Subscribe To Our YouTube Channel

Baay'ina Uummataatiin Biyyoota Xixiqqoo Addunyaa keenyaa 10 Bara 2023 tti

Biyyoota Xixiqqoo Addunyaa Bara 2023tti Baay'ina Uummataatiin

Baay'ina Uummataatiin Biyyoonni Xixiqqoon Addunyaa keenyaa 10 eenyu fa'i?

Karaa Channel Telegram Qubee Media kan dhiyaate.

Bara 2023tti baay'ina uummata isaaniitiin biyyoonni xixiqqoon addunyaa keenyaa beekamaniiru. Yeroo darbe bal'ina lafaatiin biyyoota gurguddoo Addunyaa keenyaa 10 ilaallee turre har'a ammoo biyyoota xixiqqoo uummata isaaniitiin ni ilaalla.


Ibsa suuraa :- Vatican City ykn Magaalaa Vaatikaan 

Dhabbanni Mootummoota gamtoomanii ykn UN ifatti biyyoota baay'ina uummataatiin xixiqqoo jedhee adda baaseera. Isaan kana keessaas sadarkaa kurnaffaa irratti baay'ina uummataa xiqqoo qabaachuun biyyi argamtu uummata 73,000 kan kan qabdu yoo ta'u, wanti nama ajaa'ibu biyyi sadarkaa tokkoffaa irratti argamtu ammoo uummata 517 qofaa qabdi. Biyyoonni kunneen eenyu fa'i laata? mee walumaan kan ilaallu ta'a.

10. Doominiikaa

Egaa barreeffama keenya har'aa biyya sadarkaa kurnaffaa irratti argamtuun eegalla. Biyyi kunis uummata 73,006 qofaa qabdi. Biyyi kun Doominiikaa jedhamti biyya Riippabiliika Doominiikaa jedhu waliin akka wal isin jalaa hin dhoofne.

Biyyi kun bal'ina lafaa 751km² kan qabdudha. Argamni biyya kanaas naannoo walakkaa gidduu Puweertoo Riikoo fi Tirinidaad fi Toobaagoo Kaaribiyaaniitti.

Uummanni eeddoola keessatti argamu kun Awuroppaanotaan koloneeffatamanii kan turan yoo ta'u biyya Biriiteeniin waggoota hedduuf bitamaa erga turan booda biyya of danda'an kan ta'aan bara 1978 tti. Ministeerri Muummichaa dubartiin jalqabaa biyya kanaas Maarii Eegeeniyaa turte bara 1980 hanga 1995 tti.

9. Sayint Kittis fi Neevis

Biyyi baay'ina uummataa xiqqoon sadarkaa saglaffaa irratti argamtu ammoo uummata 47,745 qofaa qabachuun biyya eeddoola lama irraa walitti dhufte biyya Sayint Kittis fi Neevis jedhamtu kanadha. Biyyi kunis kan ittiin beekamtu biyya xiqqoo of dandeesse kan Heemisfeera Lixaatti argamtu ta'uu isheetiini.

Bal'inni lafa biyya kanaas 261km² yoo ta'u , :- Kan Sayint Kittis 168km² akkasumas kan Eeddoola Neeviis ammoo 93km² dha. Biyyi kun bal'ina lafaa xiqqoo qabaachuunis biyya beekamtudha.

Sayint Kittis fi Neevis bilisa kan baate biyya Yuunaayitid Kiingidam jalaa bara 1983 tti, akkasumas Neeviis bara 1998 yaalii kophaatti baatee of danda'uu hin milkoofne jalaa baate.

8. Eeddoola Maarshaal

Eeddoolli Maarshaal jedhamtu kun uummata 42,000 - 41,952 qofaa qabdi akka ragaa dhaabbata Mootummoota gamtoomaniitti. Bakki argama ishees Ooshiiniyaa yoo ta'u, biyyi kun Eeddoolota gurguddoo shan fi eddoolota xixiqqoo 29 irraa kan walitti gurmooftee hundooftedha. Bal'inni lafa biyya kanaa eddoolonni kunneen hundi walitti ida'amanii 181km² ta'a.

Naannoo kanatti uummatni qubachuu kan jalqabe naannoo Dhaloota Kiristoos Dura bara 2000 yoo ta'u, Eddoolli Maarshaal biyya Ameerikaa jalaa bara 1979 bilisa baate. Akkasumas waggoota fi jaarraawwan hedduuf biyyoota akka Ispeen, Jarman fi Jaappaan jalatti bulaa turteerti.

7. Licheetenistaayin

Baay'ina uummataa 40,000 gadi qabaachuun jechuunis baay'ina uummataa 39,558 qofaa qabaachuun biyyi kun sadarkaa torbaffaa irratti argamti. Biyyi Licheetenistaayin kun biyyoota xixiqqoo Ardii Awuroppaa keessatti argaman keessaa ishee tokkodha. Biyyi kunis kan ittiin beekamtu Gaara Raayitikoon jedhamuun akkasumas Giraayuuspiitz kan jedhamu kan ol ka'iinsa 2,599 m kan qabuuni.

6. Moonaakoo

Licheetenistaayin waliin biyyi baay'ina uummataatiin xiqqoon Awuroppaa kan biraa Moonaakoo jedhamti. Uummata naannoo 37,000 qabdi garuu tilmaamaan 36,313 dha. Kunis baay'ee xiqqoo dha kan jechisiisudha.

Moonaakoon bal'ina lafaa walii galaa 2km² kan qabdu yoo ta'u, kunis biyya bal'ina lafaatiin xiqqoo lammaffaa Addunyaa kanaa ishee taasisa, Vaatikaan Siitiitti aanuun. Biyyi kun garuu akka xiqqaachuu bal'ina lafa ishee miti, qubannaa uummata rukkataa qabdi.

5. Saan Maariinoo

Vaatikaan Siitii waliin wal qabachuun, Saan Maariinoon biyyoo xiqqoo kan birraa Xaaliyaanii keessatti argamtu dha. Uummanni Saan Maariinoo biyya gaara hedduu qabu kana keessa jiraatu kun baay'inni isaanii 33,644 dha akka ragaa dhaabbata Mootummoota gamtoomaniitti.

Saan Maariinoon bal'ina lafaa walii galaa 61km² qabdi. Kunis biyya xiqqoo sadaffaa Addunyaa kanaa ishee jechisiisa. Vaatikaan Siitii fi Moonaakootti aanuun.

4. Paalaawuu

Paalaawuun akka ragaa dhaabbata Mootummoota gamtoomanii irraa argameetti uummata 18,058 qofaa qabdi. Biyya xiqqoo arfaffaa addunyaa kanaatis baay'ina uummataatiin. Biyyi umurii dheeraa qabdu kun seenaan ishee Dhaloota Kiristoos dura naannoo waggaa 1000 to jalqaba.

Bal'inni lafa biyya kanaas 459km² dha. Kanaanis tarree biyyoota dheeroo keessatti ni ramadamti.

3. Naawuruu

Akka ragaa dhaabbata Mootummoota gamtoomaniitti baay'ina uummata Naawuruu 12,769 dha. Kunis biyya baay'ina uummataatiin xiqqoo addunyaa keenyaa ishee sadaffaa ishee taasisa.

Naawuruun Kibba Eddoola Maarshaalitti kan argamtu dha. Akkasumas eddoola xiqqoo Ooshiiniyaa keessatti argamtu dha. Bal'inni lafa ishees 21km² dha. Kunis biyya xiqqoo addunyaa keenyaa bal'ina lafaatiin sadaffaa ishee taasisa.

2. Tuuvaaluu

Tuuvaaluun baay'ina uummataa 11,387 qabdi akka ragaa dhaabbata Mootummoota gamtoomaniitti. Biyyi kun eddooloota xixiqqoo sagal irraa kan uumamtee fi Kibba Garba Paasifiikitti kan argamtu dha.

Bal'inni lafaa walii galaa biyya kanaa ykn kan eddooloota kanneen saglanii 26km² tti siqa. Biyyi kun biyya xiqqoo kan biraa Ooshiiniyaa keessatti argamtu dha, garuu biyya xiqqoo addunyaa Irraa tokkoffaa bal'ina lafaatiin fi baay'ina uummataatiin jedhuudha miti.

Ooshiiniyaatti biyyi argamtu kun Tuuvaaluun biyya of dandeesse kan taate bara 1978 tti. Akkasumas biyyi kun jijjiirama qilleensaa fi dambalii galanaatiif baay'ee saaxilamti.

1. Vaatikaan Siitii

Vaatikaan ammoo kan isheen caalmaattii ittiin beekamtu teessuu Pooppii Kaatolikootaatiini, baay'inni uummata ishees naannoo namoota 517 dha akka ragaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti.


Baay'ina uummataatiin dabalataatti Vaatikaan Siitiin biyya xiqqoo addunyaa kanaati. Kanaanis biyya xiqqoo addunyaa kanaa bal'ina lafaa fi baay'ina uummataatiin ishee taasisa. Namoonni Vaatikaan Siitii Room keessa jiraatan lafa walii galaa 0.44km² irra jiraatu.

Vaatikaan Siitiin kan hundoofte bara 1929 yoo ta'uu, yeroo sanattis Kaatolikiin Roomaa biyya Xaaliyaanii keessatti iddoon addaa ni kennameef. Iddoo teessoo Phaaphaasii ta'uun, iddoo deemsa Qulqulluu ta'uun fi k.k.f beekamtuu ishee taasiseera.

Qophii ykn barreeffama kana qopheessee kan isiniif dhiyeesse Chaanaalii Teeleegiraamii QUBEE MEDIA yoo ta'u, odeeffannoowwan garaa garaa kan barnootaa, kan Yuunivarsiitiiwwanii, Kitaabolee garaa garaa pdf dhaan qophiilee bashannanaa fi odeeffannoowwan Ispoortii fi k.k.f argachuuf karaa Telegram nu hordofaa!


Waan dubbistaniif Galatoomaa! torban mata duree biraatiin walitti deebina!


Post a Comment

0 Comments