Subscribe To Our YouTube Channel

Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Efesoonitti erge

Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Efesoonitti erge




Magaalaan Efeesoon Isiyaa xiqqootti karaa lixaa laga Kaayistar qarqaratti kan ijaaramte magaalaa qarqara galaanaa tti argamtu turte. Magaalaan kunis giddu gala daldalaa ta'uu isheetiini fi Arxeems ykn Mana Xaa'otii dhaan beekamti ture. Bulchiinsa Faars taatee yeroo turtetti Iskindir guddichi, Mootiin Faars Daariyoos injifatee magaalittii bulchiinsa Giriikii taasise. 

Dhaloota Kiristoos dura waggoota 190 dursee Roomaanonni mootii Anxirookoos jedhamu mo'atanii Mootii Pheergaamooniif bulchiinsa sana itti dabalaniif du'a isaatiin booda garuu bulchiinsa Roomaa taate. Ayihuudonnis sababa godaansaa fi sababa daldalaatiin deemanii Mikuraabii ijaarratanii keessa jiraatu ture. 

Bara 46 Dh.K.B Duuka Bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos deemsa isaa jalqabaatiin Aqiilaa fi Phirsiqilaa waliin Qoronxoos irraa gara Iyyerusaaleemitti yeroo deemu yeroo muraasaaf Efeesoon taa'ee ture. Deemsa isaa Lammaffaatiin bara 50 Dh.K.B magaalaa Efesoonitti waggaa lamaa fi ji'a sadi barsiiseera. Boodarras namicha fakkii Arxeems hojjetu Dimeexiroos waliin waldhabdee ka'een Duuka Bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos magaalittii gadhiisee ba'uun gara Maqedooniyaatti yeroo deemu Ximootewoos Hangafa Phaaphaasii taasisee isaaniif muude.

Bara 58 Dh.K.B Iyyerusaaleemitti qabamee gara Roomeetti deemuun hidhaa dhaabbii irra yeroo turetti namoonni Efeesoon Amantii fi hojii gaariidhaan cimuu isaanii yeroo dhaga'u ergaa kana ergeef. 

Duuka Bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos yeroo baay'ee ergaawwan kan barreessu dogoggora Mana Kiristaanaa keessatti ka'aanii fi gaaffilee ka'aan deebisuuf ture, erga gara Efeesoon kana irratti garuu dogoggorri kamiyyuu waa'ee Mana Kiristaanaa ifatti hin caqasamne. Ta'us garuu Ayihuudota irraa, warreen Falfaltoota irraa, Waaqeffattoota Arxeems irraa, daldaltoota irraa dhiibbaan guddaan Mana Kiristaanaa irra akka ture Kitaaba Hojii Duuka Bu'oota boqonnaa 19 irraa ni baranna. Wantoota kanneen hunda duuba humnoota hamootu ture 1:19-21, 2:1-2, 3:10, 6:11-12. Egaa Kiristaanonni akka cimaniif Duuka Bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos boqonnaa isaan jalqabaa 1-3 irratti waa'ee kaayyoo Waaqayyoo ibsa bal'aa fi gadi fagoo ni kenna. Sanatti aansuunis boqonnaa 4-6 Qulqulluun Phaawuloos akkuma barame barumsa isaa hojii waliin walitti firoomsuun, Kiristaanonni murtee Waaqayyoon wal qabatee namoota akkamii ta'uu akka qaban isaan hubachiisa. Ergaa kana namoonni hubachuu danda'aan gara dogoggoraattii dafanii hin seenan, warreen sobdoota mormuu ni danda'u guyyaa hamaattis cimanii dhaabbachuu ni danda'u. 

Akkaataa Qoqqoodama Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Efesoonitti erge

1. Nageenya :- 1:1-2

2. Hunda hammachuuf kaayyoo Sillaasee :- 1:3-23

A). Abbaan karaa Kiristoos Kiristaanota eebbise, filatee murteesse (4-6)

B). Ilmi dhiiga isaatiin waan isaan biteef kennaa fi ogummaan Waaqayyoo ibsameera (7-10) 

C). Afuurri Qulqulluun bu'uura murtee Waaqayyoo Abbaatiin warreen amanan mallatteesseera, abbaa dhaalaa ta'uu isaanii isaaniif mirkaneesseera (11-14)

D). Kiristaanonni humnaa fi kaayyoo Waaqayyoo akka hubataniif kadhachuu qabu (15-23).

3. Kaayyoon Waaqayyoo yeroo raawwatu haal-dureewwan mul'atan :- Boq. 2 fi 3

A). Amanaan tokkoon tokkoon isaa Kiristoosiin jireenya argateera (2:1-10)

B). Ayihuudotaa fi Ahizaabonni Fannoo Kiristoosiin araaramaniiru (2:11-18), maatii tokko ta'aaniiru (2:19-22).

C). Mana Kiristaanaatti ogummaan Waaqayyoo ni ibsama (3:1-13)

D). Gara caalu Kiristaanonni Kiristoosiin akka cimanii fi jaalala isaa akka baraniif kadhachuun isaanirraa eegama (3:14-21).

4. Mana Kiristaanaatti karaalee kaayyoon Waaqayyoo ittiin raawwataman :- 4:1-6:20

A). Tokkummaa (4:1-6)

B). Bilchina (4:7-16)

C). Haaromsa jireenya Afuurawaa dhuunfaa (4:17-5:20)

D). Eegumsa kabajaa walitti dhufeenya Dhirsaa fi niitii, ijoollee fi maatii, hojjettootaa fi hojjechiistotaa (5:21-6:9)

E). Murtee dhaabbataa qabsoo Afuurawaa (6:10-20)

5. Guduunfaa, haala Qulqulluu Phaawuloos fi eebba :- 6:21-24

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

1 Comments

  1. Ebbiifamaa dhugumaadhugaattii waqayoo sagalee jireenyaa isaa isinn haa dhageesisuu mqna isaa keessattii isnni haaqusatuu 💒💒💒🙏🙏

    ReplyDelete
Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)