Subscribe To Our YouTube Channel

Hiikoo Andimtaa Wangeela Maatewoos | Kutaa 5ffaa

Hiikoo Andimtaa Wangeela Qulqulluu Maatewoos


Kutaa 5ffaa


Boqonnaa 2


Seensa

Barumsa keenya «Hiikoo Andimtaa Wangeela Qulqulluu Maatewoos» karaa Blog ykn Website keenya Afaan Oromootiin darbaa jiru kanaan yeroowwan darbaniitti, kutaalee Afuriin Hiikoo Andimtaa Wangeela Maatewoos Boqonnaa 1 kan ilaalle yoo ta'u, qabxiilee gurguddoon nuti Wangeela Maatewoos Boqonnaa 1 keessatti ilaalle keessaas muraasni;

➣ Qoqqoodama Wangeela Maatewoos Boqonnaa 1
➢ Wangeela Maatewoos Boqonnaa 1 irratti maalif Abrahaam irraa jalqabe?
➢ Wangeela Maatewoos Boqonnaa 1 irratti maalif Abrahaam fi Daawwit qofa kophaatti baase?
➢ Daawwit Ilma Abrahaam osoo ta'ee jiruu akkamitti dursee Ilma Daawwit itti aansee ammoo ilma Abrahaam jedhe?
➢ Wangeela Maatewoos kana irratti Abrahaam Yisihaaqiin ala ijoollee hedduu osoo qabuu maalif Yisihaaq qofa caqase?
➢ Yeroo dhaloota Yisihaaq kaasetti Ijoolleen Abrahaam warri kaan Yisihaaq waliin hin caqasamne, dhaloota Yaa'iqoob irrattis akkasuma Eesaawu hin caqasamne amma garuu ijoolleen Yaa'iqoob kudha tokkoon hafan «obboloota isaa» maalif jedhaman?
➢ Wangeela Maatewoos Boqonnaa 1 irratti maalif Yihudaa qofti adda bahee maqaan caqasame?
➢ Wangeela Maatewoos Boqonnaa 1 irratti maqaa Dubartoota kanneen akka Saaraa fa'a osoo hin caqasamiin maalif maqaan Ti'imaar caqasame?
 
●●●●●●●●●●●●●●●●●●

➢ Yooseef maalif kaadhima Maariyaam jedhame?
➢ Hiikni «Hanga», «Bare» jedhuu akka Kitaaba Qulqulluutti maalidha?
➢ Dhaloonni Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos akkam ture?
➢ Maalif Dubroo irraa dubrummaan dhalate?
➢ Akka Kitaaba Qulqulluutti dhaloota meeqatu jira? fi k.k.f ilalleerra, isinis Hiikoo Andimtaa Wangeela Qulqulluu Boqonnaa 1 kan kutaa 4'n dhiyaate ykn Kutaa 1ffaa, Kutaa 2ffaa, Kutaa 3ffaa fi Kutaa 4ffaa liinkiiwwan kanneen tuquun dubbisaa!


Hiikoo Andimtaa Wangeela Maatewoos | Boqonnaa 2

Kutaa 1ffaa (kan Boqonnaa 2)

Qabxiiwwan gurguddoo Wangeela Maatewoos Boqonnaa 2 keesatti argaman;

➢ Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos bara Mootii Heeroodis dhalachuu isaa.

➢ Sab'aa Saggal ykn namoonni ogeeyyii Warqee, Ixaanaa fi Karbee qabatanii dhufuu isaanii.
➢ Gooftaa keenya Dubroo Maariyaam waliin godaanuu isaa.

➢ Waa'ee dhumaatii Daa'imman Beeteliheem.

➢ Gooftaan keenya Naazireet galee jiraachuu Isaa ykn achitti guddachuu isaa.

➢ Dhaloota gooftaatiin jaalalaa fi tokkummaan, jalqabamuu isaa fi k.k.f.

📖 Maat. 2:1-2 «Iyyesuus Beeteliheem kutaa Yihudaatti bara mootii Heeroods yeroo dhalatetti, kunoo namoonni ogeeyyii mootiin Yihudaa dhalate eessadha? bahaa urjii arginee Isaaf sagaduuf dhufneerraatii jechaa bahaa gara Iyyerusaaleem dhufan

Beeteliheem kutaan Yihudaa (Beeteliheem kan Yihudaa) kami?

➣ Beeteliheem kutaan Yihudaa bakka dhaloota Iyyesuus Kiristoosidha. Beeteliheem kan Zaabiloon ykn kutaan Zaabiloon jirti waan ta'eef. Iyasu. 19:15

Akkasumas Isaa ol Beeteeliheem Yihudaa kan jedhamtus jirti. Beeteeliheem jechuun mana Biddeenaa ykn mana Habistii jechuu dha. Iyyerusaaleem irraa gara kibbaatti 9 Km. fagaattee magaalaa argamtudha. Bara Yaa'iqoobitti Eefraataa jedhamti turte. Uma. 35:16-19

Bara abbootii firdiittis magaalaa Eebdaan fi Boo'eez, Kitaaba abbootii firdii 12:8-10, Ruut. 2:4. Akkasumas magaalaa Iseeyii fi Daawwit turte. 1 Saam. 17:12-14. Daawwit Raajicha Saamu'eeliin Beeteeliheemitti dibame. 1 Saam. 16:13. Gooftaanis Beeteliheemitti akka dhalatu raajiin dubbatameefii ture. Mik. 5:2, Maat. 2:5.

📄 Gooftaan maalif Beeteeliheem Yihudaatti dhalate?

➢ Raajiin dubbatame akka raawwatuuf, Mik. 5:2.

➣ Tokkos fakkeenyichi akka raawwatuuf.

➣ Tokkos namoonni akka Boo'eez, Iyyoobeed, Iseey, Daawwit magaalaa keessa turan waan ta'eef fi raajiwwan gurguddoonis kan keessatti raawwatamaa turan waan ta'eef. Yoh. 7:42.

📄 Sab'aa Saggal ykn namoonni ogeeyyii eenyu fa'i? Faar. 71/2:9-11, Isa. 60:6.

➢ Sab'aa Saggal jechuun namoota ogeeyyii ykn namoota ogummaa jechuudha. Isaanis Warqee, Ixaanaa fi Karbee qabatanii bahaa gara Iyyerusaaleem dhufan.

📄 Dhufaatiin isaanii hoo akkami? kan jedhuuf ;

📃 Ergamoonni Warqee, Ixaanaa fi Karbee Addaamiif Kennan. Addam amnoo Heewaaniif kenne akkas jechaa dhaloota irraa gara dhalootaatti darbaa dhufee abbaa namoota ogeeyyii ykn Sab'aa Saggal Zharadaashat harka gaha. Innis Falaasfaa waan tureef burqaa bishaanii qarqara taa'ee osoo qoratuu Dubroon gabatee Urjiitiin kaafamtee daa'ima qabattee argeetu gabatee irratti bocee ol kaa'e. Yeroo du'uttis «Urjiin akkasii yeroo ba'u yeroo agartanitti Mootiin Samii ni dhalata waan ta'eef geessaatii kennaa» jedheenii ture waan ta'eef sana dhaga'aanii qabatanii dhufaniiru.

➢ Tokkos Urjiin Yaa'iqoob irraa ni ba'a raajii jedhu dhagaa'aanii dhufaniiru.

➢ Iccitiin dhaloota Isaa Yihuudotaaf osoo hin taane namoota ogeeyyiif akka ibsamu kan taasise maalifi?

➢ Namootni bahaa ykn Faars lolaaf malee jaalalaaf hin dhufan ture waan ta'eef dhaloota gooftaatiin jaalalli akkas jalqabame gaafachuuf, ibsuuf.

Ofii kan namoota ogeeyyii dursaa ture Urjii dhamoo ergamaadha?

Namoota ogeeyyii dursaa kan ture ergamaadha. Kuni akkamitti beekama yoo jedhame?

➲ Urjiin halkaniin malee guyyaan hin mul'atu.

➲ Tokkos urjiin dhufee deema malee, akka namaatti dhaabbatee hin deemu waan ta'eef.

Maalif bifa ykn fakkeenya Urjiitiin isaan durse kan jedhuuf ;

➯ Urjii Waaqessu ture waan ta'eef, kan baraniin harkisuuf.

➯ Tokkos Urjiin uumama malee uumaa ykn Waaqayyoo akka hin taane itti agarsiisuuf.

Maat. 2:3 «Heeroodsis dhaga'ee ni nahe, Yerusaaleem hundis Isa waliin ni raafaman.»

➯ Isa waliin uummanni raafamuu ykn nahuun isaanii maalifi yoo jedhame;
➣ Heeroods raafamuun Isaa mootii yoo ta'e osoo ana hin ajjeesiin akkamitti mootii ta'a jedhee ture waan ta'eef. Uummanni kan raafamaniif ammoo waraanni itti baay'atee ture waan ta'eef.

➣ Tokkos namoota ogeeyyiitiin mootota sadi jedhaan maqaan isaaniis, Maantuusiimaar, Badiidaasfaa fi Meelkuu dha. Akkasumas raayyaa hedduu of duuba hiriirsisanii dhufan waan ta'eef Heroodsii fi uummata biratti raafamnii fi sodaan ta'e.

Maat. 2:4 «Hangafoota Lubootaa, barreessitoota uummataas hunda walitti qabee Kiristoos garamitti akka dhalatu isaan gaafate.»

 Barreessittoonni eenyu fa'i?

➢ Barreessitoonni qomoowwan Israa'eel kudha lamaan irraa walitti baba'aanii ykn walitti qabamanii dhaalli fi dhaalli, dhalootaa dhalootatti akka wal hin borcine kan barreessanidha. Akkasumas Lubummaan mana Leewwiitii, Mootummaan ammoo mana Yihudaatii akka hin baane kan barreessanidha.

➢ Kanaafuu Heroods warreen muudanii fi shaaran kan ta'an Hangafoota Lubootaa fi barreessitoota bira seenaan hin dhabamu jedhee walitti Isaa qabe.

Maat. 2:5-6 «Isaanis ati yaa Beeteliheem kutaa Yihudaa bulchiinsota Yihudaa irraa gonkumayyuu hin xiqqaattu, saba koo Israa'eel kan eegu mootiin si keessaa ni ba'a waan ta'eef jedhamee barreeffameera. Beeteliheem kutaa Yihudaattidha, jedhaniin» Mik. 5:2

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!


Post a Comment

0 Comments