Sirna Uumamaa
Kutaa 4ffaa
Seensa :- akkuma beekamu koorsii kana erga eegallee har'a kutaa 3ffaa irra geenyeerra, kutaalee darban lamaan keessattis waa'ee walii galaa Sirna Uumamaa, waa'ee uumamtoota guyyaa jalqabaa ilaalleera, isinis gara kutaa kanaatti osoo hin darbiin dura kutaalee darban lamaan website keenya irraa dubbisaa!
Uumamtoota Guyyaa Afraffaa (Roobii)
«Akkasumas Waaqayyo guyyaa fi halkan gargar baasuuf bantii samiitti ibsoonni haa jiraatan! Isaan mallattoo waggaa, guyyoonni, waggoonnis ittiin beekaman haa
ta'an. Isaan ibsoota bantii samiitti lafa irratti ifa kennan haa ta'an jedhe, innis akkasuma ni ta'e.» (Uma. 1:14)
Ibsoota kan jedhaman kan guyyaa kana uumaman maal maal fa'i? yoo jenne, biiftuu, addeessaa (ji'a) fi urjiilee uume. Gabatee biiftuu ibiddaa fi qilleenisa irraa uume; kanaaf aduun nama gubdi (Aksimaroos guyyaa Roobi). Gabatee addeessaa fi urjiilee immoo qilleensaa fi bishaan irraa uume. Kunis akka beekamuuf bishaanummaa isaaniitiin ni qorru, qilleensummaa isaaniitiin ammoo ni naanna'u.
Warra ifa kennan kana ifa isaanii eessaa fidee uume kan jedhuuf ammoo «ifa haa ta'u» kan jedhe sanirraa hanga sanyii qamadii kan geessu iraa qunxuree aduu irratti dibe. (Heenok 21:54). Ifa fide sanarraa harka tokko immoo bakka torbatti addaan baase harka ja'a addessaaf harka tokko ammoo urjiidhaaf ni kenne. Ifti aduu ifa addeessaa irraa harka 7 ibsa (Heenok 21:56). Yommuu ifa kana uumuus wal caalchisee uume. Ifti
urjiiwwaniis wal caala. «Calaqifni aduu kan biraati, calaqqifni ji'aa kan biraati, calaqqifni urjootaa kan biraati, calaqqifni urjii tokkoo calaqqisa urjii isa kaanitiin gargaridha.» akkuma jedhu. 1Qor 15:41
Addeessaaf kan ifa laatu guyyaa 15 ergamaa ni qabdi, guyyaa 15 booda garuu ifti ishee dhumaa ni adeema. Ifoonni kunniin yoo ba'anii galanis fuula isaanii gara ba'a biiftuutti
garagalchee uume. Gabatee addeessaa (ji'aa) irratti immoo bifa
kan fakkaatu irratti boce. (Henok. 25 fi 26).
Aduu, addeessaa (Ji'a) fi urjii «Ofii itti fayyadamuuf uumee?» yoo jenne, lakki isaaf ifni hin barbaachisu innumtuu ifaa baraa baraatidha waan ta'eef. Uumamni biraa akka itti fayyadamuuf uume jedhu (Qiddaasee hayyoota 318). Waaqayyo aduun guyyaa, Addeessi ammoo halkan akka iftu ni godhe. «Biiftuun guyyaa akka aboo godhattuuf kaa'e, gaarumman isaa bara baraan ni jiraata, ji'i urjoonnis halkan aboo akka godha kaa'e» akkuma jedhu (Faar. 135/136:7). Aduun maaliif halkan hin ibsine kan jedhuuf ammoo osoo aduun halkan iftee silaa addunyaan tun ni gogdi ture.
Kana booda Waaqayyo guyyaa Roobii kana ergamoota gosa 100 kan guyyaa Dilbataa uume sana fidee akkuma hoogganaa isaniitiin bakka 10 itti qoodee ni, dhaabe. Kana booda ergamoonni ifa fi ho'a aduu arganii, adeessaa fi urjiis
dinqisiifatanii, dinqiidha, «Ajaa'iba kun ajaa'iba» jedhanii ililchaa Waaqayyoof ni sagadan. «Yeroo urjoonni uumamanitti ergamoonni koo sagalee guddadhaan na galateeffatan» akkuma jedhu. (lyyo. 38:7).
Guyyaa kana Waaqayyoo ergamoota lyyaruusaalem ishee haaraa (samii irraa) akka daawwatan Taabota Door kan jedhamtee Iyyaruusaalem ishee samirraa keessatti argamtus akka ilaalan ni eeyyameef (Akismaaroos Roobii). Isaanis kun immoo eenyuuf kennamaree? jedhani ajaa'ibsiifatan Deebisanis kun Waaqayyoof akka
taatu yeroo jedhan «Kan Waaqayyooti» jedhan. Fakkeenyummaadhaan Taabota Door kan jedhamtes Qulqulleettii Maariyaaamiidha (Aabbaa Hiriyaaqoos Qiddaasee Maariyaamii
Akkuma «Iyyerusaaleem mandarri Qulqulleettiin isheen haaraan Waaqayyo biraa bantii samii keessa akka misirroo dhirsa isheef kuulamteetti qophooftee osoo gadi buutuu nan arge» jedhu Mul. 21:2
Waaqayyo kunis akka gaarii ta'e ni arge. Waaqayyo hojil isaattis ni gammada. «Ulfinni Waaqayyoo bara baraan haa jiraatu, Waaqayyo waan hojjetetti haa gammadu» akkuma jedhu (Faar. 104:31). Ifooni kunis ittiin yeroo safaruuf akka gargaaran ni godhe. (Kufaalee 2:13).
«Waaqayyoo urjiiwwanis ni uume. Hangafoota Urjiiwwanii 4 kan waqtiilee bakka 4 tti adda baasanis ni uume» (Henok 28:21).
Isaaniis;
★ Milki'eel (Bitootesssa 26 hanga Waxabajii 25),
★ Hilmaalmaleek (Waxabajji 26 hanga Fulbaana 25) kunis ganna
jedhama,
★ Naari'eelii (Muddee 26 hanga Bitootessa 25) fi
★ Birki'eel (Fulbaana 26 hanga Muddee 25) iedhamu.
Tokkoon tokkoon isaanii guyyaa 90f ni masaku (ni sooru).
«Galgallis ta'e, ganamnis ta'e kun guyyaa afraffaadha»
Uma 1:19. Waaqayyo Hanga guyyaa Roobiitti kanaattii uumama 15 uume jechuudha.
Itti fufa!
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
Madda :- Kitaaba Bu'uuraawwan Amantaa (Waldaa Duuka Bu'ootaa)
Karaa Channel Telegram Ortodoksii Tawaahidoo kan dhiyaate
1 Comments
Bontu mulataa
ReplyDelete