Subscribe To Our YouTube Channel

Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Galaatiyaatti erge

Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Galaatiyaatti erge


Seensa :- kanaan dura seenaa fi Qabsuura Duuka Bu'icha Qulqulluu Phaawuloos, sanatti aansuun ammoo Kitaabolee Qulqulluun Phaawuloos barreesse keessaa ergaa gara warra Roomeetti ergame fi ergaa gara warra Qoronxoositti ergame ilalleerra, har'a ammoo ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Galaatiyaatti erge ni ilaalla dubbisaa!


Galaatiyaan magaalaa xiqqoo Isiyaa xiqqootti argamtudha. Galaatiyaan kun har'a biyya Turkii jedhamtu keessatti argamti. Naannoo sanatti ykn ganda sanatti Phisdiyaa, Antsookiyaa, Iqooniyoon, Lisxiraa fi Darbeen magaalonni jedhaman ni argamu. Gandi sunis ykn naannoon sunis karaa Bahaan Phaanxoos fi Qaphaadooqiyaa, karaa Lixaatiin ammoo Firgiyaa, karaa Kaabaatiin Biitaaniyaa, karaa Kibbaatiin ammoo Koliqaa'ooniyaa waliin wal daangessu. Namoonni «Guwaal» jedhaman keessa jiraachaa waan turaniif Galaatiyaa jedhamtee waamamteerti.

Duuka Bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos deemsa isaa Duuka Bu'ummaa isa jalqabaa gara biyya Ormootaatti yeroo taasisetti bara 46 Dh.K.B Galaatiyaa daawwatee ture. Bara 54 Dh.K.B deemsa isaa Duuka Bu'ummaa isa sadaffaatiin karaa Firgiyaa darbee Galaatiyaa seenuun Amantaa isaaniitiin akka ciman isaan barsiisee deemeera.

Ta'us garuu inni deemsa isaa jalqabaa raawwatee akkuma deebi'een Barsiisonni Ayihuudotaa gara Galaatiyaatti seenanii yoo qaama keessan dhaqna hin qabannee fi yoo akka seera Ayihuudotaatti yoo buluu dhiistan ykn yoo seera Ayihuudotaa eeguu dhiistan hin fayyitan jechuudhaan isaanitti lallaban. Kuni isaan gahuu dhiisee Duuka Bu'icha Qulqulluu Phaawuloosiin;

• Akka Duuka Bu'oota warra kaanii Gooftaa hin argine
• Duuka Bu'oota kudha lamaan waliin qixa hin lakka'aamu
• Duuka Bu'oota irraa malee Gooftaa irraa hin baranne waan ta'eef kabajni isaa gadi bu'aadha
• Inni dhaqna qabatee isin qajeelummaa akka hin arganneef dhaqna hin qabatiinaa jedhee isin gowwoomsa
• Duuka Bu'oonni Ayihuudota waliin wal jaalatanii Seera Oriitii eeganii, sirna Ayihuudotaa kabajanii Iyyerusaaleem osoo jiraatanii inni garuu isin homaa hin beektan jedhee barumsa sobaa isin barsiisa.

Jedhanii shakkii fi ganiinsa waan itti guutaniif barsiisota sobaa kanaaf deebii, Amantaa isaaniitiifis cimina akka ta'uuf Sooriyaa Antsookiyaa osoo jiruu barreessee bara 48 Dh.K.B harka Tiitootiin isaaniif erge. Ergaan isaa kun Kitaabolee Kakuu Haaraa hunda keessaa ishee jalqabaa akka taate ni himama. Ergaan gara warra Galaatiyaa kun «Ergaa Bilisummaa!» jedhamuunis ni waamamti, sababni isaas nuti Kiristaanonni du'aa fi ka'umsa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiin kennaa fi kabaja arganne, akkasumas garbummaa cubbuu jalaa akkaataa itti oolle kan himtu ta'uu isheetiini.

Duuka Bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos barumsa isaa kana irratti waa'ee kennaa fi seeraa, waa'ee Amantii fi hojii, waa'ee bilisummaa fi dhaqna qabachuu ibsa irra deddeebiin kenneera. Barumsa kana hojii Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Qaraaniyootti raawwatame waliin jechuunis Kiristoos Fannoo isaatiin Addunyaa hojii hamaa irraa fayyisuu isaa (1:3-5), amanaan seeraaf akka du'e lakkoofsisuu isaa irraa (2:19-21), amanaadhaaf kaayyoo fi ergaa kennuu isaa irraa (3:1-5), iddoo ykn bakka amanaatti abaarsa seeraa baachuu isaa irraa (3:10-14), amanaa godaansa keessa galchuu isaa irraa (5:11, 6:12), amanaan foon isaa akkamitti akka ajjeesu agarsiisuu isaa irraa (5:24) akkasumas amanaadhaaf kan ittiin dhaadatu kennuu isaa irraa (6:14) kan ka'e hubachuu ni dandeenya.

Qoqqoodama isaa;

1. Seensa :- Duuka Bu'ummaa Qulqulluu Phaawuloos, nageenya gabaabaa, hojii Kiristoos, Wangeelli tokko qofti akka jiru. 1:1-10

2. Wangeelli tokkichi Qulqulluu Phaawuloosiif kallattiin ibsamuu 2:11-14

Qulqulluun Phaawuloos;

A). Qulqulluun Phaawuloos Wangeela kana nama irraa osoo hin taane matuma isaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos irraa fudhachuu isaa (1:11-12)

B). Wangeela kana lallabuu isaatiin dura nama Amantaa Yihuudotaa hordofu kan ture ta'uu isaa (1:13-17)

C). Duuka Bu'oonni warreen kaan Wangeela inni lallabe raggaasisuu isaanii (1:18-2:10)

D). Deemsa Pheexiroos kan morme ta'uu isaa (2:11-14)

E). Wangeelichi namni Kiristoos amanuun akka qajeelu akka labsu (2:15-21) ibse.

3. Wangeelichi Seera irra caalmaa kan qabu ta'uu isaa

Qulqulluun Phaawuloos;

A). Amantoonni seeraan osoo hin taane Amantii fi Afuuraan eebbifamuu isaanii (3:1-5)

B). Abrahaam seeraan osoo hin taane Amantii dhaan qajeeluu isaa (3:6-9)

C). Kiristoos amantoota abaarsa seeraa irraa fayyisuu isaa (3:10-14)

D). Seerri jecha abdii shaaruu dhadhabuu isaa (3:15-18)

E). Kaayyoon Seeraa namoota gara Kiristoositti geessisuu ta'uu isaa (3:19-29)

F). Wangeelichi namoota garbummaa keessaa baasee ijoollee Waaqayyoo taasisuu isaa (4:1-7)

G). Gara bartee duriitti deebi'uun garbummaa ta'uu isaa (4:8-11)

H). Wanta gaarii hunda amantootaaf hawwuu isaa (4:12-20)

I). Garbummaa fi bilisummaan seeraa seenaa Aggaar fi Saaraa dhaan ibsamuu isaa (4:21-31) agarsiise.

4. Wangeelichi gara bilisummaa isa dhugaatti akka nama geessu (5:1-6:10)

Qulqulluun Phaawuloos;

A). Wangeelichi dhaqna qabuun fi seera raawwachuun fayyinni ni argama yaada jedhu hambisuu isaa (5:1-6)

B). Barumsi sobaa Wangeelicha xiqqoo jeequu isaa (5:7-12)

C). Bilisummaan hojii ykn gocha Fooniitiif sababa ta'uu dhiisuu isaa (5:13-15)

D). Afuuraan kan deddeebi'an foon fannisuu isaanii (5:16-26)

E). Bilisummaan gara laafummaa, arjummaa fi eebba kan argamsiisu ta'uu isaa (6:1-10) barsiisu.

5. Guduunfaa :- qabsuura Phaawuloos, eebba.

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

1 Comments

  1. Jabaadha. Hojii gaarirra jirtu. Sinjaladhe waa'ee hojii keessanin

    ReplyDelete
Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)