Ayyaana Damaraa fi Fannoo Seenaa isaa fi Akkaataa Kabaja Isaa
Fulbaanni 16 Ayyaana Damaraa Maaliif jedhame? Ayyaana Masqalaa (fannoo) jedhamee maaliif kabajamaa?
Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidootti Fulbaanni 16 fi 17 Ayyaana Masqalaa jedhama. Sababiin kabajamuuf waa'ee Addaamiif waa'ee Gooftaa keenya Iyyeesus Kiristoosiifidha.
Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Ergamootaa fi nama jalqabaa Addaamiin maqaa isaa akka galateeffachaa, bara baraan akka jiraataniif kabajaa guddaadhaan isaan uume. Gosa Ergamootaa keessaa Daabiloos of tulummaasaatti, Waaqa ta'u barbaadurraan kan ka'ee tayitaa isarraa kufee Addaamii fi Hewaaniin kuffise. Addaamii fi Hewaaniin garuu waggaa baay'ee boo'anii Waaqayyoon kadhatan.
Waaqayyos kadhannaa isaanii dhaga'eefii waadaa seeneef. Waadaan kunis guyyaa shaniif walakkaatti dhala dhala keetii irraa dhaladheen cubbuu irraa kan hafe waan dhalli namaa hojjetu hunda hojjedheen, fannoo irratti fannifamee, du'ee awwaalamee, du'a mo'ee du'aa ka'een Seexana isin dogoggorse ajjeeseen isin fayyisa jedhee waadaa seeneef. Guyyaa shanii fi walakkaa inni jedhame akka lakkoofsa Waaqayyootti yeroo ta'u akka lakkoofsa namaatti immoo waggaa 5500 jechuudha. Far 90: 4, 2 Pheex 3: 8 lakkoofsi namaa fi kan Waaqayyoo akka gargar ta'e ibsa.
Barri kun yemmuu xumuramuu waadaa Addaamiif seename raawwachuudhaaf Bara Araaraa 33 fi ji'a 3tti gaara Qaraani'oo iddoo gaafa Addaam itti uumame sana irratti fannoo irratti fannifame. Waraantoo shanan (5) mismaara Saadoor, Alaadoor, Danaati, Adeeraa, Rodaas jedhamuun waraanamee, fannoo kana irratti ajaa'iba gurguddaa torba (7) hojjetee, Seexana amajaajii qabee hidhuudhaaf ijoo dubbii torba (7) dubbatee, dhiiga isaa qulqulluu irratti dhangalaasuudhaan Addaamii fi ijoollee isaa mara fayyise.
Egaa guyyaa kanaa jalqabee namni muka irratti fannifamuun abaarsa kan ture mallattoo ittiin diinni barbadaa'e ta'ee argame. Kanaaf, mallattoo fayyinaa jedhame. Waa'ee isaa kanas qulqulluun Phaawuloos Efes. 2:15-17 irratti: «Lola Fannoo isaan ajjeese. Misiraachoo nagaas nuuf labse» jedhe. Akkasumas Qol 2:14 fi 15 irratti «Nurratti barreeffamee kan ture xalayaa du'aa sana cinqarsuun fannoo isaatiin nurraa barbadeesse» jedhe. Galaatiyaa 6:14 irratti immoo «Fannoo Gooftaa koo Iyyeesusin alatti kan ittiin of jeju hin qabu».
Egaa walumaagalatti, dhiigni Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos inni qulqulluun gaafa Jimaataa irratti kan dhangala'e harki qulqulluu Addaamiin uume kan irratti fannifamee, jaalala nuuf qabu irratti kan mul'ise, nageenyaa fi bilisummaa irratti kan nuuf labse faajjii fi mallattoo eenyummaa keenyaa kan ta'e fannoon isaa attam ta'ee? Har'a immoo eessa jiraa?
