Subscribe To Our YouTube Channel

Torbee Dhukkubbii Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos | Kadhannaa Kamisaa

Torbee Dhukkubbii Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos

Kadhannaa Kamisaa


Kadhannaa Kamisaa Kakuu Moofaa keessatti

Kadhannaan Kamisaa Kakuu Moofaa keessatti Faasikaadhaaf qophiin itti taasifameera. (Maat. 26:7-13). Faasikaa jechuun darbuu jechuudha. Kunis Israa'eeloonni dachee Gibtsii irra osoo jiranii Ergamaa isaa ergee tokkoon tokkoon namni Israa'eel Hoolaa akka qalu fi dhiiga isaas balbala isaa irratti ykn muka balbala isaa irratti akka dibu Museetti hime. Museenis wanta ajajame uummatatti hime, hundumtuu akka ajajamanitti taasisan. Booda Waaqayyo irraa dheekkamsi ajajamee Ergamichi mana Gibtsootaa mallattoo dhiigaa hin qabne du'a hangafaatiin yeroo rukutu, Mana Israa'eelootaa mallattoo dhiigaa qabu sana garuu Ergamichi Waaqayyoo mallattoo dhiigaa balbala Mana isaanii irra jiru arguun isaan bira darbeera. Faasikaa jedhamuun isaas iccitii kana yaadachiisuufi. (Ba'uu 12:1-25)

Ka'umsa kanaanis waggaa waggaadhaan Israa'eeloonni ji'a jalqabaa guyyaa kudha Arfaffaa isaatti Hoolaa qalanii Ayyaana Faasikaa ni kabaju. Biyyi keenya Itoophiyaanis dursitee Kakuu Moofaa kan fudhatte ta'uu isheetiin sirna kana ni raawwatti turte. Kakuu Haaraa keessattis du'aa ka'umsi Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos sababni inni «Faasikaa» itti jedhamee waamameef Gooftaan keenya guyyaa Ayyaana Faasikaa kanatti ofii isaa aarsaa jaallatamaa taasisee dhiiga isaa waan nuuf dhangalaaseefidha. Dhangala'uu dhiiga isaa kanaanis du'a hangafaa kan jedhame duuti lubbuu nurraa fagaateera. Kanaafis Kiristoosiin «Faasikaa keenya» jennaan. 1 Qor. 5:7, 1 Pheex. 1:18-19

 Moggaasota garaa garaa Kadhannaa Kamisaa

Kadhannaan Kamisaa akka Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti maqaawwan garaa garaa qaba. Isaan kanneen keessaas;

1. Kadhannaa Kamisaa (ጸሎተ ሐሙስ)

 Fayyisaan Addunyaa gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos foon kan uffate, kan waloome ta'uu isaa ibsuuf fi fakkeenya ta'uuf diinonni isaa dhufanii hanga isa qabanitti guyyaa itti kadhachaa bule waan ta'eef «Kadhannaa Kamisaa» ni jedhama. (Maat. 26:36:56).

2. Kamisa Miila Dhiqaa

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa kanatti miila Duuka Bu'oota isaa gonka gadi of qabuun dhiqeera. Kunis Iyyesuus Kiristoos Cubbuu Addunyaa hundaa dhiquuf kan dhufe Waaqa Qulqullummaa ta'uu isaa agarsiisa. Kanarraa kan ka'es guyyaan kun akka Mana Kiristaanaa keenyaatti «Kamisa Miila Dhiqaa» ykn «ሕጽበተ ሐሙስ» ni jedhama. Kana yaadachuuf hardhas Hangafoonni Phaaphaasotaa fi Luboonni «Gidduu keenyatti argamtee Cubbuu keenyaafi Cubbuu saba kee dhiqi, nutis fakkeenyummaa kee hordofnee miila ijoollee keenyaa ni dhiqna!» jechuun miila Kiristaanota Mana Kiristaanaatti argamanii Wayiraa fi baala Wayinii tiin ni dhiqu.

3. Guyyaa Iccitii

Akkasumas guyyaan Kamisaa kun Iccitiiwwan Mana Kiristaanaa Torban keessaa tokko kan ta'e Iccitiin Qurbaanaa guyyaa kanatti kan jalqabame waan ta'eef guyyaan kun «Guyyaa Iccitii» ykn «የምሥጢር ቀን» jedhamee ni waamama. Kunis Gooftaan keenya Habistii fi Wayinii kaasee «Kuni waa'ee keessaniif Fannoo irratti kan muramu foon kooti hoodhaa! nyaadhaa. Kuni waa'ee keessaniif boru Fannoo irratti kan dhangala'u dhiiga kooti, isa irraas dhugaa!» jechuudhaan inni nu waliin, nutis isa waliin Iccitii tokko itti taanu diina Diyaabiloos irraa dhoksee, Duuka Bu'oota isaatiif guyyaa itti mul'ise ta'uu isaatiin moggaasni kun kennameefiira. Guyyaa kanatti Kiristaana kan ta'e hundi gaabbiidhaan dhiqatee ykn qulqullaa'ee Qulqulluu Foon isaa fi kabajamaa dhiiga isaa fudhachuuf ni qopha'a. 

4. Kamisa Kakuu Haaraa

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos aarsaa Kakuu Moofaa jechuunis aarsaan dhiiga bineeldotaatiin dhiyaatu gahuu ykn xumuramuu isaa ibsee, fayyina Addunyaatiif ofii isaa aarsaa jaallatamaa taasisee guyyaa itti dhiyeesse ta'uu isaatiin guyyaan kun «Kamisa Kakuu Haaraa» ykn «የሐዲስ ኪዳን ሐሙስ» ni jedhama. Luq. 22:20. «Kakuu» ykn «ኪዳን» jechuun walii galtee, waadaa garee lama gidduutti gaggeeffamu dha. Bu'uura kanaanis Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Addaam fi ijoollee isaa hundaaf Kakuu isaa bara baraa dhiiga isaatiin guyyaa itti raawwate waan ta'eef Kamisni kun «Kamisa Kakuu Haaraa» jedhamee ni beekama.

5. Kamisa Bilisummaa

Guyyaan kun Cubbuu fi Diyaabiloosiif Garboota ta'aanii jiraachuun akka gahe ykn akka raawwate kan itti ibsame, Ilmi namaa kabaja isaa dhabe deebisee argachuun isaa kan itti beekame waan ta'eef «Kamisa Bilisummaa» ykn «የነጻነት ሐሙስ» ni jedhama. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus waa'ee bilisummaa ijoollee namaa yeroo dubbatu «Kana booda isin Garboota miti! Garbichi wanta gooftaan isaa taasisu hin beeku waan ta'eef, jaalattoota garuu isiniin jedheera» jechuudhaan garbummaa jalaa kan itti baane, ijoollee isaa guyyaa itti jedhamne kan itti yaadannu ta'uu isaatiin Abbootiin «Kamisa Bilisummaa» jedhaniin (Yoh. 15:15). Tokkoon tokkoon Kiristaanotaas garbummaa Cubbuu irraa fagaatee, Waaqayyo waliin kan wal isa jaallachiisu hojii gaarii hojjechuudhaan jireenya isaa dursuun isarraa eegama. Garboota osoo hin taane jaalattoota jedhamnee Kiristoosiin waamamneerra waan ta'eef.

Guyyaa kanatti akkuma guyyaa Kibxataa gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos barumsa bal'aa Wangeela Yohaannis 14:16 irra jiru Duuka Bu'oota isaatiif barsiiseera. Kutaaleen gurguddoon barumsa isaas;

• Iccitii Sillaasee
• Iccitii Foonummaa fi
• Iccitii Du'aa Ka'umsaa kan of keessatti qabatedha.

Gooftaan keenya barumsa kana baldhinaa fi gadi fageenyaan barachuun akka barbaachisu yeroo  hubachiisu, Duuka Bu'oota isaatiif iccitii isaa Raajii dhaan isaaniif ibsuun osoo isaaf danda'aamuu ibsa bal'aadhaan akka isaan hubatan taasiseera. Duuka Bu'oonnis wanta isaaniif hin galle gaafachaa hubataniiru. Kiristaanonnis Mana Kiristaanaatti argamnee barachuu fi kan nuuf hin galles gaafannee hubachuun akka nurraa eegamu kana irraa ni baranna. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos mataa isaa Ayihuudotaaf dabarsee kan kennes guyyuma kanatti halkan sa'aatii saditti. Maat. 26:47-58.

Kadhannaa Kamisaatti Sirnoota Mana Kiristaanaatti raawwataman

 Guyyaa kanatti Sagadni, Kadhannaan, Dubbisni Kitaabolee Mana Kiristaanaa garaa garaa akkuma jirutti itti fufa. Manbariin (Taabonni) uffata gurraacha ni uffata, Kadhannaadhaan Ixaanaa ni raawwatama, Manni Kiristaanaas Maa'ixentii dhaan ni ulama, Miila dhiquun ni raawwatama. Qiddaaseen ni gaggeeffama, Mana Kiristaanotaatti ammoo Mulluu ykn Shuumoon «Gulbaaniin» ni qopha'a.

Miila Dhiquu

Guyyaa kanatti sa'aatii 9 irratti Diyaaqoniin okkoteewwan lama bishaan itti guutee ni qopheessa, inni tokko miilaaf, inni tokko ammoo harka itti dhiqachuuf «Tseloote Akkoteet» ykn «ጸሎተ አኰቴት» jedhamuun kan beekamu Kadhannaan kun ni kadhatama. Wangeelli dubbifamee Bishaanichi Lubichaan ykn Hangafa Phaaphaasii sanaan eebbifamee miila dhiquun ni raawwatama. Kunis Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos miila Duuka Bu'oota isaa dhiquu dhaan barumsa gadi of qabiinsaa inni agarsiise agarsiisuufi. Yoh. 13:14. Bishaanichaan dabalataattis Wayiraa fi baalli Wayinii sirna miila dhiqaa sana ittiin raawwachuuf itti fayyadamna. Iccitiin isaas;

Wayiraan Cimaadha :- Wayiraan Kiristoos rakkoo cimaa fudhachuu isaa hubachiisuun dabalataatti nutis (Abbootiin miila keenya dhiqan fi Kiristaanonni dhiqatan) gidiraa fudhachuudhaaf qophii jechuudhaaf sirna dhiqannaa miilaa sana Wayiraa dhaan ni raawwanna. Baalli Wayinii sanaas Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dhiiga isaa Wayiniin fakkeeffame dhangalaasee Kiristaanotaaf dhugaatii jireenyaa taasisee kennuu isaa yaadachuuf Wayiniitiin Sirna miila dhiqaa sana ni raawwanna. Maat. 26:26. Bitaa fi Mirgaan Abbootiin dhaabbatanis «ሐዋርያቲሁ ከበበ እግረ አርዳኢሁ ሐጸበ» jechaa ni faarfatu. Sirni kun erga raawwatame booda Sirni Qiddaasee raawwatamee Kiristaanonni Qulqulluu Foon isaafi kabajamaa dhiiga isaa ni fudhatu.

Qiddaasee

Sirni Qiddaasee Kadhannaa Kamisaa kan gaggeeffamu sagalee giddu galeessaatiin yoo ta'u, akka Dawuliitti kan fayyadamnu ammoo Tsenaatsiliidha. Sirna Qiddaasee sana irratti Abbootiin Luboonni fi Diyaaqonoonni hirmaatanis sagalee guddistuu osoo hin fayyadamiin afaaniin qofa ykn suuta jedhanii Sirna Qiddaasee gaggeessu. Sababni isaas Yihudaan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos iccitii dhaan qabsiisuu isaa ibsuuf yoo ta'u, karaa biraatiin ammoo Bara Kakuu Moofaatti Kadhannaan gatiin isaa kan lafa irraa akka ta'e ibsuufi. Itti aansuun kutaaleen Digguwaa «ክብር ይእቲ», «ዕጣነ ሞገር» fi «ዝማሬ» jedhaman faarfatamanii tajaajilli kun ni raawwata. Uummannis eebba malee galu.

Gulbaanii

Gulbaaniin Baaqelaa irraa, Qamadii ykn Garbuu irraa walitti affeelamee kan qophaa'u fi guyyaa Kadhannaa Kamisaatti Mulluu ykn Shuumoo nyaatamudha. Guyyaa Kadhannaa Kamisaatti mana keessatti wantoota raawwataman keessaa tokko Gulbaanii qopheessuudha. Gulbaaniin Israa'eeloonni Gibtsii dhaa yeroo ba'aan ariitiidhaan deemuu isaanii kan ittiin hubannu Israa'eeloota irraa kan ba'e ykn kan dhufe Sirna Tiwufiitii dha. Biyya keenya Itoophiyaa keessatti hojiiwwan Tiwufiitii hedduun bu'uura Kakuu Moofaa waan qabaniif Sirni kun har'as Kiristaanota Itoophiyaa biratti ni kabajama.

Gulbaaniin Israa'eeloonni Gibtsii dhaa yeroo ba'an bukeessanii, tolchanii nyaachuu dhadhabuu isaanii nu yaadachiis. Yeroo sanatti Bukoo hin bukoofne tolchaa Maxinoo nyaachuudhaan, Mulluu ykn Shuumoo affeelanii galaa qabachuun hojii isaanii daandii irraa ture waan ta'eef. Seenaa kana yaadachuudhaan Torbee Dhukkubbii keessa keessattuu guyyaa Kadhannaa Kamisaa Maxinoo fi Gulbaaniin ni qopha'a. Nyaata qophaa'u kanattis Ashaboon sirriitti itti naqama, kunis Ashaboon akkuma bishaan nama dheebochiisu, Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis yeroo gidiraa isaatti bishaan dheebochuu isaa yaadachiisuufi.

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments