Subscribe To Our YouTube Channel

Hangafni Wareegamtootaa Qulqulluun Giyoorgis eenyudha?

Hangafa Wareegamootaa Qulqulluu Giyoorgis



Wareegamaa jechuun «Ragaa» ykn «ምስክር» jechuu yoo ta'u, sababa Amantaatiin kan ajjeefame, gidiraan kan isa irra gahe «Wareegamaa» jedhama. HDB. 22:20. Wareegamtoonni jalqabaa Kakuu Haaraas Duuka Bu'oota gooftaa fi Abbootii 72'n dha. 

Qulqulloota Wareegamtoota kan jedhaman «Waaqayyo ganaatii Xaa'ootiidhaaf sagadaa!» yeroo jedhaman «Waaqayyo hin gannu! Xaa'ootiidhaaf hin sagadnu!» jechuudhaan moototaa hamoo biratti dhiyaatanii osoo homaayyuu hin sodaatiinifi hin qaana'iin Waaqummaa gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos kan ragaa ba'anidha. Sababa kanaanis gidiraa hedduu fi gosoota garaa garaa dubbatame hin dhumne fudhatanii kabaja Waaqa isaaniif dhiiga isaanii kan dhangalaasan, lafeen isaanii kan caccabe, jireenya ykn Lubbuu isaanii kan dhabanidha. Abiddaan gubataniiru, bishaaniin affeelamaniiru, Sayifiidhaan mummuramaniiru, Magaazii dhaan baqaqsamaniiru, baaburaan daakamaniiru. Akka horiitti gogaan isaanii irraa kaafameera, gara galaana gadi fagootti gatamaniiru. Gidiraa kana hunda keessatti Amantaa isaanii irraa hin fagaanne ykn Amantaa isaanii hin ganne. Inumaayyuu warreen kaan ykn ormoonni «Ani Waaqa isaaniittin ykn Waaqa Wareegamtootaa amana!» akka jedhan taasisaniiru.

Akka namoonni tokko tokko jedhanitti Qaphadooqiyaan gara Baha Isiyaa xiqqootti kan argamtu ykn bakka har'a Baha giddu galeessaa jedhamutti argamti. Mootummaa cimaa Roomiin dura Mootummaa Faars jala turte. Qulqulluun Giyoorgisis Wareegamaa Faars kan jedhamu sababa kanaan akka ta'e ni himama. Biyyuma kana Giriikonni fi warreen Roomaa Kolonii ishee qabatanii akka turan seenaan ni dubbata. Karuma kanaanis namoonni tokko tokko Qulqulluun Giyoorgis dhalataa Giriikii dha yoo jedhan, warreen kaan ammoo lammii Ingiliiziidha jedhu. Wantoota kana hundaaf wanta afaaniin daddarbu yoo ta'een ala sirriitti qorate hanga ammaatti ragaa gahaa kan dhiyeesse hin argamne. Kanarraa kan ka'es Qulqulluun Giyoorgis dhalataa biyya kanaati, lammii biyya sanaati kan jedhamu baay'een jiraachuun isaa baay'ee nama hin dinqisiisu, sababni isaas Qulqulluu jabaa kana namni kamiyyuu lammii fi dhalataa biyya isaa taasifachuu waan barbaaduuf.

Ta'us garuu bara sanatti Loltummaa ykn Wattaadarummaan hojii barbaadamaa waan tureef Qulqulluun Giyoorgisis loltuu ykn Wattaadara ta'ee hojiiwwan ciccimoo hedduu hojjeteera. Dargaggummaa isaattis hojii Wuttiddirinnaa akka hojjete Seenaa Mana Kiristaanaa Giriikii, Koophxii fi Sooriyaatti barreeffameera. Inumaayyuu Kitaaba Sinkisaaraa fi Qabsuura Qulqulluu Giyoorgis irratti sirriitti barreeffamee argama.

 Bara Wareegamtootaa kan jedhamu Armaniyaatti waggaa 40 yoo ta'u Qulqulloonni hedduun Wareegamummaa itti fudhataniiru ykn Wareegamummaa itti argataniiru. Biyya keenya Itoophiyaattis Kiristaanonni 1,600 guyyaatti «Wareegamummaan kun nu hin darbiin!» jechuudhaan deemanii wareegamaniiru. Bara sanatti kan turan Mootonni Ormoonni Diyooqolixiyaanoos, Maaksimiyaanoos, Dirxaadis, Ileskindiroos, Ba'uliyaanoos, Farmaah fa'a turan.

• Maat. 10:28 «Warra Foon ajjeesan, Lubbuu garuu Ajjeesuun kan isaaniif hin danda'aamne hin sodaatiinaa, inumaayyuu Lubbuus Foonis Gahaannabatti balleessuun kan isaaf danda'aamu isa sodaadhaa!»

• Ibr. 11:34-38 «Afaan Leencotaa cufan, humna Ibiddaa balleessan, Qara Sayifii doomsan, dhadhabbii isaanii irraa ciman ykn jabaatan, waraana irratti ciccimoo ta'aan, humnoota diinaa ykn Afuurota hamoos ni ari'an. Dubartoonni du'a isaanii du'aa ka'umsaan fudhatan, warreen kaanis fayyina osoo hin fudhatiin du'aa ka'umsa isa caalu akka argataniif hanga du'aatti ni reebaman, isaan kaanis itti qoosamaa fi reebamaa kanaan olis hidhaa fi mana hidhaatiin ni qoraman, dhagaadhaan reebamanii du'an, ni qoraman, Magaazii dhaan tarsa'aan, Sayifiidhaan ajjeefamanii du'an, hunda dhabaa gidiraa fudhachaa dhiphachaa gogaa Hoolaa fi Re'ee uffachaa naanna'aan, Addunyaan isaaniif hin taane waan ta'eef lafa Onaa fi Tulluu, holqaa fi boolla keessa dhama'an»

Hangafni Wareegamtootaa Qulqulluun Giyoorgis Amajjii 20, Bara 277 Dh.K.B dhalate. Biyyi isaas Filisxeem yoo ta'u, bakki addaa inni itti dhalates Lidaa jedhama. Giyoorgis jechuun «Urjii, Cimaa, Hidda Wayinii, Aduu» jechuudha. Abbaan isaas Zorontoos ykn Anisxaatiyoos jedhama innis Aanga'oota Lidaa irratti muudamee ture, akkasumas haati isaa ammoo Tewoobistaa ykn Aqileesiyaa jedhamti. Hangafni Wareegamtootaa Qulqulluun Giyoorgis obboloota shamarranii Maartaa fi Isyaa jedhaman qaba ture. Umuriin Hangafa Wareegamootaa Qulqulluu Giyoorgis waggaa 10 yeroo guutu Abbaan isaa waan isa jalaa du'eef namni gaarii Kiristaana ta'e tokko isa fudhatee isa guddise. Adda waraanaattis isa leenjise. Waggaa 20 yeroo guutus intala waggaa 15 waliin bultii isaaniif ijaaruuf yeroo jedhan Waaqayyo lubbuu namicha Qulqulluu Giyoorgis guddise sanaa ni fudhate, Qulqulluun Giyoorgisis gara Bee'iruutitti deeme. 

• Bee'iruutitti Diraagoon Waaqeffatu akkasumas intala isaanii dubaraa gabbaruuf ykn kennuuf waan tureef Hangafni Wareegamtootaa Qulqulluun Giyoorgis garuu mallattoo Fannoodhaan isa injifatee uummata Bee'iruut Diraagoon Waaqeffachaa ture gara Waaqayyo Waaqeffachuutti deebiseera.

• Gara Faarsitti deebi'ee Duudiyaanoos mootota 70 walitti qabee Xaa'ootiiwwan dhaabsisee yeroo sagaduu fi yeroo sagachiisu isaan argee Amantaa isaatiif inaafaa waan tureef Mana Mootummaa seenee «Ani Kiristaana dha. Kiristoos Iyyesuusitti nan amana!» jedheen. Innis eenyummaa isaa erga hubate booda «Ati kan keenyadha! Biyyoota kudhan irratti sin muuda , Waaqa koo ykn Waaqa ani Waaqessu Aphooloon ni Waaqessita ykn Waaqessi!» jedheen. Qulqulluun Giyoorgisis «Badhaasaa fi aangoon kee sumaaf haa ta'u, ani Waaqa koo Iyyesuus Kiristoos hin ganu!» jedhe. Yeroo kanattis mootiin sun garmalee aaree gidiraa itti baay'ise, inni garuu «Nama gantuu kana hangan isa qaanessutti lubbuun koo hin fudhatamiin!» jechuudhaan Waaqayyo kadhate, akka Kadhannaa isaattis isaaf ni taasifame. Amantii isaatiinis gidiraa ilmi namaa fudhachuu hin dandeenye kan fudhatedha. 

Gidiraawwan kanneen keessaas;


1. Mootichi Hangafa Wareegamootaa Qulqulluu Giyoorgis muka irratti fannisiisee Foon isaa mummursiise. 

2. Mootichi Qoree ykn sibiilota dhedheeroo kan qaban Kophee sibiilaa Qulqulluu Giyoorgisitti kaa'ee ittiin deemi jedheen. Waaqayyos Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eel ergeefii isa fayyiseera.

3. Sibiilota akka qoreetti 70 hojjechiisee, ibiddaan erga tuqsiise booda gubbaa isaa ykn mataa isaa burrusaan rukuchiisee garaa isaa irratti utubaa dhagaa hiisisee akka irra gaangalchan taasise.

4. Foon isaa Magaazii dhaan mummursiise Ashaboo itti naqsiisee, Foon isaa ciccitee bu'e. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos halkan qixxee harka isaatiin isa tuqee «Kana booda waggaa 6 maqaa kootiif ni qabsuurta, yeroo sadi ni duuta Arfaffaa irratti ni boqotta» jedheen.

5. Duudiyaanoosis nahee «Kan naaf injifatu yoo jiraate Warqeen isa badhaasa!» yeroo jedhu namichi falfalaan Atinaasiyoos jedhamu Qoricha marzii garaacha cicciree ajjeesu bulbulee Qulqulluu Giyoorgisitti kenne. Qulqulluun Giyoorgis garuu maqaa Waaqayyoo waamee yeroo dhugu akka akka abaabootti ifee mul'ateera. Namichi falfalaan sunis naaf dhiisi jedheenii lafa irraa bishaan burqee gara Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoositti yeroo agarsiisu Duuka Bu'ichi Qulqulluun Toomaas dhufee namicha dur falfalaa ture sana cuupheera, dhuma irrattis namichi kun Wareegamummaa dhaan boqoteera.

6. Mootichi Hangafa Wareegamootaa Qulqulluu Giyoorgis baaburaan akka isa daakan taasisee sana boodas boolla guddaa keessatti isa gachisiisee dhagaa itti cufsiisee itti mallatteessee deemeera. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis foon daakame sana harka isaatiin tuqee Afuura isaa deebisee isa kaaseera, deebi'ees «Waaqni koo du'aa na kaase!» isaaniin jedheera.

7. Mootichi Siree sibiilaa irratti Qulqulluu Giyoorgis rukuchiisee ykn irra kaa'ee jalaa Ibidda itti bobeesseera. Ibiddi sunis yeroo dhiigni Hangafa Wareegamootaa Qulqulluu Giyoorgis itti cobu dhaameera.

8. Mootichi Duudiyaanoosis Hangafa Wareegamootaa Qulqulluu Giyoorgisiin «Iyyesuus Waaqa ta'uu isaa natti agarsiisi!» yeroo jedhuun muka lalisee jiru gogsee, isa goge lalisiisee, erga du'anii booda waggaa 430 kan ta'an ykn waggaa 430 dura namoota du'anii awwaalaman du'aa kaasee itti agarsiiseera. Ta'us garuu lapheen mootichaa hamaa waan ta'eef beelaa fi dheebuudhaan akka du'uuf jedhee mana dubartii hiyyeetti tokkootti isa hiisiseera. Dubartiin kunis wanta nyaatamu mana ishee keessaa yeroo barbaaddu manni ishee eebbaan guutamee, utubaan inni irratti hidhames lalisee firii buufatee, ilmi ishee gurri isaa hin dhageenye fayyeefii dubartiin kun ilma ishee waliin cuuphamtee Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Mikaa'eelis Qulqulluu Giyoorgis hidhaa irraa isa hiikeera.

9. Lammaffaas Mootichi baaburaan isa daakaatii gara Tulluutti geessaatii isa facaasaa jedhee isa daaksisee foon isaa yeroo facaasan margi, baalli, dhagaan, mukti foon isaa irra qubate hundi «ጊዮርጊስ ቅዱሱ ለእግዚአብሔር፣ ጊዮርጊስ ሰማዕቱ ለእግዚአብሔር» ykn «Giyoorgiis Qulqulluu Waaqayyoodhaaf, Giyoorgis Wareegamaa Waaqayyoo!» jedhanii isa galateffataniiru. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis yeroo sadaffaa dhaaf du'aa isa kaaseera. Deemees «Waaqni koo du'aa na kaase!» jedheen. Namoonni sunis nahaanii miila isaa jalatti kufan, lafa irraas bishaan burqisiisee Qulqulluun Yohaannis isaan cuupheera. 

10. Mootichis «Mootii taasisee sin muuda Aphoolooniif sagadi!» jedhee yeroo isa kadhatus yeroo seenee kadhatu haati manaa Mootichaa ykn niitiin Mootichaa Ileskindiriyaan «Maal jechaa jirta?» yeroo jettuun ishee barsiisee ishee amansiiseera, yeroo bari'us mootichi labsiidhaan uummata walitti qabee «Giyoorgiis Xaa'ootiidhaaf sagaduufi!» jedhee uummata walitti qabame gidduutti mucaa xiqqoo tokkoon «Tajaajilaan Iyyesuus Kiristoos Giyoorgis si waama!» jedhi jedheenii gara Xaa'ootii sanaatti yeroo isa ergu Seexanni Xaa'ootii sana irra bulee ture iyyaa iddoo Hangafni Wareegamtootaa Qulqulluun Giyoorgis jirutti dhufe, laftis afaan ishee bantee isa liqimsite. Namoonni hedduunis raajii kana arganii ni amanan. Mootichattis niitiin isaa akka inni deebi'u itti himtuyyuu addabaabaayiitti ishee fannisiisee, morma ishee mursiisee wareegamummaadhaan boqotteerti. Dhiigni ishees Cuuphaa ta'eefiira. 

Dhuma irrattis Mootichi hamaan sun Hangafni Wareegamtootaa Qulqulluun Giyoorgis Sayifiidhaan akka ajjeefamu taasise. Qulqulluun Giyoorgisis Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos irraa waadaan isaaf galamee umurii isaa waggaa 27 tti Ebla 23, sa'aatii 9 irratti Wareegamummaan boqoteera. Mormi isaa yeroo muramus Bishaan, Dhiigaa fi Aannan ba'eera.

Guyyoota Yaadannoo Hangafa Wareegamootaa Qulqulluu Giyoorgis


Sadaasa 7

Guyyaa kana ykn Sadaasa 7 Qulqulluun Giyoorgis mana dubartii hiyyeettiitti kan itti hidhamee fi kan Utubaa irratti hidhamee ture itti lalisiisedha. Mootichi Duudiyaanoos Qulqulluun Giyoorgis du'aan akka du'u yeroo ajajetti, Qulqulluu Giyoorgis gara mana dubartii harka qalleettii homaayyuu waan nyaattu manaa hin qabneetti galchanii utubaa mana isheetti hidhan, utubaan Hangafni Wareegamtootaa Qulqulluun Giyoorgis itti hidhame sunis laliseera.

Amajjii 18

Guyyaa kanatti daakamee faca'uun lafee Hangafa Wareegamootaa Qulqulluu Giyoorgis kan itti yaadatamudha. Qulqulluun Giyoorgis dheekkamsaa fi Sayifii Mootii Duudiyaanoos osoo hin sodaatiin waggoota torbaaf qabsuuraa'eera. Guyyaa kanattis kan yaadatamu loltoonni Duudiyaanoos Sayifiidhaan isa muranii, abiddaan isa gubanii boolla keessatti isa gatanii yeroo du'uu didu, baaburaan isa daakanii Tulluu irraa isa bittinsanii ture. Innis hojii ogummaa ajaa'ibaa Waaqayyootiin foon fi lafeen isaa qilleensa keessatti bittinsamee ture walitti qabamee akkuma duraatti ta'ee Gooftaan inni amane Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Hangafa Wareegamootaa Qulqulluu Giyoorgis guyyaa kanatti du'aa kaaseera, kunis Amajjii 18 yaadatamee oola.

Ebla 23

Guyyaan kun guyyaa itti Hangafni Wareegamtootaa Qulqulluun Giyoorgis itti boqotedha.

Akkasumas kanaan dabalataatti Hagayyaa 23 kan yaadatamu yoo ta'u, ji'i seenee gaafa guyyaa 23 akka Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti guyyaa Yaadannoo Hangafa Wareegamootaa Qulqulluu Giyoorgis ta'ee ni kabajama.

Araarsummaa fi Eebbi Qulqulluu Giyoorgis nu waliin haa ta'u!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

2 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)