Sirna Uumamaa
Kutaa 1ffaa
Seensa
Waaqayyoo osoo lafaa fi samii hin uumiin dura akkuma hardhaatti tokkummaan isaa osoo sadummaa isaa hin dhuunfatin, Sadummaan isaa osoo tokkummaa isaa gargar hin baasiin tokkummaa fi sadummaa isaatiin galateeffamaa ture. Osoo lafaa fi samiin hin uumamiin eenyutu isaa galateeffata yoo jedhame ammoo amalummaa Waaqummaa isaatiin galateeffamaa ture. (Hayyoota Amantaa 318). Akkuma Wangeelli «Ammas yaa Abbaa ulfina osoo biyyi lafaa hin uumamin dura ani si
biraatii qabu tureen, si biraatti ulfina anaaf kenni!» jedhu.
(Yoh. 17:5).
Waaqayyos karaa inni beekuun galateeffamaa osoo jiraatuu kabajni fi ulfinni isaa akka beekamuuf uumamoota nan uuma jedhee yaade; yaadees hin hafne ni uume. eenyu fa'a uume kan jedhuuf ammoo, namaa fi ergamoota maqaa isaa akka galateeffatanii fi ulfina isaa akka argataniif (dhaalaniif), yoo ta'u isaan uumama kanarraa hafan garuu, yaadannoof, dinqisiiffannaadhaaf, nyaata foonii fi lubbuutiif Akkuma «Warri maqaa kootiin waamaman hundinuu, warri ani ulfina kootif uummadhe, warri ani tolchee bifa itti
godhe haa dhufan» jedhu, (Isa. 43:7). Kitaabonni biroos waa'ee uumamaa kanaa gadi fageenyaan ni ibsu. «Karaa amantii isa dhugaatti kan si geessu wabii barsiisaa ta'e ni qabda innis uumama» akkuma jedhu. Maar Yisihaaq (Boq. 1 keeyyata 2ffaa).
Waaqayyyo uumama kana hunda kan uume garuu ittiin fayyadamuuf yookiin immoo irraa fayyadamuuf, yookiis immoo wanta isa jalaa hirdhate namni itti naaf guuta jedhee osoo hin taane kabajaa fi dhiifama isaa uumamaaf kennuu akka barbaade ibsameera (Kitaaba Qaleminxoos).
Amalummaan namaa beela'uu fi dheebochuudha: Waaqayyoo garuu beelaa fi dheebuu hin qabu. Amalummaan namaa dhadhabaa
waan ta'eef waa jalaa fagaate kan fidu, waan jalaa dhokate kan ibsuuf nama isa gargaaru barbaada. Waaqayyoon bira
garuu kun hin jiru. Inni hunduma beeka, hunduma qo'atas waan ta'eef. Kitaabnis kunoo kanuma dhugaa baha, «Bifti isaa ijaan hin argamne, garuu humni isaa inni bara baraa, Waaqummaan isaas erga biyyi lafaa uumamee jalqabee waan inni uume irratti qalbifatamee yaadatti argamu ni danda'a, kanaafis waan itti qabatan hin qaban.» (Rom 1:20) jedhamee barraa'eera.
Waaqayyoo guyyaa jalqabaa irraa hanga guyyaa jahaffatti uumamni inni uume lakkaawwamee hin dhumu, haa ta'u malee akkuma akaakuu (gosa) isaaniitiin tokko jedhanii yoo lakkaa'an uumama 22 ta'u. «Hanga guyyaa torbafaattis uumama akaakuu 22 uume» akkuma jedhu (Kufaalee 3:9).
Waa'een uumamaa hardha kan argame osoo hin ta'iin Waaqayyoof kan ajajaman raajotaa fi abbootatti osoo darbuu hanga jabana Musee ga'e. Museeniis «Waaqayyoo jalqaba
irratti bantiwwan samii fi lafaa uume» jechuun ariirratee waa'ee uumamaa baldhinaan barreesse (Uma 1:1). Egaa Kitaaba Qulqulluu keessaa Museen waa'ee uumamaa kan baldhinaan
barreesse yoo ta'u, erga kitaabni Qulqulluun barraa' ee booda immoo baldhisee kan Museen barreesse sanas gadi fageenyaan hiikee ibse Qulqulluu Ephifaaniyoos kan jedhamu biyyi isaas
Odola Qoophiroos jedhamtu irra. Innis Kitaaba waa'ee uumamaa baldhisee dubbatu Aksimaaroos jedhamu Waaqayyoo ibseefii barreessee jira. Kan inni barreessee fi kan Museen barreesse garaa garummaa hin qabu.
Yeroo ammaa argamoonni karaa saayinsiin argaman kan yeruma duraa uumedha. Garuu qo'atoonni kunniin hojii dinqisiifannu godhan malee waan haaraa uuman jechuu miti. Kan uumame hundi kan Waaqayyo guyyaa jaha keessatti Waaqayyoo ifa baasanii akka Waaqayyoon baay'ee uume dha. Garuu namoonni tokko tokko dinqii hojii Waaqayyoo kana irraanfachuurraan kan ka'e Hawaan ofumaan argame kan jedhu yaada dogoggoraa waan qabataniif waa'een uumamaa nuuf barreeffamee kenname.
Akkuma Wangeelli' «Nu'i obsaa fi jajjabina kitaabonni Qulqullaa'oon nuuf kennaniin abdii akka arganutti wanti Kitaabota Qulqullaa'oo keessattii barreeffaman hundinuu nu barsiisuuf katabaman» (Rom. I5:4) jedhamee ibsame jechuu dha. Ammas Wangeelli «Wanti hundinuu isumaan ta'e, waan ta'e keessaa isa malee kan ta'e tokko illee hin jiru.» (Yoh 1:3) jedha.
Kanaaf barreeffamoonni waa'ee uumamaa ibsan kunniin kan abbootii duraan barreessaniin barra'an malee har'a akka haaraatti kan qopha'an akka hin taane hubadhaa. Wanti itti dabalame tokkollee hin jiru.
Kanatti aansuudhaan egaa hamma kana erga seensa ilaallee guyyaa jahan keessatti uumamawwan uumaman tokkoon tokkoon ilaalla. Hubaachiisaaf garuu barreeffamootni waa'ee uumamaa ibsan keessattuu Kitaabni Akisimaaroos uumamootni kun sa'aatii isaan itti uumaman waliin kan ibsu yoo ta'u, nuti garuu barreeffamicha gabaabsinee dhiyeessudhaaf jecha, sa'aatii isaan uumaman hin ibsine, guyyaa isaan uumaman qofa kan ibsine ta'uusaa isin yaadachiisuu barbaadna.
Itti fufa!
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
Madda :- Kitaaba Bu'uuraawwan Amantaa (Waldaa Duuka Bu'ootaa)
0 Comments