Boqonnaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam
Kutaa 1ffaa
Seenaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam gabaabinaan Kitaaba «Negere Mariyam» ykn «Dubbii Maariyaam » jedhu irratti barreeffamee argama.
Waa'ee Dubbii Maariyaam
Jechi «Dubbii Maariyaam» jedhu kun jecha lama qaba.
1 Dubbii :- «Dubbii» inni jedhu kun akka barumsa Mana Kiristaanaatti waa'ee ibsa barumsa tokkoo mul'isee agarsiisuuf kan gargaruudha.
2. Maariyaam :- «Maariyaam» inni jedhu immoo haadha keenya Dubroo Maariyaamiif kan kenname maqaa ulfinaaati.
Dubbii Maariyaam yemmuu jedhu karaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamii mucaa namaaf eyyama Waaqayyoon kan mul'ate hundumaa barumsa kan ittin barannudha. Barumsa kana keessatti immoo iccitii fayyinaa mucaa namaa keessatti hirmaannaan haadha keenya Dubroo Maariyaam baay'ee guddaadha. Kennaan isheef kenname kabajni Qulqulloonni isheef kennan baay'ee guddaa waan ta'eef nutis isheedhaaf dhiyeessuu kan nurra jiraatu Kabaja, Sagada, Galataa fi k.k. f dha. Kana yoo goone eebbaafi beekumsa guddaa ittiin arganna.
Hiikoo Maqaa Dubroo Maariyaam akka Mana Kiristaanaa keenyatti
Maariyaam :- jechi jedhu afaan Ibraayistiitti «Maarihaam(Miiriyaam)» jechuu dha. Hiikoon isaa immoo «haadha hundumaa» jechuu dha. Abrahaam abbaa hundumaa jechuu akkuma ta'e Uma. 17:5. Maariyaam maqaa jedhamu kana abboonni, beektonni Mana Kiristaanaa haasaa iccitiidhaan akka armaan gaditti ka'aanii jiru. Maariyaam jecha jedhu bakka lamatti yemmuu gargar qoodnee ilaallu jecha (hiikaa) lama arganna. Isaanis jecha «MAARI» fi «YAAM» kan jedhu arganna.
MAAR - jechi jedhu afaan Amaariffaa yemmuu ta'u Afaan Oromiffaan immoo Damma jechuudha.
YAAM: - Kan jedhu immoo samiirra (Jennata) keessa wanta mi'aawaa jiru jechuu dha. Akkasumas Maariyaam maqaan jedhus lafa irraa fi samii irratti kan mi'oofte (jaalatamte) jechuu dha.
1. MAARIYAAM :- Jechuun Mootummaa Waaqayyootti dura buutuu taatee kan nama galchitu jechuu dha. Sababni isaa seera Waaqayyo keessaa kan bahe, Ayyaana Waaqayyoo keessaa qullaa kan ta'e Addaam iddoo ulfina isaa duraatti deebi'uu isaatiif sababa fay'inaa kan taatee deessuu Waaqayyoo Dubroo Maariyaam waan taateef gara mootummaa Waaqayyootti geessitee kan nama galchituu jechuudha. Kadhannaa giiftii keenya Maariyaam utuu abdii hin godhatiin mootummaa Waaqayyootti galu kan danda'u hin jiru waan ta'eef.
2. MAARIYAAM jechuun kennaaf qabeenya jechuu dha. Haati Keenya Maariyaamiin Maatii ishee yeroodhaaf dhala hin qabne (Maaseenaa) turanii namoota cinatti tuffatamanii fi salphatanii gaddaa waan turaniif qabeenya guddaa fi kennaa guddaa taatee kennamteefii jirti. Xumurri isaa garuu akka isheen namaaf kadhattu beekanii waadaa isheef kenname amananii amantoota dhufan hundaaf qabeenyaa fi badhaasa taatee kennamtee jirti. Kunis «Waaqayyoo si wajjin jira» kan jedhu jecha ergamichaan beekamee jira. Luq.1:28-30 Addaam yeroo Jennata keessaa ari'atametti abdiin isaa si'i dha jechuun akka Abbaan Hiriyaaqoos seera qulqulleessuu keessatti dubbate. Yoh 19:23 irratti fannoo isaa gubbaa dhaabbatee utuu jiruu qabeenyaa fi kennaa godhee nuuf kennee jira waan ta'eef walumaa galatti kennaan Waaqayyoo karaashee mul'ate waan ta'eef. Faar. 131(132):13-14, Room.5:18
3. MAARIYAAM:-Jechuun Dubrummaa foonii fi Dubrummaa lubbuudhaan kan jabaatte jechuu dha. Dubbannaa yaadaan, hojiidhaan, cubbuu irraa Qulqulluu kan taateef haadhummaa fi dubrummaa waan waliin simatteef ykn waan waliin jiraatteef.
4. MAARIYAAM :- Jechuun uumamtootaan ol uumaan gadi kan jirtu jechuu dha. Sababni isaas:- Ergamootni ilaaluudhaaf kan hin dandeenye waan gadameessa isheetti baatteef. Abbaan Efreem Galata Maariyaamii kan guyyaa Roobii irratti ergamootaa fi ijoollee Addaam hundaa ol akka taate dubbatee jira.
Hidda Dhaloota Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam
Qulqulluun Phaawuloos waa'ee gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos Maariyaam irraa dhalachuu isaa yemmuu ibsu «Sanyii hidda Abrihaam qabate malee kan ergamootaa miti.» Ibr. 2:16 jedhee akka barsiisetti waa'ee hidda dhaloota giiftii Maariyaam yemmuu kaasnu ka'umsi keenya abboota qulqullootaa Qulqullichi Daawwit faarsaa isaa keessatti bu'urri ishee gaarota Qulqulloota akka jedhe Faar. 86(87):1
Hidda dhaloota giiftii Maariyaamii Addaamii eegalee hamma Iyyaaqeemii fi Haannaatti abbootii fi haadhota qulqulla'aan irraa argamaa akka dhufte beektonni Mana Kiristaanaa dhugaa ni ba'u.
Kunis;
Ijoollee Addaam keessaa karaa Seeti
Ijoollee Nooh keessaa karaa Seem
ljoollee Yaa'iqoob keessaa karaa Yihudaa fi Leewwii
Ijoollee Daawwit keessaa karaa Solomoon
Kan filaman abbootaa fi haadhota kan akka ogummaa Waaqayyootti kan argamteedha.
Hannaan gosa mana Leewwii keessaa qomoo Lubicha Leewwii keessaati filamte.
lyyaa'iqeem immoo gosa warra Yihudaa qomoo warra moototaa keessaati filatame. Kanaafuu Qulqulluun Yaareed Maariyaam Dubroo sanyii Addaam keessaa akka Inquu abdiitiin kan argamteedha jedhee duggaasaa (caaffata) isaa keessatti dubbatee jira. Raajichi Waaqayyoo Daawwit bu'urri ishee gaarota qulqulla'oodha kan inni jedhe armaan olitti kan caafame abbootatti kan hiikamu yemmuu ta'u keessumatti immoo dhaloota hidda foonii giiftii keenya Maariyaamitti abboota dhiyeenya qaban yemmuu ilaallu seenaa adda ta'e arganna. Isaan kunis naannoo lyyerusaalem kan jiraataa turan qulqulloota Teektaa fi Pheexriqaa haa ilaallu.
Teektaa fi Pheexriqaa irraa
1. Heemeen Derdeniin deesse,
2. Derdeen Toonaan deesse,
3. Toonaan Sikaariin deesse,
4. Siikaariin Seetinaamiin deesse
5. Seetinaam Hermeniin deesse
6. Hermeen ammoo Haannaa deesse.
Haannaan Iyyaa'iqeemitti heerumtee Maariyaamiin deesse. Maariyaamii irraa immoo gooftaatu dhalate. Mukni gaariin ija gaarii naqata waan ta'eef. Maat. 7:17 dabalataas raajichi waaqayyoo Isaayyaas utuu waaqayyo sanyii gaarii nu hambisuudhaa baatee akka warra Sadoomii fi Gamooraa taane bannee turre. Kan jedhu icciti armaan oliin Waaqayyo sanyii gaarii nuuf haambisuu isaa raajii Isaay 1:9.
Deessuu Waaqayyoo Fakkeenyaan bara Kakuu Moofaatti
Bara utuu caaffatni hin jiraatiin Waaqessan keessa Waaqayyo waan hundumaa akkanni fakkeenyaan dubbatu caaffata qulqulla'aa keessatti ni argina. Faar. 49:1-2, 78:3, Marq.3:34, Maat.13:1.
Waa'ee giiftii keenya Maariyaamiis abboota irra bulee fakkeenyaan dubbatee jira.
1. Lafa Gaafa Kibxataan (Uma.1:12)
Galata Maariyaamii kan gaafa Kibxataa lakk. 4ffaa yooma lafti gaafa jalqabaa giiftii keenyatti fakkeeffamte iyyuu giiftiin keenya laficha irra ni caalti. Isas lafattii irraa kan arganne nyaata foonii yemmuu ta'u giiftii keenya irraa kan arganne garuu Mootummaa Waaqayyoo kan nama ga'u jireenya nyaata lubbuuti. Yoh. 6:53.
2. Tolummaa Abeel (Uma. 4:5)
Abeel tolummaa isaatiin aarsaa Qulqulluu dhiyeessuu isaatiin beekama. Tolummaa isaa fi qajeelummaa isaaf garraamummaa isaaf hanga du'aatti ga'eera waan ta'eef. Waaqayyo kan filate qulqulleettii Dubroo Maariyaamiinis tolummaa Abeelitti fakkeeffamti. Aarsaa Abeel kana fudhattee tolummaa isaa ilaalteeti waan ta'eef giiftii Maariyaaminis deessuu Waaqayyoo taatee kan filatamte tolummaa isheen Abbaan Hiriyaaqoos tolummaan Abeel si'i jedhee dhugaa ba'eera.
3. Doonii Nooh (Uma. 7:2-23, Ibr.11:7)
Doonii Nooh hojjete sun kutaa sadii qaba. Yaaballi sun giiftii Maariyaamiitti fakkeffamti. Nooh Gooftaa lyyesuusitti, dooniin sun kutaa sadii qabaachuun ishee immoo qulqullina foonii, qulqullina lubbuu fi qulqullina yaadaa kan giiftii keenya Maariyaamiitti fakkeeffama. Luq.1:35
Gara Dooniitti seenanii balaa irraa kan hafan immoo kadhannaa giiftii keenya Maariyaamiitiin waadaa isheef kennetti amananii rakkina foonii fi lubbuu irraa fakkeenya warra hafaniiti. Yaabala sana irraa kan alatti hafan immoo gantootaa fi shakkitootaatti fakkeeffamu.
4. Gugee Nagaa (Weedduu Weedduu Caalu 5:2, Luq. 2:14)
• Nooh fi maatiinsaa fakkeenya amantootaati
• Bishaaniichi fakkeenya cuuphaati.
• Gugeen fakkeenya giiftii Maariyaamiiti.
• Fakkeenya damee Ejersaa- giiftii Maariyaam irraa kan dhalate Kiristoos irraa nagaa argamedha ykn nagaa isarraa argametti fakkeeffama.
5. Sabbata Waaqayyoo (Uma 9:8-15)
Sabbanni kun mallatto dhiifamaati. Gooftaan mataansaa mallattoo isiniifan kenna, egaa durbis ni ulfooftii, mucaa ilmaas ni deessi, maqaa isaas Amaanu'eel jettee ni moggaasti kan jedhame sanaaf fakkeenyadha. Isa. 7:14. Nooh mallattoo dhiifamaa kennameef sana amantiidhaan fudhatee rakkina foonii irraa akka fayyuu sanyii addaam irraa kan turee badiin sun mallattoo fayyinaa taatee kan nuuf kennamte giiftii Maariyaamiidhaan badii isa bara baraa irraa waan fayyineefidha.
6. Biqiltuu Saabeeq (Uma. 22:9-13)
• Yisihaaq fakkeenya Addaamiifi ljoolleesaatiiti
• Hoolaan sun fakkeenya Iyyesuus Kiristoosidha
• Qarri sun fakkeenya taayitaa (haboo) Waaqayyooti
• Biqiltuun Saabeeq sun fakkeenya giiftii Maariyaam dha
• Hoolaan sun hidda saabeeq keessatti qabamee argamuunsaa Gooftaan keenya Maariyaam irraa dhalatee fakkeenya fooniin mul'achuu isaati.
7. Yaabbannoo Yaa'iqoob (Uma. 28:10-20)
Yaa'iqoob daandii loozaa irratti yaabbanoo inni argee fakkeenya giiftii Maariyaamiiti.
• Dhagaa inni boraafate raajii raajotaan dubbataman sanaan murtooftee fakkeenya argamuu isheeti.
• Yaabbannoon sun lafaa gara samii geessee eegumsa namaaf Waaqayyo gidduu kan jiru ture. Lolli daangaa ta'ee ture bade warri lafarraafi warri waaqa irraa (samiirraa) waaqaaf namni karaa inni ittin walquunnamu (wal argan) karaa giiftii Maariyaamiiti.
Deessuu Waaqayyoo Bara Seeraa Keessa
Seera Ooritii jechuun bara seera lapheedhaan bulan boodde Waaqayyo yeroo isaatti firootasaa warra kaasetiin jireenya isaanii keessatti fakkeenya bifa addaa addaa qabaniin mul'isee jira.
1. Lalistuu Siinaa (Ba'uu. 3:1-7)
Museen inni tokko isa tokko osoo hin balleessin abiddaafi baalli lalistuun wal simatanii arge.
• Boba'aan sun fakkeenya Waaqummaati
• Lalistuun sun immoo fakkeenya giiftii Maariyaamiiti.
Boba'aan sun lalistuu sana osoo hin gubiin wal simatee argamuun isaa giiftii keenya Maariyaamiin gooftaa keenya yemmuu ulfoofte abiddi Waaqummaa osoo ishee hin gubiin gadamessa ishee keessatti fakkeenya wal simachuu isaati.
2. Taabota Kakuu (Ba'uu. 25:10-22)
Taabonni Kakuu Waaqayyoo muka daana'oon hin nyaanne irraati kan hojjetame alaaf duubaan Warqeedhaan kan bareededha muka daana'oon hin nyaannerraa hojjetamuunsaa fakkeenya bara baraan Qulqullummaa giiftii keenya Maariyaamiiti. Alaanis keessaanis Warqeedhaan maragamee taa'uun isaammoo fakkeenya ulfina durbummaa isheeti.
Qulqullummaa giiftii keenya Maariyaamiitti Taaboticha gubbaa mannaan taa'u immoo gadameessa ishee keessatti kan wal simate fakkeenya mannaa isa dhugaa, fakkeenya fayyisa biyya lafaa ti. Taaboticha keessa kan jiru Tsillaatii irratti sagaleen Waaqayyoo barreeffamuun isaa immoo gadameessa Dubroo Maariyaamii keessa sagaleen qaama qabu (gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos) fakkeenya keessa buluu isaati. Wuddaasee Maariyaamii kan Dilbataa.
3. Ulee Aaroon (Lakk. 17:8-11)
Uleen Aaroon fakkeenya giiftii Maariyaamiiti. Uleen sun gogee osoo hin dhaabiin bishaan malee kan daraare muka lawiz jedhama. Mukni lawiz sun gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoositti fakkeeffama. Utuu hin dhaabiinii fi utuu bishaan hin obaasiin daraartee ija naqattee argamuun ishee immoo sanyii dhiiraa malee iccitii hin qoratamneen giiftii Maariyaamiin gooftaa keenya dubrummaadhaan fakkeenya da'uu isheeti. Wuddaasee Maariyaam kan Dilbataa.
4. Tsamirii Geedi'oon (Abboota Firdii 6:38)
• Tsamiriin sun fakkeenya giiftii Maariyaamiiti.
• Jiidhi sun fakkeenya gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiiti.
• Jiidhi sun samirraa bu'uun isaa immoo qaama sadan jiran keessaa Waaqayyo inni tokko ta'e samii samii irraa gadi bu'ee giiftii keenya Dubroo Maariyaamii irraa foon ishee irraa foon, dhiiga ishee irraa dhiiga, lubbuu ishee irraa lubbuu fudhatee gadameessa ishee keessatti wal simatee nama ta'uu isaa agarsiisa.
Jiidhi sun lafa irra bu'uu dhiisuun isaa immoo dubartoonni kan biroon ulfina akkasii argachuu dhabuu isaanii agarsiisa.
Jiidhi lammaffaan lafarraa bu'e itillee sana irra bu'uu dhiisuun isaa immoo dubartoota kan biroo irra kan ture abaarsi cubbuu giiftii keenya Maariyaamii irra akka hin turre agarsiisa. Giiftii Maariyaamiin dubartoota addunyaa keessaa adda kan taate, kan eebbifamte ta'uu ishee agarsiisa.
5. Duumessa Eliyaas (1 Moot. 18:41-43)
• Duumessi xiqqoon sun fakkeenya giiftii Maariyaamii yemmuu taatu bokkaan ishee irraa argame immoo fakkeenya gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosidha.
• Duumessi xiqqoo qulqulluun sun dachee lafaa kan uwwistee bokkaan bakka irraa argamee hundaa giiftii Maariyaamiinis gosa ijoollee namootaa keessaa kan filatamte mucaa xiqqoo taatee utuu jirtuu bakka dhiifamaa gooftaa lyyesuus Kiristoos nuuf da'uu isheetiin, nagaa beela'ee dhiifamaa fi arjummaa dheebotee kan ture mucaan namaa eebba foonii fi lubbuu quufuudhaa fi dheebuu ba'uu isaatiin giiftii keenya Maariyaam duumessa Eliyaasitti fakkeeffamti.
Qulqulluun abbaan Efreeminis Wuddaasee gaafa Roobii keessatti «Bishaan bokkaadhaa walitti nuuf kuustee kan argamte duumessi dhugaadhaa si'iidha» ittiin jedhee jira.
6. Masooba Warqii Eliyaas (1 Moot. 19:1-8)
• Eliyaas fakkeenya Addaam, Masooba Warqeen sun immoo fakkeenya giiftii Maariyaamiiti. Sababni isaas buddeenni jireenyaa gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosidhs. Masoobii warqeetti kan fakkeeffamte giiftii keenya Maariyaamii irraa waan argameef Gooftaan keenya lyyesuus Kiristoos waa'ee isa kanaa caaffata qulqulla'aa keessatti jireenya addunyaadhaaf buddeenni ani kennu foon kooti jedhee iccitii isaa ibsee jira.
Eliyaas buddeena lammaffaa nyaatee humna argatee hamma gaara Waaqayyoo kooreebitti akka ol ba'e mucaan namaas buddeena jireenyaa lammaffaa isaaf kenname jechuunis:- Foon gooftaa fi dhiiga gooftaa humna argatee hamma mootummaa Waaqayyootti galuu isaatiitti Qulqulluun abbaan Efreemis caaffata galata Maariyaamii kan gaafa Dilbataa irratti «Nyaanni mannaa dhokataan Masoobii Warqee Qulqulluu keessaa kan argame si'idha. Mannaan sunis samii irraa kan gadi bu'e jireenya Addunyaa kan badhaasuu dha» jedhee iccitii ibsee jira.
7. Okkotee Elsaayi (2. Moot. 2:19-21)
• Gomboon ykn okkoteen haaraan sun fakkeenya giiftii Maariyaamiiti. • Gomboo sana keessa kan ture ashaboon immoo addunyaa kana qorichummaa isaatiin kan mi'eesse fakkeenya Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiiti.
• Summiin sun immoo fakkeenya cubbuuti.
• Bishaan sun summaa'uun sun immoo addunyaan biyya lafaa kun sababa cubbuu isaatiin summaa'ee mucaan namaa hundumtuu, inni gadameessa keessaa illee osoo hin hafiin harka du'aa keessa galee murtee adabaa jalatti kufee kan ture kan ibsuu dha.
• Gomboo sana keessatti kan argame ashaboon sun bishaanicha fayyisuun isaa immoo:- Dubroo Maariyaamii irraa dhalatee fayyisaan addunyaa Iyyesuus Kiristoos dhiiga isaatiin addunyaa qulqulleessuu isaa du'as balleessuu isaa murtee dhabamsiisuu isaa mucaa namaaf qoricha jireenyaa fayyisaa ta'uu isaa fayyisaa biyya lafaa jedhamee uummattoota isaa fayyisuu isaa agarsiisuu isaati.
Itti fufa!
Araarsummaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam hunda keenya waliin haa ta'u!
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
0 Comments