Subscribe To Our YouTube Channel

Yuunivarsiitii Haramaayaa

Yuunivarsiitii Haramaayaa


Seenaa fi Hundeeffama Yuunivarsiitii Haramaayaa



Seenaa Yuunivarsiitii Haramaayaa


Yuunivarsiitiin Haramaayaa dhaabbilee barnootaa olaanoo ykn Yuunivarsiitii biyyattii keessatti argaman kan umurii dheeraa qaban keessaa isa tokko yoo ta'u, Yuunivarsiitiin kun naannoo jalqaba bara 1950moota keessa «Imperial Ethiopian College of Agricultural and Mechanical of Arts (IECAMA)» jedhamee erga hundeeffamee kaasee waggoota 60 oliif jijjiirama guddaa kan agarsiisedha. Hundeeffamni isaas Qonna biyyattii keessatti ammayyeessuu waliin wal qabatee, gama qorannoo fi humna nama barate oomishuutiin gahee guddaa taphateera. Kanaanis Caamsaa, bara 1952 tti Mootummaan Itoophiyaa fi Ameerikaa bu'uura sagantaa «Point Four» tiin walii galtee mallatteessaniiru. 

Walii galteen Itoophiyaa fi Ameerikaa gidduutti Caamsaa 16, bara 1952 mallatteeffame kunis Yuunivarsiitii Isteetii Ooklaahoomaatiif (Oklahoma State University) gahee koolleejjicha hundeessuu, fi bulchuu, sadarkaa biyyaatti qorannoo qonna irratti akka taasifamu aangoo kenneefiira. Itti aansuunis gorsa Mootii Itoophiyaa yeroo sanaa Atsee Hayila Sillaasee 1ffaa tiin iddoo har'a naannoo qarqara Haroo Haramaayaatti ni hundeeffame. Naannoon isaas walumaa galatti lafa heektaara 440 haguuga. 

Hundeeffamni isaa kunis Doormii barattootaa, Kaafteeriyaa, kutaalee barnootaa, Kilinika, qonna, suuqii fi iddoo jireenya hojjettootaa fi k.k.f kan bara 1950moota keessa kan turan kan qabatu ture.

Bara 1956 tti ijaarsi marsaa jalqabaaf xumuramuu isaatiinis koollejjichi barattoota isaa jalqabaa kan Yuunivarsiitii Addis Ababaa irraa bara 1954 barumsa jalqabanii turan barattoota 14 fudhachuun kanneen seemisteera isaanii xumuraa Kaampaasii Haramaayaatti barachuuf dhufaniin hojii isaa jalqabe, naannoo bara 1956/57 ttis barattoota 14 kanneen keessaa 11 isaanii Koorsiiwwan isaanii xumuruun Digirii jalqabaatiin Qonnaan «General Agriculture» dhaan eebbifamaniiru.


Source :- Google Map

Kana boodas gosa barnootaa kanneen biroo barsiisuu kan jalqabe yoo ta'u, isaan keessaas;

• Saayinsii Biqilootaa fi Bineeldotaa «Agriculture as Plant and Animal Science» - bara 1960 tti.
• Agricultural Engineering Technology - bara 1961
• «Agricultural Economics and Business» - bara 1962 tti.

Kanaanis wal qabatee baay'inni barattoota galma'aanii dabalaa deeme.

Faakaalitiiwwan garaa garaas yeroodhaa yerootti dabalamaa kan deeman yoo ta'u, 

Read also :- Marsariitii mataa keenya akkamitti banachuun galii irraa argachuu dandeenya?

• Faaakaalitiin Seeraa, Ikoonoomiksii fi Biizinasii «Faculty of Law, Faculty of Business and Economics» Fulbaaana, 2002

• «Faculty of Veterinary Medicine» bara 2003 tti

• Faaakaalitiin Teeknooloojii «Faculty of Technology» bara 2004 tti dabalamaniiru.

Akkasumas Onkoloolessa bara 2006 tti maqaan isaa Yuunivarsiitii Alamaayaa irraa gara Yuunivarsiitii Haramaayaatti jijjiirameera.

Yeroo ammaa kanatti Yuunivarsiitiin Haramaayaa sagantaa Digirii jalqabaatiin sagantaawwan 74, kan Digirii lammaffaatiin ammoo sagantaawwan 104, akkasumas Digirii sadaffaadhaan ammoo sagantaawwan 28 qabaachuun barsiisaa kan jiru yoo ta'u, walumaa galatti barattoota Digirii jalqabaa 24,000 ol, kan Digirii lammaffaa 4,500 ol akkasumas Digirii sadaffaadhaan ammoo barattoota 1,500 ol qabatee hojii baruu fi barsiisuu gaggeessaa jira.

Yuunivarsiitiin Haramaayaa eessatti argama?


Yuunivarsiitiin Haramaayaa kan argamu gara Baha biyyattiitti yoo ta'u, handhuura biyyattii magaalaa Finfinnee irraa gara bahaatti 519 Km fagaatee kan argamu yoo ta'u, magaalaa Harar irraa 17 Km fagaatee kan argamu ykn magaalaa Harar osoo hin gahiin ykn magaalaa Harar gahuuf 17Km yeroo hafu magaalaa argannudha, akkasumas Haramaayaan magaalaa Dirree Dhawaattis dhiyoo yoo taatu magaalaa Dirree Dhawaa osoo hin gahiin ykn magaalaa Dirree Dhawaa irraa 35Km fagaattee argamti. 


Haala Qilleensaa


Haalli Qilleensa naannoo kanaa akka yeroo baay'ee dubbatamu ho'aa qofaa osoo hin taane, qorri illee ni jira, waqtiiwwan ho'aa tokko tokko ni jiru garuu yeroon qorraas akkasuma ni baay'ata. Kanaafuu kana beektanii qophii barbaachisaa ta'e taasisuu qabdu. 


Source :- Google Map

Kaampaasii Yuunivarsiitii Haramaayaa


Mooraawwan keessa jiran akka mooraa guddaa tokkotti ta'aanii, keessatti garuu mooraawwan garaa garaa sadi ykn Kaampaasiiwwan wal qabatan sadi qaba. Akkasumas magaalaa Hararittis Kaampaasii ykn mooraa kan biraa ni qaba.

Mooraawwan kunneenis;


1. Main Campus


Kaampaasii ykn mooraa kana keessatti College ykn department argaman ;

👉 Social Science department hunda
👉 Computer Science
👉 Business
👉 Economics
👉 Natural Computational Science
👉 Law
👉 Teaching and
👉 Agriculture


Source :- Google Map

2. Ganjay Campus (Techno Campus)


Mooraa kana keessatti ammoo Engineering waggaa 2ffaa olii fi Food Science

3. Station


Mooraa ykn Campus kana keessatti ammoo;

👉 Barattoota Engineering waggaa 1ffaa fi
👉 Veterinary Medicine ni argamu.

4. Harar Campus


Asitti kan argamu College of Health and Medical Science yoo ta'u magaalaa Hararitti argama.


Waa'ee Nyaata Kaaffee


Yuunivarsiitiin Haramaayaa gama nyaataatiin Yuunivarsiitiiwwan Itoophiyaa keessa jiran keessa isa dursaa fakkaata, torbanitti guyyaa 5 foon kan jiru yoo ta'u, nyaanni kaaffee hagas mara kan nama yaaddessu miti. 

Laaqana :- akkuma armaan olitti ibsine guyyaa shan Foon yoo ta'u, guyyaa lamaan hafe keessatti ammoo guyyaa tokko Paastaa, guyyaa isa kan biraa ammoo Mokoronii dha.

Ciree :- ciree irratti saanduuchii, maarmaaraataa, Daabboo fooniin, Firfirii Ruuziidhaan, Daabboodhaan fi k.k.f.

Nyaata Kaaffee ala jiran


Read also :- Appilikeeshinoota murteessoo bilbila keenya irra jiraachuu qaban

Akkuma beekamu nyaanni kaaffee keessa jiru baay'ee gaarii waan ta'eef, hagas mara namni kaaffee ala nyaata fayyadamu baay'een hin argamu, ta'uus garuu gatii xiqqaadhaa nyaata alaa fayyadamuun ni danda'aama.

Bishaan, Ibsaa fi WiFi


Rakkoon Bishaanii Yuunivarsiitii Haramaayaatti hagas mara kan mudatu miti, ta'us garuu yeroo tokko tokko kan badu ta'ee osoo jiruu hangamiyyuu bade yoo jedhame Kaaffeedhaa hin badu. Akkasumas Shamarraniif gamoo ykn bilookii isaanii irra kan jiru yoo ta'u, ibsaanis yeroo baay'ee kan badu miti. Akkasumas gama WiFi tiin ammoo WiFi gaariidha, fooyya'aa jira. Gama mana fincaaniitiin ammoo manni fincaanii gaarii kan jiru yoo ta'u hagas mara kan nama yaaddessu miti.

Qophii keenya guyyaa har'a as irratti raawwanna, yeroo itti aanutti seenaa Yuunivarsiitii biraa qabannee kan dhiyaannu ta'a. 

Madda :- Website Yuunivarsiitii Haramaayaa, Google Map

Post a Comment

1 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)