Hangafoota Ergamootaa kan jedhaman torba ni jiru, isaanis;
3. Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Rufaa'eel
4. Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Raagu'eel
5. Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Uraa'eel
6. Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Faanu'eel
7. Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Suuriyaal
Kanaan dura Blog ykn Website keenya kana irratti waa'ee Hangafoota Ergamootaa dhiyeessuu jalqabnee turre, kana keessaas Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eel fi Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri'eel ilaallee turre, har'a ammoo kutaa itti aanu kanaan waa'ee Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Rufaa'eel ni ilaalla! Dubbisa gaarii!
Rufaa'eel jechuun Afaan Ibraayisxii dhaan «רָפָאֵל» yoo ta'u yeroo dubbifamus «Rufaa'eel» jedhama, «Rufaa'eel» jechuun «Waaqayyo kan fayyisudha!» jechuu yoo ta'u, akkasumas karaa biraa hiikni maqaa isaa kan gammachiisu, arjaa, qajeelaa jechuu yoo ta'u Hangafoota Ergamootaa torban jiran keessaa aangoo isaatiin Qulqulluu Mikaa'eel fi Qulqulluu Gabri'eelitti aansee sadaffaa irra kan jirudha. Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Rufaa'eel baay'inaan kan kabajamu ykn yaadatamu Manneen Kiristaanaa Araarsummaa Ergamootaatti amanan biratti yoo ta'u isaan kana keessaas baay'inaan Manneen Kiristaanaa Ortodoksii fi Manneen Kiristaanaa Kaatolikiitti ni kabajama. Akkasumas Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Rufaa'eel akka Amantaawwan Gurguddoo Sadanii ykn Abrahaamaawwii kan jedhaman Kiristaanummaa, Amantaa Ayihuudotaa fi Islaamummaatti beekamaadha. Akka Amantaawwan kanneeniittis Ergamoota Gurguddoo jedhaman sadan (Qulqulluu Mikaa'eel, Qulqulluu Gabri'eel, Qulqulluu Rufaa'eel) keessaa tokko Qulqulluu Rufaa'eelidha.
Ibsa suuraa :- Si'ilii ykn Fakkii armaan olii irratti kan argitan Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Rufaa'eelidha. Fakkii inni jalqabaa ykn karaa harka bitaa kan jiru Hangafa Ergamootaa Qulqulluun Rufaa'eel yoo ta'u Si'iliin kunis kan hojjetamu jaarraa 20ffaa keessa Mana Kiristaanaa Abuna Gabra Manfas Qidduus Maqaleetti, inni karaa mirgaa jiru ammoo gubbaa isaatti bifa xiyya magariisa qabuun kan agarsiifame Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Rufaa'eel yoo karaa harkaa Bitaa isaa Qulqulluun Mikaa'eel, karaa harka Mirgaa isaa ammoo Qulqulluun Gabri'eel ni jiru. Si'iiliin kunis Ergamoonni sadan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam waliin kan irra jiran yoo ta'u Jaarraa 20ffaa keessa kan ka'edha.
Photo Credit :- Ethio Icons
Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Rufaa'eel osoo adda hin kutiin uumaa isaanii Waaqayyo kan galateeffatan hangafoota Ergamootaa torban keessaa isa tokkodha. «Alaqoota kabajamoo torban keessaa tokko ani Rufaa'eelidha» akkuma jedhu. Xoobiit. 12:15
Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Rufaa'eel Ergamaa nagaa fi fayyaa ni jedhama. Qaama keenya irratti kan dhufu dhukkubas ta'e madaa akka fayyisuuf Waaqayyo irraa aangoon kennameefiira «Madaa namaa irratti kan muudame Ergamoota kabajamoo keessaa tokko Qulqulluu Rufaa'eel dha» akkuma jedhu. Heenook. 6:3
Read Also :- Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Mikaa'eel eenyudha?
