Subscribe To Our YouTube Channel

Chaanaaliiwwan Yuutuubii Hordoftoota Hedduu Qaban Shan Akka Addunyaatti galii isaanii waliin

Chaanaaliiwwan Yuutuubii Hordoftoota Hedduu Qaban 5 bara 2024 tti


Chaanaaliiwwan YouTube Addunyaa kana irraa hordoftoota hedduu qabanii fi galii guddaa argatan isaan kami? Galiin isaanii ji'aa fi waggaa YouTube irraa argatan hoo Doolaara meeqa?



Hordoftoota Blog kanaa hunda dura akkam jirtu? guyyaa hardhaa Blog keenya kana irratti barreeffamni nuti isiniif qabaannee dhiyaanne waa'ee YouTube dha. Egaa akkuma beeknu YouTube Applikeeshinii namoonni hedduun itti fayyadaman yoo ta'e, kanneen keessaas kan ittiin qarshii argatan ni jiru. Biyya keenyattis yeroo ilaallu amma amma YouTube uummata keenya biratti baay'ee baraamaa dhufeera. Akkasumas biyya keenya keessatti namoonni ittiin qarshii argatanis hedduudha. Akkasumas qarshii ittiin argachuuf kan dhama'aa jiran, kan qarqara irra gahaaniis baay'ee dha. Egaa Kaayyoon Blog kun itti hundaa'eefis inni tokko Yuutuubaroota biyya keenya keessa jiran gargaaruufi. Kanaanis akkaataa itti YouTube irratti hordoftoota hedduu ykn Subscriber hedduu itti argattan, View hedduu akkaataa itti argattan fi k.k.f waa'ee YouTube baldhinaan ni ilaalla.

Maalumaafuu guyyaa hardhaa mata duree keenya kana jalatti YouTube irraa galiin hangamii akka argamuu danda'u, YouTube dhaan Miiliyeenara fi Biiliyeenara ta'uu akka danda'aamu namoota YouTube irraa galii guddaa argatanii fi hordoftoota hedduu qaban kan Addunyaa kana irra jiran 5 fudhachuun ni ilaalla.

Kanaanis;

• Baay'ina Hordoftoota ykn Subscriber isaanii kan ammaa
• Baay'ina Viidiyoo isaan gadhiisanii
• Yeroo meeqa ykn si'a meeqa akka ilaalaman
• Sadarkaa isaanii baay'inaa Subscriber isaaniitiin qaban, sadarkaa isaanii biyya isaanii irraa qaban, sadarkaa isaanii karaa mata duree ykn Category isaaniitiin qaban
• Baay'ina Daawwattoota isaanii kan ji'aa
• Guyyaa isaan itti banaman
• Galii isaanii ji'aa YouTube irraa Doolaara Ameerikaatiin
• Galii isaanii Waggaa YouTube irraa Doolaara Ameerikaatiin fi k.k.f ni ilaalla.

Isinis dubbisaa, irraa barattu!

1. MrBeast


Maqaan sirriin MrBeast «Jimmy Donaldson» yoo ta'u, YouTube irratti yeroo ammaa kanatti channel hordoftoota hedduu qabu kan "MrBeast" jedhamuun beekama. Namni kun umuriin isaa waggaa 26 yoo ta'u, United States keessatti dhalate. Channel YouTube isaa irratti qophiiwwan bashannanaa fi barsiisoo hedduu kan gadhiisu yoo ta'u, akkasumas deeggarsa biyyoota garaa garaa keessatti taasisuunis ni beekama kanneen akka manneen barnootaa ijaaruun, bishaan qulqulluu galchuu fi k.k.f


MrBeast YouTube irratti hordoftoota ykn Subscribers Miiliyoona 304 ol kan qabu yoo ta'u, isaan kana keessaas Miiliyoona 19 ol kan ta'aan guyyoota 30 darban keessatti argate. kanaanis Addunyaa irraa tokkoffaadha.

Hanga ammaatti channel kana irratti viidiyoowwan 800 ol kan maxxanfaman yoo ta'u, walumaa galatti viidiyoowwan isaa yeroo Biiliyoona 54 ol ilaalamaniiru.

Gara galii channel kanaatti yeroo darbinu, channel kun tilmaamaan channel kun YouTube irraa ji'atti Doolaara Kuma 543 hanga Miiliyoona 8.7 tti, waggaatti ammoo Doolaara Miiliyoona 6.5 hanga Miiliyoona 104.4 tti ni argata.

2. T-Series 


Channel YouTube kun kan biyya Hindiyaa keessatti argamu yoo ta'u kan banames March 13, Bara 2006 A.L.A dha.

Channel kun yeroo ammaa kanatti hordoftoota hedduu ykn YouTube irratti Subscriber hedduu qabaachuudhaan sadarkaa lammaffaa irratti argama. Kanaanis hordoftoota ykn subscriber Miiliyoona 269 qaba. Channel kunis kan irratti xiyyeeffatu ykn kan inni gadhiisu Category isaa Muuziqaa dha. 


Channel kun;

• Hordoftoota hedduu qabaachuun sadarkaa lammaffaa irratti 
• Channel Muuziqaa keessaa sadarkaa tokkoffaa
• Chaanaaliiwwan biyya Hindiyaa keessaa sadarkaa tokkoffaa 
• Baay'ina daawwattootaatiin viidiyoowwan Chaanaalii kanaa yeroo Biiliyoona 261 ol ilaalamuun sadarkaa tokkoffaa irratti argama.

Chaanaaliin kun Viidiyoo Kuma 21,000 ol qaba.

Egaa gara galii isaatti yeroo deemnu ammoo galiin isaa ji'aa YouTube irraa ji'atti Doolaara Ameerikaa kuma 697 hanga Miiliyoona 11.2 ti. Akkasumas waggaatti channel kun Doolaara Miiliyoona 8.4 hanga Doolaara Miiliyoona 133.9 tti ni argata.

3. YouTube Movies


Channel YouTube kun hordoftoota ykn Subscribers Miiliyoona 185 qabachuun sadarkaa sadaffaa irratti argama.

4. Cocomelon - Nursery Rhymes


Chaanaaliin kuni ammoo tapha ijoollee irratti kan xiyyeeffatu yoo ta'u, Daa'immaniif kan hojjetamedha. Channel YouTube kun kan biyya Ameerikaa ykn USA yoo ta'u, kan irratti xiyyeeffatu ykn Category isaas Barumsadha.


Chaanaaliin kunis Chaanaaliiwwan USA keessa jiran keessaa lammaffaa fi Chaanaaliiwwan barumsaa keessaa baay'ina hordoftoota isaatiin sadarkaa tokkoffaa irratti kan argamu yoo ta'u akka Addunyaatti ammoo baay'inaa hordoftoota ykn subscriber isaatiin sadarkaa 4ffaa irratti argama.

Yeroo ammaa kanatti channel kun hordoftoota ykn subscriber Miiliyoona 178 ol kan qabu yoo ta'u, isaan kana keessaa subscriber ykn hordoftoota Miiliyoona 1 ol ta'aan guyyoota 30 darbaniitti argate.

Grade channel kanaa A+ yoo ta'u, hanga yoonaa Viidiyoo 1,210 qofatu irratti gadhiifamee argama, Chaanaaliin kun kan baname September 1, bara 2006 A.L.A tti yoo ta'u hanga yoonaa si'a Biiliyoona 184 ol ilaalameera kana keessaas guyyoota 30 darbe keessatti yeroo Biiliyoona 1.8 ol ilaalameera, yeroo baay'ee ilaalamuu isaa kanaanis sadarkaa lammaffaa qabateera.

Gara galii ajaa'ibaa Channel kanaatti yeroo dhufnus, Channel kun galiin isaa ji'aa Doolaara Ameerikaa kuma 470 hanga Doolaara Ameerikaa Miiliyoona 7.5 yoo ta'u, kan waggaa ammoo Doolaara Ameerikaa Miiliyoona 5.6 hanga Miiliyoona 90.3 dha.

5. SET India


Chaanaaliin kunis akkuma chaanaalii isa sadarkaa lammaffaa irratti ilaallee channel YouTube biyya Hindiyaa keessatti argamu yoo ta'u, kan banames September 20, Bara 2006 A.L.A tti dha. Channel kunis kan xiyyeeffatu wantoota bashannansiisoo garaa garaa (Entertainment) irratti yoo ta'u, gama kanaanis sadarkaa tokkoffaa irratti argama.


Chaanaaliin kun gama baay'ina hordoftoota ykn subscriber isaatiin sadarkaa arfaffaa kan qabate yoo ta'u, hordoftoota ykn subscriber Miiliyoona 175 ol qaba, isaan kana keessaas hordoftoota Miiliyoona 2 ol ta'aan guyyoota 30 darbe keessatti kan argate yoo ta'u, hanga yoonaa channel kana irratti Viidiyoo Kuma 140 ol gadhiifamaniiru. Kanaanis channel kun Viidiyoowwan isaa walumaa galatti yeroo Biiliyoona 166 ol kan ilaalaman yoo ta'u isaan kana keessaas Biiliyoona 1 ol kan ta'aan guyyoota 30 darban keessatti argate.

Galii isaa yeroo ilaallu ammoo Channel kun YouTube irraa ji'atti Doolaara Ameerikaa kuma 267 hanga Miiliyoona 4.3 tti kan argatu yoo ta'u, waggaatti ammoo Doolaara Ameerikaa Miiliyoona 3.2 hanga Miiliyoona 51.3 tti ni argata.

6. Kids Diana Show


Channel kunis akkuma channel sadarkaa arfaffaa irratti ilaalle akkuma Cocomelon tapha daa'immanii irratti kan xiyyeeffatu fi daa'immaniif kan hojjetamedha. Channel kun gareen isaa wantoota bashannansiisoo ykn Entertainment yoo ta'u kan banames May 12, Bara 2015 A.L.A tti dha. Channel kun channel biyya Ameerikaa ykn USA yoo ta'u baay'ina hordoftoota isaatiin Chaanaaliiwwan YouTube USA keessa jiran keessaa sadarkaa sadaffaa irratti argama.


Channel kun hanga yoonaa hordoftoota ykn Subscribers Miiliyoona 123 ol kan qabu yoo ta'u, Viidiyoowwan 1200 ol of irratti qabatees ni argama, hanga yoonaa si'a Biiliyoona 104 ol kan daawwatameera. 

Galii channel kanaatti yeroo dabarru ammoo ji'atti chaanaaliin kun YouTube irraa Doolaara Ameerikaa kuma 158 hanga Doolaara Ameerikaa Miiliyoona 2.5 tti akkasumas waggaatti ammoo Doolaara Ameerikaa Miiliyoona 1.9 hanga Doolaara Ameerikaa Miiliyoona 30.4 tti ni argata.

Maarree qophiin keenya hardhaa kana fakkaata ture, yeroo itti aanutti ammoo Chaanaaliiwwan YouTube Itoophiyaa keessa jiran galiin isaan YouTube irraa argatan hangami? kan jedhu ni ilaalla. Waan dubbistaniif Galatoomaa! Nagaadhaan turaa!

Post a Comment

0 Comments