Subscribe To Our YouTube Channel

Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Rufaa'eel fi Xoobiit

Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Rufaa'eel guyyaa itti Xoobiit gargaare


Qaammee 3


Guyyaa Banamuu Ija Xoobiit



Xoobit kan jedhamu kun qomoo Niftaalem keessaa kan dhalateedha. Haatii manaa isaa Haannaa mucaan isaa immoo Xoobi'aa jedhama. Namni kun firoonni isaa hundi gara waaqa tolfamaatti gaafa goran qofaa isaa kurnoo baatee kennaa dadhabootaaf kennamus fudhatee gara Iyyerusaalem ayyaana waggaa kabajuuf deemaa kan tureedha M/Xoobit 1:4, Keessa Deebii 16:16.

Akkoo isaa Dibooraa jedhamtu irraa akkuma barate hiyyeessotaaf nama rakkate kan gargaaru ture akkuma
Kitaabni Qulqulluun ajajutti Maat. 25:35. Bara mooticha Selmenaasoor firoonni isaa cubbuu hojjechuu isaanii irraan kan ka'e biyya Naanawweetti yemmuu booji'aman isaan faana booji'amee mooticha fuula duratti jaallatamummaa argatee kan muudame ture. Miindaa yeroo sana argates biyya Miidiyaa kan jiraatu Gabaa'el kan jedhamu fira isaa bira imaanaa bira kaa'atee ture M/Xoobit 1:11.

Selmenaasoor du'ee jennaan iddoo isaa Senaakireem iddoo isaa mootii ta'ee muudamee Xoobitiin hojii irraa ari'e. Kiristaanotas iddoo argetti ajjeesuu eegale. Yeroo kana Xoobit immoo namoota miidhaman gargaaruu kan du'an immoo awwaaluu akka amala isaatti yeroo inni gargaaruu eegalu isas ajjeesuu barbaade yeroo kana mana isaa gadi dhiisee baqate. Qabeenyi isaa guutummaanis jalaa saamame. Firri isaa Akihaakiros kan jedhamu muudamee mana mootii kana keessa kan hojjetu Xoobitiin mootiitti araarsee mana isaa biyya Naannawwee jiru keessa kaa'e.

Xoobitis achuma taa'ee ammas hojii isaa gaarii hojjechuu itti fufe. M/Xoobit 2:1. Guyyaa tokko akkuma amala isaatii warra arii'ataman, warra du'anis gargaaree awwaalee utuu deebi'uu muka Diimo'uu jedhamtu tokko jala dadhabee yeroo duugdaan ciisu Allaattonni mukicha irra jiran ija isaa irratti kusii gaafa buusan iji isaa madaa'ee achumaanis ni jaame M.Xoobit 2:9. Firri isaa Akihaakiroos isaaf mucaa isaa gargaaraa utuu jiruu haati manaan isaa Haannaan mana namaatti qacaramtee hojii irra ooltee gaafa galtu jaamuu isaa agartee guddaa gadditee boosse inni garuu waan hundumtuu gaarummaaf isheen jedhe. Akkuma Qulqulluun Phaawuloos jedhe Room. 8:28 sana. Gaarummaaf ta'uu isaa itti himee ishee jajjabeesse. Gatii dadhabbii ishee Re'ee tokko fudhattee gaafa galtu rakkanne jettee waan namaa hattee fiddee dhuftee? maaliidha sagalee Re'ee ani dhaga'u kun kan eenyuuti yeroo ittin jedhu isheenis gatii dadhabbii ishee ta'uu itti himte.

Gaaf tokko utuu gidiraa kana keessa jiruu baayyee itti dhaga'amee gadduudhaan Waaqayyoon kadhatee mucaa isaa Xoobi'aa fi haadha warraa isaa Haannaa walitti waamee mucaa isaa Xoobi'aa gorse. Haadha kee hin gaddisiisin Waaqayyoo fuula duratti immoo yeroo hundumaa hojii gaarii ta'e hojjechuudhaan Waaqayyoonis gammachiisi jedhe M/Xoobit 3:1, 4:21.

Guyyaa kana biyya Meedi'oon keessaa intalli Raagu'el Saaraa kan jedhamtus hafuura xura'aadhaan qabamtee abbaan warraa torba kan irraa du'an baayyee gadduudhaan boossee guyyaama Xoobit kadhate kana isheenis boossee kadhachaa turte. Kadhannaan lachan isaanii wal faana harka Ergamaa kanaan gara waaqaatti dhiyaateef M/Xoobit 3:6-16. Kadhannaa isaa booda Xoobit mucaa isaa Xoobiyaa waamee imaanaa mana Gabaa'el kaa'atee ture akka deemee fiduuf nama miiltoo isaa ta'u gara magaalaa deemee akka hiyyaafatuf gara magaalaatti isa erge.

Ergamaa Rufaa'eliin nama fakkaatee Xoobiyaatti mul'achuudhaan maqaan isaa immoo Azaariyaa jedhee akka isaa wajjin deemuu barbaadu gaafa itti himu gara abbaa isaatiitti waliin dhufanii abbaan isaa mucaa koo imaanaa narkaa fuudhi mana Gabaa'eliitti geessi karaa irratti yoo beela'e beela naa baasi, yoo dheebotes naa obaasi, yoo dadhabes naa jajjabeessi deebisii immoo naaf fidi ani immoo gatii dadhabbii keetii miindaa kee siifan laadhaa yoo jedhu Azaariyaa inni jedhame Rufaa'eliinis tole ittiin jedhe M/xoobit. 5:1 kaasee. Haati isaa Haannaan garuu qarshiin achii qabnu achumaan haa badu malee mucaan koo hin deemu jettee mormite yeroo kana Xoobit akka dubartoota warra gowwaatti hin yaadiin Waaqayyo inni mana keenya keessatti eegu gara deemu hundumaattis ni eega ergamaan Waaqayyoo Rufaa'eeliinis isaa wajjin haa ta'u jedhee eebbisee gadi lakkise M/Xoobit.5:17.

Ergamaa Rufaa'eliin nama fakkaatee mucaa Xoobiyaa jedhamu kana wajjin adeemsa gara biyya Meedon deemuudhaaf itti fufanii osoo deema jiranii Xoobiyaan ni dadhabe, ni beela'es galaana Eegiroos cina taa'ee qaama isaa dhiqachuudhaaf wayyaa isaa of irraa baase qurxummiin guddaan tokko gara isaa yemmuu dhufu argee sodaate. Ergamaa Rufaa'eliin nama fakkaatee isa faana jiru hin sodaatiinii qabi jedhe Xoobiyaanis humna guddaadhaan qabee harkisee bakkeetti baase. Qalee tiruu fi hadhooftuu isaa keessaa baasii qabi jedhe akkuma jedhame Xoobiyaan godhe. Qurxummichas waadanii nyaatan. M/xoo/ 6:1.

Adeemsa irra osoo jiranii gaafa galgalaa'u mana Raagu'eel buluudhaaf goran. Intalli Raagu'eel Saaraa kan jedhamtu simattee ol seensifte. Yeroo kana Rufaa'eliin Xoobiyaatiin intala kana ni fuuta jedhee jennaan Xoobiyaan immoo abbaan koo na gorseeraa horma keessaa hin fuudhu jedhe. Azaariyaa immoo deebiseefii inni horma miti amantii abbaa keetii hordofa ittiin jedhe. Kana gidduutti abbaan mana sanaa Raagu'eel «Eessa deemtu nama biyya eessaati?» jedhee gaafa gaafatu nama biyya eessaa akka ta'anitti himan. Yeroo kana Xoobit nama jedhamu nama fira koo tokko beekturee jedhee gaafate. Azaariyaan iji isaa akka jaamee jiruu fi mucaan isa faana deemaa jiru kan isaa akka ta'e gaafa itti himu morma mucichaatti maramee bo'ee dhibantaa akka turanis kaasee dubbate.

Nyaatas qopheessee dhiyesseef yeroo kana Rufaa'eliin ka'ee waan si gaafannuuf waadaa yoo nuu seente malee hirbaata kana hin nyaannu jedhe. Maal inni jennaan intala keessan Saaraa Xoobiyaaf kennaa ykn itti heerumsiisaa yoo kana tole nuu jettan malee hin nyaannu jedhan. Yeroo kana Raagu'elii fi haati manaan isaa Haadinaan kan jedhamtu baayyee gaddanii mucaan koo kun carraan ishee baayyee ulfaataadha kanaan duras dhirsa 7 tti heerumtee 7 nu utuu seera gaa'elaa hin raawwatiin irraa du'an, nutis baay'ee gaddaa jirra isheenis gidduu kana baayyee boossee gaddaa jirti. Yeroo mucaa dhibantaa kootii kanatti heerumsiise 8ffaa innis ni du'a gaafa jedhu Azaariyaan isa kana isin hoomaa hin dhiphatiinaa ittiin jedhe.

Kanaan booda Raagu'eliin tole gaafa jedhu hirbaata isaanii nyaatanii Saaraadhaaf Xoobiyaa walitti eebbisee gara dinqa ciisicha isaaniitti dabarsee tiruu fi hadhooftuu qurxummii baatanii jiran sana ixaana itti dabalee gaafa isheetti ulu seexanni Asmaandiyoos jedhamu kanaan dura ishee dhiphisaa ture sun irraa godaanee sokke. Seera gaa'elaa isaanis nagaadhaan raawwatan. Abbaan ishee Raagu'eel garuu kafana qopheessee boolla qotee akkuma amaleeffatame ta'a jedhee ganama barii awwaalchaaf gaafa ka'u nagaadhaan bulanii faarfachaa itti ba'an. Baayyee gammaduudhaan kan ka'e firoota isaa waamee guyyaa 14f guyyaa gammachuu godhatan.

Yeroo kana Xoobiyaan garuu gammachuu mataa isaatii ilaalee abbaa fi haadha isaa hin irraanfanne. Ergaman dhufeef bakkaan ga'a kanaaf Gabaa'el biraan deema jedhe. Qulqulluu Rufaa'eliin nama fakkaatee isa faana jiru ati gammachuu kee raawwadhu deemeen sii fida ittiin jedhee deemee fideef. Abbaa fi haati isaa garuu gaara ilaalaa jiru yoona mucaan keenya maal ta'e jedhanii. Xoobiyaanis abbiyyuun isaa isa eebbisee kennaa kennaniifii waan hin yaadamne fudhatee gara mana abbaa isaatti deebi'e.

Yeroo kana matiin isaa ba'anii yeroo simatan waan isaaf godhame hundumaa itti odeesse. Xoobit immoo baay'ee gammadee ergamaa nama fakkaatee isaan gargaare ofitti waamee miindaa isaa kennuuf jedhee gaafa qoratu Qulqulluun Rufaa'eliin Waaqayyoo uumaa keessan galateeffadhaa hanga ammaatti eessaa akkan dhufe, eenyuu akkan ta'e isinitti hin himne, iccitiin ulfina Waaqayyoo dhoksaatti mul'ataa ani ji'a ji'aan maqaa koon kan dhaabbattan hangafa ergamootaa 7'n keessaa Rufaa'eliin jedhama jedhee eenyummaa isaa itti beeksisee ija isaattis akkuma intala Raagu'elitti ule ixaanaa fi tiruu, hadhooftuu itti ulee ija isaa baneefii jiruu fi jireenya isaanii eebbisee utuu isaan ilaalanii ol ba'e. kun kan inni ta'e Qaammee gaafa 3 ti M/Xoobit 7:1 kaasee.

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments