Guyyaa itti Isiraa'eeloonni biyya Gibxiitii itti Ba'aan
Sadaasni kudha lama kan kabajamuuf, guyyaa itti Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Mikaa'eel ijoollee Israa'eel dura bu'uudhaan Gibxii keessaa itti baasedha. Ijoollee Israa'eel kan jedhaman sanyii Abiraamii, Yisihaaqii fi Yaa'iqobiiti. Yaa'iqoob inni jedhamu ijoollee kudha lama qaba ture. Ijoollee kudha lamaanuu keessaa Yooseef isa jedhamu guddaa jaallata ture. Obboloonni isaa itti inaafanii daldalaa biyya Ismaa'ilitti qarshii digdamaan gurguratan. Namichi bite immoo dabarsee namicha Phixifaaraa jedhamutti qarshii soddomaan gurgure, Yooseefis mana isaa keessa waggaa kudhan tajaajile. Haati manaa Phixifaaraa sobaan irratti dhugaa baatee waggaa kudhan hiisiste. (Uma. 37:40).
Obboloonni isaa erga kana godhanii booda abbaa isaanii gowwoomsani «Bineensatu nyaate» jedhan. Yaa'iqoobis kana gaafa dhaga'u dhugaa se'ee guyyaa 30 boo'eef. Garuu Waaqayyo Yooseef wajjin ta'ee kennaa abjuu hiikuu laateef. Kennaa isaa kanaan yeroon booda ittiin Mootii Gibxii ta'ee muudame. Uma. 41:1. Yeroo beelli guddaan Addunyaa irratti ta'e biyyi isaa quufaan guutamee waan argameef, obboloonni isaas midhaan barbaacha harkasaa dhufanii eenyummaa isaanii itti himan. Sababa kanaan maatii isaa guutuun akka Gibxiin gadi bu'an taasise (Uma. 42:46). Maatiin isaa gad-bu'anii Yooseefii wajjin wagga torbaatamii tokko turan (Ba'uu 1:1-7). Bakki «Geessem» jedhamu laatameefii kabaja guddaan jiraachuu eegalan. Yeroo muraasa booda mootiin Fari'oon kan biraan hojii gaarii Yooseef hojjete kan hin beekne ka'uudhaan (muudamuudhaan) hacuuccaa guddaa lammii Israa'elootaa irratti geggeessuu jalqabe. Ilmoon dhiiraa dhalatee akka hin guddanneef labsii baasee Pipaaraa fi Fuhaa deessistuu lamaan ramade-akka gargaaraniif osoo hin taanee akka ajjeesaniif.
Yeroo kanatti hangafni raajotaa Museen dhalate. Harmeen isaa ji'a sadii mana keessa dhoksitee, ji'a sadii booda galaana Abbayyaa qarqara daggala keessa dhoksite. Obboleettiin isaa eeguu jalqabde. Yeroo kanatti intalli mootii Fari'oon maqaan ishee Tarmuuti kan jedhamtu argitee fuutee guddifatte. Mana mootii Fari'oonittis guddate (Ba'uu 1:-8-22, Ba'uu 2:1-10). Museen nama mana mootiitti guddate jedhamee waamamuu irra lammii isaa rakkachaa jiran rakkina keessaa baasuuf rakkina filatee gara Miidiyaamiitti baqate. Mana Raagu'eel (Yootor) nama jedhamuutti hoolota isaa akka tiksuuf qacarame. Achumaanis intala Yootor Phiiphaaraa kan jedhamtu fuudhe. (Ba'uu 2:-11-22).
Waaqayyos Israa'eloota Gibxii keessa jiran garbummaa jalaa akka baasuuf erge (Ba'uu 4:-1-1). Museenis obboleessa isaa Aaroniin fudhatee fuula Fari'oon dura dhaabbachuudhan «Saba Waaqayyoo gadi-dhiisi!, deemanii Waaqayyoof aarsaa haa dhiyeessanii!» jedhee gaafate, Fari'oon garuu laphee jabaachuudhaan «Waaqayyo kun eenyuudhaa? Maaliif uummata kana hojii dhiisisuu barbaaddaa? Gadi hin dhisu!» jedhee waanuma kana dhaga'eef hojii ulfaataa itti dabaluun miidhaas irraan ga'uu eegale.
Waaqayyos Museedhaan «Ani Fari'oon irrattis Waaqa sin taasisa!» jedhee yeroo addaa addaa karaa harka Musee dha'ichawwan (dheekkamsa) guguddoo sagal irratti raawwate. Dha'ichawwan kun salgan kanneen armaan gadiiti:
1. Guutummaa bishaan lagaa ulee harkatti baatuun rukutuudhaan dhiigatti jijjiireera. (Ba'uu 7:14-25).
2. Manaa fi ala isaanii Fatteen (Raachi) guute (Ba'uu 8: 1-14.)
3. Dhukkee lafaa rukutuudhaan Injiraan taasise (Ba'uu 8:16-18.)
4. Qarxaasaa namaa fi horii ciniinu itti gadi dhiise (Ba'uu 8:20-32.)
5. Horii kotte-duudaa isaanii hundumaa jalaa barbadeesse (Ba'uu 9:1-7.)
6. Daaraa iddoo abiddaatti hammaaruudhaan qilleensa keessatti facaasee uumama hundumaa madaa taasise (Ba'uu 9:8-12.)
7. Cabbii waaqa irraa roobsee biqilaa isaanii fi kan bakkeetti argaman hundumaa ajjeese (Ba'uu 9:13-35)
8. Hoomaa Hawwaannisaan dachee isaanii haguuge (Ba'uu 10:1-20.)
9. Museen harka isaa ol kaasuudhaan guyyaa sadii guutuu dukkana cimaa taasise.
Haa ta'u malee, qooda dheekkamsa isaanitti dhufe irraa baratan, mootichi Fari'oon laphee jabaatee namoota humna seexanaan ajaa'iba agarsiisan waamee ajaa'iba raajicha Musee dorgomuu (mormu) yaalan. Haa ta'u malee ni qaana'an (Ba'uu 7:11, 2. Xim 3:9-10.) Dhayichi isaan irra ga'e kun ijoollee Isiraa'eliin hin qaqqabne. Dha'icha ajaa'iba kurnaffaan hangafan dhala isaanii ajjeese. Warra kan Waaqayyoo ta'an malleettaffamanii immoo mallattoo dhiiga hoolaa mudaa hin qabneetiin akka isaan du'a jalaa oolan taasise. (Ba'uu 11:1-10, Ba'uu 12:1)
Utuu isaan gaddaa boo'aa jiranii garbummaa Waggaa 430 booda Hangafa Ergamootaa Qulqulluun Mikaa'eeliin guyyaa guyyaa duumessaan halkan immoo ifa ta'uufiidhaan mannaa Waaqa irraa roobsee isaan gargaaree biyya garbummaa keessaa isaan baasuuf Waaqayyo abboomeefii yeroo isaan qarqara Galaana Diimaa ga'an loltuun Fari'oon isaan balleessuuf duubaan dhufe. Yeroo kanatti Israa'eloonni ni na'an Ergamaan Waaqayyoo isaan geggessaa jiru teella/booddee isaanii dhaabbatee (deebi'ee) warra Gibxiittis dukkaneesse Ba'uu 14:19. Museen galaana Eertiraa yemmuu rukute bakka lamatti gargar hirameefii lafa gogaa (duwwaa) irra ce'an. Erga isaan ce'anii booda hangafni ergamootaa kun dukkana sana jalaa turse. Isaanis akkuma jaraatti ni ceena yeroo jedhan galaanichi ni nyaate Ba'uu 14:19-30. Guyyaan kun itti ta'e obboleettii Musee Maariyaamiin kabaroo ishee ol kaastee faarfatte Ba'uu 5:1. Guyyaa isaan du'a kana jalaa itti oolan Sadaasa 12. Egaa seenaa kana irraa kan barrannu, Waaqayyo akka ijoollee isaatiif loludha.
Ba'uu 14:14, Ba'uu 15:3 guyyaa rakkinaa ba'an yaadachuu nama irra akka jiru Ba'uu 13:1 yeroo Waaqayyo waan gaarii namaaf godhu galateeffachuun nama irra akka jiru Ba'uu 15:21 laphee jabaachuun akka nama ajjeesu Ba'uu 14:28. Egaa walumaagalatti Israa'eel warri foonii gargaarsa ergamaa Waaqayyootiin galaana Ertiraa ce'anii biyya abdachiifamte galaniiru; nutis Israa'eel warri lubbuu galaana biyya lafaa kanaan akka hin liqimfamneef gargaarsi ergamaa Waaqayyoo nu wajjin ta'ee biyya nuuf abdachiifamte Iyyerusaalem ishee samii irraa akka dhaalluuf, waa'ee ergamootaa, waa'ee Waaqayyoo adda baasnee beekuutu nu irra jira-gargaarsa isaanii alatti nuti homaa gochuu hin dandeenyu waan ta'eef. Sadaasa 12tti seenaa armaan oliitu ta'e.
Egaa akka sirna galatoo/qiddaasee Mana Kiristaanaa keenyaatti, guyyaa kanatti kitaabni dubbifamu: Ergaa Phaawuloos Rom 9:17 Diyaaqonii 1ffaatu dubbisa, ergaa Yihudaa 1:9 Diyaaqonii 2ffaatu dubbisa, HDB 20:28 Luba 2ffaatu dubbisa.
Eegumsi Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eel hunda keenya waliin haa ta'u!
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
Madda :- Kitaaba Galmee Seenaa
0 Comments