Subscribe To Our YouTube Channel

Qo'annaa Kitaaba Qulqulluu jechuun | Kutaa 2ffaa

Qo'annaa Kitaaba Qulqulluu


Kutaa 2ffaa


Hub :- gara kutaa kanaatti osoo hin darbiin dursa Kutaa 1ffaa yeroo darbe website keenya irratti gadhiifame dubbisaa!

Faayidaa Kitaaba Qulqulluu



Faayidaan Kitaaba Qulqulluu baay'edha. Haa ta'uutii faayidaa Kitaaba Qulqulluu hunda as irratti barreessinee raawwachuu hin dandeenyu. Kanaafuu wantoota muraasa armaan gaditti haa ilaallu.

1. Ilmaan Namaa akka ittiin durfamaniif


Kitaabni Qulqulluu ilmaan namaa gara fayyina bara baraatti akka ga'aniif daandiidha. «lyyasuus Kiristoos lIma Waaqayyoo akkabta'e akka amantaniif, amantaniis maqaasaan jireenya akka isiniif ta'u barreeffameera» Yoh. 20:31. Dhugaasaa sobarraa, ifa dukkanarraa; gaariisaa hamaarraa adda baasanii ittiin beeku. Qulqulluu Daawit «Seerri
kee miilla koof ibsaa; daandii koofis ifadha» jechuun kan dubbate kana nuuf mirkaneessa. /Faaruu 119:105.

Qulqulluun Phaawuloos ilmasaa afuuraa Ximootewoositti ergaa barreesseen waa'ee Kitaabolii Qulqulluu akkas jedheera «Haa ta'utii namootii hamooniifi goyyomsitoonni akka dogoggorsaniifi akka dogoggoran miidhaadhaan dabalaa deemu. Ati garuu kan baratteenii fi kan siif galeen jabaadhuu jiraadhu; eenyurraa akka baratte ni beektaatii; daa'imummaa keetii jalqabdee Kiristoos Iyyasuusiin amanuun ogummaa fayyuun itti argamu siif kennuu kan danda'an Kitaabolii Qulqulluu beekteetta. Namni Waaqayyoo gonkumaafi hojii gaariif kan qophaa'e akka ta'uuf Kitaaba Afuura Waaqayyoo
qabu hunda, beekumsaafi dheekkamsaaf; laphee sirreessuuf gorsa dhugoominaaf ni fayada.» jechuun bal'inaan ibseera waan ta'eef . 2 Xim. 3:13-17.

Barumsa Qulqulluu Phaawuloos irraa kan hubannu Kitaabni Qulqulluu fayyuuf, gonkummaaf, hojii gaariif qophaa'uuf, barumsaaf, dheekkamsa qajeelinaatiif, laphee ofii sireessuuf, gorsaaf fayaduusaati.


2. Ajajaa fi eeyyama Waaqayyoo beekuuf


Kitaabni Qulqulluu Waaqayyo ilmaan namaaf seera kennee kan barsiisu waan ta'eef iccitii kana ijoolleesaaf barsiisaa ibsu waan ta'eef faayidaansaa ol aanaadha. «Ani kanan isin ajaje ajaja ni eegdu malee ajaja Ani isin
irratti hin dabaltani; isarraas hin hirriftani» jechuun eeyyama namaa
Waaqayyo Uumaa keessanii ajaje
waliin akka walitti hin makne ajajaafi eeyyama Waaqayyoo nu
beeksisa» SKD 4:2.

«Waaqayyo Gooftaa kee laphee gonkumaan, lubbuu gonkumaan, yaada kee gonkumaan jaalladhu. Ajajni isheen duraa fi guddaan kanadha. Isheen lammaffaas kana fakkaatti isheenis hiriyyaa kee akka lubbuu keetti jaalladhu kan jettudha.» Jechi jedhu ajaja Waaqayyoo agarsiisa. Maat. 22:27-39.

