Torbee Dhukkubbii Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos
Moggaasa Guyyaa Kibxata Torbee Dhukkubbii
✤ Guyyaa Kibxataa kana Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos hangafoota Lubootaa fi
uummataan gaaffii gaafatameera.
Gaaffiin Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos gaafatame kunis, Aangoo (Gooftummaa) eenyuun fayyista?
Raajii kana aangoo kamiin rawwaattaa? Eenyutu aangoo (Gooftummaa) kana
sif kenne? kan jedhu ture.
Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis gaaffii isaanii kana gaaffii dhumaan isaaniif deebisee isaan
qanneesseera. Kutaalee Kitaaba Qulqulluu armaan gadii keessattis kan caqafaman irratti
haala wal fakkaatuun waa'ee kanaa argachuu ni dandeenya.
Mat 21:23-27, Maarq 11:27-33, Luq 20:1-8.
Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Mana Qulqullummaatti ol seenee osoo barsiisuu, Hangafoonni Lubootaa fi maanguddoonni ykn Jaarsoliin dhufanii «Gooftummaa ykn aangoo maaliitiin kana hundumaa goota?
Gooftummaa ykn aangoo kanas eenyutu siif kenne?» jedhaniin. Yeroo kanas gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos deebisee «Anis ammoo dubbii tokko isinan gaafadha,
yoo isin deebii isaa anatti himtan anis immoo gooftummaa
maaliitiin kana hundumaa akkan godhu isinitti nan hima.» jechuun gaaffii kana gadii isaan gaafatee;
«Cuuphaan Yohaannis cuuphe eessaa abboomame ykn eessaa dhufe? Waaqayyo biraa moo, nama biraa abboomame?» isaaniin
jedhe.
Isaanis walii wajjin dudubbatanii, «Waaqayyo biraa' yoo
jenne, 'Yoos immoo maaliif dubbii isaa hin amanneree?' nuun
jedha. 'Nama biraa' akka hin jenneef namoonni hundinuu
Yohaannis Cuuphaa akka raajiitti waan fudhataniif, isaan ni sodaanna» jedhan.
Kanaaf, «Nuyi hin beeknu» jedhanii Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiif deebisan; Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos ammoo «Egaa anis kana hundumaa gooftummaa ykn aangoo maaliitiin akkan raawwadhu isinitti hin himu» isaaniin jedhe.
• Guyyaan kun ykn Guyyaan lammaffaa Torbee Dhukkubbii ykn guyyaan Kibxataa kun guyyaa barumsaas ni jedhama. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos goguu Harbuu sanaa wajjiin wal qabatee waa'ee dhiifamaa barnoota
barsiisuu isaa.
✦ Maar 11:20-26
Ganama obboroodhaan utuu darbanii Harbuun sun hundee
dhumaan akka gogee argan. Pheexiroos yeroo kana waan ta'e
yaadatee, «Barsiisaa! Ilaa Harbuun ati abaarte gogeera» jedhe. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos ammoo deebisee, «Waaqayyotti Amantii qabaadhaa! Dhuguman isiniin jedha, namni garaa isaatti utuu hin shakkiin Tulluu kanaan, ol kaafami, galaanattis darbatami!' jedhe, waan
inni jedhus akka ta'uuf yoo amane, in ta'aaf. Kanaaf isinittan hima! waan kadhattan waan gaafattanis
hundumaa akka waan fudhataniitti lakkaa'aa amanaa, isiniif
ta'uufis jira! Kadhachuuf yommuu dhaabbatan, abbaan keessan
inni waaqa irraa yakka keessan akka isiniif dhiisutti, namni
tokko waa isinitti yakkee yaada keessan miidheera yoo ta'e
dhiisaafii! Isin yoo dhiisuu dhaabaattan garuu Abbaan keessan inni Waaqa irraas yakka keessan isiniif hin dhiisu!» jedhe.
Har'as eegaa lakkofsa hojii hojjanneen dabarsanii nu
kennuuf gaaffii nuti hin eegneen nu qoruuf kan nuu gaafataan
akka jiran baruun barbaachisaadha.
Bara keenya kanas dhugaa jiru awwaluun sobaaf kan
ariifatan ni jiru, gaaruummaa jibbuun hammeenyaaf kan of
qopheessan ni jiru, fudhachuu malee kennuu kan hin beekne ni
jiru, qabatamaan hojjachuu irraa fakkeessuun akka baay'atu ni
argina.
Kanaafuu hojii gaarii irratti gaaffiin ka'uu jala bulti
rakkoolee dhufuuti. Kana dursinee yoo barre yeroo qorumsaa
jabaanne yoo dhaabbanne rakkoolee dhufan hundaaf deebii
dhugaa ejjannoon ni laanna.
Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoosis Gooftummaa isaatiin
gaaffii warra jal'ootaa irraa ka'aniif haala aja'iiba ta'een
deebiseefi isaan qanneessee jiraachuu isaa Wangeelli nu
barsiisa.
«Namni Waaqayyoon yaadachaa miidhama sababii malee
isa irra ga'u yoo baate, ayyaana in argata.» (1Pheex 2: 19) jedha.
Galanni Dhiiga isaan kan nu bittatee Gooftaa keenyaaf haa
ta'u.
Ameen!
Hangafa Faarfattootaa F/taa D/n Firaa'ool Moosisaatiin
0 Comments