Subscribe To Our YouTube Channel

Wantoota Ajaa'ibaa Waa'ee Liigii Kubbaa Miilaa jaallatamaa Addunyaa kanaa Piriimer Liigii Ingilaand

Wantoota Ajaa'ibaa Waa'ee Primeer Liigii Ingilaand 15


Akkuma beekamu sadarkaa addunyaatti liigiin kubbaa miilaa Ingiliizii baay'ee beekamaadha. Guutummaa addunyaa irraa hordoftoota Biliyoonaan lakka'aaman qaba. 


Nutis har'a wantoota ajaa'ibaa waa'ee liigii kubbaa miilaa guddaa addunyaa kanaa waa'ee Piriimeer Liigii Ingilaand erga bifa haaraan Piriimeer Liigii jedhamee moggaafamee as wantoota ajaa'ibaa achi keessatti raawwatan fi riikardiiwwan jiran isiniif qabannee dhiyaanneerra, isinis hanga dhumaatti dubbisaa! hiriyoota keessaniifis qoodaa!

Liigii Jaallatamaa Addunyaa kanaa Piriimeer Liigii Ingilaand



1. Hanga ammaatti taphattoota lama qofaadha rukuttaa adabbii ykn Peenaalitii miila lamaaniinuu ykn miila mirgaatiinis miila bitaatiinis dhiitanii kan galchan. Taphattoonni kunneenis Boobii Zaamooraa fi Obaafeemii Maartiins jedhamu.

2. Taphataan Maanchiistar Yuunaayitid durii Riyaan Giigs Piriimeer Liigii Ingilaand keessatti taphataa yeroo hedduu jijjiirame ta'uun galmaa'eera, kunis yeroo 134.


3. Taphataan Maanchiistar Siitii durii Maariyoo Baalaatooliin seenaa Piriimeer Liigii Ingilaand keessatti assist ykn kubbaa tokko qofa mijeessee kan kenne yoo ta'u, innis tapha Maanchiistar Siitiin QPR waliin taphatan irratti goolii Serjiyoo Aguweeroon galchee waancaa Piriimeer Liigii Ingilaand ittiin kaasaniif mijeessee kenne ture.

4. Waynii Ruunii, Soon, Gaariiz Beel fi Keeviin Daaviis taphattootta tapha Piriimeer Liigii tokko irratti garee ofii irratti galchan, goolii garee ofiitiif galchan fi kubbaa mijeessanii kennanidha. Akkasumas ammoo Gaariiz Beel taphattootta armaan olii keessaa tapha kana irratti dabalataan kan kaardii Keelloo argatedha.

5. Maanchiistar Yuunaayitidoonni taphoota Piriimeer Liigii Ingilaand dirree isaanii Oltiraafoorditti taphatan keessaa hanga daqiiqaa 45 tti dursanii taphni mo'aman hin jiru.

6. Alan Shiirar Piriimeer Liigii Ingilaand keessatti taphataa rukuttaa adabbii xumuraa ykn Peenaalitii hedduu qole ykn fashaleesse yoo ta'u baay'inni isaaniis 11 dha. Kan inni galche ammoo 56 dha. 

7. Waggoota hedduu booda seenaa isaanii keessatti warri Weestihaam Yuunaayitid Piriimeer Liigii Ingilaand keessatti garaa garummaa goolii positive dhaan kan xumuran bara 2015/2016 dha. Kunis bara 1985/1986 booda kan jalqabaa jechuudha. 

8. Gooli eegaan Ingilaand duraanii Paawul Roobiinsan Piriimeer Liigii Ingilaand irratti goolii eegaa goolii galchuu, mijeessee kennuu fi Peenaalitii argamsiisuu danda'edha. Akkasumas kubbaa goolii ta'a 5 Piriimeer Liigii Ingilaand irratti mijeessee kennuun goolii eegdota kanneen biroo ni caala.

9. Taphataan Liivarpuul duraanii Jeems Miilneer taphoota Piriimeer Liigii Ingilaand garaa garaa 47 irratti goolii galcheera, taphoota kana keessaa tokkoon isaayyuu hin injifatamne.

10. Erga Piriimeer Liigii Ingilaand bifa haaraa bara 1992 eegale booda dhalatanii taphattoonni Piriimeer Liigii Ingilaand irratti Haatrikii hojjechuu danda'an Haarii Keen, Luukaakuu, Isterliing fi Foodedha dha. Akkasumas taphataan bara 1960 dura dhalatee Piriimeer Liigii Ingilaand irratti Haatrikii hojjette taphataa Goordan Straachaan jedhamu qofaadha.

11. Hanga ammaatti Piriimeer Liigii Ingilaand irratti taphattoonni mataa isaaniitiin ykn kubbaa mataa tiin goolii sadi galchanii Haatrikii hojjetan Duunkaan Fergusoon Evartaniif Booltan waliin yeroo taphatan bara 1997 fi Salamoon Roondoom Weest Biroomiichiif Siwaansiitii waliin yeroo taphatan bara 2016 dha.

12. Kilabni Piriimeer Liigii Ingilaand keessatti waggaa tokko keessatti goolii xiqqaan itti gale ykn goolii xiqqoo keessummeesse Cheelsii yoo ta'u, inni goolii 15 qofaa keessumme bara 2004/2005 tti. 

13. Maanchiistar Siitii fi Liivarpuul kilaboota Piriimeer Liigii Ingilaand keessatti waggaa tokko keessatti taphoota hedduu mo'atan yoo ta'an, taphoota 38 keessaa 32 mo'ataniiru. Maanchiistar Siitiin bara 2017/18, 2018/2019 fi Liivarpuul ammoo bara 2019/2020 tti.

14. Piriimeer Liigii Ingilaand keessatti kilabni waggaa guutuu osoo tapha takkoyyuu hin mo'amiin goolabe Arseenaal dha.

15. Gama gooliitiin yeroo ilaallu ammoo gooliin Piriimeer Liigii Ingilaand jalqabaa kan gale taphataa Sheefild Yuunaayitid kan ta'e Biriyaan Diin dhaan yoo ta'u, bara 1992 tapha Maanchiistar Yuunaayitid 2:1 dhaan injifatan irratti, akkasumas kubbaa mataa hedduu taphataan galche Peetar Krooch yoo ta'u goolii 53 galcheera, Haatrikii jalqabaa kan hojjete ammoo taphataa Erik Kaantoonaa yoo ta'u tapha Liids Yuunaayitid Tottinhaam 5:0 mo'an irratti. Gooliin saffisaa Piriimeer Liigii Ingilaand sakandoo 7.69 irratti kan galte yoo ta'u bara 2018/19 taphataa Sawuzanpitan Sheen jedhamuun Waatfoord irratti galte. Haatrikiin saffisaa kan Primeer Liigii Ingilaand ammoo Saadiyoo Maaneedhaan kan gale yoo ta'u kunis sakandii 176 gidduutti dha. Piriimeer Liigii Ingilaand irratti taphataan goolii hedduu galche Alan Shiirar yoo ta'u goolii 260 galcheera.

Gama biraatiin ammoo Waancaa Piriimeer Liigii Ingilaand kilabni walitti aansee yeroo baay'eef fudhate Maanchistar Siitii yoo ta'u innis bara 2020/21 irraa kaasee hanga bara 2023/24 tti yeroo afur fudhateera.

Odeeffannoon armaan olitti isiniif dhiyeessine kunneen yeroodhaa yerootti kan jijjiiramanidha.

Egaa har'aaf kan isiniif qabannee dhiyaanne kana fakkaata ture yeroo biraa odeeffannoo ykn qophii Ispoortii kan biraatiin walitti deebina. Comment irratti wanta akka isiniif barreessinu barbaaddan nuuf barreessaa!

Priimeer liigii Ingilaand bara kanaa eenyu akka injifatu comment irratti tilmaama keessan nuuf barreessaa!

Post a Comment

0 Comments