Subscribe To Our YouTube Channel

Bilbiloota Gatiin Isaanii Garmalee Qaalii Addunyaa Keenya Irra jiran 10

Bilbiloota Qaalii Addunyaa kana irra jira Kudhan




Yeroo ammaa kanatti Addunyaa kana irratti namoonni Bilbila harkaa ykn Mobile Phone fayyadaman hedduudha. Bilbiloonni kunneenis tajaajila garaa garaa fi qarshii garaa garaa kan qaban yoo ta'u, bilbiloonni armaan gaditti tarreeffaman garuu gatiin isaanii garmalee ajaa'iba kan ta'edha. Mee dubbisaatii ajaa'ibsiifadhaa! sadarkaa kurnaffaa irraa kaasee haa ilaallu;

10. Veertuu Signaachar Koobraa



Bilbilli harkaa kun Mana Faayaa beekamaa Faransaay Vertu dhaan design ta'ee biyya Ingilaanditti kan walitti hojjetame yoo ta'u. Bilbilli kun qarshii $310,000 ykn gara Birrii Itoophiyaatti yeroo jijjiirru ammoo 15,466,132 Birr kan baasudha. 

Egaa bilbilli kun maal qabaateetu kan akkasitti gatiin isaa ol ka'e jechuun keessan hin hafu, mee waa muraasa haa ilaallu;

• Qaamni alaa Bilbila kanaa Warqeen kan faayame yoo ta'u, boci isaas akkuma argitan kanatti mallattoo Cobra ykn Bofaa qaba. Bocni Cobra Bilbila kana irra jirus Daayimandii Adii, Warqee fi Albuudota akka Emaraald akkasumas Ruubiin jedhaman irraa kan hojjetamedha. 

Wanti nama ajaa'ibu Bilbilli kun Addunyaa irratti Firii 8 qofaatu jira.

9. Gooldviish Riivooluushin




Bilbilli kun ammoo bilbiloota hanga ammaatti beeknu irraa Boca adda ta'e kan qabu yoo ta'u, baldhina Screen 2.2 Inch kan qabuu fi gatiin isaas guddaa kan ta'edha. Bilbila gatiin isaa qaalii ta'e kana hojjechuufis wantoota isaan itti fayyadaman keessaa Warqeen, Fine Leather, Daayimandii fi kanneen biroos keessatti argamu. Dabalataanis «Detachable Analog Watch» kan jedhamu sa'aatiin buqqa'uu danda'us irratti hojjetameera. 

Gatii bilbila kanaa yeroo ilaallu ammoo garmalee nama ajaa'ibsiisa. Gatiin isaas $488,150 ykn qarshii Itoophiyaatti ammoo 24,354,207 Birr dha. 

8. Gireessoo Laas Veegaas Jaakpoot




Warqee Giraama 180'n akkasumas Daayimandii Gurraachaa dabalatee Addunyaa kana irratti Diizaayinara Accessory beekamaa dhaan kan hojjetame bilbilli kun garmalee qaalii ta'uu isaa irraa kan ka'e bilbilli kun Addunyaa irratti Firii sadi (3) qofti akka hojjetame ykn Firii sadi qofti akka jiru ni himama. 

Egaa bilbila kana bituuf qarshiin isin barbaachisu $1,000,000 ykn qarshii Itoophiyaatti 49,890,842 Birr dha.

7. Gooldviish lee Miliyoon




Bilbilli kun yeroo gabaa irra ooletti «Guinness World Record» irratti kophaa isaatti bilbila qaalii Addunyaa keenyaa jedhamuun galmaa'ee akka ture Odeeffannoowwan garaa garaa ni agarsiisu. Bilbilli kunis nama Diizaayinara Faaya garaa garaa Emanuel jedhamuun kan hojjetame yoo ta'u, Warqee Adii Kaaraatii 18 fi VVS - 1 Grade Daayimandii Kaaraatii 120 irraa kan hojjetamedha.

Bilbilli kunis gatiin isaa $1,000,000 ykn 50,000,000 Birr dha.

6. Bilbila Ismaartii Daayimand Kiraayotoo




Bilbilli kun ammoo bilbiloota Addunyaa irra jiran keessaa kanneen nageenyi isaanii eegame ykn Secured ta'aan keessatti kan ramadamu yoo ta'u, bilbiloota hanga ammaatti ilaalle keessaa Odeeffannoowwan iccitii garaa garaa dabarsuuf hanga bilbila kanaa kan gahu hin jiru. 

Qaama alaa Bilbila kanaa yeroo ilaallus Warqee Kaaraatii 18 fi Solid Platinum dhaan kan hojjetame ta'ee naannawaan isaa Daayimandiin itti marsameera. 

Gama biraatiin ammoo wanti nama ajaa'ibu bilbila kana keessa Storage RAM 64 GB kan jiru yoo ta'u, gatiin isaa ammoo $1,300,000 ykn Qarshii Itoophiyaatti 64,857,900 Birr dha. 