Qulqulluun Rufaa'eel ijoolleen namaa madaa Cubbuu ittiin qabaman irraa akka fayyaniif Araarsummaa isaatiin fi Kadhannaa isaatiin Ergamaa addaa hin baanedha «Dhukkuba hunda irratti kan muudame Qulqulluu Rufaa'eelidha» jechuudhaan Heenook ragaa Ergamaa Waaqayyoo irraa argate barreesseera. Heenook. 10:13.
Dubartootaaf gargaaraan isaanii Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Rufaa'eelidha. Dubartoonni yeroo garaatti baatan fi yeroo ciniinsuu Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Rufaa'eel isaanirraa adda hin bahu. Daa'imichi guyyaa afurtama guutee gadameessa keessa osoo jiruu jechuunis fakkeenya Sillaaseetiin bifti ykn bocni isaa guyyaa itti jalqabamee kaasee (Sababni guyyaa Afurtama jedhameef daa'imni tokko ykn Dubartiin tokko erga garaatti baattee booda guyyaa Afurtamaa kaasee daa'imni gadameessa ishee keessa jiru boca namaa qabaachuu jalqaba waan ta'eef) hanga gaafa dhalatuutti Qulqulluun Rufaa'eel isarraa adda hin ba'u. Guyyaa dhaloota mucaa sanaattis ykn guyyaa dhaloota daa'ima sanaattis Dubartoonni cinqii fi dhukkubbii isaanirra gahuu irraa kan ka'e maqaa isaa waamanii isa kadhatu. Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Rufaa'eelis «ፈታሔ
ማኅፀን» ykn «Hiikaa Gadameessaa» waan ta'eef cinqii fi ciniinsuu isaanii ni salphisa. Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Rufaa'eel hafuura hamaa qaama keessa dhokatee jiru ni beeka. Afuurri hamaa «Asmaaniyoos» jedhamu miila intala Raagu'eel irra bulee Abbaa manaa ykn dhirsoota ishee ajjeesaa yeroo ishee gidirsu ykn rakkisu Qulqulluun Rufaa'eel Afuura hamaa sana baaseefiira. Xoobiit. 3:8-17
Lammaffaas Waaqayyo Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Rufaa'eeliin «Harkaa fi miila Azaazi'eel hiidhitii dukkana keessatti darbadhu!» jedheeniira. Heenook. 3:5-7. Bu'uura kanaanis ijoollee Qaayeeliif Sayifii hojjechuu, Ejja ejjuu fi wantoota badaa garaa garaa kan barsiise Seexana Azaazi'eel jedhamu Sayifii Ibiddaatiin adabaa iccitiidhaan ykn dhoksaadhaan hidhee gara dukkana sanaatti kan isa darbate Ergamaa Qulqulluu Rufaa'eel kanadha. Heenook. 2:18. Galmeewwan Samii harka isaatiin kan eegu, Waaqayyo akka isa ajajetti kan banu, kan isaan diriirsu Ergamaa kanadha.
Ibsa suuraa :- Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Rufaa'eel
Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Rufaa'eel maal maal irratti muudame? maqaawwan garaa garaa inni qabu hoo maal fa'i?
Ergamaan gargaaraa ta'e kun hojiiwwan isaa irraa kan ka'e maqaawwan garaa garaatiin kan waamamu yoo ta'u.
1. Hiikaa Gadameessaa ykn «ፈታኄ መኃጸን» ni jedhama
Haadholiin yeroo dahan ciniinsuun akka itti hin baay'anneef Ergamaa gargaaru waan ta'eef, Kiristaanonni hedduun ykn Haadholiin keenya Kiristaanonni hedduun garaatti baachuu isaanii ykn ulfaa'uu isaanii erga baran booda Dirsaana Qulqulluu Rufaa'eel dubbisuudhaan, Malki'ii isaa dubbisuudhaan (በመድገም), Tsabala isaa dhuguudhaan, qaama isaaniitti dibachuudhaan isa kadhatu. Akka cimina Amantii isaanittiis isaaniif ni ta'a.
2. Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Rufaa'eel «ዐቃቤ ኖኀቱ
ለአምላክ» kana kan jedhameefis galmeewwan Samii harka isaatiin kan eegu waan ta'eefidha.
3. Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Rufaa'eel «መራሔ ፍኖት» ykn «Daandii kan dursu» jedhamuudhaan ni waamama. Xoobiit daandii qajeelaa irratti durseera waan ta'eef.
4. Akkasumas Qulqulluun Rufaa'eel «መልአከ ክብካብ» ykn «Ergamaa Cidhaa» ni jedhama :- Xoobiyaa fi Saaraa kan wal fuusise, cidha ykn Bultii isaaniis kan eebbise waan ta'eef.
5. Gama biraatiin ammoo Ergamaan Qulqulluun Rufaa'eel «የንስሃ መላዕክ» ykn «Ergamaa Gaabbii» jedhamuudhaanis ni beekama.
Read Also :- Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Gabri'eel eenyudha?
6. Dhukkubsattoota kan fayyisu ykn «ፈዋሴ ድውያን»
Dhukkubsattoota kan fayyisu, gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos lafa kana irra yeroo deddeebi'aa turetti dhukkubsattoota Foonii raajii isaatiin, dhukkubsattoota lubbuu ammoo Barumsa isaatiin fayyisaa ture. Fknf :- Waggoota 38'f Siree irra kan ture Matsaaguu dhaan Siree kee baadhuutii deemi! jechuudhaan dhukkuba isaarraa fayyiseera. Yoh. 5:9-10. Fayyisuun ykn fayyisummaan isaaf ykn Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiif Amalummaa isaati. Kennaan fayyisuu Qulqullootaaf kennameera ykn Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos kennaa fayyisuu Qulqullootaaf kenneera. Kanaafuu Qulqulluu Pheexiroos fi Qulqulluun Phaawuloos dhukkubsattoota fayyisaa kan turan, Qulqulloota Ergamoota keessaa ammoo Qulqulluun Rufaa'eel ijoolleen namaa dhukkubbii Cubbuu ittiin qabaman irraa akka fayyaniif Araarsummaa isaatiin, Kadhannaa isaatiin Ergamaa isaan gargaarudha. «Dhukkuba hunda irratti kan muudame Qulqulluu Rufaa'eelidha» jechuudhaan Qulqulluun Heenook akkuma barreesse. Heenook. 10:13. Qulqulluun Rufaa'eel qaama keenya irratti kan dhufu dhukkubas ta'e madaa akka fayyisuuf Waaqayyo aangoo kenneefiira. «Madaa namaa irratti kan muudame, Ergamoota kabajamoo keessaa tokko Qulqulluu Rufaa'eelidha» akkuma jedhe Qulqulluun Heenook. K. Heenook. 6:3. Warreen mada'aaniif fayyina Ergamaa isaaniif kennudha.
7. Seexanaa fi raayyaa isaa kan ari'u ykn «ሰዳዴ አጋንንት»
Afuurota hamoo kan ari'u. Raajiiwwan gurguddoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos 33'n keessaa arfan isaanii Afuurota hamoo «አጋንንት» baasuu turan. Aangoon kun namoota Qulqulloota ta'aaniifi Ergamootaafis kennameefiira. Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Rufaa'eelis aangoo isaaf kennameen Ergamaa Afuurota hamoo ari'udha. Afuurri hamaa Asmaaniyoos jedhamu Saaraa ykn intala Raagu'eel irra bulee Abbaa manaa ishee jalaa ajjeesaa yeroo ishee rakkisetti Qulqulluun Rufaa'eel Afuura hamaa kana baaseefiira. K. Xoobiit. 3:8-17. Qulqulluun Rufaa'eel «Harkaa fi miila Azaazi'eel hiidhitii dukkana keessatti darbadhu!» jedhamee akkuma barreeffame (K. Heenook. 3:5-7) ijoollee Qaayeeliif Sayifii hojjechuu, Ejja ejjuu kan barsiise Seexana Azaazi'eel jedhame Sayifii Ibiddaatiin adabaa iccitiidhaan hidhee gara dukkana sanaatti kan isa darbate Ergamaa Qulqulluu Rufaa'eel kanadha. K. Heenook. 2:18.
