Subscribe To Our YouTube Channel

Duuka Bu'icha Qulqulluu Yaa'iqoob ilma Ilfiyoos fi Duuka Bu'icha Qulqulluu Taadewoos

Duuka Bu'icha Qulqulluu Yaa'iqoob fi Qulqulluu Taadewoos

Barreeffama keenyaa waa'ee Seenaa fi Qabsuura Duuka Bu'ootaa guyyaa hardhaatiin ammoo Seenaa fi Qabsuura Duuka Bu'oota Qulqulluu Yaa'iqoob ilma Ilfiyoos fi Qulqulluu Taadewoos ni ilaalla! Dubbisa gaarii!

Duuka Bu'icha Qulqulluu Yaa'iqoob (Ilma Ilfiyoos)

Duuka Bu'ichi Qulqulluun Yaa'iqoob Abbaan isaa Ilfiyoos yoo ta'u, dhaloonni isaa Qomoo Gaad keessaadha. Guyyaan Yaadannoo isaas Gurraandhala 10 dha. 

Kitaaba Qulqulluu irratti tarree maqaa Duuka Bu'ootaa irratti iddoowwan arfan irrattiyyuu lakkofsa saglaffaa irratti barreeffamee argama. Kakuu Haaraa keessatti obboleessi Gooftaa, ilma Ilfiyoos, Yaa'iqoob isa xiqqicha jedhamee waamameera. Kadhannaa kan jaallatu ta'uu isaatiin sa'aatiiwwan dheeraadhaaf dhaabbatee Kadhachuu waan baay'isuuf miilli isaa ni dhiita'a ture. Kanarraa kan ka'es akka Duuka Bu'oota warra kaanii naanna'ee barsiisuu dhadhabuu isaatiin Ephis Qophoosii Iyyerusaaleem ta'ee muudame. Naannoo Bara 50 Dh.K.B Sinoodoosii Duuka bu'ootaa Iyyerusaaleemitti gaggeeffame kan durse isadha. HDB. 15:13. Teessoo Iyyerusaaleemitti waggoota 28'f tajaajileera. 

Magaalaa Iyyerusaaleemitti Dubartiin gara laafettiin Teriyoobisxaa jedhamtu ni jiraatti turte. Abbaan manaa ishee Amaaniyoos kan jedhamu karaa warra beektota Ayihuudotaa nama turedha. Isaanis waggaa 20 waliin yeroo jiraatan dhala hin qaban ture. Gaaf tokko waa'ee Qulqulluu Yaa'iqoob dhageessee gara isaatti dhuftee «Maaloo Waaqayyo dhala akka naaf kennuuf naaf kadhadhu!» jettee isa kadhatte. Qulqulluun Yaa'iqoobis «Hin gaddiin! Amani malee siif ni ta'a!» jedhee ishee tasgabbeessee gara Manaatti ishee erge.

Qulqulluun Yaa'iqoobis kana itti himee waggaa isaatti ilma dhiiraa waan deesseef mucaa ishee kana gara Qulqulluu Yaa'iqoobitti geessitee Qulqulluu Yaa'iqoobiin eebbisiiste. Yeroo deebitus wanta ta'e hunda Abbaa Mana isheetti himte. Inni garuu garmalee waan aareef «Humni Kiristaanotaa cimaa yoo deeme nu yaaddessa» yaada jedhu waan isa keessatti uumameef Hangafa Lubootaa Iyyerusaaleem yeroo sanaa kan ture Hanaaniyaatti himee Ayihuudotaa kaasuudhaan sababa uumanii Qulqulluu Yaa'iqoob hidhan. 

Hangafi Lubootaa sunis Ayihuudota naannoo Mana Qulqullummaatti erga walitti qabe booda Qulqulluu Yaa'iqoob gara fiixee Mana Qulqullummaatti baasee «Uummata kana fuulduratti Kiristoos ganiitii barsiisi!» jedhee isa ajaje. Oduu Ayihuud ykn «ዜና አይሁድ» kan barreesse Yooseef ilmi Kooriyoon akka ibsetti Qulqulluun Yaa'iqoob Gooftaa ganuu irra waa'ee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ragaa bahuu itti fufe. Kanaanis kan aaran Alaqoonni Ayihuudotaa Qulqulluu Yaa'iqoob fiixee Mana Qulqullummaa sana irraa gadi isa darbatan. Sana boodas Ayihuudonni Mana Qulqullummaa sana jalatti walitti qabamanii turan dhagaadhaan reebanii isa ajjeesan, kunis akka Yooseef ilma Kooriyoonitti Gurraandhala 10 bara 62 Dh.K.B dha.


Yooseef ilma Kooriyoon booda waggaa 100 turee gara Kiristaanummaatti kan deebi'e Heegesphoosim (Hegesippus) seenaadhuma kana erga seenesse booda «Qulqulluun Yaa'iqoob yeroo isa darbachuudhaaf jedhan ykn yeroo isa darbachuudhaaf qophaa'aan 'Foon koo darbadhaa! lubbuu koo garuu Kiristoos harka isaa diriirsee ni fudhata ykn ni simata'» jechuu isaa ibseera.

Ergaa Qulqulluu Yaa'iqoob

Duuka Bu'ichi Qulqulluun Yaa'iqoob bara 35 Dh.K.B tti du'a Wareegamaa Qulqulluu Isxifaanoos irraa eegalee gidiraa Kiristaanota irra gahu irraan kan ka'e, Kiristaanota biyyoota garaa garaatti faca'aaniif, Kiristaanota Ayihuudummaa irraa deebi'aniif ittiin akka tasgabbaaniifi ittin jajjabeessuuf ergaa isaa kana naannoo bara 50 Dh.K.B barreesseefiira.

Ergaan Qulqulluu Yaa'iqoob «Ergaa Gorsaa», «Ergaa akka Abbaa (Abbummaa)» jedhamuun ni waamama. Kiristaanonni jireenya isaanii keessatti rakkoowwan keessaa fi alaa isaan mudatan kaasee Abbaa gorsudha. Waa'ee jireenyaa, waa'ee Qorumsaa, waa'ee Amantaa, waa'ee Naamusaa ykn hojii gaarii, waa'ee dubbii, waa'ee Kadhannaa, waa'ee wal gargaaruu, waa'ee warra kufan kaasuu fi k k.f wanti inni hin gorsine hin jiru.

Qabiyyeewaan gurguddoon ergaa Qulqulluu Yaa'iqoob kanaas;

Haalli barreeffama isaa akka Qulqulluu Phaawuloos namoota Giriikiif osoo hin taane haala barreeffama Ayihuudotaaf ta'uutiini. Haalli dhiyeessa isaas akka Lallaba Tulluu irratti (Maat. 5-7) barumsi isaas seenaawwan Abrahaam, Ra'aab, Iyyoob fi Raajicha Eliyaas fa'a irratti hundaa'e ibsameera.

• Barumsi isaa Barumsa Dubbii Waaqummaa irratti kan hundaa'e osoo hin taane jireenya Kiristaanummaa irratti dirqamoota, ogummaadhaan, qormaataan, wal caalmaa taasisuu dhiisuu fi k.k.f irratti xiyyeffata.

• Waa'ee Amantii dhugaa 2:14-16. Abrahaam amantii isaatiin akka fayye yeroo caqasu (2:23), Amantiin hojii malee kan du'e ta'uu isaa fi Amantii irratti ammoo Hojiin gaarii yoo dabalame dhugaa akka ta'e ni agarsiisa. Kanaafuu namni Waaqayyo fuulduratti Amantiidhaan ni fayya, fayyuun isaa namoota biratti kan beekamu Amantiin isaa hojiidhaan yeroo ibsamuudha.

Qoqqoodama Ergaa Qulqulluu Yaa'iqoob

1. Waaqayyo yeroo rakkootti ni jajjabeessa :- Boq. 1.
2. Dogoggorra garaa garaa ni sirreessaa :- Boq. 2-4.
3. Obsaa fi Kadhannaadhaaf ni kakaasa :- Boq. 5

Ibsa Suuraa :- Duuka Bu'icha Qulqulluu Yaa'iqoob ilma Ilfiyoos fi Qulqulluu Taadewoos (Bitaa irraa gara Mirgaatti)

Duuka Bu'icha Qulqulluu Taadewoos 

Duuka Bu'ichi Qulqulluun Taadewoos dhaloonni isaa Qomoo Yooseef irraa yoo ta'u, lakkoofsi isaas Duuka Bu'oota kudha lamaan keessa isa tokkodha. Duuka bu'aan kun tarree maqaa Duuka Bu'ootaa keessatti Qulqulluun Maatewoos fi Qulqulluun Maarqoos Taadewoos (Afaan Ibraayisxii dhaan) ykn Aramaayikii dhaan «Libdiyoos» jedhanii yeroo isa waaman (Maat. 10:3, Marq. 3:18) Wangeela Qulqulluu Luqaas irratti ammoo Yihudaa kan Yaa'iqoob, tarree maqaa Duuka Bu'ootaa Kitaaba Hojii Duuka Bu'ootaa irra jiruun ammoo ilma Yaa'iqoob Yihudaa jedhamee barreeffameera. Yihudaa yeroo jedhamus Yihudaa Asqortuu irraa adda ta'uu isaa ibseera. (Luq. 6:16, HDB. 1:13).

Taadewoos jechuun «ልብደ ሰሪ», «ዓሣ ወጋሪ ወይም ዘር ወማዕረር» jechuudha. Oriitii akka sanyiitti, Wangeela akka makaraatti taasisee barsiiseera waan ta'eef. Akkasumas Qamadii facaasee guyyaa tokkotti ykn guyyuma sanatti Aarsaadhaaf geessiseera waan ta'eef. 

Akka Tiwuufiitii Mana Kiristaanaa keenyaatti biyyi Lallabaa Qulqulluu Taadewoos magaalaa Iyyerusaaleem irraa 150 Km fagaattee argamtu Sooriyaa dha. Dabalataanis Filisxeemitti, Armanitti, Maasphaaxoomiyaatti fi Faarsitti barsiiseera. Qulqulluun Pheexiroos Duuka Bu'ootaaf akka Abbaatti waan ilaalamuuf Qulqulluu Taadewoos gara biyya Lallabaa isaatti geessisuuf isa waliin deemee ture. Magaalaa sana qarqara yeroo gahaanis namichi ykn jaarsi tokko yeroo qotu argan. Qulqulluun Pheexiroosis itti siqee «Maaloo waan nyaanni nuuf kenni!» jechuudhaan jaarsa sana gaafate. Jaarsi sunis nama gaarii waan turaniif «Manaa hangan isiniif fidutti Sangoota koo naaf eegaa!» jedhanii gara manaatti deeman.


Duuka Bu'oonni kunneen lamaanis gara laafummaa jaarsa sanaa arganii Qulqulluun Taadewoos yeroo qotu, Qulqulluun Pheexiroos ammoo sanyii facaasuu jalqabe. 

      «ታዴዎስ ቀነተ ከመ ይሕርስ ገራህት
       ወጴጥሮስ ዘርዐ 30 አትልምተ
       በቁለ ሶቤሃ ወፈረየ ሰዊተ
       ሰብአ ሀገር አንከሩ እስመርእዩ ዘንተ»

Akkuma jedhame Qineedhaan Midhaan facaafame guyyaa tokkotti biqilee, buufatee arge Jaarsichi nyaata isaaniif qabatee yeroo deebi'u. Jaarsichi sunis hojii dinqii kana yeroo argu baay'ee ajaa'ibsiifatee Duuka bu'oota sanaan «Isin Waaqolii Samii irraa buutanidhaa?» jedhee isaan gaafate. Isaanis sababa itti dhufaniif fi biyya irraa dhufan itti himan. Wangeelas isaaf ni Lallaban.

Jaarsichi sun ajaa'ibsiifachuun Midhaan ykn Isheeta isaa qabatee haadha manaa isaatti agarsiisuuf gara manaatti fiige. Namoonni magaalaa sanaas baay'ee ajaa'ibsiifatanii itti marsan. Innis wanta argee fi dhaga'e hunda itti hime.

Kana boodas Qulqulluun Pheexiroos gara Iyyerusaaleemitti deebi'e. Aanga'oonni magaalittiis dubbicha yeroo dhaga'aanitti «Kuni namoota Falfaltoota kudha lamaan keessaa ta'uu hin oolu waan ta'eef gara magaalaa keenyaatti akka hin seenne maal haa goonu?» waliin jedhan. Isaa gidduudhaas inni tokko «Falfaltoonni kudha lamaan kunneen Ejja ni balaleffatu waan ta'eef Dubartii ejjituu balbala magaalaa keenyaa irra haa dhaabnu!» jedhee waan isaan gorseef balbala seensaa magaalaa isaanii irra Dubartii ejjituu beekamtuu qullaa ishee dhaaban.

