Torbee Dhukkubbii Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos
Guyyaa Roobii Torbee Dhukkubbii Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos
Guyyaa sadaffaa Torbee Dhukkubbii Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos wantoonni raawwataman;
1. Hangafoonni Lubootaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos irratti mari'atan. Maat. 26:3-6
✤ Ergasii Luboonni warri Hangafoonni fi maanguddoonni mana guddicha Hangafa Lubootaa kan ture, Qayyaaffaa tti walitti
qabaman. Achittis walii wajjin karaa ittiin Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus :- Haxxummaadhaan qabsiisanii cubbuu tokko malee, akka
du'uuf irratti walii galanii marii goolaban turan; garuu,
«Namoota gidduutti raafamni akka hin kaaneef, kana gochuun
yeroo ayyaanaatti hin ta'u» jedhu turan.
✤ Walgahii kana irratti baay'inaan Saduuqaanota, muraasni immoo Barreessitoota fi Fariisootatu hirmaate turee. Isaanis Hangafa Lubootaa «Qaayyaaffaa» kan jedhamu dallaa isaa keessatti wal gahan. Wal gahiin kun miseensa nama 72 kan qabu yoo ta'u, haala kamiin Iyyasuusiin akka qabachuu
qaban ragaa sobaa mala itti walitti qabatan waliin mari'atan. Maar 14:1-2, Luq 22:1-6
➪ Egaa yeroo keenya kanattis namoota meeqa meeqatuu
ragaa sobaa funaanuun Abbaa Biddeenaa, Haadha
Biddeenaa, obboleessa, maatii fi fira isaa irratti himannaa sobaa
kan dhiyeessuun mana murtiitti kan dhaaban baay'eetu jiru.
2. Mana Simoonitti dubartiin tokko Gooftaa Shittoo (Urgooftuu)
dibdeerti. Maat. 26:6-13, Maar. 14:3-9, Yoh. 12:3-8
✤ Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Bitaaniyaatti Mana Simoon isa lamxaa'ee ture sana keessa jira ture, dubartiin tokko urgooftuu dibataa gati-
jabeessa shurrubbeetti qabattee gara isaa dhufte; isheenis
utuma Iyyasuus maaddiitti taa'ee jiruu, urgooftuu sana mataa
isaa irratti naqxe..., jedha sagaleen Waaqayyoo.
✤ Sababa kanaan Bartoonni ykn Duuka Bu'oonni Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ni gunguman, garuu Waaqayyoo
gocha dubartii kanatti ni gammadee isheen addunyaa irraatti abboommii Waaqayyoo diiguun badii hojjachaa kan turte Magdalaawwit Maariyaam laphee gaabbiitiin, imimmaan
roobsuun akka inni fayyisaa ta'e waan hubatteef urgooftuu
qabattee gara Gooftaatti dhuftee cubbuu ishees akka
haqameef ishee abboome. Waaqayyoon hunda keenyaaf Laphee gaabbii nuuf haa kennu,
cubbuu irraa akka nu qulqulleessuu fedhaafi jaalala isaa nuuf
haa ta'u!
3. Yihudaan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dabarsee laachuuf harka Hangafoota Lubootaa irraa
qarshii 30 fudhateera.
Maat. 26:14:16, Marq. 14:10-11, Luq. 22:3-6
✤ Yeroo sanatti Duuka Bu'oota kudha lamaan keessaa tokko, Yihudaa nama biyya Keriyot inni jedhamu, gara Luboota warra Hangafootaa deemee «Isa dabarsee yoon isinitti kenne, maal naaf laattu?» ittiin
jedhe; isaan immoo meetii soddoma (30) muraniif.
Yihudaan yeroo sanaa jalqabee dabarsee isa kennuudhaaf
haala mijataa barbaada ture.
✤ Duuka Bu'oota 12'n keessaa Yihudaanis jaalala qarshiin kan
qabamee, Ayihuudotaan ani Iyyasuusiin dabarsee isiniif yoon
kenne maal naaf laattu? jedheen Isaanis qarshii 30 kennuuf
waliigalan.
✤ Yihudaan qarshii waan jaallatuuf dubartittiin urgooftuu bittee
yammuu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos miila isaa dibdu
kun maal godhaa? maalif gurguramee dadhaabootaf ykn hiyyeessotaaf hin
kennamne? jedhee ture. Garuu Yihudaan yeroo kana jedhuu
dadhabdootaaf ykn hiyyeessotaaf yaadee osoo hin ta'iin qarshicha fudhachuuf waan barbaadeef ture.
Kanumaan aaree qarshii 30 fudhatee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dabarsee
laateera.
➪ Har'as akka Yihudaa kan garaa isaaf jedhee Waaqa isaa
gurguru, kan Amantaa isaa jijjiiru, kan namatti malu, kan nama
hatu, kan nama ajjeesu, akkuma maatii fi firaatti kan nama
faana nyaate dhuguu baay'een isaanii Yihudaa kan ta'an ni jiru.
Namoota meeqatu qarshiidhaaf Amantaa isaanii, obboloota
isaani gananiiru. Kana gochuun immoo firoota warra
Ayihuudotaa fi Yihudaa ta'uudha.
Kanaafidha sagaleen Waaqayyo kan akkas jedhuuf ; «Qarshiidhaaf sassattoota hin ta'iinaa! wanti argattan isin gaha!» jedha. Ibr.13:5
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
0 Comments