Eeyyamasaa ilaalchisee ammoo «Isaan kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatu malee akka hin banne Waaqayyo IImasaa tokko hanga kennutti addunyaa akkasumaan jaalateeraati. Addunyaan ilmasaan akka fayyu malee addunyaatti akka murteessu Waaqayyo gara addunyaatti hin ergineetii»
jedha. Yoh. 3:16-17.

3. Aangoosaa fi jireenyasaa beekuuf


Kitaabni Qulqulluu waa'ee aangoo Waaqayyoo ilaalchisee akkas jedha «Samii irratti, lafarratti, galaana irratti Waaqayyo kan jaallate hunda taasise» Faaruu. 134:6
Dabalataanis «Harkasaa
kan dhorku yookaan maal taasifta kan isaan jedhu hin jiru» yommuu
jedhu taayitaa (aangoo) Waaqayyoo agarsiisa. /Daan. 4:35
«Lubbuu koo kaasuuf jiraachisuufis ani eeyyama koon nan jiraachisa malee anarraa eenyuyyuu hin fudhatu. Jiraachisuuf aangoo qaba; kaasufis aangoo qaba.» kan jedhes aangoosaa kan
mul'isudha. Yoh. 10:17-18.

Addunyaa kana akka bitu Qulqulluu Daawwit yommuu ibsu akkas
jedheera «Waaqayyo teessoo ulfinasaa samiirratti qopheesse;
Mootummaan isaas hundumaa ni bitti» jechuun Waaqayyo hundumaa
kan bitu ta'uusaa agarsiisa. Faaruu. 102:19.

Barreessaan Kitaaba Qulqulluu Eenyudha?


Barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu Waaqayyoon kan ergaman
namootii Qulqulludha. Baa'yinni isaaniis 40 (afurtamaa) olidha.
Namootii qulqulluun Kitaaba Qulqulluu barreessan hojiifi jireenya adda addaa keessa akkasumas bara adda addaafi iddoo adda addaa kan turanidha. Haa ta'utii hundinuu barreessaa jedhamanii kan barreessan keessatti hojii, barri jiraatan, iddoon itti jiraatan Kitaaba Qulqulluu keessatti ergaan isa tokkoo kan isa tokkoo wajjin kan wal hin faallessine waan taasiseef hojii Waaqayyoo ajaa'iba ta'ee nutti agarsiisa. Barreessitoota kannneen keessaas Luboonni, Raajonni, Mootummoonnii fi Qonnaan bulaan ni argamu.

Fakkeenyaaf:- Barreessitoota Kakuu Moofaa keessaa Eermiyaas, Hizqi'eelii fi Zakkaariyaas Lubotaa fi Raajota yoo ta'an Saamu'eel, Isaayyaas, Daani'eelii fi Hosee'i ammoo Raajotadha.
Qulqulluu Daawitii fi ilmisaa Solomoon ammoo moototadha.
Raajota kudha lamaan xixiqqoo keessaa tokko kan ta'e Amotsi
qotee bulaa akka ture Kitaabni Qulqulluu ni ibsa. Amotsi 1÷1.

Barreessitoonni Kakuu Haaraas akkasuma hojii adda addaa kan qaban ture. Fakkeenyaaf qulqulluu Pheexiroosiifi Qulqulluun Yohaannis qurxummii kiyyeessu ture. Luq. 5:1-11. Isaan kunis yeroosaatti kan hin baranne kan jedhaman uummata birattis hedduu kan tuffataman ture. Wangeela Luqaasiifi Hojii Duuka Bu'ootaa kan barreesse Qulqulluun Luqaas ammoo hakiima ture. Qol. 4:14. Qulqulluu Maatewos ammoo galii sassaabaa (gibira sassaabaa) ture. Maat. 9÷9.

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyasuus Kiristoos Duuka Bu'oonni Kakuu Haaraa keessatti filate osoo hin filatamiin dura kan hin baranne haa ta'an malee Waaqayyo kan isaaniif ibse haala barbaachisaa ta'en barreessaniiru; barsiisaniirus. Kanaafis Qulqulluun Phaawuloos «Obboloota koo waamamuu keessan ilaalaa akka ogummaa namaatti beektota kan ta'an hedduuwwan, ol aantota kan ta'an hedduun, soressota kan ta'an hedduun hin waamamne. Haa ta'uutii Waaqayyo beektota akka qaanessu gowwummaa addunyaa filate; dhimma jabaas akka qaanessu. Waaqayyo dhimma dhadhabaa addunyaa filate, Waaqayyos kan ta'e hunda akka balleessuuf wantoota yaraa kan addunyaa kan tuffatames dhimma hin taanes filate» jechuun barsiiseera. 1 Qor. 1:26-28.

Kitaaboliin bara adda addaa barreeffamuu isaaniin alatti bakkeen itti barreeffaman akkasuma adda addadha. Fakkeenyaaf Kitaaboliin Musee Shananuu kan barreeffaman gammoojjii Siinaatti yoo ta'u kitaaboliin seenaa kudha lamaan ammoo Iyyerusaalemiifi kutaalee Israa'eel adda addaatti barreeffamaniiru. Kan Hizqi'eel kan Daani'eeliifi kitaaboliin Raajota xixiqqoo kan barreeffaman biyya godaanan Baabiloonitti yoo ta'u kitaaboliin Asteeriifi Yoodiit ammoo biyya Faarsitti kan barreeffamanidha.

Kakuu Haaraa keessatti ammoo ergaawwan Qulqulluu Phaawuloos kan Qulqulluu Pheexiroos magaalaa Roomaatti; akkasumas isaan kaan mana hidhaatti, Mul'anni Yohaannis ammoo Fixmootti kan barreeffamanidha.

Kitaaba Qulqulluu kan barreessan Namootii Qulqulluu ta'uun isaanii Ragaa Kitaaba Qulqulluu.

«Kunoo sagalee koo (jecha koo) afaan kee keessa nan ka'a» jedhee akka dubbate Raajaa Eermiyaas Waaqayyo kan isaaf kenne barreesseera. Erm. 1:10 

«Kirtaasa kitaaba tokko fudhadhu guyyaa sittan hime bara lyyoosiyaasii jalqabee hanga guyyaa kanaatti Israa'eliifi Yihudaarratti Aahizaabotarratti jecha dubbadhe hunda irratti barreessi!» jedhamee Eermiyaas akka barreesse ni ilaalla. Dabalataanis «Jecha (Sagalee) sittan hime hunda kitaabarratti barreessi!» jedhee Waaqayyo Eermiyaasiin akka ajaje barreeffameera. Erm. 36:2

2 Pheex. 1:20-21 «Waaqayyoon ergamanii namooti Qulqulluun Afuura Qulqulluun dubbatan!» jechuun Qulqulluu Pheexiroos kan barreesse ragaa gahaadha.

Mul'ata 1:11 «Kan argitu kitaabaan barreessiitii gara Efesoonii fi Sarminees gara Pheergaamonis gara Tiyaaxiroonis, gara Sardeesis, gara Filidilfiyaas, gara Lodoqiyaas Isiyaa warra jiran gara Mana Kiristaanota toorbaniitti ergi naan jedhe» jedheera.

Kitaabni Qulqulluu Yoomiifi Eessatti Barreeffame?


Akkuma kanaan olitti ibsuu yaalletti Kitaabni Qulqulluu namootii adda addaan akka barreeffame hunda barrii fi bakki itti barreeffames akkasumadha. Kitaabni inni jalqabaa kitaabni Heenok yeroon itti barreeffame 1486 /addunyaan erga uumamee jalqabee yommu lakka'aamu (Mul'anni Yohaannis hanga barreeffame bara 98 B.A) tti barri hedduun darbaniiru. Kanaafuu  Kitaaba Qulqulluu barreessuuf waggoota 4100 ol fudhateera jechuudha.

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments