Ayyaana Bara Haaraa
Inquxaaxaashii
Fulbaanni tokko waggaa waggaadhaan naanna'ee yemmuu ga'u maqaa baay'eetu itti kennama. Akka fakkeenyaatti, Fulbaanni tokko :- Inquxaaxash, Bara Haaraa, Qulqulluu Yohaannis jedhamuudhaan ni waamama. Kun hundumtuu waan waamamuuf sababa mataa isaa danda'e qaba.
Inquuxaaxash jedhamee waan kabajamuuf, akka afoolli Mana Kiristaanaa keenya nu barsiistutti, Moticha Solomoon mootittiin biyya Itoophiyaa Saabaa kan jedhamtu ogummaa Solomoon dhageessee, akkasumas Mana Qulqullummaa fi Mana Mootummaa inni ijaare karaa daldalaa ishee Tamiiriin nama jedhamu dhageessee kennaa addaa addaa fudhattee daawwachuuf gara Solomoon gaafa deemtu, mootichi Solomoonis guddaa ishee jaallatee waan hundumaa caalaatti bareedaa kan ta'e qubatti kan kaa'atamu «Hinkii Hinquu Laxaatishi» jedhee kennaa kenneefi ykn Inquuxaaxash jedhee kennaa akka kenneef abbootiin ni dubbatu. Hiikkoon isaas, «Wanta miidhagaa quba keetii siif kenneera» jechuudhaan mootiin kun mootittii Saabaadhaaf kenne. Kan inni kenneef kana qofaa miti. Qabeenyaa lafaa Iyyeerusaaleem keessaa yeroo ammaa qabnu wajjin laateef. Iddoon kun har'a «Deer Sulxaan» jedhamee beekama. Achiitii Gadaamii fi Mana Kiristaanaa baay'ee qabna. Mootittiin kun akka isheen dhaqxee mooticha Solomoon daawwatte Kitaaba Qulqulluu keessatti barreeffamee jira. 1 Moot. 10:1-1, 2 Seenaa/Bar. 9:1-12, Maat. 12:38-42, akkasumas, 'Hamer'ii waggaa 6ffaa lakk. 6.
Kanuma irraan kan ka'e, yeroo barri haaraan dhufu namootni «Inquxaaxash» jechuudhaan waan bareeduu fi waan miidhagu akka isaan waliif kennan abbootiin ni dubbatu.
TOKKOS, «Waan miidhagaa qomoo Kuushiif kan ba'e» jechuu akka ta'e abbootiin ni dubbatu. Kun kan jedhameef, mucaan Nohii - Kaam, mucaan Kaam - Kuush jedhama. Kuush kun immoo biyya qabeenya uumamaan badhaate, keessumaayyuu, albuuda lafa keessaa garaagaraan kan badhaate Itoophiyaa dhufuudhaaf carraa waan argateef, «Hinqu Ixaa Lanagada Kushi Waxxaa» kan jedhamu irraa oolee bulee «Inquu Ixaa Waxxaash» kan jedhu irraa kan dhufedha. Waan miidhagaa lafa keessaa ba'an, fakkeenyaaf, warqeedhaan biyya guutamte waan argateef, maqaa «Inquxaaxash» jedhamu akka kenneef abbootiin ni dubbatu. Kanas yeroo addaa addaatti badhaasa godhanii waliif kennu.
TOKKOS, «Inquxaaxash» waan jedhamuuf Fulbaana tokkoo kaasee lafti bacaqii ture ni qoora. Akkasumas biqilootni baala duwwaa turan daraaraa mimmiidhagaa nama hawwatu agarsiisu. Namootni abaaboo miidhagaa kana kutanii «Inquxaaxash» jechuudhaan ifi akka dhufe, Birraan akka bari'e agarsiisu. Jecha Gi'iiziin «Itsi Inquu Awaxxaash» jedhama. Akkas jechuun hiikni isaa: "Itsi" jechuun biqiltuu jechuudha; "Inquu awaxxaash" jechuun immoo «Biqiltuun waan miidhagaa nama hawwatu Walumaagalatti daraaraa booddee firiin waan jiruuf, kan nama baafate» jechuudha. Gammachiisu waan ta'eef ji'a "Maskaram" kana booda waan gaariitu dhufaa jira, abdiitu jira jechuun, "Baga geesse!" waliin jechuun kenna adda addaa "Inquuxaxaash" jechuudhaan waliif laatu. Kanaaf, Fulbaanni tokko Inquuxaaxashi jedhama.
