Hojiiwwan Online Itoophiyaa keessatti hojjetamuu danda'an
Yaaddoo nama hedduu kan ta'e yeroo ammaa kanatti keessattuu hojii online hojjechuuf Itoophiyaa keessatti hojii online kam hojjenna? qarshii keenya hoo karaa kam fudhanna? afaan Ingiliffaa hoo hin beeknu? fi k.k.f gaaffii namoota hedduuti.
Egaa kuni yeroo dheeraaf yaaddoo namoota hedduu ta'ee tureera, namoonni hedduunis wantoota armaan olitti caqasne sodaachuun osuma beekumsa hojii online qabanii garuu hubannoo dhabuudhaan ta'aa turaniiru. Amma garuu furmaata argateera, Itoophiyaa keessa teenyee akkuma biyya biraa bilbila ykn laaptooppii keenyaan hojii online intarneetii irratti hojjechuun qarshii hedduu hojjechuu ni dandeenya, qarshii hojjenne kanas karaa dhabbilee garaa garaa qarshii dabarsan karaa PayPal, Payoneer, akkasumas ammoo dhaabbilee kana irraa gara lakkoofsa akkaawuntii Baankii keenyaatti ergisiisuu ni dandeenya. Akkas yeroo jennu garuu dhabbileen hojii online hojjechiisan hundi karaa PayPal fi Payoneer qofaan kaffalu jechuu keenya miti.
Egaa gara mata duree keenyaatti yeroo deebinu amma gaaffii nama hedduu kan ture gaaffiin Itoophiyaa keessatti hojii online hojjennuu qarshii ni argannaa jedhu, qarshii kanahoo akkamitti baafanna kan jedhu deebii kan argate fakkaata deebiin isaa eeyyeen dha. Nutis odeeffannoo dhugaa kanaan wal qabate irratti hundaa'uun kunoo har'a isiniif barreessine hojiiwwan Online Itoophiyaa keessatti yoo hojjenne bu'aa irraa argachuu dandeenyu.
Itoophiyaa Keessatti Hojiiwwan Online isa kam kam Hojjennee Qarshii argachuu dandeenya?
1. Intarneetii nuti itti hin fayyadamne ykn kan qisaasa'u qooduun Qarshii argachuu
Egaa tooftaa inni kun hojii online haaraa miti, jechuun namoonni hedduun kana dura waan akkasi karaa online yeroo hojjetan fi qarshii yeroo irraa argatan ni mul'ata. Egaa hojiin kuni Intarneetii nuti itti hin fayyadamne qooduun kan hojjetamu yoo ta'u, hojii kanas Appilikeeshinoota garaa garaa irratti hojjechuu dandeenya, isaan keessaas Appilikeeshiniin Pawns App jedhamu kan hangafaati.
Egaa Appilikeeshiniin kuni guutummaa addunyaatti kan argamu yoo ta'u, fayyadamtoota hedduu qaba. Akkasumas haalli itti fayyadama isaa salphaa waan ta'eef baay'ee nama hin rakkisu. Akkasumas Appilikeeshinii kana irratti intarneetii qooduu qofaan osoo hin taane kan qarshii argannu karaa biraatiinis wantoota garaa garaa inni achi irratti nu gaafatu deebisuunis qarshii argachuu dandeenya. Akkasumas appilikeeshinii kana irratti qarshii xiqqaan nuti baafachuu dandeenyu 5$ dha. Namoota WiFi qabdaniif gaariidha itti fayyadamuu dandeessu.
2. Viidiyoo YuuTuubii hojjechuun galii irraa argachuu
Egaa tooftaan hojii online inni kun haaraadha jechuun hin danda'aamu, namoonni hedduun waa'ee YouTube ni beeku, akkasumas channel mataa isaanii bananii kan qarshii irraa argatanis namoota hedduudha. Akkuma hojiiwwan Online kanneen biroo mana keenya teenyee Itoophiyaa keessatti chaanaalii YouTube mataa keenyaa banachuun viidiyoo gadhiisuun salphaatti beeksisa irraa qarshii guddaa argachuu ni dandeenya. Akkasumas karaan kaffaltii YouTube karaa AdSense baankii irraan waan ta'eef baay'ee mijataadha. Baay'inaan YouTube irraa galii kan argannu beeksisa irraa yoo ta'u, yeroo daawwattoonni beeksisa sana ilaalanitti ykn yeroo beeksisa sana tuqanitti biyya irraa ilaalan irratti hundaa'uun qarshii ni arganna. Ammaaf YouTube irratti qarshii argachuu jalqabuuf ulaagaan jiru viidiyoo mataa keenyaa qabaachuun dabalataatti waggaa tokko gidduutti sa'aatii 4000 viidiyoo keenya ilaalamuu fi hordoftoota 1000 qabaachuudha.