Seenaa Awwaalamuufi Baafamuu Fannoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos
Fannoon Gooftaa keenya lyyesuus Kiristoos irratti fannifame guyyaa gaafa Jimaataa Yooseefii fi Niqoodimoos namoonni jedhaman saa'atii 11:00 tti Fannoo irraa gadi buusanii boolla haaraa keessatti awwaalan. Fannoon isaa garuu ifa guddaa mul'isuudhaan ajaa'iba garaagaraa gochuu eegale. Kana irraan kan ka'e Ayihudootni hinaaftotni bara 34 keessa Tulluuwwan lyyerusaalem keessatti argaman lama gidduutti boolla meetira soddoma (30m) gadi fagaatu qotanii kan Gooftaa keenyaa jala aansanii, kan isa mirga Gooftaatti fannifamee maqaan isaa Xiixos kan jedhamu itti aansanii, kan isa bita Gooftaatti fannifame kan Dakkariis ammoo irra keessa godhanii erga awwaalanii booda labsiidhaan balfi ykn kosiin magaalaa keessaa akka irratti gatamu taasisan. Yeroo sana keessa barattootni ykn hordoftootni Gooftaa keenyaa akka barbaadanii hin baafneef isaaniinis ari'achaa turan. Kanaafis ragaan HDB. 4:18-27,5:17, 7:1,8:1. Kana irraan kan ka'e waggaa 300 boolla keessa awwaalamee ture.
Hundumtuu yoo irraanfatan iyyuu Fayyisaan Keenya Iyyeesus Kiristoos inni mallattoo fayyinaa godhee nuuf laate hin irraanfanne. Ajaa'iba gochuudhaan karaa Mootittii Illeenii akka awwaalcha keessaa bahu taasise. Seenaa Mootittii kanaa gabaabinaan akka armaan gadiitti ilaalla.
Mootittiin kun dhugaatti Waaqayyoon kan amanattuu fi qulqullinaan kan jiraattuudha. Abbaan manaa ishee Terbinoos jedhama. Dooniidhaan biyya fagoo deemee kan daldaluudha. Yeroo inni daldalaaf gara biyya biraa deemu isaaf ni kadhatti turte, manaas hin deemtu, ilmoon dhiiraas mana ishee hin seenu ture-jechuunis- amanamtuudha jechuudha. Hojjettuu durbaa tokko qabdi turte.
Gaaf tokko abbaan warraa ishee hiriyoota isaa wajjin lafa daldalaaf deeme sanatti qormaatni hedduun isa irra ga'e. Akka ta'e ta'ee mo'atanii, gara biyyaatti yeroo deebi'uudhaaf ka'an hiriyyaan isaa tokko «Nuti akkana rakkannee yeroo deemnu kanatti yoona warri manaa keenya dhiira bartee qe'ee keenya balleessaa jirti» jedhe. Terbinoos immoo «Ani haadha manaa koo Illeenii hin shakku» jedhe. Hiriyaan isaa immoo deebisee «Haati manaan kee eenyuun caaltii? Anumtuu deemee dogoggorsuu nan danda'a» jedhe. Inni ammoo «Hin dandeessu!» jedhe.
Erga wal falmanii booda, «Qabsiisi, qabsiisi!» waliin jedhan. Terbinoos «Ati deemtee dogoggorsiistee jennaan keessumatti immoo, mallattoo qabatamaa kan koo fi kan ishee ta'e yoo fidde jennaan kan ani daldalee galaa jiru kana siifan kenna» jedhe.
Hiriyaan Terbinoos kun karaa irratti isaan bira darbee gara mana Illeenii deeme. Gaafa kana hojjettuun isaanii gadi baatee jennaan «Illeenii naaf waami!» ittiin jedhe. Hojjettuun sunis «Isheenoo gadi hin baatu namattis hin haasoftu» jette. Yeroo kana guddaa na'ee hammam amanamtuu akka taate hubatee «Amma maal naaf wayya?» Hojjettuu ishee qarshiidhaan gowwoomsee mallattoo isaan waliin qaban harkaa fudhatee gara Terbinoositti deebi'e.
Akkas jedhe «Haadha manaa kee wajjin ciiseen mallattoo ati jette sana harkaa baafadhee dhufe!» jedhee mallattoo sana itti laate. Mallattoon sun Habilii mormaa ture. Yeroo kanatti Terbinoos ni na'e. Hin shakkine. Dhugaadha jedhees amane. Kan sila waliif qabsiisan hunda kenneefii gara manaatti aaraa/gaddaa gale.
Illeeniin jaalala dhugaadhaan isa simatte. Inni garuu dhukkuba isaa dhoksee yeroo isheen «Maal taatee? Maaliif gadditaa?» jettee gaafattu «Qabeenyaa koo hattuutu na same» jedhe. Isheen immoo Kitaaba Qulqulluu beekti waan ta'eef seenaa Iyyoobii itti himuudhaan jajjabeessite. Inni garuu dhaga'uufii hin barbaadne. Isheenis «Ka'i qaama kee dhiqadhuu irbaata nyaadhu!» gaafa jettu, «Hin dhiqadhu, hin nyaadhus, biyyan kaleessa namaaf kenne keessattin har'a immoo naaf kennaa jedhee nama hin kadhadhu» jedhee isheedhaan immoo "Ati fira baay'ee qabda" jedhee gara biyya biraatti qofaa isaa baduudhaaf ka'e. Isheenis immoo deebistee «Yeroo gammachuus waliin dabarsinee yeroo gaddaa immoo si biraa hafaaree?» jettee duukaa buute.
Rakkoo isaa dhokfatee guyyaa dheeraa erga waliin deemanii boode galaana guddaa tokko bira ga'ee «Utuun si jaalladhuu maalif na jibbite? Utuun si amanadhuu maalif na gante?» jedhee wanta hunda itti hime. Yeroo kanatti waaqaa fi lafaan kakatteef. Inni garuu dhaga'uu hin dandeenye.
Kana booda «Kana eenyuutu si irraa baafate ree?» jedhee mallattoo namicha harkaa fuudhee itti argisiise. «Hojiin kee si haa baasu» jedhee shakkii tokko malee qorxii (sanduuqa) keessa kaa'ee bishaan keessa buuse.
Waaqayyo akkuma Baahiraaniin gargaare ishees gargaaree, eegee galaanichuma irra Dhiha Galaatiyaan ishee baase. Loltuun mooticha Koonitaadiyoos ykn Qoniisxaa galaana irra kan eegan saaxinicha arganii gaafa banan bifti ishee bareedduu waan taateef Illeenii keessatti arganii gara mootichaatti geessan. Mootichis seenaa ishee qoratee jaallatee bara 257 keessa fuudhee bara 258 immoo Qosxinxinoos guddicha deesseef.
Isheenis mucaa ishee kana seera amantiin guddifte. Mucaan kunis yeroo guddatu abbaan isaa duunaan Adoolessa 25 Bara 306 mootii Galaatiyaa Dhihaa godhanii muudan.
Yeroo sana keessa waaqa tolfamaan babal'atee kan tureedha. Bara sana keessa Kiristaanonni mirga hin qaban turan. Bara 312 keessa mirga Kiristaanotaa kabachiisuudhaaf jecha laguu fi kadhannaadhaan Waaqayyoon gaafate. Waaqayyos akkuma qubee jalqabaa mallattoo ishee qabatee samii irratti barreessee dhaloota Addaamii irraa 3ffaa isa ta'e Heenoositti agarsiise, Qosxixinoositti mallattoo Fannoo isaa kan inni diina isaa ittiin mo'achuu danda'u samii irratti kaasee itti agarsiise. Mallattoo kana uffata isaanii fi meeshaa isaanii irratti akka hidhatan itti agarsiise.
Isaanis akkaataa kanaan lola itti bananii guutummaa Roomaa mo'an. «Manni waaqa tolfamaa haa cufamu ykn haa gubamu, manni Waaqayyoo immoo haa banamu!» jedhee labsii jalqabaa labsee mirga Kiristaanotaas kabachiise.
Mootittii Illeeniinis mirga argame kanatti fayyadamtee ilma ishee deeggersa gaafattee bara 327 gara lyyerusaalem deemuun fannoo Gooftaa barbaacha eegalte. Namootas gaggaafattee umurii waggaa dhibba sadii kan ture waan ta'eef namni seenaa sana beeku ni dhibe. SKD 32:7 fi Iyyoob 8:9 irratti «Wanta bara durii ture seenaa abbootii gaafadhu, isaan immoo sitti haa himanii!» jedha waan ta'eef maanguddoo barbaaddee gaafatte. Maqaan maanguddoota kanaa abbaa Kiraakoosii fi Abbaa Iminoon jedhamu. Maanguddootni kunis «Tulluuwwan sadan argaman keessaa isa tokko jalatti awwaalame» jedhanii ni dubbatu turan. Abbootni «Garuu isa kam akka ta'e hin beeknu» jedhanii itti himan.