Maaliif «Bara Haaraa» jedhama?
Barri moofaa fi haaraa hin qabu; jireenya haaraa jiraachuu kan qabu mucaa namaati malee. Haara'uu kan barbaachisu ilma namaaf akka ta'e seenaan baay'een barreefamee jira. Yeroo tokko namootni walitti qabamanii abbaa amantii bira deemanii waa'ee baraa gaafatan. "Barri dhufu bara moofaa darbe irra maal fidee dhufaa? Bara gadhee moo gaariidhaa?" jedhanii gaafannaan, "Barri gadhee fi moofaa hin qabu; gadhummaa fi gaarummaa kan qabu nama malee. Isin ofii keessanii dubbii Waaqayyoon qajeeltanii jennaan waan hundumtuu sirratee isiniif gaarii ta'a" jedhan. Kitaaba Qulqulluu keessattis yeroo barri wal-jijjiiree dhufu mucaan namaa jireenya haaraa jiraachuu akka qabuu fi hirriba cubbuu keessaa dammaquu akka qabu wantootni hedduun barreeffamanii jiru. Room. 13:11 "Yeroo itti isin hirribaa damaqxan barri isaa akka ga'e beekaa!" jedhe. Room. 13:12-15 "Barri itti isin ejjaa fi halalummaadhaan jiraachaa turtan isin ga'a."
Room. 13:14 «Hinaaffaa fi wal-mormuudhaan barri itti deddeebi'aa turre nu ga'a.» Qola. 4:5 «Baricha bituudhaan ogummaadhaan deddeebi'aa.» H. Erg. 3:20 «Cubbuun keenya nu irraa akka haqamuuf gaabbii galuudhaan baricha bituun nu barbaachisa.» 1 Pheex. 4:3 «Akka ormootni (alagootni) itti jiraatanitti jiraachuudhaan foon keessan isa xuraa'aa raawwachuutti, halalummaatti, ejjatti, machiitti, sirbatti, waaqa tolfamaa waaqessuutti barri isin dabarsitan isin ga'a.» Egaa walumaagalatti, mucaan namaa barri isaa akka margaa lafa irraa cooligee kan dafee darbu ta'uu beekee qalbii jijjiirrachuu qaba. Faarsaa 102:15-16. Iji hojii amantii Galaatiyaa 5:22 irratti caqasamee jira. Isaanis baay'inni isaanii sagal (9) kan ta'ariidha. Isaanis, Jaalala, Nagaa, Amantii, Tolummaa, Arjummaa, Gammachuu, Garraamummaa, Obsa, Mataa ofii bituudha. Kan kana fakkaatan seera Waaqayyoo eeguudhaan barri akkuma darbu nuyis akka dabarruu beeknee nama haaraa isa ta'e Kiristoosiin akka uffannu ni barbaachisa. Efeesoon 4:24. Baricha immoo bituun nu barbaachisa. Egaa hundumaa kan dabarsu, hundumaa kan jijjiiru, ofii kan hin dabarree fi kan hin jijjiiramne barabaraan jabaatee kan jiraatu laphee haaraa fi yaada haaraadhaan gara isaatti deebi'uun ni barbaachisa. Yeroo kana barri bara eebbaa, kan nagaa, bara jiruu fi jireenyaa ni ta'a. Faarsaa 102:21, R. Yoo'el 2:12.
Qulqulluu Yohaannis
Kitaaba Qulqulluu keessatti Yohaannis kan jedhaman baay'eetu jiru. Warra arfan kana keessaa inni Qulqulluu Yohaannis jedhame ilma lubicha Zakkaariyaasii fi ilma Elsaabeet dulluma isaanii keessa misiraachoo ergamaa Qulqulluu Gabri'eeliidhaan kan argataniidha. W/Luq. 1:1. Utuu garaa haadha isaa kessa jiruu nagaa giiftii Maariyaamii dhaga'uudhaan burraaqee galata kan dhiyeesseedha. W/Luq. 1:44.
Waa'ee Yohaannis cuuphaa duraan dursa raajiin kan raajameefiidha. Isaay. 40:3, Milk. 3:1. Abbootiin amantii baay'eenis jechama baay'ee barreessaniiru. Qulqulluu Abbaan Qeerloos "Bakkalcha barii fuuldura biiftuu tureedha" jedhan. Barsiisaan jaarraa lammaffaa keessa ture, namni Xarxaaluus jedhamu immoo "Yohaannis cuuphaan ergamaa qofa osoo hin taanee ibsaadha" jedhaan. Walumaagalatti seenaa Yohannis cuuphaa qulqulluun Yohaannis afaan Warqee akka itti aanutti barreessaniiru.
Yohaannis cuuphaan kan dhalate bara mooticha Heroodos ji'a ja'a (6) gooftaa keenya lyyesuus Kiristoosiin dursuudhaan kan dhalateedha. Yeroo gooftaan keenya dhalate warri sabaa-sagal ixaana, karbee fi warqee fidanii yeroo isaan dhufan mootichi Heroodos isaan irraa dhalachuu gooftaa dhaga'ee mootummaa koo kan natti falmatu dhalate jechuudhaan ijoollee waggaa lamaa gadii dhalatanii jiran akka isaan ajjeefamaniif karoora baase. Maat. 2:1-14. Waa'ee karoora isaa kana ergamaan Waaqayyoo giiftii keenya Maariyaamii fi Yooseef gooftaa baatanii Gibxiitti akka godaananiif yemmuu itti himu, gara lubicha Zakkaariyaas immoo deemee mucaa isaanii fudhatanii gammoojjii Siinaatti akka isaan godaananiif itti hime. Lubichi Zakkaariyaas garuu "ani mana Waaqayyoo dhiisee hin deemu; ati garuu mucaa kee fudhadhuutii bosona ykn barahaa Siinaatti baqadhu" ittiin jedhee geggeessee nagaas itti dhaamee mana Waaqayyoo tajaajiluuf biraa deebi'e.
Qulqulleettii Elsaabeetis gara Waaqayyootti boo'aa mucaa dulluma keessa argatte baattattee halkanii fi guyyaa deemtee bosona ykn barahaa Siinaa keessa geessee dhagaa guddaa tokko cina dhaabbattee, lafa itti boqottus dhabdee gara Waaqayyoottis boosse. Yeroo kanatti dhagaa guddaan sun ajaa'iba Waaqayyoon banamteefii keessa jiraachuu eegalan.
Dhagaan kun yeroo bonaa itti qabbanaa'aa, yeroo gannaa immoo itti ho'aa ture. Akkaataa kanaan dhagicha keessa waggaa shan (5) jiraatan. Lubicha Zakkaariyaasiin immoo mana qulqullummaa keessatti albeedhaan qalanii ajjeesan. Maat. 23:35. Yeroo Yohaannis nama waggaa torbaa (7) ta'u harmeen isaa achitti boqotte. Yohaannis waan godhu wallaalee ishee cinaa taa'ee ni boo'a ture. Yeroo kana gooftaan Iyyesuus Kiristoos biyya Gibxiidhaa deebi'ee utuu Naazireetiin jiraachaa jiruu ganama gara bosona Siinaa ilaalee boo'uu jalqabe. Yeroo kanatti haati isaa giiftii Maariyaamiin "Maal taatee boossaa?" jettee gaafatte. Innis "adaadaan kee Elsaabeet barahaa Siinaatti boqottee Yohaannis cinaa ishee taa'ee boo'aan argee boo'a jedheen. Giiftii Maariyaamiinis sagalee ishee ol kaaftee boosse. Yeroo dhumaa kana mucaan ishee Gooftaan Iyyesuus Kiristoos ajaa'iba isaatiin duumessa abboomee duumessa yaabbatanii bira ga'an. Yohaannis nama argee hin beekuu waan ta'eef sodaatee fiigee bosona seene. Yeroo kanatti gooftaan sodaa irraa fageessee jajjabeesse. "Nuti firri kee waan gaarii siif gochuudhaaf gara kee dhufne" ittiin jedhe. Giiftii Maariyaamii fi Soloomeen ishee miicaniifii kafanan. Qulqulluun Mikaa'eelii fi Gabri'eeliin akka isaan boolla qotaniif abboome. Lubicha Zakkaariyaas, Simi'oon raajicha jennata keessaa qaama lubbuudhaan dhufanii seera hiikamaa ykn fitihaatii godhaniifii akka isaan awwaalan taasise. Isaan waan abboomaman raawwatanii gara Gennataatti debi'an. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos mucicha eebbisee gara Naazireetitti deebi'uudhaaf kaanaan giiftii Maariyaamiin fudhannee galla malee asitti hin dhiifnu jettee boosse. Yeroo kana gooftaan "Bakki jireenya isaa hanga waggaa 30tti asuma. Yeroo hundaa ergamootni isa ni eegu, hamaan tokko isa hin argatu" jedhee waaqummaa isaatiin dhagaa sana jala immoo akka harma harmee isaatii kan mi'aawu tsabala burqisiiseefii "Gennata keessaa immoo akka aannanii kan mi'aawu bishaan ergamootni koo ni fiduuf" jedhe. Abbaa fi haati isaas qaama lubbuudhaan gannata keessaa dhufanii ni jajjabeessu turan.
Erga guddatee booddee damma moggee nyaachaa ture. Waggaa soddoma (30) yeroo guutu, kutaa biyya Yihudaa keessaa laga Yuurdaanoos keessa naanna'uudhaan "Qalbii keessan jijjiirradhaa, hojii gaarii hojjedhaa! Tulluun gadi haa jedhu, jallaan haa qajeelu; cuuphamaa!" jechuun lallaba eegale. Lallaba inni lallabe Maat. 3:1, Maat. 1:1, Luq. 3:1 irratti barreeffamee jira. Namootni baay'een lallaba isaa irraan kan ka'e "Maal goonuu?" (Luq. 3:11) jechudhaan gaafatanii, cuuphaa qalbii jijjiirrannaa cuuphachaa turan. Yeroo sana keessa kutaa biyya Yihudaa keessa mootii jal'aa maqaan isaa Heerodoos jedhamu, Waaqayyoon kan hin beekne, obboleessi isaa lubbuudhaan utuu jiruu seera cabsee haadha manaa obboleessa isaa! kan Fiiliiphoos, 'Herodiyaadaa' kan jedhamtu fuudhee ture. Qulqulluun Gabri'eel galgala yeroo isaan ciisan sagalee Yohaannis cuuphaa fakkeessee isaan dheekkama ture. Isaan immoo Yohaannis cuuphaa se'anii ajjeesuuf ni barbaadu turan. Garuu arguu hin dandeenye. Yeroo hundumaa galgala galgala isaan ni dheekkama ture.
Halkan sana ka'anii ni barbaadu turan. Hin argan. Ogeessa abbaa qorichaa barbaadanii kutaa ciisichaa isaanii keessa kiyyoo diriirsanii qabuuf ni barbaadu turan. Garuu hin dandeenye. Kanaafis baay'ee rakkatan. Cubbamootni nagaa hin qaban waan ta'eef, Yohaannis cuuphaan hojii lallaba isaa itti fufe. Namootni baay'een cuuphaa qalbii jijjiirannaa cuuphamaa rakkina isaaniitti furmaata argachaa akka dhufan gaafa dhaga'u, Filiphiyoos dhaqee itti iyyate. Yohaannis osoo hin sodaatin fuula mootichaa dura dhaabbatee "haadha manaa obboleessa keetii fuudhuun siif hin ta'u" jedhe.
Heroodiyaadaan garuu "Filiiphiyoosiin ajjeesi, erga sanaa booda akka garaa keenyaatti waliin jiraanna" jettee ajjeesiste. Yohaannis cuuphaan gaafa kana dhaga'u fuulaa fi fuulaan lamaan isaanii ifate, dheekkamees abaare. Yeroo kana mootichi Heeroodoosii fi Heeroodiyaadaan hinaafanii irratti ka'an. Qaammee gaafa lamaa (2) qabanii mana hidhaa keessa buusan.
Gooftaan Iyyesuus Kiristoos erga Yohaannis cuuphaan hidhamee booda wangeela mootummaa Waaqayyoo lallabuu eegale. Maat. 4:17. Yohaannis duuka-bu'oota nama lama (2) gara gooftaa keenyaatti erguudhaan 'kan nuti eegnu Masiihiin Simi'oon kan biraadhaa?" jedhaa gaafadhaa" jedhe. Akkas jechuun isaa akka isaan sodaatanii fi, akka isaan waaman waan hubateef haa jabaataniif jecha itti erge malee eenyu akka ta'e ni beeka. Gooftaan Iyyesuus Kiristoosis waan hundumaa kan beeku waan ta'eef, yeroo isaan dhufanii gaafatan, "Jaamootni ni argu, kan naafatan ni deemu, kan lamxaa'anis ni qulqullaa'u, kan duudan ni dhaga'u, kan du'an ni ka'u; iyyooliidhaaf sagaleen misiraachoo ni lallabamaaf. Namni anaan hin gufanne kan galateeffameedha. Kan argitanii fi kan dhageessan dhaqaa Yohaannisitti himaa" jedhe. Ilaalanii akka isaan amanan taasise. Maat. 11:1-6, Luq. 7:18-35.
Itti aansuudhaan Gooftaan Iyyesuus Kiristoos waa'ee Yohaannis cuuphaa dhugaa ba'uu jalqabe. "Maal ilaaluuf gara lafa onaa (gadaamii) deemtan? Shomboqqoo qilleensi raasuu? Moo, namoota wayyaa miidhagaa uffatan ilaaluufii? Warri wayyaa miidhagaa uffatan illee mana mootummaa keessatti argattu. Raajii ilaaluu baatanii? Eeyyee, dhuguma kan raajii irra caaluudha ilaaluu kan baatanii inni 'ergamaa koo daandii kan siif qopheessu kan si fuuldura deemu siifan erga' jedhamee caafamee kan jiruudha. Dhuguman isiniin jedha, namoota lafa irratti dhalatan keessaa kan Yohaannisiin caalu raawwatee hin jiru. Garuu, mootummaa Waaqayyootti immoo hundumaa gadi kan ta'eedha" jechuudhaan Gooftaan keenya waa'ee Yohaannis dhugaa ba'eef.
Utuu Yohaannis mana hidhaa keessa jiruu mootiin Heerodoos guyyaa yaadannoo dhalachuu isaa kabajachuudhaan dhangaa guddaa qopheessee hiriyoota isaa hedduus irratti afeere. Afeerraa sana irrattis intalli Heroodiyaadaa maqaan ishee Xermeeririiyaa kan jedhamtu yeroodhaaf uffata gammachuu kan fakkaatu, garuu, uffata du'aa kan ta'e, akkasumas, shubbisa gammachuu kan fakkaatu, garuu, booddeen isaa kan du'aa kan ta'e shubbisuudhaan mootii Heeroodoosii fi hiriyyoota isaa gammachiiste. Waa'ee sirbaa ilaalchisee sagaleen (dubbiin) Waaqayyoo "Sirbitootni mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan" jedha. 1Qor. 6:9, Efes. 5:3-5, Mul. 21:8.
Yeroo kanatti mootichas ta'e afeeramtootni isaa gammachuu yeroo dheeraaf gaarii fakkaatu gammadanii, kolfaniis ni gammadu turan. Mootichis, intalattiis barbaaddaa/feetaa?" jedhee gaafate. Isheenis deemtee harmee ishee waamee "Maal akka ani siif godhu gaafattee jennaan harmeen ishee abaaramtuu haaloodhaan (hinaaffaadhaan) "Morma Yohaannis cuuphaa kutii anaaf kenni jedhi!" jette. waan taateef
Intalattiinis deebitee gaafa isheen akkas jettee mootii gaafattu, mootichi ni na'e. Sababni isaas, uummata waan sodaateef jechuudha. Haa ta'u iyyuu malee, waadaa sila seene waan ta'eef, mormi Yohaannis kutamee akka kennamuuf ajaje. Guyyaan kunis Fulbaana lama (2) ture. Mormi Yohaannis yemmuu irraa cite, urgaan isaa shittoo irra guddaa kan caalu ture.
Heeroodiyaadaan intala ishee irraa morma Yohaannis cuuphaa fuutee rifeensa mataa isaatii irraa haadnee siree keenya miilla jala firfirsina jechuudhaan maddii isaa kabaltee arraba isaa keessaa baastee (gadi harkistee), "Kanadha mitii inni hamaa dubbachiise!" jechaa mutaadhaan yemmuu isheen waraanuuf jettu, Waaqayyo inni Yohaannisiin jaallatu mormi Yohaannis lubbuu godhattee koochoo baastee akka isheen barristu taasise. Raaj. Isaay. 40:31: "Warri Waaqayyootti amananii jiraatan humni isaanii ni haara'a; akka joobiraa baalleedhaanis ni balali'u, ni fiigu, hin dadhabanis." akkuma jedhe, keenyan/girgiddaa mana ishee itti diigee balali'ee gara gaara ejersaa iddoo itti Gooftaan barsiisaa jiru dhaqee miila isaa jalatti kufee sagadeef. Gooftaan Iyyesuus Kiristoosis morma Yohaannis cuuphaa kana fuudhee dhungate. Ni eebbises. Durboon Maariyaamiin garuu gaafa argitu mararamtee baay'ee boosse. "Utuu abbaan kee Zakkaariyaasii fi haati kee Eelsaabeet morma kee citee kana fakkaatu kana utuu dhufanii arganii maal jedhu laata?" jettee boosse. Yeroo kana Gooftaan keenya bor du'a waan ta'eef akkamittiin akka du'u tokko tokkoon tarreessee isheetti himee jajjabeesse. Yohaannis cuuphaan immoo waggaa kudha shan guutuu akka inni addunyaa naanna'ee lallabu eebbisee kenneef. Hojiin Waaqayyoo ajaa'iba waan ta'eef, bara mootii Beelshaatsoor qubi harka lama qofti utuu isaan afeerraa irra jiranii keenyan manaa irratti "Maanee maanee teqeel faares" jettee akkuma isheen barreessitu akkuma taasise (R. Daani'eel 5:1) (Hiikoon dubbii kanaa Daan. 5:25 gubbaa jira), akkuma kana mormi Yohaannis cuuphaas raajii hojjete. Reeffa isaa immoo duuka-buutotni isaa fudhatanii awwaalcha Elsaayii biratti awwaalan.
Heeroodiyaadaa immoo lafti afaan bantee liqimsite. Waardiyaan isaanii dhufee harka ishee qabee nan baasa gaafa jedhu, harki ishee immoo citee hafe. Akkuma Qoreeyiin, Daataanii fi Ebeeroon seera Waaqayyoo irra waan darbaniif lafti afaan bantee fayyaatti isaan liqimsite, (Seera Lak. 16:30-35), ishee kanas lafti fayyaatti ishee liqimsite.
Intalli ishee Xermeeniyaan immoo maraachuudhaan qodaa mana isaanii keessaa caccabsitee fixxee, dhuma irratti, qodaa mana mootii keessaas ol seentee caccabsitee, mataa ishees ofii isheetiin of tarsaaftee mooticha fuulduras dhaabbattee haadha manaa obboleessa keetii fuudhuun siif hin ta'u yeroo ittiin jettu, mootichi itti aaree morma ishee kuchisiisee galaana keessa buusnaan qurxmmii guddaan immoo liqimse.
Waardiyaan harka Heroodiyaadaa fuudhee gara mootichaa fiduudhaan wayyoo wayyoo morma raajii Waaqayyoo Yohaannis cuuphaa mana keenya keessa seenuu isaatiin gaddaan guutamnee jaalala isaatiin qabamtee kunoo dhiphinni si qabate kan jedhee harka ishee of jalaa
baase. "Ati ammoo yeroo sana eessa jirta?" jechuudhaan mootichi morma isaa irraa kuchisiise.
Mootichi Heeroodoos immoo abbiyyuu isaa nama Harxaa jedhamuun qaama olaanaatti himatee aboon isaa irraa ka'ee (aangoo isaa irraa kaafamee) mana hidhaatti galfame. Achuma keessattis ni maraate. Dha'icha ergamaa Waaqayyootiin rukutamee raamma'ee du'e. (Hojii Duuka-bu'ootaa 12:23).
Mormi Yohaannis cuuphaa garuu biyya lafaa kana irra naanna'ee yeroo inni lallabu daldaltoonni baay'een sagalee isaa dhaga'anii qarshii isaanii gatanii qabachuudhaaf duukaa fiiganii baay'ee dadhaban. Garuu hin dandeenye. Mormi Yohaannis cuuphaa erga lallaba isaa fixee Ebla kudha shan (15) bara 45tti boqote. Faarfannaa qulqulloota ergamoota Waaqayyoodhaan gara samiitti galataan lubbuun isaa yeroo ol fudhatamu, reeffi isaa immoo awwaalcha Elsaayii biratti awwaalame. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos waadaa isaaf galeeraaf. Waadaan kunis nama yaadannoo kee godhate, nama seenaa kee barreesse, nama seenaa kee barsiise, nama seenaa kee dhaggeeffate, hanga dhaloota shantamaatti siif nan fayyisa ittiin jedhe. Kadhannaa fi eebbi isaa hunduma keenya wajjin haa ta'u! Ameen. Maskaram (Fulbaana 2) Qulqulluu Yohaannis sababni jedhamuuf, sababa seenaan isaa armaan olitti barreeffameefidha.
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
Madda :- Galmee Seenaa
0 Comments