5. Ayifoonii 3G abbaa batanii Kiingis 




Bilbiloota bareedoo Addunyaa kana irratti hojjetaman keessaa bilbilli kun kana Diizaayinara Oostiriyaatiin hojjetame jalqaba irra kan ka'aamu yoo ta'u, kan irraa hojjetames Warqee Kaaraatii 18 irraa akka ta'e ni himama.  

Qaama alaa Bilbila kanaa yeroo ilaallus naannawaan isaa Warqeedhaan akkasumas Daayimandiiwwan qulqullina ajaa'ibaa qaban 138'n kan qabu yoo ta'u button isaa «Home» jedhu ammoo Daayimandii Kaaraatii 6.6 irraa kan hojjetamedha.

Gatiin ajaa'ibaa bilbila kanaa ammoo $2,500,000 ykn qarshii Itoophiyaatti ammoo 124,301,937 Birr dha.

4. Gooldistiiker Ayifoonii 3G





Bilbilli kun ammoo bilbila sadarkaa Shanaffaa irratti ilaalle iphone 3G King's Button waliin wal fakkeenya hedduu kan qabu yoo ta'u, bilbila kana hojjechuufis Warqeen Giraamni 271 abbaa Kaaraatii 22 baasii ta'eera. 

Naannawaan bilbila kanaa guutummaa guutuutti Daayimandiiwwan 138'n marfamuu isaatiin dabalataatti, Loogoon Apple dugda isaa irra jiru Daayimandiiwwan 53'n akka hojjetame ni himama.

Gatiin bilbila kanaas sharafa amma jiruun $3,200,000 ykn Qarshii Itoophiyaatti ammoo 159,106,884 Birr dha.

3. Ayifoonii Istuwaart Hujez Edishinii Rooze






Gatiin isaa qaalii ta'uu isaa ykn garmalee ol ka'uu isaatiin Addunyaa irraa sadarkaa sadaffaa kan qabate bilbilli kun hanga ammaatti firii 2 qofaatu hojjetame. 

Bilbila kana hojjechuufis Warqee cimaa Daayimandii Kaaraatii 100 waliin kan fayyadaman yoo ta'u, Loogoon Apple dugda isaa irra jiru ammoo Daayimandii 53 irraa kan hojjetamedha.

Namoonni lamaan bilbila kana harka isaanii galfatanis $8,000,000 ykn gara qarshii Itoophiyaatti ammoo 397,765,000 Birr itti baasaniiru.

2. Ayifoonii Istuwaart Hujez Goold Eliitii 4S




Albuudota ciccimoo fi qaalii ta'aan hedduu irraa kan hojjetame bilbilli kun guutummaa guutuutti harkaan kan hojjetame yoo ta'u Daayimandii 500 abbaa Kaaraatii 100 tiin akka uffifame dubbatameera.

Qaamni alaa Bilbila kanaa ykn dugdi isaa fi Loogoon isaa Warqee abbaa Kaaraatii 24 irraa yoo ta'u, Loogoo isaa irratti qofaa Daayimandiiwwan 53 maxxanfamanii jiru. Akkasumas button «Home» isaa Daayimandii «Single Cut» jedhamu abbaa 8.6 tiin kan hojjetamedha. Inumaayyuu kan nama ajaa'ibu osoo Daayimandiin button Home irra jiru isin jalaa badee of eggannoodhaaf Daayimandiin «Single Cut» abbaa 7.6 isiniif kennama. 

Gara gatii isaatti yeroo dhufnu ammoo gatiin isaa $9,400,000 ykn qarshii Itoophiyaatti ammoo 467,374,492 Birr dha.

1. Ayifoonii 6 Piinkii Daayimandii Faalkoon Suppernoovaa 




Bilbilli garmalee qaalii «Falcon Supernova iPhone 6 Pink Diamond» jedhamu kun ammoo gatii isaatiin sadarkaa lammaffaa irratti kan ilaalle bilbila «Stuart Hughes iPhone 4S Elite Gold» waliin gonkummaa walitti hin dhufu.

Bilbilli gatiin isaatiin sadarkaa tokkoffaa qabate kun Bara 2004 A.L.A tti ifa kan ta'e yoo ta'u, qaamni alaa bilbichaa Warqee Kaaraatii 24 irraa, akkasumas duubni isaa ykn dugdi isaa ammoo Daayimandii ajaa'ibaa irraa kan hojjetame fi kan faayamedha. 

Gama biraatiin ammoo namoonni Bilbila kana bitatanii fayyadaman Odeeffannoon isaanii warreen Haakeriitiin akka jalaa hin cabneef Feature ajaa'ibaa sadarkaa olaanaa Haakerii dhorku kan qabudha bilbilli kun. 

Mee dhuma irratti ammoo gatii ajaa'ibaa bilbila kanaa amanuuf nama rakkisu haa ilaallu, gatiin bilbila kanaa $48,500,000 ykn gara qarshii Itoophiyaatti ammoo 2,386,605,347 Birr dha.

Waan dubbistaniif Galatoomaa! yeroo biraa Odeeffannoo Technology kan biraatiin walitti deebina!

Bilbiloota kanneen keessaa isa kamtu isinitti tole? Comment irratti nuuf barreessaa!


Post a Comment

0 Comments