Subscribe To Our YouTube Channel

Baatirii Bilbila Keenyaa akkamitti Umurii isaa dheeressuu dandeenya?

Baatirii Bilbila keenyaa akkamitti umurii isaa dheeressuu dandeenya?


Yeroo ammaa kanatti waa'ee Baatirii Bilbila keenyaa baay'ee yaaddessaa ta'eera, namoonni hedduun kanaan ni rakkatu. Bilbila keenya Baatirii qusachuu dide? Bilbilli koo inni duraan Baatirii guyyaa lama sadi qabatu amma ammoo guyyaa tokkoyyuu qabachuu dide kan jedhanii fi k.k.f ammoo gaaffilee irra deddeebiin waa'ee Baatirii Bilbila ykn Baatirii Mobaayilii irratti ka'aanidha.

Mee nutis hardha wantoota furmaata ni ta'u jennee yaadne isiniif dhuyeessineerra, dubbisaa itti fayyadamaa!

Baatirii Bilbila Keenyaa qusachuu


Furmaata isaa kanas karaa lamaan kan ilaallu yoo ta'u; inni tokko setting bilbila keenya irraa sirreessuun fi inni lammaffaan ammoo Applikeeshinii fayyadamuuni, gara tooftaa isa tokkoffaatti haa dabarru;

Tooftaa isa 1ffaa 


Tooftaa kanaan yeroo fayyadamnu Applikeeshinii kamiyyuu buusuun kan nurraa hin eegamne yoo ta'u, jalqaba kallattiidhaan gara «Setting» Mobaayilii ykn bilbila keenyaatti kallattiidhaan seenna, erga setting tuqne boodas «Developer Option» kan jedhu tuqna. Erga «Developer Option» tuqne booda ammoo mallattoo «On» jedhu tuquun «Developer Option» ni ibsitu ykn ni bantu. Erga kana ibsine booda ammoo «Apps» kan jedhu jalaa «Background Process Limit» kan jedhu tuqxu, erga kana tuqxan booda achi keessa filannoowwan hedduun kan jiran yoo ta'u;




  • No background Process
  • At most 1 process
  • At most 2 process
  • At most 3 process
  • At most 4 process

Kan jedhan kan jiran yoo ta'u «No background Process» kan jedhu yoo filanne Applikeeshiniin kamiyyuu Background irratti hin ba'u jechuudha kunis Baatirii Bilbila keenyaa sirriitti akka qusannu nu gargaara, warreen kaanis bifuma kanaan Applikeeshinii tokko, lama, sadi fi afur qofa background irratti akka baasnu nu gargaaru kunis Baatirii keenya qusachuuf baay'ee nu gargaaru.



Garuu «No Background process» kana yoo fayyadamne Applikeeshinii tokko fayyadamnee yeroo keessaa baanee itti deebinu waan bifa haaraatiin jalqabuuf xiqqoo rakkisaadhaa maalumaafuu filannoon kan keessani. Kanaafuu achi keessaa At most 1,2,3 fi 4 kan jedhu fayyadamuun Applikeeshinii Background irratti fayyadamnu daangessuun Baatirii Bilbila keenyaa qusachuu ni dandeenya.

Garuu «Developer Option» kan jedhu kun Bilbiloota ykn Mobaayiliiwwan hedduu irra hin jiru. Kanaafuu bakka kanaa ykn yoo bilbilli keessan «Developer Option» kan jedhu hin qabu yoo ta'e, salphaatti «About Phone» kan jedhu tuquudhaan sana boodas «Software Information» kan jedhu erga tuqxan booda «Build Number» kan jedhu si'a torba ykn al torba tuquun «Developer Option» Fayyadamuu ykn banuu dandeessu. Step isaas;

Setting → About phone → Software Information → Build Number

ykn

Setting → About Phone → Build Number

Tooftaa isa 2ffaa


Gara tooftaa isa lammaffaatti yeroo darbinu ammoo tooftaa kana keessatti Applikeeshinii kan fayyadamnu yoo ta'u, Applikeeshiniin kunis kaffaltii malee bilisaan Play store irratti ni argama.

Applikeeshiniin Baatirii Bilbila keenyaa ittiin qusachuuf fayyadamnu kun «PIXOFF» kan jedhamu yoo ta'u, kallattiidhaan Play store irraa buufadhaa, ykn Channel keenya Telegram irraa salphaatti buufadhaa.



Erga Applikeeshinii kana buufannee feene booda eeyyama «Permission» garaa garaa ni gaafata isinis isa ni eeyyamtuuf, sana booda kallattiidhaan gara Applikeeshinii sanaatti isin seensisa.

Sana booda «Density Black Pixels» kan jedhu guddisuun hanga Baatirii qusattanii guddisuu ni dandeessu. Hanguma «Density Black Pixels» kana dabalaa deemtan hangi Baatirii nuti qusannuu dabalaa kan deemu yoo ta'u, hangi nuti fayyadamnu ammoo xiqqaachaa deema.



Erga kana sirreessine booda gara gadiitti «Enable Filter» kan jedhu tuquun fayyadamuu fi bilbila keessan Baatirii isaa qusachuu dandeessu.

Odeeffannoon keenya hardhaa kana fakkaata ture, akka isin fayyadu shakkii hin qabnu!

Yeroo biraa odeeffannoo biraatiin walitti deebina!

Post a Comment

0 Comments