Torbee Dhukkubbii Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos
Fannifamuu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos
«Guyyaa Sana»
Guyyaan sun Waaqa ta'uu barbaadee, kabaja qabu irraa kan gadi bu'e ilma namaa, qaanii isaa irraa kaasuuf bu'uura waadaa galeetiin, samii samiirraa bu'e kan dhufe gooftaan keenya guyyaa itti fannisan turte. Maat. 27:31-36, Maar. 15:24, Luq. 23:33, Yoh. 19:18
Guyyaa Kanatti;
1. Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa kana dursee hundaafuu akka hubatuu fi akka galuufitti: qonnaan bulaa sanyiidhaan, wayiniidhaan, daldalaa qarshiidhaan, dubartoota raacitiidhaan fakkeessaa hanga mana isaaniitti seenuun isaan barsiise. Jaamota ibsee, cabaa fi okkolaa qajeelchee, duudaa banee, kan lamxiin rukutame lamxiirraa qulqulleessee, kan hidhaman hiikee, kan du'an kaasee, buddeena shanii fi qurxummii lama eebbisee dhiirota kuma shan nyaachise, jajjabeesse. Maat. 13:15,13:21, Maar. 13:1-37, Luq. 13:6-21, Yoh. 5:1-18,9:1-41. Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa kana dursee hundaafuu akka hubatuu fi akka galuufitti: qonnaan bulaa sanyiidhaan, wayiniidhaan, daldalaa qarshiidhaan, dubartoota raacitiidhaan fakkeessaa hanga mana isaaniitti seenuun isaan barsiise. Jaamota ibsee, cabaa fi okkolaa qajeelchee, duudaa banee, kan lamxiin rukutame lamxiirraa qulqulleessee, kan hidhaman hiikee, kan du'an kaasee, buddeena shanii fi qurxummii lama eebbisee dhiirota kuma shan nyaachise, jajjabeesse. Maat. 13:15,13:21, Maar. 13:1-37, Luq. 13:6-21, Yoh. 5:1-18,9:1-41
2. Kana kan arge diinni keenyaa Seexanni, keessa namaatti galee himannaa itti cimse.
3. Maanguddoonnii fi Hangafoonni Lubootaas ;
➣ «Osoo uummata keenya jallisuu argine"
➣ «Gibira Qeesaariif akka hin kaffalle dhorka"
➣ «Ani Mooticha Israa'eel Kiristoosiidha» jedha jechuun Maanguddoonni beekumsa isaanii iddoo hin taanetti oolchan. Luq. 23:1-5
4. Heroodis fi Philaaxoos namoota walii hin galle turan. Gooftaan himatamee gara Heroodis deemee, deebi'ee gara Philaaxoos yeroo dhufu, diinoonni walii hin galle lamaan mataa mataa isaaniitiin itti walii galan. Luq. 23:6-12
5. Philaaxoos balleessaa tokkollee waan irratti hin argineef gooftaa akka dabarsee hin kennine (hin ajjeesisne) tooftaawwaan garaagaraa fayyadame. Jechuunis;
➯ «Gara Heroodisiitti geessaa!» jedhe, gooftaa fi Heroodis namoota Galiilaa waan ta'aaniif ni na'aaf jedhee yaadee.
➯ «Ayyaana waggaa keessan irratti akkuma barame kan hiikamu jira, kana adabeen isiiniif hiika» jedhee gaafate. Filannoon isaanii garuu Barbaan nuuf haa hiikamuu ture.
➯ Irra deebi'ee Philaaxoos «Iyyesuus akkan isiniif gadhiisu ni hawwituu?» jedheen, isaanis «fannisiin! fannisiin! ajjeesiin!» jedhanii iyyan.
Philaaxoosis badii hamaa maalii hojjete, kan du'aan isa ga'u badii irratti hin argine, kanaafuu garafsiiseen isa gadhiisa jedhe. Garuu guyyaan sun guyyaa itti murtee dhugaa itti badde waan taateef, «fannisiin! fannisiin!» jedhanii tokkummaan walii galan. Goolii kaasuun, dhiiga dhangalaasuun hidhamee kan ture Barbaan akka isaanii hiikuuf isa kadhatan, innis isaaniif hiike. Goofta keenya Iyyasuus Kiristoos garuu dabarsee kenne. Luq. 23:6-25
6. Gooftaan Keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo fannifamu, rakkoo fi dhiphina isaa arganii laphee isaanii rukuta yeroo boo'an argee "isin yaa dubartoota Iyyerusaalem! ofii keessanii fi ijoollee keessaniif boo'aa malee anaaf hin boo'iinaa. harmi hin hoosifne, gadameessi hin deenye eebbifamtudha barri itti jedhan ni dhufa waan ta'ee" jedhee tokkoon tokkoon isaanii cubbuu isaanii yaadachaa akka boo'an itti hime. Luq. 23:27-31
7. Guyyaa sanaan dura yeroo gooftaan gara Gibxiitti godaane saamtonni lama saamuuf itti dhufan. Inni Xixoos jedhamu gooftaa haadha isaa harkaa fuudhee baate nagaadhaan isaan gaggeesse. Fannoo irrattis wal arganii Xixoos hiriyaa isaa Gooftaa arrabsutti dheekkamuun «yeroo Mootummaa kee dhufutti na yaadadhu» jedhe kadhate. Gooftaanis garaa laafeefi «dhuguma dhuguman siin jedha har'a ana waliin Jannata keessatti argamta» jedheen. Dhiiga Fannoo irratti dhangalaasee fayyisee Jannata isa galche. Luq. 23:39-43
8. Gooftaan keenyaas fannoo irra yeroo gadi ilaalu bartuu isaa jaalatu Yohaannisii fi haati isaa Dubroon Maariyaam boo'ichaan dhadhabanii isaa arge. Bartuu isaa jaalatu Yohaannisis waamee akkas jedheen «ilaa haadha kee!» Dubroo Maariyaamidhaanis «ilaa ilma kee» jedheen. Nuufis haati karaa Yohaannis nuuf kennamte. Yoh. 19:26-27
9. Guyyaa Sanas Lafa Irratti;
1. Golgi Mana Qulqullummaa iddoo lamatti tarsa'e
2. Lafti ni hollatte
3. Awwaalli ni baname
4. Namootni du'an du'aa ni ka'aan.
Samii irratti ammoo;
5. Aduun ifa ishee dhorkatte
6. Addeessi dhiiga uffatte
7. Urjiileen ni harca'aan. Maat. 27:51-54, Luqa. 23:44-45
10. Qulqulleetti Lubbuu isaa Qulqulleettii foon isaa irraa foo'ee gara Si'ool deemuun lubbuuwwan waggaa 5,500'f Si'ool keessa turaniif bilisummaa labse, Jannata isaan galche. Yoh. 10:17-18
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
Ameen!
0 Comments