Subscribe To Our YouTube Channel

Hiikoo Andimtaa Wangeela Qulqulluu Maatewoos | Kutaa 6ffaa

Hiikoo Andimtaa Wangeela Qulqulluu Maatewoos


Kutaa 6ffaa


Boqonnaa 2


Seensa :- akkuma beekamu kana dura barumsa Koorsii Hiikoo Andimtaa Wangeela Qulqulluu Maatewoos mata duree jedhe jalatti waa'ee hiikoo Andimtaa Wangeela Qulqulluu Maatewoos akka Mana Kiristaanaa keenya Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti ilaalaa turreerra, ammas kutaa itti aanu qabannee dhiyaanneerra, kutaalee darban shanan dubbisuun gara kutaa kanaatti darbaa!


Maat. 2:5-6 «Isaanis ati yaa Beeteliheem kutaa Yihudaa bulchiinsota Yihudaa irraa gonkumayyuu hin xiqqaattu, saba koo Israa'eel kan eegu mootiin si keessaa ni ba'a waan ta'eef jedhamee barreeffameera. Beeteliheem kutaa Yihudaattidha, jedhaniin» Mik. 5:2

Hiikoo ፦ Saba koo Israa'eel warra foonii /እስራኤል ዘስጋ/ kan eegu mootiin si keessatti ni moo'a.

 📖 Seenaa :- Raajichi Mikiyaas iddoo garaagaraa barsiisaa oolee gara galgalaa karaa Beeteliheem darbee yeroo deemu, Beeteliheem lafa onaa taatee, guwaayyaan keessatti biqilee arge. Innis akkas akka taatetti hin haftu, mootiin si keessatti ni moo'a, sagaleen Nagaaritaa si keessatti ni dhaga'ama, Dunkaanni si keessatti ni dhaabama,Israa'eloonni gara kee dhufuun ni marmaaru, Ahizaabonni siif gabbaru jedhee raajii dubbateefiira. Kunis hin hafnee Zarubaabeel keessatti mo'eera, Israa'eloonni gara isheetti marmaaraniiru, sagaleen Nagaaritaa keessatti dhaga'ameera, Ahizaabonni, gabbaraniifiiru, Dunkaanni keessatti dhaabameera.

👉 Tokkos Saba koo Israa'eel warra lubbuu ykn afuuraa /እስራኤል ዘነፍስ/ kan eegu mootiin Kiristoos si keessatti ni dhalata waan ta'eef. Zarubaabeel akkuma akkuma keessatti mo'e, Kiristoos keessatti dhalateera; Sagaleen Nagaaritaa akkuma keessatti dhaga'ame, Qiddaasee ykn Galatoon Ergamootaa keessatti dhaga'ameera; Israa'eloonni akkuma keessatti marmaaran ykn gara ishee dhufan, Qomoowwan Ergamoota dhibbaa keessatti marmaaraniiru; Ahizaabonni akkuma keessatti gabbaran, namoonni ogeeyyii keessatti gabbaraniiru.

👉 Tokkos ati mucaan Efraataa giiftii keenya, mootota Yihudaatti mo'an yoo caalte malee isaanii gadi hin taatu, Saba koo Israa'eel lubbuu ykn afuuraa kan eegu Mootiin Kirisoos sirraa ni dhalata waan ta'eef.

📖 Maat. 2:7 «Kana booda Heeroods dhoksaan namoota ogeeyyii waamee, bara urjichi itti mul'ate isaan irraa of eeggannoon hubate

👉 Heeroods Luboonni amma nurraa dhaga'ee itti hime akka isaan hin jenneef doksaan waame.

👉 Tokkos namoonni ogeeyyii nutiyyuu fagoodhaa arginee, beeknee yeroo dhufnu, inni garuu as taa'ee hanga ammaatti hin dhageenyeeyyuu naan jedhu jedheetu dhiksaan isaan waame.
Guyyaa urjichi itti mul'ates gaafatee Gooftaan waggaa lama akka ta'e ni hubate 

📖 Maat. 2:8 «Gara Beeteliheemittis isaan ergee, deemaa waa'ee daa'imichaa of eeggannoon qoradhaa, yeroo Isa argitanittis anis dhufee akkan sagaduuf natti himaa jedheef.»

Heeroods daa'imicha Kiristoos ajjeesuuf osoo barbaaduu, namoota ogeeyyii waliin deemuu irra akkan sagaduuf natti himaa jechuun Isaa maalifi? yoo jedhame;

👉 Heeroods kana kan taasiseef namoonni ogeeyyii raayyaa hedduu of duuba hiriirsisanii dhufaniiru waan ta'eef isaan sodaatee.

👉 Tokkos Luboonni firoota isaati waan ta'aaniif dursanii itti himanii akka baqatu taasisu jedhee.

📖 Maat. 2:9 «Isaanis mooticha dhaga'aanii deeman, kunoo urjiin bahatti argan hanga iddoo daa'imichi jiru gahee dhaabbatutti isaan dursa ture

Urjichi isaan dursaa iddoo daa'imichi jiru akka qubaan kallattii agarsiisuutti, hojjaa namaatiin ni dhaabbate.

📖 Maat. 2:10 «Urjichas yeroo arganitti gammachuu guddaa dhaan garmalee ni gammadan.»

👉 Wanti waggaa lama deemaniif, mitiitii kan sa'aatii lama deemaniifiyyuu nama gammachiisa waan ta'eef daran ykn garmalee gammadan jedhe.

👉 Tokkos eessaan nu gaha laata hallayyaa nu buusa moo, bishaan nu nyaachisa jedhanii sodaachaa, yaadda'aa turan waan ta'eef iddoo yaadan yeroo isaan geessisu ni gammadan.

📖 Maat. 2:11 «Gara manaattis galanii daa'imicha haadha Isaa Maariyaam waliin argan, kufaniis ni sagadaniif, saanduqoota isaaniis bananii Warqee, Ixaana, Karbees daa'imichaaf ni gabbaran.»

👉 Warqee gabbaruun isaanii :- kana dura mootonni Warqee gabbarruuf kan darbanii fi uumamtootadha, ati garuu uumaa fi kan hin dabarredha jechuuf.

👉 Ixaana gabbaruun isaanii ammoo :- kana dura kana yjn Ixaana kan ulaa turre Xaa'otii ykn Waaqolii tolfamoo dhaafi isaan ammoo uumamtootaafi kan darbanidha, ati garuu hin dabartu, uumaadhas yeroo jedhaniin.

👉 Karbee kan gabbaraniif ammoo :- hangamiyyuu kan hin dabarre, dura kan turte uumaa taatuyyuu qaama keetiin du'a hadha'aa ni fudhatta waan ta'eef jedhanii.

👉 Tokkos Warqeen cimaadha, atis cimaadha, jabaadha yeroo jedhaniin, Akkasumas amantoonni sitti amanan amantaa fi hojiin cimoo ta'u jedhanii.

👉 Ixaanni foolii namatti tolu, foolii urga'aa qaba, atis amalummaa keetiin ni urga'aadha, Akkasumas amantoonni sitti amanan urgaa'oota amantaa fi hojiin ta'u jedhanii.

👉 Karbeen kan cabe ni supha, kan gargar ba'e walitti deebisa, atis waldaa Ergamootaatii kan gargar bahe Addaam Tokko taasista, cimina lubbuu kenniteefii Isa cimsita, Akkasumas karbee kan fidaniif gaafa jimaataa ni dhamdhamsiisu waan ta'eef jedhanii.

Fakkeenyummaan isaas;

👉 Warqeen fakkeenya wareegamtootaati Warqeen akkuma ibiddaan qoramu, wareegamtoonnis gidiraa dhaan ni qoramu waan ta'eef.

👉 Ixaanni fakkeenya Baahitaawwiyaaniiti, ixaanni akkuma fageenyaa urgaa'u, isaanis abdiidhaan jiraatu waan ta'eef.

👉 Karbeen ammoo fakkeenya amantootaati.

👉 Tokkos Warqeen fakkeenya amantaati, ciminni Warqee akkuma ibiddaan qoramee ilaalamu, ciminni amantiis gidiraan qoramee yeroo rakkoo fudhatanidha waan ta'eef.

👉 Ixaanni fakkeenya abdiiti, Ixaanni fageenyaa akkuma urgaa'u, abdiinis kan hin qabanne akka qabatan, kan hin agarre akka argan ni taasifti waan ta'eef.

👉 Karbeen fakkeenya jaalalaati, jaalalli akka tokko taasisu, Karbeenis tokko taasisa waan ta'eef.

Kanaaf Amantaan, Abdiin, Jaalalli mindaa keessani waan ta'eef jedhanii Warqee, Ixaana, Karbee gabbaraniif.

📖 Maat. 2:12 «Gara Heeroodsittis akka hin deebine abjuudhaan itti hime, daandii biraatiinis gara biyya isaaniitti deeman.»

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments