Subscribe To Our YouTube Channel

Qo'annaa Kitaaba Qulqulluu | Kutaa 1ffaa | Koorsii Afuurawaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Afaan Oromootiin

Qo'annaa Kitaaba Qulqulluu


Kutaa 1ffaa


Baga nagaadhaan gara website keenyatti dhuftan! Har'a akka fedha Waaqayyootti Koorsii Afuurawaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa «Qo'annaa Kitaaba Qulqulluu» jedhu karaa Website keenya kana kutaa 1ffaa irraa kaasee Channel Telegram Ortodoksii Tawaahidoo waliin ta'uuf isiniif dhiyeessuu ni eegalla. Isinis akka hordoftan fi hiriyoota keessaniifis akka qooddan isin gaafanna.



Hiika Kitaaba Qulqulluu


Kitaaba Qulqulluu Jechuun Maal Jechuudha?


Jechi Kitaaba Qulqulluu jedhu jechoota «Kitaaba» jedhuufi
«Qulqulluu» jedhurraa jecha argame yoo ta'u jechi «Kitaaba» jedhu barreeffama bakka tokkotti hidhamee /walitti qabamee/ argamu yommuu ibsu; jechi «Qulqulluu» jedhu hiika kan filatame, kan adda bahe, kan kabajame jedhu kenna. Kanaafuu Kitaaba Qulqulluu jechuun barreeffama bakka tokkotti hidhamee (walitti qabamee)
argamu barreeffama kabajame jechuudha.


Kitaabni Qulqulluu sababoota Qulqulluu itti Jedhameef


A. Argamsiisaan Kitaaba kanaa Waaqayyo Gooftaan Qulqulluu waan ta'eef.

Kan Waaqayyoo kan ta'e hundi qulqulluu waan ta'eef Kitaaba
Qulqulluu irratti akkas kan jedhu barreeffamee argama.
«Ani Waaqayyo Uumaan keessan Qulqulludhaatii isinis
Qulqulloota ta'aa.» Seera Leewwotaa 19:2.

Namoonni Waaqayyoof adda yommu ta'an, jechuunis Waaqayyo
hojii adda ta'eef yommu isaan filatu Qulqulluu jedhamu. Waaqayyo
qondaala Raajotaa Museedhaan

    «Kana hunda obboleessa kee Aaroniin isa wajjinis ijoollee isaa ni
uffifta Luboota ta'anii akka tajaajilan isaan dibda isaan Qulqulleessitas» kan jedhe. Seera Ba'uu 28-40-41.

 «Kan isin waame Qulqulluu
akka ta'e isin ammoo jireenya keessan hundaan qulqulloota ta'aa!» 1 Pheex. 1:15-16.


B. Namoonni Qulqulluun Afuura Waaqayyoon durfaman kan barreessan waan ta'eef.

«Raajii Kitaaba keessa jiru hunda enyuyyuu ofiisaaf ykn akka
fedhii mataa isaatti hiikuuf hin eeyyamamneef; raajiin eeyyama
namootaan hin dhufneetii; haa ta'utii Waaqayyoon ergamanii namoonni Qulqulluun Afuura Qulqulluun durfamanii dubbatan» 2 Pheex. 1:20-21.

C. Namoota gara Qulqullinaatti kan geessisu waan ta'eef Qulqulluu jedhameera.

 Kitaabolii kabajaman amananii fudhachun sagalee Waaqayyoo dhaga'uudha. Gara dhugoominaa ga'uuf duraan dursee
amanuun barbaachisaadha. «Amantiin dhaga'unidha; dhaga'unis sagalee Waaqayyonidha» akka jedhame. Room. 10:17. Sagalee
Waaqayyoo kan dhaga'an hundi gara Qulqullinaa ga'unsaanii hin
shakkamu. Kanaafidha qulqulluu Yohaannis «Sagalee raajii kitaaba
kanaa kan eegu eebbifamaadha» Mul. 2:7 jechuun Waaqayyo
Gooftaan kan isaaf ibse.

D. Namoota dubbisanii fi dhaga'an waan eebbisuuf. 

Kitaabolii isaan kaan dubbisuun gorsii fi beekumsi ni argama. Kitaaba Qulqulluu dubbisuunii fi sagaleesaa dhaga'uun garuu eebba ni arganna. Mulata. 1:3.

E. IImaan namaa osoo hin uumamiin dura haala jiru mirkaneessee waan dubbatuuf.

Kitaabolii Qulqulluu keessatti duraan dursanii kan raawwatamaan 
 hunda yommu ibsu tilmaamaan ykn ni ta'aa laata jedhee osoo
hin taane haala mrkaneeffameen dubbata.

Fakkeenyaaf:- «Waaqayyo duraan dursee samiifi lafa uume» Uma. 1:1. Egaan caqasa armaan olitti ilaallerraa kan hubannu «Waaqayyo samiifi lafa osoo hin uumiin hin hafne ykn uumeet ta'a» osoo hin taane «uume" jechusaa hubachuun barbaachisaadha. Kunis adda isa taasisa.

F. Gara Fuulduraa kan raawwatamu mirkaneessee kan dubbatu waan ta'eef.

Kitaabni Qulqulluu kan darbe akka mirkaneessu hunda kan dhufus shakkii tokko malee mirkaneessee kan dubbatu waan ta'eef addadha. Kitaaboliin isaan kaan dhimma gara fuulduraa dhufu tilmaama isaanii qo'annaafi qorannaan yookaan tilmaamaan akkas "ta'uu danda'a" yoo jedhan malee akkas taasisa
jechuun mirkaneessanii hin dubbatani.

Fakkeenyaaf Raajaa Isaayyaas «Kunoo dubartiin garaatti ni baatti mucaa ilmas ni deessi; maqaa isaas Amaanu'eel jettee ni
waamti.» jedhe malee «Garaatti ni baatti ta'a; ni deessi ta'a; Amaanu'el jedhamuu danda'a» hin jenne. Isa. 7:14. Raajaa Isaayyaas waa'ee Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos raajiin dubbate kan raawwate inni dubbatee waggaa dhibba torba (700) yommu ta'u yoo ta'u, jecha isaa irraa homtuu osoo hin raawwatiin kan hafe hin jiru.

Akkasumas qulqulluu Daawit waa'ee dhufaatisaa lammaffaa
Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos mirkaneessuun «Kabaja miidhaginasaa Tsiyoonirraa Waaqayyo ifa ta'ee ni dhufa.» jedhe malee "ni dhufa ta'a" yookaan "dhufuu hin dhiisu" hin jenne Faaruu 49:2.

G. Barri kan isa hin geeddarre waan ta'eef Kitaabni Qulqulluu kan hin dulloomne; baay'inni waggootaa kan isa hin daangessine kan bara baraati.

 Caqafama Kitaaba
Qulqulluu kan armaan gadii hubannee haa ilaallu.
«Sagaleen Waaqayyoo garuu bara baraaf jabaattee ni jiraatti» Isa. 40:8

«Samii fi lafti ni darbu sagaleen koo garuu hin darbu» Maat. 24:25.

«Sagaleen Gooftaa bara baraaf ni jiraata» 1 Pheex. 1:25

H. Kabaja Qulqullootaa kan dubbatu waan ta'eef Qulqulluu
jedhameera.

Waa'ee Dubroo Maariyaam, waa'ee Ergarmoota Qulqulluu, waa'ee
Qulqullootaa, waa'ee Dhugoomtotaa, waa'ee Wareegamtootaa waan dubbatuf Qulqulluu jedhameera. 

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments