Subscribe To Our YouTube Channel

Haadha keenya Qulqulleettii Kiristoos Samraa

Qulqulleettii Kiristoos Samraa


Haati keenya Qulqulleettiin Kiristoos Samraan eenyudha?




Ibsa suuraa :- Haadha keenya Qulqulleettii Kiristoos Samraa


Haati keenya Qulqulleettii Kiristoos Samraan Shawaa Bulgaa naannoo iddoo ykn bakka «Geeyee» jedhamutti kan dhalatte yoo ta'u, Abbaan ishee Deresenii, haati ishee ammoo Illeenii jedhamu, Abbaa fi haati ishee kunneenis Waaqayyo fuulduratti kan amanaman turan. Intala isaanii kanas Sirna Mana Kiristaanaa, Kitaabolee Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa barsiisuun guddisan. Umuriin ishee heerumaaf yeroo gahuttis Abbaa fi haati ishee ilma Iyyesuus Mohaa kan Samra Giyoorgis waliin bultii akka ijaarratan taasisan, ijoollee dhiiraa kudhanii fi ijoollee shamarrannii lamas ni deesse, isheenis ijoollee ishee seeraa fi sirna Waaqayyootiin guddiste.

Mootiin bara sanatti ture Atseen Gabra Masqal nama qajeelaa fi nama gaarii ture. Yeroo tokko mootichi waa'ee gaarummaa fi miidhagina Qulqulleettii Kiristoos Samraa yeroo dhaga'etti, yeroo sanatti bulchiinsa isaa keessatti kan argaman dubartoota 174 keessaa tokko waan turteef waa'ee ishee ni bare. Mootichis akka ishee tajaajilaniif ijoollee 272 ergeef. Ta'us garuu kuni Wuddaasee kantuu akka hin taaneef gara Waaqayyootti yeroo agarsiistutti Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Mikaa'eel abjuudhaan itti mul'atee «Nagaan siif haa ta'u jaalatamtuu Yaa Kiristoos Samraa! Arjummaa Waaqayyoo kan ta'e Habistii Samii sooradhu!» jedhee ishee soore. Keessa isheettis Afuurri Qulqulluu isheetti guute, uumaa ishees ni galateeffatte, tajaajiltoota mooticha irraa isheef ergamanii tures mariisistee Qulqulluun Mikaa'eel akkuma ishee ajaje maqaa isaatiin Mana Kiristaanaa ijaarsiste. Taabota Kakuu isaas Mana Kiristaanaa sana keessa galchuunis, Mana Kiristaanaa sanatti tajaajilaa turte.

Gaaf tokko garuu tajaajiltoota ishee keessaa ishee tokko irra afuurri hamaan ni bule, hin ajajamu jechuus jalqabde. Yeroo kanattis Qulqulleettiin Kiristoos Samraan irra deddeebitee ishee gorsite, tajaajiltuun sun garuu gorfamuu hin dandeenye. Kanarraa kan ka'es garmalee itti aaru isheetiin tajaajiltuun sun ni duute. Garmalee kan gaddite Haati keenya Qulqulleettiin Kiristoos Samraanis «Kunimmaa Lubbuu ajjeesuu natti ta'a!» jettee garmalee boosse, gara Waaqayyootti yeroo kadhattettis Waaqayyo tajaajiltuu sana du'aa ni kaaseef. Keessi ishees gammachuun guutame, akkasis jette «Jireenya Addunyaawaa keessa yeroon jiraadhu raajii kana yoo naaf raawwatte, jireenya Minnaaneen yoon jiraadhe ammoo hangam hojii raajii naaf hojjeta!» jettee Abbaa manaa ishee fi ijoollee ishee akkasumas maatii ishee dhiistee Monokoste. Ta'us garuu ilma ishee isa dhumaa gara Gadaamii Dabra Libaanoos yeroo seentetti qabattee deemte. Namoonni naannoo sanaas fagoo irraa akka dhufte beekanii ofitti ishee siqsan, isheenis mucaa ishee achi keessee Gadaamii sana keessatti Kadhannaa, Tsoomii fi Sagadaan jiraatte. Ilmi ishee garuu haadha isaa yeroo dhabetti ni boo'e, ni beela'es. Dubartii tokko karaa sana irra darbaa osoo jirtuu mucaa sanatti siqxee kaasuuf yeroo yaaltu Qulqulluun Mikaa'eel dursee kaasee fudhate, gara Jannataattis isa galche. Qulqulleettiin Kiristoos Samraanis gara mucaa isheetti yeroo deebitetti du'ee isa argite. Gadda cimaas ni gaddite, yeroo kanattis Qulqulluun Mikaa'eel isheef ibsamee ykn mul'atee mucaan ishee Jannata akka jiru itti himee ishee jajjabeesse. Gara Xaanaattis ishee geesse, achittis waggoota 12'f bishaan keessa seentee qaamni ishee ciccitee hanga Qurxummiin keessa darbanitti dhaabbattee kadhatte. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis isheef ibsamee Waadaa kenneef, goonfoon 10 nis ni bu'eef. Kadhannaa fi Sagada yeroo itti fuftettis Qulqulluu Mikaa'eel, Qulqulluu Gabri'eel, Qulqulluu Rufaa'eel fi haati isaa Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam akka ishee gargaaraniif gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos isheef eeyyame.

Haati keenya Qulqulleettiin Kiristoos Samraan gara laafettii waan turteef Gooftaa akkas jettee kadhatte «Yaa uumaa koo! ana garbittii kee wanta hamaa hunda irraa oolchiteerta waan ta'eef, Diyaabiloosis akka maartuuf ykn akka isaaf dhiistuuf sin kadhadha! Kunis waa'ee Addaam fi waa'ee ijoollee isaa walumaa galatti namoota Addunyaa kana irra jiranii foon isaanii foon koo waan ta'eef akka isaan hin dogoggorsiisneef, akka hojii hamaa isaan hin hojjechiisneef jedheeni naaf maari jechuun koo!» jetteen. Gooftaan keenyas «Yaa Kiristoos Samraa! kadhannaa ajaa'ibaa na kadhatte! warreen kaanis si dura kan jiranis, si booda kan dhufanis kan kadhatan na kadhatte!» jedheen. Qulqulluun Mikaa'eelis gara Diyaabiloositti akka ishee geessu ajajame.

Si'ool yeroo gahaanis araara kan barbaadu yoo ta'e akka isa gaafattuuf Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Mikaa'eel yeroo ishee ajajetti «Saaxinaa'eel» jettee isa waamte. Diyaabiloosis deebisee Saaxinaa'eel jedhee kan na waame eenyudha? jedhe, isheenis «Anadha» jetteen. «Gara kootti maalif dhufte?» jedhee yeroo ishee gaafatus «Uumaa kee waliin walitti si araarsuuf» jetteen. Innis «Si'i manaa fi qabeenya kee bira yeroo jirtu sin dogoggorsiisa jedhee yeroon dhufu namnin si dhabe ana araarsuuf dhuftee? garuu kana kan taasise diinni koo inni durii Mikaa'eel dha, ana waliin yeroo hunda faallaa kan ta'u, kabaja koo irraas kan na buuse isadha malee ati maal humna qabda!» jedhee harka ishee qabee gara Si'oolitti ishee darbate.

Saffisuma sanattis Qulqulluun Mikaa'eel Sayifii isaatiin Si'ool rukute, ni banames, keessa isaattis lubbuuwwan hedduu argite, lubbuun ishees ni ifti waan tureef naannoo lubbuuwwan 10,000 ba'aanii irra qubatan, Si'ool keessaas isaan qabattee baate. Lubbuuwwan sana kan isheef maare Waaqayyos ni galateeffatte.

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos haadha keenya Qulqulleettii Kiristoos Samraa dhaaf boqonnaan ishee karaa mirgaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam akka ta'u fi maqaan ishees kanaan booda «Batra Maariyaam» jedhamee akka waamamu itti hime. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis ibsamtee «Yaa Kiristoos Samraa! gadameessi si deesse eebbifamtuu dha! .....» jetteen.

Kana boodas foon ishee Lubbuu ishee waliin waloomuun gara lafaatti deebite, hojjaa isheetiin boolla qochisiistee, naannawaa isheetti eeboowwan dhaabsiste, kunis gara fuulduraatti fi gara duubaatti yeroo deemtu akka ishee waraanuuf ture. Waggoota kudha lamaafis sagadaa jiraatte. 

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis akkas jedheen «Si kan jallatan, maqaa kee kan waammatan, yaadannoo kee kan yaadatan Ayyaana kee kan kabajan hanga dhaloota 12 tti siin maara!» dhuma irrattis Hagayya 24 lubbuun ishee foon ishee irraa adda baatee Ergamoonni ol ishee baasan. Atsimiin kabajamaan haadha keenya Qulqulleettii Kiristoos Samraas Gadaamii Geeyee jedhamee keessa kaawwameera, Gadaamiin kunis Kiristaanota ishee yaadatanii fi nu araarsi jedhaniif kan ijaaramedha.

Eebbi fi araarsummaan haadha keenya Qulqulleettii Kiristoos Samraa hundaa keenya waliin haa ta'u!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments