqulluu keessatti hangafa jedhamee kan dubbatameef uumama Addunyaa fuuldura kan ture uumama addunyaa irra jiran hundumaa kan uume, jalqabaa fi xumura kan hin qabne Waaqa Adoonaay deesse jechuu barbaadeeti.

Hanga Deessutti :-


Qabxiilee kana fakkaatan Kitaaba Qulqulluu keessaa haa ilaallu;

✔ 2 Saam. 6:23 Mucaan Saa'ool Milkoon hanga gaafa duututti hin deenye jedha.

✓ Uum. 8:7 Hanga bishaan lafarraa gogetti hin deebine.

✓ Isaay. 22:-14 Hanga gaafa du'aatti badiin keessan isiniif hin dhiifamu,

✓ Maat. 28:19 Hanga dhuma biyya lafaatti isini wajjin nan jiraadha.

Egaa akkuma olitti caqafame jecha Maat. 1:25 irratti barreeffamee hanga kan hin qabne ta'uu isaa agarsiisa. Kanaafuu Yooseef hamma gaafa dhumaatti giiftii keenya Maariyaam akka namoonni tokko tokko jedhanitti osoo hin taane gonkumaa bira hin geenye jechuu dha.

Hin Beekne Jechuun isaa ammoo;


Haadha Waaqayyo ta'uu ishee hin mirkanoofne jechuu dha.

Obboloota


Obboloota kan jedhaman akka Kitaaba Qulqulluu tti hiikaan isaa damee baay'ee qaba. Namoonni jecha obboolota Gooftaa jedhu Kitaaba Qulqulluu keessaa caqasuun akka waan haati Waaaqayyo ijoollee biraa qabduutti dubbatu Waaqayyo hubannaa isaanif haa kennu malee. Mee akka Kitaabni jedhutti hiika obboloota jedhamu haa xinxallu;

1. Ijoolleen biyya tokko obboloota ni jedhamu. Ba'uu 2:1 Ijoolleen maatii tokkoo obboloota ni jedhamu. Uma.13:8

2. Ijoolleen dhibantoonni dhugaan obboloota ni jedhamu. 2 Saam.1:26

3. Ijoolleen fira dhiyeenyaa obboloota ni jedhamu. Lakk. 20:14

4. Ijoolleen gosa tokkoo obboloota ni jedhamu. 2 Saam.19:11

5. Ijoolleen hojii gosa tokko hojjetan obboloota ni jedhamu.

6. Kakuudhaan murta'aanii kan waliif galani obboloota ni jedhamu. Amoots. 1:9.

7. Amantiidhaan kan tokko ta'an obboloota ni jedhamu. Rome.1:13(12:2)

Si'i wajjin maal qabna?


Kan jedhame abaarsaaf osoo hin taane dubbannaa ykn aadaa walii galtee Israa'elotaati. Kanaaf hiikaan kana fakkaatan Kitaaba Qulqulluu keessaa haa ilaallu. 

✓ 2 Saam. 16:9 Isin yaa ijoollee Tsiruyaa anaaf isin maal walitti qabna?

✓ 1 Moot. 17:18 Yaa nama Waaqayyo si'i wajjin maal walitti qabna? 

✓ Maat. 8:29 Yaa ilma Waaqayyo anaa fi ati maal walitti qabna?

Jechi armaan olitti katabame kun jecha abaarsaa osoo hin taane akkaataa aadaa dubbannaa warra Israa'eelotaa ta'uu isaati. Kitaabni Qulqulluus kan barreeffame biyya isaanitti aadaa isaaniin waan ta'eef hiikoon anaa fi ati maal walitti qabna jedhu garuu jibba maalii qabna? Lola maalii qabna? jechuu dha. Garuu namoonni tokko tokko warri haadha Waaqayyoo hin jaallanne, warri waan qulqulluudhaan morman Kitaaba Qulqulluu jijjiiruu irratti waan baay'ee keessaa balleessaniiru, balleessaas jiru.

Fknf:- Faar. 8:5 gubbaatti ergamaa kan jedhu balleessaniiru. Lafa Tsoomii dubbatus keessaa balleessaniiru. Keessumatti immoo Yoh. 2 gubbaatti anaa fi ati maal walitti qabna isa jedhu kanaan haadho hojii koo keessa maaltu si galche jechuudhaan garmalee hiikaniru. Kunis jecha Kitaaba Qulqulluu ni micciira. Badiisa mataa isaaniitti ni qopheessu kan jedhu ofi irratti raawwachuu dha. 2 Pheex. 3:16-17

Yeroon koo amma iyyuu hin geenye


1. Yeroo sana Ayihuudonni isaan gidduu waan hin turreef booda sababa cubbuu godhatee anoo dinqii inni hojjete hin argine akka hin jenneef amma inni dhufutti jechuuf jedheeti.

2. Guutummaatti daadhiin Hubboo sana keessaa hin dhumne waan tureef, sababni isaa booda akka raajicha Elsaayi barakachiise akka ittiin hin jenneef. 2 Moot. 4:1-8. Guutummaatti keessaa haa dhumu jechuuf jedheeti.

3. Wayinii eebbisee Ilaa! kun dhiiga kooti dhugaa jedhe.

Isaanis gorsa isaa dhaga'aanii qaanii fi yelloo irraa oolanii hir'uu isaanii ni guuteef. Nutis akka harmee Yaa'iqoob mala nuuf uumte Uma. 27:8 nu gorsitee yeelloo foonii fi lubbuun irraa nu fayyifte Waaqayyo irraa eebba waan nuuf laachiftuuf waan ilmi koo isin abboomu hundumaa godhaa waan nuun jettuuf raawwachuu qabna. Jecha inni isinitti hime raawwadhaa kan jedhu hiikoo qaba, innis Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos ilma Waaqayyo abbaa fi ilma Dubroo Maariyaam ta'uu isaa agarsiisa. Maat. 3:17 irratti Waaqayyo Abbaan «Ilmi koo ani jaalladhu isa kana» akkuma jedhe giiftii Maariyaamiinis waan hunda inni isinitti himu raawwadhaa jette.

Guduunfaa 

Yaa mucaa namaa kan Waaqayyo kabaje kabajuun godoo Waaqayyo keessa nama bulcha. Faar. 15:1

Abboonni amantii keenya warra Waaqayyoon sirriitti Waaqessaa adeemsa amantii isaanii akkeessaa adeemaa jedhu qulqulloota kabajaa turaniiru. Luq.1:28-41, Qol. 1:3-5

Harmee Waaqayyo immoo dhaloonni eebbifamoon akka galateeffatuu dubbatameefii jira. Luq. 1:48

Giiftii Maariyaam kan hin galateeffanne garuu akkasumas Waaqayyo kan qulqulleessee fi kan kabajee kan hin qulqulleessineef hin kabajne ijoollee bineensichaa badiisaaf dhalatanii dha. 2 Tas. 2:10, Yoh. 8:10, 2 Pheex. 2:10-12.

Bineensichi Waaqayyoon warra Waaqayyo cina buufatanii jiran teessoo Waaqayyos ni abaara jedhamee jira. Mul.13:-
5-6. Waaqayyoon nuuf kadhata jechuudhaan qulqulloota waaqa cina jiraniin immoo hooma tokko waa'ee hin baasan yaadannoon isaaniis irraanfatameera jechuudhaan waanta hin hubanne badiisaaf isaan qopheessu gochaati jiru. Hiikoo teessoo (bultoo) Waaqayyo jedhamu immoo 
Tsillaatii isaa muka, Waaqa tolfamaadha jechaa jiru.

Harmee isaa qulqulleettii giiftii Maariyaamii akka haadha keenya heerumteetti, dubartiidha jechuudhaan arrabsaa jira.

Fannoo gaafa Jimaataa dhiiga isaa dhangalaase muka faayidaa hin qabne jechuudhaan arrabsaa jiru.

Mana qulqullummaa dhiiga isaan ijaarame hattuu keessaa ari'ee baasee gatii hin qabu diigameera laphee keenya jechuudhaan abaaraa jiru. Isaan hubatan hunduu akka Yoh. Mul. 13:5 fi 6 irratti dubbate hafuura bineensichaan warra deemaniidha. Barumsa sirrii ta'een warra morman waan ta'aaniif isaan irraa of eggachuudha. Room. 16:17-18.

Waaqayyo kan kabajeef kan qulqulleesse jibbuuf ari'achuun Waaqayyoon akka jibbuu fi ari'achuutti lakka'ama waan ta'eef of eeggachuu qabna. HDB. 3:8 «Waaqayyo qulqulloota tajaajiluu keenyaaf hanga har'aatti tajaajilaa jiraachuu keenyaaf maqaa jaalala isaatiif hojii gaarii hojjennee hunda hir'aanfachuuf inni hammina'aa miti.» Ibr.6:10 Kanaaf barumsa ormaa utuu hin dhaggeeffatiin kan abboota keenya irraa barrannee jabaannee dhaabachuu qabna. Yihu. 20

Araarsummaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam hunda keenya waliin haa ta'u!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments