Subscribe To Our YouTube Channel

Tsoomii Raajotaa fi Subaa'eewwan Dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiif galaman

Tsoomii Raajotaa 


Tsoomiin Raajotaa kun kan inni lagatamu Sadaasa 15 hanga Muddee 29tti. Sababni inni lagatamuuf immoo wantoota gurguddaa 5niif.

1. Tsoomii Addaam


Tsoomii Addaam jedhamee lagatama. Laguu Addaam sababni jedhameef, Addaam Jennata keessaa ari'atamee ulfina Waaqayyoo dhabuu isaa irraan kan ka'e baay'ee boo'ee gaddee lagate. Waaqayyos gadda isaa ilaalee laguu isaas fudhateefii guyyaa shaniif walakkaatti dhala dhala kee irraa dhaladheen dhufee si fayyisa jedhee waadaa seeneef. Addaamis lagachuu isaa irraan kan ka'e ittiin abdii argate waan ta'eef, Tsoomii Addaam jedhama. 


2. Tsoomii Raajotaa 

Tsoomii Raajotaa sababni inni jedhameef immoo, Waaqayyo iccitii dhalachuu isaa waan ibseef fagootti arganii raajii raajanii abdii Addaamiif seename itti mulateedha. Amantiidhaan «Waaqayyoo samii samii irraa gadi ni bu'a ni dhalata fannoottis fannifamee dhiphina ni fudhata ni du'as; du'uu isaatiin nu fayyise» jechuudhaan raajii raajan. Isaay. 7:14, Isaay. 9:6, Isaay. 53:4. Haa ta'u iyyuu malee, waan yeroo isaanii ture itti fakkaatee yoo argame iyyuu raajonni abdiidhaan eeggachaa Waaqayyo kan dubbate akka hin hanbisne beekanii laguu lagachuudhaan kadhachuudha turuun keenya akka moofaa abaarsa ta'ee maalif dhuftee nu hin fayyistu jedhanii kadhachaa turan. Isaay 64:6 Wanta abdachiifame kana argachuudhaaf amma inni gaafa dhufee dhalatuutti lagachuu qabna jedhanii Sadaasa 15 Tsoomii isaanii eegalanii Ji'a tokkoofii bultii kudha afur gaafa lagatan, dhalachuu gooftaa keenyaa argani gammadani kanaaf laguu raajotaa jedhame. 

3. Tsoomii Filiiphoos 

Tsoomii Filiphoos sababni jedhamuuf namootni Afrikaa keessa jiraatan barataa gooftaa keenyaa kan ta'e Filiphoosiin Sadaasa 17 ajjeesan; barattoonni isaa immoo reeffa isaa awwaallachuudhaaf jedhanii dhaban. Akka Waaqayyo isaanitti mul'isuuf guyyaa kanaa jalqabanii laguu jalqaban. Guyyaa sadii booda Waaqayyo itti mul'isee seeraan awwaallatan. Jalqabnee hin dhiisnu jedhanii hanga Muddee 29tti lagatan. Sababa kanaaf jecha tsoomii Filiiphoos jedhama.

4. Tsoomii Hawwaariyaatii 

Tsooma Hawwaariyaatii ykn Tsooma Duuka Bu'ootaa ni jedhama. Sooma Hawwaariyaatii waan jedhamuuf, du'aa ka'umsa gooftaa keenyaa Tsoomii Faasikaa lagannee kabajna; dhalachuu isaa immoo akkasumaan nuuf hin ta'u jechuudhaan laguu lagatanii waan kabajaniif laguu bartootaa jedhama.


5. Tsoomii Dubroo Maariyaam

Tsoomii Dubroo Maariyaam kan jedhamuuf, Qulqulluun Gabri'eel Hafuura Qulqulluu uffatee akka isheen gooftaa keenya deessu misiraachoo yemmuu inni itti dubbatu, «Waaqa samii fi lafa kana uume akkamittin danda'ee ulfaa'ee da'a?» jechuuudhaan guyyaa sanaa eegaltee hanga gaafa deessuutti tsoomii kana waan lagatteef Tsoomii Durboo Maariyaam jedhama. Kanaaf nuti har'a dhalachuu Gooftaa keenya lyyesuus Kiristoos fuuldura laguu kana lagannee eebba foonii fi fayyina lubbuu argachuutuu nu irraa eegama.

Subaa'eewwan Dhaloota Gooftaaf galaman


Dhaloota Gooftaa keenyaa dursanii Qulqulloonni Subaa'ee galuun lakka'aa turan. Isaan keessaas muraasa haa ilaallu.

1. Subaa'ee Heenook

Heenook Subaa'ee isaa lakka'aa kan ture dhaloota abbootiitiin yoo ta'u, waggaa dhibba torba tokko jedhee lakka'eera. Subaa'ee saddeettafaaniis Iyyesuus Kiristoos akka dhalatu raajeera. Jalqabbiin lakkoofsa isaas Addaamii jalqabeetu.

Raagni isaas akkas jedha «Sanbatni saddeettafaas Qulqullummaa fi kunaneen subaa'ee itti beekamudha. Sayifiinis isheef ni kennama, mootiin guddichis kan itti galateeffatamu Manni isheerraatti ni ijaarama. Galatni isaas kan bara baraati.» Heenook 35:1-2. Jechuun yeroo raaju hiiktonni akkasitti deebisu. 


- Isheef Sayifii ni kenna jechuun isaa Qulqullummaa fi Kunaneen kan itti baramu Wangeelli yeroo sana addunyaa hundatti ni lallabamti jechuudha.

- Mana Mooticha Guddaa ni ijaara jechuun isaa Mootiin Moototaa Iyyesuus Kiristoos kan itti galateeffamu Manni Kiristaanaa ni ijaaramti jechuu isaati.

- Galanni isaas kan bara baraati jechuun isaa namaa fi ergamooti tokkummaan ta'aan " Samii Irratti Galanni Waaqayyoof, Lafa Irratti Nageenyi Namaaf " jechaa yeroo hunda ni galateeffatu jechuudha. 

- Sanbatni Saddeetafaannis Kiristaanotaaf kan kennamte guyyaa dhaloota Iyyesuus Kiristoosidha jedhu.

2. Subaa'ee Daani'eel

Waa'ee nama ta'uu gooftaa keenyaa yeroo murteessee subaa'ee lakkaa'ee kan dubbate Daani'eelidha. Subaa'een Daani'eel kan lakkaawwamu waggaadhaani. Daani'eel waggaan torbaatamni yeroo dhume sinan ilaala jedhamee raajii Ermiyaasiin kan dubbatame yaadachaa yeroo kadhatu Ergamaan Qulqulluun Gabri'eel bifa namaatiin itti mul'atee akka jedheeniira " Waaqayyo kadhannaa kee dhaga'eeraatii, akkan sitti himuuf dhufeera. Amma dubbicha qoradhu, mul'atichas hubadhu cubbuun kan ittiin badu Gooftaan kabaja isaa mindaa isaa kan godhatu kan jiru torbaatamni gahuufi raawwachuufi jedhiitii saboota kee qacari jedheera. " Dan. 9:22-25, Erm. 29:10

Subaa'een torbaatamni waggaa 490 ( 70 x 7 = 490) yeroon kun hanga dhufaatii Kiristoositti yeroo jirudha. Andimta Hizq. 4:6

3. Subaa'ee Ermiyaas

Ermiyaas Baabiloonii akkuma deebi'een Mana Qulqullummaa diigame keessa osoo taa'ee kadhatuu mul'ata argee, guyyaa sadaffaattis akkas jedhee raajii dubbate «Uumaa keenya jecha tokkoon galateeffadhaa, Ilma Abbaa Iyyesuus Kiristoos galateeffadhaa. Kana booda nama ta'uuf, foon uffachuufi, gara addunyaa kanaa dhufuufi kan isa hafe Subaa'ee guyyaa 333 dha waan ta'eef inni gara addunyaa kanaa ni dhufa, Duuka Bu'oota 12 ni filata, gara Dabra Zayitittis ni deema.... » Tarafa Baarook 5:43-53

Ermiyaas Subaa'ee isaa kan jalqabee fi mul'ata kan arge erga addunyaan uumamtee waggoota 5054 booda ykn DH.K.D bara 446 dha.

Kunis Subaa'ee Ermiyaasiin subaa'een tokko guyyaa 490 dha.
Subaa'een hundi ammoo 490 x 333 = 163,170 guyyoota hamma kana ta'a.
Kunis gara waggaatti yeroo jijjiiramu 163,170 ፥ 365 = 446 waggaa ta'a.
Ermiyaas Subaa'ee isaa lakkaa'uu kan eegale erga addunyaan uumamtee ykn bara addunyaa 5054tti. Raajichi bara itti dubbatamee kaasee hanga dhaloota gooftaatti waggaa 446 ta'a.

Abbootiin Mana Kiristaanaa keenyas Afuura Qulqulluu Waaqayyootiin durfamanii kitaabolee Qulqullaa'oo qorachuun waggootni Addaamii hanga Kiristoositti jiran 5500 ta'uu isaanii mirkaneessaniiru.

Kunis :-

- Addaamii hanga Noohitti ~~~ Waggaa 2256
- Noohii hanga Museetti ~~~ Waggaa 1588
- Musee hanga Solomoonitti ~~~ Waggaa 593
- Solomoonii hanga Kiristoositti ~~~ Waggaa 1063 ta'a.
Walumaagalatti waggaa 5500 ta'a.

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Madda :- Kitaaba Galmee Seenaa

Barreeffama kana hiriyoota keessan hundaaf share taasisaa!

Post a Comment

0 Comments