Subscribe To Our YouTube Channel

Sirna Uumama | Kutaa 3ffaa

Sirna Uumamaa


Kutaa 3ffaa


Seensa :- akkuma beekamu koorsii kana erga eegallee har'a kutaa 3ffaa irra geenyeerra, kutaalee darban lamaan keessattis waa'ee walii galaa Sirna Uumamaa, waa'ee uumamtoota guyyaa jalqabaa ilaalleera, isinis gara kutaa kanaatti osoo hin darbiin dura kutaalee darban lamaan website keenya irraa dubbisaa!

Uumamtoota Guyyaa Lammaffaa (Wixataa)


«Waaqayyo bishaan gidduutti bantin samii haa ta'u jedhe: bishaanii fi bishaan gidduun haa qoodamu jedhe. Waaqayyos bantii samii hojjete, bantii samii gadii fi
samii olitti kan jiran bishaanota addaan qoode.» (Uma 1:6).


Guyyaa kana jalqaba bishaan lafaa hanga samii ifuutti guutee bulee ture. Waaqayyos bishaanicha sana bakka sadiitti qoodee yayyabe. Bishaan harka 1/3 hawaa gubbaatti ol ni fannise, maqaan isaas Haanos jedhame, harki tokko sadaffaan immoo lafa keessatti lafaaf afata ni ta'e, harki tokko sadaffaan ammoo naannoo lafaatti akka sabbataa ni marame maqaan isaas Garba jedhame (Akisimaaroos) Kufaalee 2:9. Akkuma «Ati utubaa mana kee bishaan gubbaa ni dhaabde, duumessoota akka baattuu ykn saragallaa kee godhattee koochoota qilleensaatiin ni deemte » jedhamee barreeffame. Faaruu 103/104:3


Kuni guyyaa Bantiin Samii ykn Hawaan itti uumamee fi bishaan bakka saditti itti qoodamedha. Hanga guyyaa kanaatti guyyaa duraa ykn guyyaa jalqabaa wantoota saddeet, guyyaa lammaffaa ammoo wanta tokko uumee dhiise. «Galgallis ta'e, ganamnis ta'e kuni guyyaa lammaffaa dha» akkuma jedhu. Uma. 1:8.


Uumamtoota Guyyaa Sadaffaa (kibxataa)


«Amma immoo Waaqayyo lafti biqiltu haa baastu, dhaabaan akka qomoo isaatti sanyii haa godhatu, mukkeetiin ija kennanii iji; isaanii immoo sanyii of keessaa qaban adduma addan akka qomoo isaanitti lafa irratti haa argaman» (Uma. 1:11).

Guyyaa kanattis Waaqayyo bishaan harka 1/3 kan akka sabbataa lafaatti marame sana guyya lammaffaa bakka saditti addaan ni goode. Harka tokko lafa bishaanichi irratti bu'uuramu dursee jalaa haree galaana cinaa ni teessise. Akkuma Iyyoob «Yeroo galaanni cabsate mana isaa keessaa ba'utti, balbaala itti godhe, kan isa ittisu eenyuree?» jedhetti.
(Iyob. 38:8). Harka tokko lafa kanarratti ni dhiise. Kan hardha Har'a ykn Laga jennuun jechuudha.
Harka tokko ammoo isarra lafa jala gadi ni dabarse. «Inni lafa bishaan irra diriirse» akkuma jedhu (Faar. 36:6). Ammas lafa gurraacha gadi buusee (gadi dabarsee) bu'uura godhee tolchee maqaa saa Barbaanos jedheen. Baarbaanos jechuun isa gadi aanaa jechuudha, kunis dukkana nama nyaatu kan argamsiisudha (dukkana nama nyaatu yoo jedhu baayyee dhidhima jechuu barbaadeti)

Ammas yeroo Garba teessisu lafa haree gara qarqaraatti baase jennee turre. Lafa hare sana naannoo isaa dallaa itti godhe, dallaan isaas hanga hawaa hin ga'u, kan jalatti hafuudha. Maqaan isaas Naageeb jedhame. Naageeb akka garbi (galaanni) lafa gogaarra hin garagalle kan eegu jechuu dha. Egaa lafa gogaa kana immoo bakka torbatti qoodee itti aansee biyya namoota eebbifamanii (Biheera-bitsu'aan jedha Afaan Gi'iziin), biyya namoonni osoo lubbuun hin du'iin fooniin keessa jiraatanii (Biheera-Hiyaawaan jedha Afaan Gi'iziin), Jennata (gannata) fi mana hidhaa (Si'ool) ni uume. Kana booda lafti tiruu fakkaatee qullaa taatee yoo ilaalu waa haa biqilchitu jedhee biqiltoota gosa sadii ta'an ni biqilan. Isaanis kan haamtuun haamaman, kan qottoon muraman,
firiiwwan harkan funaanaman (guuraman) ni uume (Aksimaaroos). «Kunis gaarii akka ta'e Waaqayyo ni arge.» Uma 1:12.


«Lafti biqila dhaaba sanyii godhatu akka qomoo qomoo isaatti, mukeetii ija kennanii iji isaanii immoo sanyii of keessaa qaban adduma addaan akka qomoo qomoo isaanitti ni baase, kunis gaarii akka ta'e Waaqayyo ni arge»
 
Galgallis ta'e ganamnis ta'e kun guyyaa sadaffaadha»
(Uma.1: 13). Egaa uumamni guyyaa Kibxataa gabaabinatti kanuma.

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Madda :- Kitaaba Bu'uuraawwan Amantaa (Waldaa Duuka Bu'ootaa)

Karaa Channel Telegram Ortodoksii Tawaahidoo kan dhiyaate 

Post a Comment

0 Comments