Illeeniinis akka itti mul'isuuf tsooma fi kadhannaadhaan torban tokko kadhatte. Waaqayyos Qulqulluu Uraa'eeliin ergeefii Fulbaana 16 Lubootaa fi amantoota walitti waamtee muka jiidhaa fi gogaa, ixaanaa fi kadhannaa walitti ida'aanii bulan. Ganama isaa gaafa 17 akka gubaniin, aarri isaa gara samiitti ol ba'ee iddoo Fannoo Gooftaa jiruuf sagadee akka itti agarsiisu itti hime. Isheenis gammachuudhaan akka itti himame taasiste.
Tulluu isa gidduu jala akka awwaalames mallattoodhaan aarri isaa sagadeefii yeroo itti agarsiisu hubattee Fulbaana 17 Bara 327 qotuu eegalanii Bitootessa 10 Bara 327 ji'a ja'a (6) booda mallattoo Fannoo isaa argan. Akkuma arganiinis ajaa'iba gara garaa gochuu eegale. Golgootaa iddoo awwaalcha Gooftaa keenyaatti Mana Qulqullummaa ijaarsiftee kabajaan keessa keesse.
Motittiin Illeenii kana kan goote bara 328 ykn waggaa isaatti boqotte.
Seenaan ishee garuu dhalootaa dhalootatti waggaadhaa waggaatti dhalootaa-dhalootatti darbuun yaadatamaa jira. «Yaadannoon Qulqullootaa bara baraan jiraata» akkuma Daawwit jedhe. Faar: 111(112):6. «Hojiin kee si haa baasu!» akkuma jedhame
Qulqullummaa fi amanamummaan isheen qabdu kabaja kanaan ishee ga'e. Haaluma kanaan Fulbaanni 16 fi 17 Ayyaana Masqalaa jedhamee akka Mana Kiristaanaa Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo keenyatti kan kabajamuuf kanaafidha.
Armaan olitti akkuma ilaalle mana Qulqullummaa iddoo Golgootaa jedhamutti ijaarameef sana keessa taa'ee ajaa'iba gurguddaa hojjechaa ture. Yeroo kanatti mootiin Biyya Faaris bulchu maqaan isaa Hoologoos kan jedhamu Iyyerusaalemiin weeraree Fannoo kana fudhatee biyya isaatti gale.
Amantootni Iyyerusaalem keessa jiraatan mootii biyya Roomaa bulchu maqaan isaa Hirqaal kan jedhamu gargaarsa gaafatani waadaa seenanii, «Dhala dhala keenyaatti yaadannoo keef siif soomna» jedhanii jennaan innis tole jedhee jara lole, Hiriqaalis injifatee Fannoo kana lyyerusaalem keessatti deebise. Ajaa'iba gurguddaa hojjechaa yeroo dheeraa ture.
Yeroo kana mootonni Addunyaa kana irratti ciccimoo ta'an «Anatu fudhata, anatu fudhata» jechuudhaan irratti wal-loluu jalqaban. Iyyerusaalem, Qosxinxiniya, Biyya Abbootiin Antsookiyaa, Efeesoon, Armaaniyaa, Giriikii fi Iskiindiriya keessa lola isaanii qabbaneessuuf jecha iddoo afuritti qoqqoodanii carraan akka itti ba'uu godhan. Haaluma kanaan yeroo carraan itti bu'u kan argatan Room, Qosxonxiiniyaa, Antsookiyaa fi Iskindiriyaa dha. Fannoon inni harka mirgaa immoo biyya Iskindiriyaa ga'e. Iskindiriyaan kun Gibxii keessatti kan argamuu ardii Afriikaa keessa jechuudha.
Fannoon harka mirgaa kun ajaa'iba guddaa gochaa yeroo dheeraa ture.
Yeroo tokko tokko ormoonni Gibxii keessa jiraatan amantoota achi keessa jiraatan hacuuccaa yeroo isaan itti baay'isan mootii biyya Itoophiyaa Atsee Daawwit gargaarsa gaafatan. Atsee Daawwitiinis «Ba'aa walii keessanii baadhaa!» waan jedhuuf loltuu kuma digdama (20,000) hiriirsee itti duulee, «Yoo araaramtanii jaalalaan hin jiraattan ta'e, dhufeen biyya keessan barbadeessa» jedhee xalayaa itti barreesse. Yeroo kanatti ormootni Gibxii keessa jiraatan sodaa guddaa sodaatanii Kiristaanotatti araaraman.
Kiristaanonni achi keessa jiraatan gammachuu irraan kan ka'e waraqaa galataa fi warqee waqeeta kudha lama (12,000) Atsee Daawwitiif ergan. Atsee Daawwitis baay'ee gammadee «Ani rakkina warqee hin qabu, baga gammaddan! fedhiin koo jaalalli Kiristoos na wajjin ta'ee waanan isin gargaareef yoo naaf gochuu barbaaddan garuu karaa Kaaba biyya koo gogiinsa irraa kan ka'e beelaa fi dhukkuba cimaan na qabatee waan jiruuf, Fannoo Gooftaa isa harka mirgaa sanaa fi lafee qulqullootaa, qodaa kabajaa eebbaa fi fayyina kennuu danda'an naaf ergaa» jedhanii xalayaa barreessaniif.
Akka xalayaan kun isaan ga'een abbootiin amantii fi amantootni ni mari'atan. «Atsee Daawiti waan nu gammachiiseef nutis ni gammachiisna, wanta inni fedhe hundaa ni laannaaf» jedhanii sanaa wajjin uffata diimaa isa Gooftaa ittiin guyyaa Jimaataa warqee waqeeta kudha lama sana deebisanii Fannoo harka mirgaa keessa kaa'anii waraqaa galataa wajjin fidanii hanga iddoo Sanaa'ar uffisanii fi wantoota baay'ee wajjin qorxii (sanduuqa) warqee jedhamtutti fidanii Fulbaana 21 laataniif.
Yeroo qarqara daangaa Itoophiyaa irra ga'an guyyaa sadii biyyattii keessatti ifa guddaatu ta'e. Atsee Daawwit Fannoo kana giddu-galeessa biyya keenya Itoophiyaa erga senee booda utuu hin turin boqotan.
Kanaan booda mucaan isaanii Zara'a Yaa'iqoobitu mootii ta'e. Mucaan kunis iddoon bulmaata mootii bara sanaa Shawaa Kaabaa bakka Dabra Birhaan jedhamu Mana Qulqullummaa ijaaree kaa'uu barbaade. Waaqayyo abjuudhaan itti mul'atee, « Yaa Zara'aa Ya'iqoob, Fannoo koo iddoo uumamaan Fannoo ta'e naaf kaa'i!» ittiin jedhe (jecha Gi'iiziidhaan "Anbir Masiqeliyye Dibee Mesqali) jedhama.
Iddoo uumamaan Fannoo ta'e kana barbaacha Zara Yaa'iqoob baay'ee dadhabe. Fakkeenyaaf, Dirree Maariyamii fi Mannaagashaa Maariyaamii fi k.k.f. kaa'uudhaaf yaalii baay'ee godhe. Waaqayyo ammas mul'ataan itti himaa ture. Guyyaa torba subaa'ee galee yemmuu kadhatu, Waaqayyo utubaa ifaa ergeef. Utubaan ifaa kun immoo dura isaa deemee kutaa biyya «Walloo konyaa Hanbasaan Tulluu Giishen» irra akka inni kaa'u itti agarsiise. Tulluun kun ogeessi ogummaa isaatiin midhagsee bifa Fannootiin kan kaa'e fakkaata. Lafa gaara sanaa waan ga'aniif gammadan. Tullicha irratti Mana Qulqullummaa ijaaran. Fulbaaana digdamii tokko, jaarraa 14ffaa keessa ka'anii hanga har'aattis achi irra jira.
