Dabra Taaboor
Ayyaana Dabra Taaboor
Ayyaanni kun ayyaana Gooftaa keenyaa gurguddoo salgan keessaa isa tokkodha. Dabra Taaboor jechuun tulluu Gooftaa jechuudha. Dheerinni tulluu kanaas sirrii irra galaanaa irraa meetira 572 dheerata. Guyyaa kana Gooftaan keenya bartoota isaa keessaa warra salganuu tulluu jaatti dhiisee Pheexiroos, Yohaannisii fi Yaa'iqoob fudhatee, tulluu kana irratti ol ba'e. Erga du'ee bara dheeraa kan ture Musee awwaalcha keessaa waamee, Eliyaasiin immoo biyya jiraattotaatii waamee fuulli isaa akka
Biiftuutti ifuudhaan wayyaan isaa immoo akka cabbii addaatee guyyaa itti agarsiiseedha. Waa'ee isaa kana baldhinaan Maat.17:1, Marq. 19:2-13, Luq. 9:28-36. irraa dubbisaa. Dhoksaan Tulluu kana irratti hojjetame garuu akka armaan gadiitti ilaalla.
1. Tulluun Taabor maalif filatame?
Fakkeenya fakkeeffameefii ture
dhugoomsuuf jedheeti. Fakkeenyi kunis macaafa abboota firdii 4:6
irratti Baaraq namni jedhamu loltuu Siisaaraa jedhamu raayyaa waraanaa isaa wajjin tulluu kana yaabbatee barbadeessee ture. Baaraq fakkeenya gooftaa, loltuun Siisaaraa immoo fakkeenya Seexanootaati.
Gooftaan keenya tulluu kana irratti Waaqummaa isaa muldhisee
seexana mo'achuu isaa waan agarsiisuuf.
Tokkos :- Waa'ee tulluu kanaaf raajin raajamee jiru akka dhugoomuuf.
Raajiin kunis Far. 87/88:12. «Tulluun Taaborii fi Hermooniyeem maqaa keetti ni gammadu» Gi'iziidhaan immoo «Taabor we Harmooniyem besime zi'akke yitifessi'um» kan jedhamu akka raawwatamuuf.
2. Bartoota sadanuu adda baasee maalif fudhatee Tulluu sana irrati ol
ba'e?
• Bartoonni kun sadan utubaa bartootaa jedhamu. Isaan keessaa
Pheexiroos immoo gaafa gooftaan keenya waa'ee du'a isa dubbatu jaalalaaf jecha hin duutu jedhee ture. Iddoo tokkotti immoo sifaanan du'a jedhee ture. Kunis jaalala Gooftaadhaaf qabu
waan agarsiisuuf fudhatee ol ba'e.
• Yohaannisii fi Yaa'iqoob immoo haati isaanii Gooftaa guddaa
waan jaal'attuuf yeroo biyya lafaa kana irratti mootu ijoollee koo
lachanuu bitaa fi mirga kee naaf dhaabi jettee jecha jaalalaa waan
dubbattee turteef sababa jaalala isaanii kanaaf fudhatee ol ba'e.
Mat.20:20, Marq.10:35-45
3. Warra salganuu immoo maalif Tulluu jalatti hambise?
Addaan qoodee osoo hin taane raajii Isaayyaas 26:9 irratti «Nama cubbamaatti ulfina hin agarsiisiin tolummaa irraa hin baratu» jedhamee raajiin raajamee waan jiruuf sababa Yihuudaadhaaf jecha warra saddeettanuu achitti dhiise. Yoo Yihudaa qofa hambise addaa na baase jedhee bor waan sababa argatuuf. Garuu warri sadanuu tullicha irratti ol ba'an iccitiin isaan argan hunda warri saddeettanuus arganii dhagaa'aniiru.
Akkuma Seera lakkoofsaa 11:26 irratti raajota 70 keessaa Eldaadii fi Meedaad safara keessatti hafanii utuu jiranii warra 68 tif kan laatame kennaan Hafuura Qulqulluu isaan kanaaf akkuma kenname warra
saddeettanuudhaafuu kennameera jechaadha.
4. Tulluun Taabor fakkeenya maaliiti?
4.1 Fakkeenya wangeelaati.
Tulluun yeroo yaabbachuuf jedhan baayyee nama rakkisa, nama dadhabsiisa erga ol ba'anii booda garuu isa qajeelaa f jallaa dirree fi hallayyaa namatti agarsiisa akkuma ta'e Wangeellis yeroo baratan baayyee nama dadhabsiisa, nama rakkisa
baratanii sirriitti jennaan garuu qajeelummaa fi cubbuu adda baasee waan nama barsiisuuf fakkeenya wangeelaati.
✓ Tokkos Fakkeenya Mana Kiristaanaati
Tulluutti ol ba'uun akkuma
qabsoo nama gaafatu Mana Kiristaanaa seeraa fi heera ishee eeganii keessa jiraachuun cimina gaafata akkuma ta'e. Mat.7:13.
✓ Tokkos Fakkeenya Mootummaa Waaqayyooti. Tulluutti ol ba'uun
akkuma qabsoo nama gaafatu Mootummaa Waaqayyootti galuufis
qabsoo guddaa nama gaafata. HDB 14:22.
5. Musee fi Eliyaasii waliin maal haasa'e? Maat. 17:1-3. Guyyaa 6 booda maalif jedhame?
Maat.16:13-19. Guyyaa 6 fuula dura Filiphisiyoos Qeesaariyaa iddoo jedhamutti gooftaan bartoota isaa walitti qabee namni anaan eenyu naan jedhu jedhee gaafatee ture. Mat.16:13-16. Yeroo kana kaan Musee kaan immoo Eliyaas kaan immoo raajota keessaa tokko siin jedhu jedhanii waan deebisaniifii turaniif Musee waamee Musee naan jedhuutii ati immoo eenyu naan jetta yeroo kana
Museen akkamitti Musee siin jedhu ati waaqa Museedha malee ittiin
jedhe. Ani yoon galaana gar gar hireeyyuu, yoon Mannaa Waaqa irraa gadi roobseyyuu, yoon duumessa golgeyyuu kana hundumaa humna Waaqummaa keetinan godhe malee waaqa ta'ee miti ati waaqa Museeti jedhee deebiseef.
Eliyaasis immoo akkamittiin Eliyaasii siin jedhu ati Waaqa Eliyaasiiti malee ani yoon bokkaa Waaqaa cufeyyuu, ibidda Waaqa irraa yoon buuseyyu, du'aa yoon kaaseyyuu humna Waaqummaa ati naaf laatteenan godhe ati waaqa Eliyaasiitii jedhee deebiseef. Kan isaan waliin dubbatan isa kana ture. Musee warra du'an keessaa kaasuun isaa du'a irratti Waaqa aboo qabu kan du'anis kaasuu kan
danda'u ibsuu isaati. Eliyaasiin waamuun isaa immoo warra jiran irrattis Waaqa ta'uu isaa agarsiisa.
6. Maalif Museefi Eliyaasiin filaman?
Museen Waaqayyoon si arguun
barbaada jedhee hawwee waan tureef Waaqa waan hawwan namaaf laatu waan ta'eef kanaaf waamee ofii isaa itti agarsiise.
Tokkos Museen kan fuudhedha. Eliyaas immoo hin fuune lachan isaaniif Waaqa ta'uu isaa ibsuuf.
7. Raajotaa fi Bartoota walitti maalif waame?
Tulluun Taaboor fakkeenya Wangeelaa akkuma ta'e Kakuu Haaraan hiikoo Kakuu Moofaa waan ta'eef kan raajonni raajan bartoonni immoo ifa baasanii waan lallabaniif lachanuu waan barbaachisuuf wal faana isaan waame.
8. Abbaan Duumessa irraa mucaan koo ani jaalladhu isa kana fedhiin koo karaa isaa raawwata isaaf dhaga'aa maalif jedhe?
Qulqulluun Pheexiroos Filiphisiiyoos Qeesaaraa iddoo jedhamutti fedha Gooftaa utuu hin gaafatiin hin duutu jechuudhaan mormee ture Maat.16:22. Kanaaf Waaqayyo abbaan dhaga'aafii jedhee abboome. Pheexiroosis sagalee abbaa kana gaafa dhaga'u dubbiin galeefii fedha kee yoo ta'e tulluu kana irratti godoo sadii ijaarra. Tokko siif, tokko Museef, tokko immoo Eliyaasiif ijaarra as jiraachuun nuuf gaariidha jedhe. As irratti maqaa Waaqayyoon maqaa raajotaa fi bartootaan Manni Qulqullummaa fedha Waaqayyootiin akka ijaaramuu danda'u ibsuu isaati.
9. As jiraachuun nuuf gaariidha maalif jedhee?
Iddoo waan hundumtuu jiru waan ta'eef. Kunis Sillaasonni, Raajonni Bartoonni, Ergamoonni iddoo hundumtuu itti argaman waan ta'eef as jiraachuun gaariidha jedhe. As irratti hubadhaa tulluun sun fakkeenya Mana Qulqullummaa akkuma jenne mana qulqullummaa keessattis kun hundumtuu kan biroonis kan keessatti argaman waan ta'eef achi keessa jiraachuun nuuf gaariidha.
• Iddoo balbala samii waan ta'eef. Uma. 28:16-22.
• Iddoo Waaqayyo filate waan ta'eef. 2 Seenaa baraa 7:11-16.
• Iddoo biraa guyyaa kuma tokko ooluu irra oobdii Mana Waaqayyoo keessa guyyaa tokko ooluutu caala waan ta'eef.
• Iddoon Waaqayyo qulqulleesse iddoo fayyinaa waan ta'eef Maat. 21:12-14.
• Dawoo dadhabootaa waan ta'eef. HDB. 3:1.
• Iddoo ergamootaa fi namni itti wal argu waan ta'eef. Luq.1:8.
• Kan Waaqayyo dhiiga isaan qulqulleesse waan ta'eef. HDB. 20:28.
10. Maaliif waan agartan hin dubbatiinaa jedhe? Maat. 17:9
Galata akkasumaanii akka hin taaneef. Tokkos namni lolatti deemu injifannoo isaa hin dubbatu waan ta'eef. Injifannoon kan dubbatu gaafa mo'anii galan waan ta'eef. Tokkos rakkinaa fi gidiraa of fuuldura ka'anii ulfina ofii hin himatan waan ta'eef. Tokkos namoonni baayyeen waan hin amanneef mitihaatiidhaan (fakkeessuudhaan) hojjeta jedhanii akka itti hin gufanneef hamma hin dubbatiinaa du'aa ka'umsa koo booda ykn injifannoo koo booda dubbattuu jechuuf jedheeti.
Madda :- Kitaaba Galmee Seenaa
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
0 Comments