3. Weebsaayitii ykn Marsariitii irraa Hojii Online hojjechuun qarshii argachuu
Akkuma YouTube weebsaayitii irraa qarshii argachuun yeroo ammaa kanatti biyya keenya Itoophiyaa keessatti baratamaa dhufeera. Yeroo ammaa kanatti weebsaayitiiwwan garaa garaa Itoophiyaa keessatti kan argaman yoo ta'u, galiin nuti weebsaayitii irraa argannus beeksisa irraa yoo ta'u kunis akkuma YouTube karaa AdSense beeksisni sun Weebsaayitii keenya irratti nuuf gadhiifama, garuu YouTube irraa wanti adda isa taasisu galii beeksisa irraa argamu keessaa 68% kan abbaa weebsaayitii sanaati. Akka YouTube weebsaayitii irratti qarshii argachuu jalqabuuf ulaagaan kanadha jedhamee ka'ame jiraachuu baatuyyuu, garuu wantoonni armaan gadii weebsaayitii keenya monetize taasisuuf baay'ee murteessoodha;
✓ Weebsaayitii keenyaaf domain bituu
✓ Barreeffama gadhiifnu irratti suuraa weebsaayitiiwwan bilisaan gadhiisan irraa fudhachuu, barreeffama kan mataa keenyaa qofa gadhiisuu kana jedhuun nama biraa irraa kooppii taasisuu dhiisuu
✓ Hanga danda'aametti barreeffama maxxansinu baay'ina isaa jechoota 500 ol taasisuu
✓ Fuulota garaa garaa weebsaayitii keenya irra galchuu kanneen akka «Privacy Policy, About, Contact» fi k.k.f
✓ Barreeffamoonni keenya Google irratti gaafa search ta'an akka ba'aaniif «Google Search Console» irra galchuu
✓ Barreeffamoota keenya garaa miidiyaalee hawaasaa garaa garaatti qooduu sababni isaas daawwattoota qabaachuu waan qabuuf weebsaayitiin keenya.
Egaa wantoota armaan olitti tarreessine kanneen yoo guunne carraan fudhatamuu keenya bal'adha (Waa'ee Hojii Online karaa Weebsaayitii fi YouTube tutorial yoo barbaaddan Weebsaayitii keenya kana mallattoo bilbilaa karaa harka mirgaa jiru tuquun hordoftaa yeroo step hunda isiniif barreessina)
Kana yeroo jennu garuu Weebsaayitii irratti karaa AdSense qofaa beeksisni nuuf gadhiifama jechuu keenya miti, yeroo baay'ee beekamaa kan ta'e isa waan ta'eefi malee dhaabbileen kanneen biroo kanneen akka MediaNet fa'a ni jiru.
4. Karaa Chaanaalii Teeleegiraamii Hojii Online hojjechuu
Yeroo dhiyootti banamanii marsaalee hawaasaa hordoftoota fi fayyamtoota hedduu horatan keessaa inni tokko Teeleegiraamiidha. Teeleegiraamiin guutummaa Addunyaa irraa fayyadamtoota hedduu kan qabu yoo ta'u, Google Play store bilbiloota Android Biliyoonaa 1 ol irratti ni argama. Egaa akkuma beekamu Teeleegiraamiin wantoota garaa garaatiif baay'ee kan nu fayyadu yoo ta'u, isaan keessaas;
• Faayila barbanne hanga 2GB tti saffisaan erguu nu dandeessisa
• Chaanaalii fi Group garaa garaa banuu nu dandeessisa
• Yeroo ammaa kanatti hojii online karaa Cryptocurrency dhufaniif Telegram baay'ee mijataadha
• Ergaa saffisaan erguu nu dandeessisa akkasumas iccitii keenya ni eega fi k.k.f.
Egaa Itoophiyaa keessatti akkamitti Telegram fayyadamuun qarshii argachuu ykn hojii online akkamitti hojjechuu dandeenya kan jedhu gaaffii ka'udha. Eeyyeen Telegram irraa Itoophiyaa keessa teenyee qarshii hedduu argachuu ni dandeenya. Akkuma beekamu biyyoota Afriikaa keessaa Itoophiyaan marsaalee hawaasaa ergaa erguuf tajaajilan kanneen akka WhatsApp, Messenger fi k.k.f caalaatti Telegram fayyadamuun sadarkaa tokkoffaa irratti argamti, kanaanis fayyadamtoonni Telegram hedduun Itoophiyaa keessa ni jiru kuni ammoo business telegram irratti hojjechuuf baay'ee nu fayyada. Egaa bifa salphaan gaafa ilaallu channel Telegram mataa keenyaa yoo qabannee hojiiwwan online armaan olitti kaasne gaafa hojjennu salphaatti channel Telegram keenya irratti gaafa qoodnu namoota hedduu argachuu dandeenya.
Kanaafuu karaaleen Teeleegiraamii irraa qarshii itti argachuu dandeenyu muraasni;
✓ Channel Telegram ofii keenyaa banachuun erga hordoftoota isaa baay'isne booda beeksisa garaa garaa achi irratti hojjechuun
✓ Channel Telegram haaraa banne erga guddifne booda gurguruun. Fakkeenyaaf channel Telegram hordoftoota 10,000 ol qabu hanga birrii 5000 tti gurguruu ni dandeenya.
✓ Channel Telegram keenya monetize taasisuun, kana jechuunis beeksisni karaa Telega akka irratti gadhiifamu taasisuu yoo ta'u, guyyaa tokkoof ykn sa'aatii 24'f beeksisni yoo irratti gadhiifame 3$ fi isaa ol argachuu dandeenya.
✓ Karaa Telegram channel keenya monetize taasisuun TON argachuu dandeenya.
✓ Akkasumas yeroo ammaa kanatti Telegram kan jalqabe «Star» namni channel Telegram keenyaaf kennuu danda'a.
Egaa nuti isaan kana akka fakkeenyaatti kaasne malee hojii online Itoophiyaa keessa teenyee qarshii guddaa irraa argachuu dandeenyu kan biroos hedduun ni jiru. Nutis haalota isaanii ilaallee yeroo biraatti kan itti deebinu ta'a. Mallattoo bilbilaa 🔔 karaa gadi jirtu tuquun miseensa Weebsaayitii keenyaa ta'aa.
Odeeffannoo hojii online haaraa karaa Telegram hojjetaman argachuuf channel keenya Telegram join taasisaa!
0 Comments