Subscribe To Our YouTube Channel

Torbee Dhukkubbii Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos | Wiixata

Torbee Dhukkubbii Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos


Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa torbee tokko Ayyaana Du'aa Ka'umsa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dursee jiru Torbee Dhukkubbii ykn «ሰሙነ ሕማማት» jettee ni yaadatti ykn ni kabajji. Dhukkubbii ykn «ሕማማት» jechi jedhu jecha «ሐመ, ታመመ» ykn «Dhukkubsate» jecha Gi'iizii jedhu irraa kan dhufe yoo ta'u torbeen kunis torbee Dhukkubbiin fi du'i Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos itti yaadatamudha. Torbeen Dhukkubbii ykn «ሰሙነ ሕማማት» Afaan Laatiniitiin «Hebdomas Sancta or Hebdomas Maior፣ በግሪክ ደግሞ Ἁγία καὶ Μεγάλη Ἑβδομάς, Hagia kai Megale Hebdomas» ykn «Torbee guddicha» jedhamee waamama. Biyya keenyatti ammoo ykn Afaan Gi'iziitiin ammoo «ሰሙነ ሕማማት» ykn «Torbee Dhukkubbii» jedhama. Torbeen Dhukkubbii guyyoota Hoosaa'inaa irraa kaasee hanga Du'aa Ka'umsa Gooftaatti guyyoota jiran keessatti Ayihuudonni Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos qabuuf kan itti mari'atan, marii isaaniis kan itti cimsan, Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos osoo hin qabiin nyaata nyaachuu dhiisuudhaaf kakaa hamaa kan itti qabatan ykn kan itti kakatan, Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos kan itti qaban, kan itti garafan fi guyyaa Jimaataatti Qaraaniyoo irratti kan itti fannisan Torbeen kun Torbee Dhukkubbii jedhamee waamama. Torbeen Dhukkubbii hanga Jaarraa Arfaffaatti Tsoomii irraa adda ba'ee kophaa isaatti kabajama ture. Boodarra garuu bu'uura Lakkaawwii Baraa Mana Kiristaanaatiin (Abushaahir) Tsoomiinis, Dhukkubbiinis, Du'aa Ka'umsi isaas wal qabatanii akka kabajaman taasifame. Warreen Lixaa Tsoomii Guddaa ykn Tsoomii Guyyaa Afurtamaa keessaa torbee isa dhumaa ykn xumuraa Torbee Dhukkubbii taasisu. Manneen Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Oriyeentaal ykn Manneen Kiristaanaa Ortodoksii warra Bahaa garuu Tsoomii Guyyaa Afurtamaa xumurree Hoosaa'inaatti aansee ykn Hoosaa'inaa booda kan jiru torbee tokko Torbee Dhukkubbii taasisnee kabajna ykn kabaju.

Karaa biraatiin ammoo Torbeen Dhukkubbii fakkeenya Bara Oriitiiti. Bara Oriitiitti (Addaam Jannata keessaa yeroo itti ari'amee kaasee hanga bara Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Beetaliheemitti itti dhalateetti) ilmi namaa hojiin qajeelummaa isaa Mootummaa Waaqayyootiif kan isa hin geessisne ture. Inumaayyuu Raajichi Isaayyaas «Qulqullummaan keenya carqii abaarsaa ta'e!» akkuma jedhe (Isa. 64:6) sanyiin Addaam hundi hanga guyyaa Jimaataatti hanga Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Fannoo irra oole fayyisetti Garbummaa Diyaabiloos jala waan turreef Torbeen Dhukkubbiis fakkeenya bara Gidiraa ti. Kanas yaadachuudhaaf bu'uura Sirna Mana Kiristaanaa keenyaatiin Torbee Dhukkubbii keessatti Kadhannaa guyyaa Kamisaatiin alatti Sirni Qiddaasee hin gaggeeffamu! Sibhaatiin barii hin gaggeeffamu! Sirni Maahileetii, Sirni Takliilii, Kadhannaan Fitihaatii hin kadhatamu! Kadhannaan «Asteri'oos» hin gaggeeffamu!, Cuuphaan fi Kiristinnaan hin gaggeeffamu, Fannoodhaan eebbisuun, Waaqayyo si haa hiiku jechuun fi k k.f hin jiraatu. Sirnoota Mana Kiristaanaa armaan olitti tarreeffaman dursee guyyaa Hoosaa'inaatti ni raawwatu. Torbee Dhukkubbiitti Addunyaa kana irraa namoonni du'aan boqotan Sirni Kadhannaa Fitihaatii isaaniif hin raawwatamu. Kana jechuun guyyaa Hoosaa'inaatti Fooniin osoo jirruu Abbootiin keenya Luboonni Kadhannaa Fitihaatii nuuf taasisu. Torbeen Dhukkubbii torbee addaa waan ta'eef, gammachuuu Foonii fi kolfa qofaa mitiitii gammachuun Afuurawaa iyyuu kan dhorkamedha. Torbee Dhukkubbiitti Kiristaanonni nagaa harkaan wal gaafachuun, wal dhungachuun kan dhorkamedha. Kunis Yihudaan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dhungachuu dhaan dabarsee kennuu isaa yaadachuufi.

Torbee Dhukkubbii keessatti Kitaaboleen Oriitii, Kitaaboleen Raajotaa, Faaruun Daawwit ni dubbifamu. Torbee adda ta'e kana keessatti Lubootaa fi Kiristaanonni ganama, galgala fi sa'aatiiwwan Kadhannaatti gara Mana Kiristaanaatti deemuun waa'ee Dhukkubbii Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos kan barsiisu, kan yaadachiisu boqonnaalee Kitaabolee Qulqullaa'oo keessaa dubbisuu fi kadhachuudhaan Dhukkubbii fi du'a Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ni yaadatu. «Inni garuu waa'ee balleessaa keenyaatiif ni madaa'e, waa'ee keenyaaf gidiraa arge ....... madaa'uu isaatiin ni fayyine» Isa. 53:4-7 jedhamee jechi dubbatame raawwatamee Gooftaan keenya fayyina Addunyaa kanaatiif jedhee Dubroo Maariyaam irraa dhalatee, Xoofoon inni fudhate torbee itti yaadatamudha. 

Raajonni yoom gara Addunyaa kanatti dhuftee bara Gidiraa irra nu fayyista? jedhanii Kadhannaan isaan itti kadhatan, Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis waa'ee keenyaaf jedhee qabamuu isaa, garafamuu isaa fi waa'ee Dubbii Fannoo isaa hundumayyuu Afuura Qulqulluu dhaan dursanii arguun kan irratti barreeffaman Kitaaboleen Raajotaa ni dubbifamu, ni kadhatamu.

Moggaasa Guyyaa Wiixataa Torbee Dhukkubbii



Guyyaan Wiixataa Torbee Dhukkubbii keessa jiru guyyaa abaaramuu fi goguu Balasii jedhamee beekama ykn waamama. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos ganamaan gara Biitaaniyaatti dhufe, ganamaan magaalaadhaa yeroo deebi'u ni beela'e, daandii qarqarattis Balasii argee gara isheetti dhufe, yeroo gara isheetti dhufus ykn deemus Balasii sana irraa baala malee Firii irraa hin arganne, bara baraafis firiin sirraa hin argamiin jedheen isheenis ni gogde. 

Bara kanatti hoo gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos gara keenyatti dhufee osoo nu gaafatee nurraa kan argatu maalidha? Jaalala nurraa hin argatu! Waaqni keenya Iyyesuus Kiristoos kan inni beela'e jaalaladha. Baala qofaadha kan argate malee Firiin hin jiru. Bara kanattis kan jiru Baaladha malee Jaalalli namoota gidduudhaa badeera waan ta'eef ni beela'e! ni beela'e! yoomi laata jaalalaan kan jiraannu? Firii Afuura Qulqulluu jaalala osoo hin buufatiin jibba qabannee Addunyaa darbuu fi hafu kanaaf dhadhabuudhaan gara awwaalaatti akka hin buuneef Jaalalaan haa jiraannu.

Moggaasa guyyoota Torbee Dhukkubbii kanneen biroo ammoo yeroo itti aanu kan ilaallu ta'a

Itti fufa!


Post a Comment

1 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)