Duuka Bu'ichi Qulqulluun Taadewoos baadiyyaa keessa barsiisaa oolee gara galgalaa gara magaalittiitti yeroo deebi'u Dubartiin ejjituun sun balbala magaalaa sanaa irra dhaabbattee ishee arge. Wanti isheen hojjettu hundi wanta jibbisiisaa ture. Yeroo sanattis gara Waaqayyootti kadhate. Yeroo kanattis gara qilleensaatti ol baatee Qilleensa irratti rarraafamte, namoonni biyya sanaas wanta arganiin hanga dinqamanitti ni iyyiti ture. Innis gara magaalittiitti seenee Wangeela Lallabuuf isaa itti fufe. Dubartii sanas iddoo itti fannifamtee buusee amansiisee, cuuphuudhaan mana isheetti Gubaa'ee Kiristaanotaa hundeesseera.

Magaalittii keessatti barsiisaa guyyoota hedduudhaaf ture. Guyyaa tokko «Sooressi Mootummaa Waaqayyoo hamma seenu, Gaalli uraa Lilmoo keessa darbuutu salphata» jedhee yeroo barsiisu Sooressi tokko dhaga'ee gara Gaalota Daldaltootaa isa cinaa darbaa jiranitti quba qabee agarsiisaa «Mee kan dubbattu kana raawwadhuutii nutti agarsiisi!» jedhee isa gaafate. Duuka Bu'ichi Qulqulluun Taadewoosis hiriyaa Kiristaanaa Sibiila baqsu tokko qaba waan tureef Lilmoo akka fiduuf isa gaafate. Kiristaanni sunis waan isa fayyade itti fakkaatee uraa Lilmoo sana baldhisee kenneef. Qulqulluun Taadewoos garuu uraan Lilmoo sanaa akkuma uraa Lilmoo kaanii akka ta'u taasisee maqaa Waaqayyoo waamee «Kan amaneef hunduu ni danda'aama!» waan ta'eef Gaala sana uraa Lilmoo keessa baasee itti agarsiise.

Kanarraa kan ka'es naannoo isaa namoonni turan hundi Lallaba isaatiin ni amanan. Duuka Bu'ichi Qulqulluun Taadewoos Sooriyaadhaan booda daandiiwwan Parshiyaatti barsiisaa turee Adoolessa 2 Wareegamummaan boqoteera.

Egaa walumaa galatti Raajiiwwan gurguddoon Duuka Bu'ichi Qulqulluun Taadewoos raawwate keessaa;

1. Guyyaa tokkotti facaasee hoggasuma Aarsaaf dhiyeessuu

2. Seenaa Dubartittiin ejjituu jijjiiruu

3. Gaala uraa Lilmoo keessa baasuu fi k.k.f.

Dursinee Qabsuura Duuka bu'icha Qulqulluu Toomaas irratti akkuma ilaalle Eddeessaa (Uur) Duuka Bu'aa Toomaas Taadewoosiin (Adaayiin) (Abbootii torbaatami lamaan keessaa tokko kan ta'een) Lallaba isaatiin fi dhamaatii Mootii Ukaamaa Abgaariitiin magaalaa amante ta'uu isheetiin Duuka bu'ichi Qulqulluun Taadewoos biyya kanatti Lallabeera osoo ta'ee simannaa gaariin osoo isa eeggatee ture.


Kanaafuu Duuka bu'ichi Qulqulluun Taadewoos kan Lallabe Eddeessaatti jechuuf nama rakkisa. Tarii magaalittiin teessoo Mootii ta'uu isheetiin naannawaan ishee ykn bulchiinsi ishee hundi maqaa isheetiin waamamanii ta'uu danda'a. Fakkeenyaaf :- yeroo tokko tokko dachee Israa'eeliin Iyyerusaaleem akkuma jennu.

Duuka Bu'ichi Qulqulluun Taadewoos Parshiyaatti baldhinaan barsiisuu isaafi Wareegamummaan kan boqotes achitti ta'uu isaa Beektonni Mana Kiristaanaa irratti walii galaniiru.



Eebbi Abbootii Duuka Bu'oota kanneenii nurra haa bulu!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments