Subscribe To Our YouTube Channel

Lakkaawwii Baraa Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti | Kutaa 4ffaa

Lakkaawwii Baraa Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti


Kutaa 4ffaa


8. Nannawee


Bu'uurri Tsoomiwwanii fi Ayyaanotaa Nannaweedha. Nannaween Tawusaakii ykn daballii
hin qabu. Ayyaanni Maxqi'ii ykn Bilbilli Fulbaana irratti yoo ta'e Nannaween Amajjii, yoo
Ayyaanni Maxqi'ii Onkoloolessa irratti oole ammoo Nannaween Gurraandhala irra oolti. Garuu
Ayyaanni Maxqi'ii Fulbaana irra oolee Tawusaakii guyyootaa waliin yeroo walitti ida'aamu yoo
30 ol ta'e sababa haftee isaatiin Tsoomni Nannawee Guraandhala irra ni oolti. Maxqi'iin ykn
bilbilli Tawusaakii ykn daballii walin ida'amee yoo 30 gadi ta'e matumti isaa lakkoofsi argame
Nannawee jedhama.

Shallaggiin isaas :- Nannawee = Maxqi'ii + Tawusaaki guyyotaa

Bifuma kanaan guyyaa itti Tsoomni Nannawee kan bara 2014 oolu haa hojjennu;

Nannaween = Maxqi'i ykn bilbila + Tawusaakii guyyootaa ykn daballi guyyootaa

Maxqjiin bara 2014, 2 dha.

Maxqi'in kun ykn Onkoloolessi 2 kan bara 2014 ammoo guyyaan irra oolu Kibxata dha.

Kanaaf akkuma dura ilaalle Tawusaakiin ykn daballi ykn hafteen  Kibxataa ammoo 5 dha.

Kanaafuu;

Nannawee = Onkoloolessa 2 + Tawusaakii Kibxataa ta'a, kana jechuunis 

Nannawee = 2 + 5 = 7

Kanaafuu Tsoomni Nannawee kan bara 2014 Guraandhala 7 seena jechuudha.


Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwan


Ayyaanonnii fi Tsoomiiwwan guyyaa irra oolan baruuf shallaggiin isaa;

Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwan = Nannawee + Tawusaakii Ayyaanotaa fi Ayyaanotaa

Tsoomii guddaa ykn Tsooma Gooftaa keenyaa = 7 + 14 = 22 ta'a. Kanaaf kuni 30 gadi
waan ta'eef akkuma jirutti fudhanna, garuu yoo 30 ol yoo ta'e 30'f hirreetu haftee isaa 
fudhanna.

Bifuma kanaan Tsoomni Guddaa gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos kan bara 2014 gaafa Gurraandhala 22
seena. 

Bifuma kanaan Tsoomiiwwanii fi Ayyaanonni gurguddoon kan bara 2014 guyyoota
isaan irra oolan salphaatti hubachuuf gabatee kanaa gadi jiru haa ilaallu;

Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwan → Tawusaakii → Nannawee → Ida'aama (Tawusaakii fi Nannawee) → Shallaggii → Guyyaa irra oolan

Tsoomii Guddaa →14 → Gurraandhala 7 → 21 → 21→ Gurraandhala 21

Dabra Zayit → 11 → Gurraandhala 7 → 18 → 18 → Bitootessa 18

Hoosaa'inaa → 2 →Gurraandhala 7 → 9 → 9 → Ebla 9

Fannoo (Siqlatii) → 7 → Gurraandhala 7 → 14 → 14 → Ebla 14

Du'aa Ka'umsa → 9 → Gurraandhala 7 → 16 → 16 → Ebla 16

Rikbe Kaahinaatii → 3 → Gurraandhala 7 → 10 → 10→ Caamsaa 10

Ol ba'iinsa → 18 → Gurraandhala 7 → 25 → 25 → Caamsaa 25

Phaaraaqilixoos → 28 → Gurraandhala 7 → 35 → 35 ÷30 = 1 hafteen isaa 5 → Waxabajjii 5

Tsooma Duuka Bu'ootaa → 29 → Gurraandhala 7 → 36 → 36÷30 = 1, hafteen isaa 6 → Waxabajjii 6

Tsooma Fayyinaa → 1 → Gurraandhala 7 → 8 → 8 → Waxabajjii 8

Hub :- armaan olitti bifa barreeffamaatin kan isiniif dhiyeessine kana bifa salphaadhaan hubachuuf gabatee armaan gadii kana ilaalaa;


Hubannoodhaaf akka nuuf ta'uuf bara 2011 irraa kaasnee hanga bara 2014 itti haala
lakkaawwiiwwan Baraa, guyyoota Tsoomiiwwanii fi Ayyaanonni irra oolan gabatee kanaa gadii
keessatti haa ilaallu.


Guduunfaa :- walitti aansinee kutaalee Afuriin qoodnee ilaalaa kan turre Koorsiin Akkaataa Lakkaawwii Baraa Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti jedhu kana fakkaata ture, barumsa guddaa akka irraa argattan abdii qabna! Pdf isaa channel keenya Telegram irraa link kana tuquun buufadhaa!

Kakaasee kan nu jalqabsiise, nu jalqabsiisee kan nu xumursiise Galanni Waaqayyoof haa ta'u!




Post a Comment

0 Comments