Yeroo kana Fannoo wajjin biyya Gibxiitii biyya keenya kan seenan:
1. Ujummoo ittiin hadhooftuu Gooftaa keenya ittiin obaasan
2. Biyyoo eebbaaf Iyyerusaaleem keessaa hammaarame
3. Fakkii Giiftii keenya Maariyaamii Qulqulluu Luqaas kaase
4. Fakkii fannifamuu Gooftaa keenyaa, kan Qulqulluu Yohaannis kaase
5. Wayyaa diimaa guyyaa Jimaataa Gooftaa keenyatti uffisan
Seenaa fi baay'inni meeshaalee kanaa Fulbaana 21, bara 1440 barreeffamanii amantootatti himameera.
Atsee Zara'aa Yaa'iqoobii, Phaaphaasii Abbaa Mikaa'elii fi Abbaa Gabrielii yeroo sana turan Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos biraa waadaa argachuudhaaf subaa'ee seenan. Gooftaanis itti mul'atee «Iddoon kun akka Iyyerusaalemii iddoo ani itti dhaladhee, guddadhee, itti awwaalamee haa ta'u! Iddoo kana dhufee kan kadhate arjummaa kootiin isa nan daawwadha. Dhiyeenyas ta'e fagoo irraas dhufee iddoo kanatti kan awwaalame akka Iyyerusaaleemitti awwaalame nan taasisaaf jechuudhaan waadaa seeneef. Har'as waadaa kana argachuudhaaf jecha iddoo adda addaa irraa Fulbaana 21tti Giishen Dabre Karbee ni deemu.
Fannoon Gooftaan Keenya irratti Fannifame Mukkeen Akkamii Irraa Hojjetame?
Kitaaba waa'ee dhukkubbii Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos dubbatu fuula 36 irra kaa'amee akka jirutti mukkeen Jannata keessatti argaman adda addaa kan ta'an irraa kan hojjetameedha. Isaanis:- Muka (Hitse) zayitii, hitse orkaayi, hitse wayeraa, hitse hitse hitse wayinii Sernaayi, Balas, kan jedhaman kunneen walitti qopheessanii Fannoo isaa hojjetan. Kanas kan godhaniif yeroo inni baatu itti ulfaatee onneen isaa citee akka dafee du'uuf barbaadaniiti. Inni garuu Waaqummaa isaatiin danda'ee baate malee akka namaatti hin danda'amu ture.
Mukeen Kana Keessaa Hitse Balas Akkamitti gara biyya lafaa dhufee?
Biqiltuun Histe Balas gara biyya lafaatti kan dhufe ajaa'iba hojii Waaqayyootiin yeroo adda addaattidha. Kitaaba Niqi'aa Gennati jedhu fuula 85 irraa akka ibsutti;
1. Karaa Qulqulluu Mikaa'eeliitiin
Kanas mallattoo, eegduu akka taatuuf jedhee Qaayeeliin akka dhaabbatuuf Gannata keessaa kan fideefidha. Waa'ee isaa kanas Uma. 4:15 irratti abbaan argee akka isa hin ajjeefneef Waaqayyo Qaayeeliif mallattoo godheef ykn dhaabeef jedha. Mallattoon kun biqiltuu Hitse Balas dha. Haala kanaan biyya lafaa dhufe.
2. Bara Mooticha Saa'ool Gannata keessaa kutamee kan dhufedha
Kitaaba «Imamat Meskel» jedhu fuula 31 irratti barreeffamee akka jiru, mootichi Saa'ool mucaan isaa jalaa dhukkubsatee jennaan Luboota waamee «Mucaa koo amma naaf fayyisaa! Yoo ta'uu baate tarkaanfiin isin irratti fudhadha!» yeroo inni jedhu «Akkas jechuu kee irra 'na gorsi yookaan daandii fayyinaa nuuf barbaadi jechuu keessan hin wayyuu?» jedhan. Mootichi ammoo deebiseefi «Mala fayyinaa naaf kennaakaa!» Yeroo kana Luboonni wucii allaattii yookaan Risaa qabitii gimbii hojedhuu keessa dhoksi. Haati wucii kanaa ilmoo ishee achi keessaa baafachuuf jecha biqilaa wayii kuttee fiddee irra buufti. Yeroo kanatti gimbiin sun ni dayya'a (caccaba). Mucaa ishee keessaa baafatti. Ati immoo biqiltuu sana fuutee sukkuumtee itti dibda-mucaan kees siif fayya» ittiin jedhan. Mala kana Waaqayyoon kadhatanii kan biraa argataniidha.
Mootichi Saa'ool akkuma itti himame godhe. Allaattii/Riisaan kunis mucaa isaa achi keessaa baafachuuf jecha Gannata keessaas biqiltuu haaraa kuttee fiddee irra buustee mucaa asiif achi fiigdee baafatte. Saa'ool immoo achii fuudhee mucaa isaa fayyifatee achumaanis mooraa isaa keessa dhaabe. Yeroo lammaffaa karaa kana biyya lafaa dhufe.
3. Bara Mooticha Solomoon Gennata keessaa dhufe
Kitaaba «Imaamaate Mesqel» jedhu fuula 35 irratti barreeffamee akka jiru, yeroo tokko mootii Solomoon irratti lolli banamee jennaan gara lola kanaatti yemmuu imalu akka Aduun isa hin gubneef ogummaadhaan allaattiiwwan ykn risaa jedhaman akka dibaabeti (akka xilaatti) koochoo isaanii diriirsanii akka irra golbooban taasise. Risaan tokko didnaan ilmoo ishee qabee gimbii keessa kaa'ee itti cufe. Yeroo kana ilmoo ishee achi keessaa baafachuuf jecha gara Gannata deemtee Biqiltuu balas kuttee irra buuftee mucaa ishee baafatte. Mootiin Solomoonis Biqiltuu ajaa'ibsisaa kana fuudhee dhaabe.
4. Karaa Iskindirii dhufe
Kitaaba «Imaamaate-Mesqel» jedhu fuula 36-38 irratti barreffamee akka jiru, namni Iskindirii jedhamu Gannata deemee ilaaluu hawwee ture. Yeroo kana ilmoo Risaa ogummaadhaan Fardaan akka wal quunnaman taasise. Farda kana irraa kan dhalatu akka abbaa ishee risaa sana koochoo kan qabdu akka haadha ishee farda sanaa immoo miilla afur kan qabdu taatee dhalatte.
Iskindiriin fooniin erga guddisee booda guyyaa afurtamaaf (40) subaa'ee galee Waaqayyo gennata akka isa agarsiisu kadhatee, farda kochoo qabdu kana immoo guyyaa sadiif (3) agabuu bulchee booda immoo ulee dheeraatti foon rarrasee erga yaabe booda fuula ishee duratti yeroo qabu sana nyaachuudhaaf utuu balaliituu gennata seente.
Gaafa Gannata seentu irraa bu'ee biqiltuu balasiitti hidhatee edda seenee booda gara balbala gennataa yeroo ga'u Ergamaan Suraafel balbala kan eegu "Ati eenyuu?" yemmuu jedhu, "Ana Iskindiriidha" yemmuu jedhu, "Eessaa dhuftee?" ittiin jedhe. "Eessa deemtas?" ittiin jedhe. Innis akkas jedhe, "Biyya abbaa kootii daawwachuudhaafan dhufe" ittiin jedhe. "Qulqullootni hedduun jiraatan kan itti hin galle ati immoo falasamaa fi ogummaan itti galuuf jettee dhuftee?" jedhee yeroo inni seefii luqqifatu Iskindir na'ee utuu biqiltuu balas irraa hin hiikin farda yaabbatee gaafa rukutu fardi isaa biqiltuu hitse balasii kana fottoksitee koochoo isheen balaliitee gara biyya lafaatti deebite.
Biqiltuun hitse Balas ajaa'iba garaa garaa gochuu jalqabde. Urgeeffachuu irraan kan ka'e namootni hojii hiikan/dhiisan yeroo kana Iskindiri galaana Yuurdaanos keessa buusee jennaan galaanicha irraas gadi liqimfamuu didee irra keessas taa'uu jalqabe. Gadis deemuu didee lafuma buusan dhaabbate. Yeroo kanatti Iskindir "Kun ajaa'iba qaba" jechuudhaan biqiltuu gidduu dhaabee achumaanis ni qabate. Haala kanaan gara biyya lafaa dhufe. fuudhee
Guutummaa isaa Kitaaba Galmee Seenaa irraa dubbisaa!
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
0 Comments