Subscribe To Our YouTube Channel

Sirna Uumamaa | Kutaa 2ffaa : Uumamtoota Guyyaa Dilbataa

Sirna Uumamaa


Kutaa 2ffaa


Hubachiisa :- kutaa kanaatti osoo hin darbiin dura kutaa yeroo darbe ilaalle Sirna Uumamaa kutaa 1ffaa dubbisaa!

Sirna Uumamaa Kutaa 2ffaa



Uumamtoota Guyyaa Jalqabaa (Dilbataa)


«Waaqayyo jalqabatti samii fi lafa uume» (Uma. 1:1)

Waaqayyo guyyaa kanatti samiifi lafa dabalatee uumamoota saddeet akka uume abbootni Afuura Qulqulluudhaan hubatanii
barreessaniiru. Isaanis ibidda, bishaan, lafa, qilleensa, dukkana, ifa, samii fi ergamoota uume. Isaan kana keessaa ibiddi, bishaan, lafti fi qilleensi uumamoota hafaniif ka'umsa waan ta'aniif hidda (hundee) umamaa jedhamu (Abushahir). Warri guyyaa duraa uumame kun wanta hin jirre irraa gara jirutti kan dhufan yoo ta'u isaaniin booda kan argaman garuu wanta uumame irraa kan uumamaniidha.

Lafa, bishaan, ibiddaa fi qilleensa : arfan kana maaliif uume yoo jenne Abboonni amalummaan Waaqayyoo wantoota kana arfaniin wal fakkaata jedhu. Isaanis maal maalidha yoo jenne Sooressummaa, abbaa murtee dhugaa ta'uu isaa, gara laafummaa ykn tolummaa isaa fi hunda raawwachuu danda'uu isaa waliin wal fakkeessu. Gaarummaan Waaqayyoo bishaan waliin wal fakkaata. Bishaan waan xuraa'e akkuma dhiqu Waaqayyos cubbuu irraa waan nama dhiquuf «Isa gara koo dhufus ani of irraa hin ari'u!» akkuma jedhu. Yoh. 6:37

Hunda gochuu danda'ummaan isaa ibiddaan wal fakkaata. Ibiddi yoo ka'e gogaa fi jiidhaa akkuma gubu Gooftaanis Osoo gara laafummaan isaa jiraachuu baatee waan hunda dabarsuu ni danda'a waan ta'eef. «Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru» akkuma jedhu (Uma. 18:14, Luq.1:36). Inni abbaa murtee dhugaa ta'uun isaa immoo qilleensaan wal-fakkaata. Akkuma qotee bulaan midhaanii fi hashaafa (galabaa) qilleensaan fayyadamuun adda baasu jechuudha: Gooftaanis warra cubbuu hojjetee fi warra tola hojjete adda ni baasa (Maat.. 3:12). Abbaa murtee isa dhugaa ta'uu isaas «Waaqayyo abbaa murtee isa qajeelaa dha» jedha. (Faar. 7:11)
Hunda danda'aa ta'uu isaas immoo lafaan wal-fakeessu. Akkuma lafti waan nyaannuu fi waan dhugnu nu argamsiisftu hunda, Waaqayyos waa hunda nuuf kenna «Dhugumaan Waaqayyo waan gaarii ni kenna, lafti keenyaas midhaan ni baasa» akkuma jedhu. Faar. 84(85):12

Jecha samii jedhus yoo hiikan immoo samiiwwan wal iratti akka gamoo kan dhaabatan torba uumamaniiru. «Guyyaa
ishee duraattii hojiiwwan gurgudddoo torba hojjeteeraa» akkuma jedhu (Kufaalee 2:9). 

Samii torba kan jedhamanis: 

1. Teessoo Galataa (Menbere Tsebaa'ot), 
2.Tsirhaa- Aariyam (Samii samii olii) 
3. Samaay Wudud (Teessoo Sillaasee) 
4. Iyyaruusaaleem ishee samiirraa
5. Iyyoor
6. Raamaa fi 
7. Ereridha

Samiiwwan kanneen keessaa Iyyoor, Raamaa fi Eerer Magaalota (samii) ergamootaati. Garuu raajichi Museen seera umamaa irratti yoo barreessu samii tokko jedhe, as irratti ammoo torba jedhe: maarree dubbin kun wal hin mormuu yoo jedhame; deebiinsaa wal hin mormu dha. Maaliif yoo jenne akka gamoo wal irratti ijaaramaniitii gubbaa dhaa gara
gadiitti, torba waan ta'aniif. Wangeelli ammas dubbii kana yoo cimsu «Mana Abbaa koo keessa iddoon jireenya baay'etu jira» akkuma jedhu. (Yoha. 14:1)

Guyyaa kana ammas Waaqayyo ergamoota uume. Ergamoonnis maal irraa uumaman kan jedhuuf yaada hayyootaa amantaa lamatu iira. Isaan tokko Ibiddaa fi bubbee irraa uumaman jechuun caqasa «Ati qilleensota warra ergaa kee adeeman; balaqeessa ibiddas warra siif hojjetan godhatte» jedhu (Faar. 104:4) caqasu. Gareen biroo immoo caqasichi amalummaa isaaniitu ibiddaa fi qilleensaan wal fakkaata malee
uumamni isaanis waan hin jirre irraayi malee waan ture irraatii miti jedhu. Amalummaa ibiddaa fi qilleensaa qabu malee isarraa hin uumamne (Aksimaaroos). Waaqayyos baay'ina gosa ykn qomoo (neged jedha Gi'iziin) isaanii 100 godhee uume. Uumee erga raawwatee booda gonfoo ifaa ni kenneef, siiqqee ibiddaas niqabachiise. «Askeemaa» ergamoota kan jedhus itti uume. Isaanis gosa kudhan kudhaniin hoogganaa isaaniif muude. Samaaliyaal (Saaxnaa'eel) hoogganaa hunduma isaanii ture. Baay'inni ergamoota gosa tokko keessa jiraniis lakkawamee hin dhumu. Akka copha rooba erga addunyaan uumamte haga hardha jiru roobetti baay'atu.


«Galgallis ni ta'e, ganamnis ta'e kun guyyaa tokkoffaa dha» jedha. (Uma 1:5). Uumamni guyyaa jalqabaa gabaabinatti kana fakkaata ture.

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Madda :- Kitaaba Bu'uuraawwan Amantaa (Waldaa Duuka Bu'ootaa)

Karaa Channel Telegram Ortodoksii Tawaahidoo kan dhiyaate

Post a Comment

0 Comments