8. Warreen Iji isaanii hin argine kan ibsu ykn «ከሳቴ እውራን»
Namoota Iji isaanii hin argine kan ibsu Raagu'eel fi Haannaan waa'ee fayyummaa Saaraa fi Xoobiyaa yeroo yaadda'aan, guyyaa cidhaa kan ta'u guyyaan kudha afur hanga xumuramutti Xoobiyaan gara biyya kootti nan deema jedhee akka isa hin rakkisne isa kakachiise. Ayyaanni cidhaa guyyaa 14 erga xumurame garuu qarshii fi kennaa horii taasiseefi eebbisee gara biyya isaatti erge. Abbaan isaa Xoobiit fi haati isaa garuu turuu isaatiin mucaan keenya maal ta'e laata? jedhanii yeroodhaaf gaddaa turan. Guyyoota muraasa booda Haadha manaa isaa fi Gaala qabatee yeroo dhufu kabajaa fi gammachuudhaan isa simatan. Abbaan Xoobiyaa Xoobiitis mucaan kee dhufe yeroo jedhaniin Iji isaa hin argu waan tureef isa nan simadha yeroo jedhu waan kufeef hoggasuma Xoobiyaan hadhooftuu fi Tiruu Qurxummii sanaa qabatee waan tureef ija Abbaa isaa dibe, hoggasumas Iji Abbaa isaa Xoobiit ni banaman. Hancufa isaa biyyoodhaan walitti makee adda gogaa irratti ija kan hojjetu Waaqayyo (Wangeela Yohaannis 8) karaa Ergamaa Qulqulluu Rufaa'eeliitiin Iji Abbaa Xoobiyaa Xoobiit ni ifeef.
Maqaan hangafa Ergamootaa Qulqulluu Rufaa'eel Kitaaba Qulqulluu keessatti yeroo meeqa caqasamee argama?
Maqaan hangafa Ergamootaa Qulqulluu Rufaa'eel Kitaaba Qulqulluu abbaa 66 keessatti gonkumayyuu caqasamee hin argamu, garuu Kitaaba Qulqulluu abbaa 81 kan Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa keessatti iddoo hedduutti ykn iddoo 20 olitti caqasamee kan argamu yoo ta'u isaan keessaas baay'inaan ykn guutummaa guutuutti maqaan hangafa Ergamootaa Qulqulluu Rufaa'eel caqasamee kan argamu Kitaaba Heenook fi Kitaaba Xoobiit keessatti. Isaan kanas tokko tokkoon haa ilaallu;
1. K. Heenook 3:5 «Lammaffaas Waaqayyo Rufaa'eeliin harkaa fi miila Azaazi'eel hiidhitii dukkana keessatti darbadhu!' jedheen»
2. K. Heenook 6:3 «Madaa namaa irratti kan muudame Ergamoota kabajamoo keessaa tokko Qulqulluu Rufaa'eelidha»
3. K. Heenook 6:22 «Yeroo sanattis Ergamootaa kabajamoo keessaa ana waliin kan jiru inni tokko Rufaa'eel naaf deebise»
4. K. Heenook 8:26 «Ana waliin kan jiru kan kabajame Ergamaan Rufaa'eel naaf deebise»
5. K. Heenook 10:3 «Inni lammaffaanis dhukkuba hunda irratti, madaa ijoollee namaa irrattis kan muudame Qulqulluu Rufaa'eelidha naan jedhe»
6. K. Heenook 19:1 «Guyyaa sanattis Qulqulluun Mikaa'eel beekumsi Afuura Qulqulluu isaa gara gaddaatti na geessa na cinqisiisa jedhee Qulqulluu Rufaa'eeliif deebise»
7. K. Heenook 19:4 «Lammaffaas Qulqulluun Mikaa'eel, Rufaa'eeliidhaan wanta kanaan lapheen isaa kan hin laafne, jecha kanarraa kan ka'es Kaleen isaa kan hin dhiphanne eenyudha jedhee deebiseef»
8. K. Heenook 19:6 «Kadhachuudhaafis Gooftaa ykn Waaqa Ergamootaa fuuldura yeroo dhabbatetti akkas ta'e, Qulqulluun Mikaa'eel Qulqulluu Rufaa'eel dhaan akkas jedhe 'Gooftaan ergamootaa isaanitti dheekkameera waan ta'eef, Gooftaa fuulduratti dhiifamni isaaniif hin taasifamu' jedheen»
9. K. Heenook 20:40 «Kan lakka'aamuu hin dandeenye Ergamoota baay'ee baay'een arge. Gabri'eel fi Mikaa'eel, Faanu'eel fi Rufaa'eel, mana sanatti ni marsu Samii irra kan jiran Ergamoonni kabajamoonis ana sanaa n ba'u, ni seenu»
10. K. Heenook 20:41 «Mana sana keessaas Gabri'eel fi Mikaa'eel, Faanu'eeliifi Rufaa'eelis baay'ee kan ta'an lakkoofsa kan hin qabne eegamoonni kabajamoon kanneen biroo ni ba'an.»
11. K. Heenook 20:46 «... Gooftaan sunis Gabri'eel fi Mikaa'eel, Faanu'eel fi Rufaa'eel ergamoota hedduu hedduu lakkoofsa hin qabne waliin gara koo dhufe.»
12. K. Xoobiit 3:17 «Lamaan isaaniiyyuu akka fayyisuuf ija Xoobiit irraa dhukkuba isaa balleessuuf, haadha manaa akka isaaf taatuuf intala Raagu'eel Saaraa ilma Xoobiit Xoobiyaa dhaaf kennuuf Xoobiyaan qarshii ishee taasifata waan ta'eef Afuurri hamaa Asmaaniyoosis akka balleessuuf Qulqulluu Rufaa'eel erge»
13. K. Xoobiit 5:4 «Innis nama yeroo barbaadu deemee Ergamaa Rufaa'eel arge, garuu Ergamaa ta'uu isaa hin barre»
14. K. Xoobiit 8:2 «Gara isheetti yeroo seenettis waa'ee Rufaa'eel ni yaade, Ixaana fidee Tiruu Qurxummii kanaa fi Onnee isaa itti dabalee aarse»
15. K. Xoobiit 9:1 «Xoobiyaanis Rufaa'eel waamee...»
16. K. Xoobiit 9:5 «Rufaa'eelis deemee mana Gabaa'eel bule, xalayaas itti kenne. Sana boodas qodaawwan mallattoo isaaniitiin fidee Rufaa'eeliif kenne»
17. K. Xoobiit 9:6 «Tokkummaa dhaan ganama ka'aanii deeman, gara cidhaattis ni gahan, Rufaa'eelis Meetii ykn Birrii sana yeroo fideefitti Xoobiyaan Rufaa'eel ni eebbise!»
18. K. Xoobiit 11:1 «Kana booda Rufaa'eel Xoobiyaadhaan 'Ati obboleessi koo Abbaa kee jaamummaadhaan akka dhiiste hin beektuu?' jedheen»
19. K. Xoobiit 11:6 «Rufaa'eelis Iji Abbaa kee akka ifaniif Ani nan beeka...»
20. K. Xoobiit 12:6 «Rufaa'eelis yeroo sanatti lamaan isaaniiyyuu Xoobiit fi Xoobiyaa waamee turtii taasisee Waaqayyo galateeffadhaa! jedheen, ...»
21. K. Xoobiit 12:15 «Kadhannaa Qulqullootaa kanneen ol baasan, gara Waaqayyo Gooftaatti kan geessisan Alaqoota kabajamoo torban keessaa inni tokko ani Rufaa'eelidha jedheen»
Guyyoota Yaadannoo Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Rufaa'eel akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti
Qaammee 3
Qaammeen 3 guyyaa itti Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Rufaa'eel ija Xoobiit itti ibsee fi Raagu'eelis Afuura hamaa irra bulee ture irraa guyyaa itti gadhisiise ta'uu isaa Kitaaba Xoobiit irratti barreeffamee ni arganna.
Read Also :- Guyyoota Yaadannoo Ayyaana Qulqullootaa akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti
Xoobiit bara Mootii Faars Silminaasoor kan booji'ame qomoo Niftaaleem irraa kan dhalate nama cimaa ture. Waaqayyos dandeettii cimaa Mootii Silminaasoor fuulduratti waan isaaf kennameef Mootii Silminaasoosiin Alaqaa ta'ee muudamee ture. Xoobiitis namoootaaf kennaa kennuudhaan seera qajeelaa hojjechuun nama dhama'e ture. Haadha manaa Haannaa jedhamtu fuudhee mucaa tokko argateera. Silminaasoor du'ee Senaakireem Mootii yeroo ta'etti aangoo isaa irraa waan haqameef lammaffaa gara Midiyaamitti deemuu hin dandeenye.
Saaraa kan jedhamtu intalli Raagu'eel rakkoon cimaan irra gahee ture. Rakkoon ishees daa'imman argachuuf, qabeenya argachuuf, qabeenya qabadhee taa'uuf jechuudhaan ni heerumte. Ta'us garuu Dubartii kana irra Afuurri Asmaaniyoos jedhamu bulee waan tureef namoota ishee fuudhan hunda jalaa ajjeesa ture. Abbaa manaa kan biraatti yeroo heerumtus jalaa du'e, haala kanaanis walumaa galatti Abbootii manaa ishee hanga torbaa ta'aan jalaa ajjeese.
Intalli Raagu'eel Saaraan haala kanaan gadditee yeroo jiraattu keessatti Xoobiit dulloomee waan tureef ilma isaa Xoobiyaan nama isa waliin deemu barbaaduudhaaf yeroo deemus nama gaarii tokko arge, innis Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Rufaa'eel ture. Xoobiyaan garuu Qulqulluu Rufaa'eel ta'uu isaa gonkumayyuu hin barre ture. Egaa akkuma armaan itti ilaalle Qulqulluun Rufaa'eel «መራኄ ፍኖት» ykn «Daandii kan dursu» jedhamuudhaan ni beekama. Isaanis deemaa oolanii galgala laga guddaa Xeegroos jedhamu bira gahaanii achi buluudhaafis murteessan. Yeroo kanattis garmalee dhadhabuu isaa irraan kan ka'e Xoobiyaan dhiqachuudhaaf gara bishaaniitti bu'ee uffata isaa baafatee dhiqachuu yeroo jalqabu Qurxummiin tokko isa liqimsuuf Bishaan keessaa itti ba'e. Hoggasuma Ergamaan Qulqulluun Rufaa'eel Xoobiyaa ni qabe, «Qurxummii kana hin gadhiisiin!» jedheen. Xoobiyaanis Qurxummii sana waliin morkii wal qabanii boodarra Xoobiyaan Qurxummii sana bishaan keessaa harkisee gara dacheetti baase. Kana boodas Qulqulluun Rufaa'eel Xoobiyaa dhaan akkas jedhee ajaje «Qurxummii kana qali! Tiruu isaa fi hadhooftuu isaa of eeggannoodhaan qabi! ni nyaanna!» jedheen.
Ibsa suuraa :- Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Rufaa'eel
Xoobiyaanis Ergamaan Qulqulluun Rufaa'eel akkuma isaan jedhetti ykn akkuma isa ajajetti Qurxummii sana qalee hadhooftuu fi Tiruu isaa qabate. Xoobiyaanis hadhooftuu fi Tiruun Qurxummii sanaa maalif akka tajaajilu hubachuuf «Kana qabadhu kan naan jette maalifi?» jedhee isa gaafate. Qulqulluun Rufaa'eelis «Namni Afuurri hamaan irra bule yoo jiraate kana Ixaana waliin yeroo itti aarsan Afuurri hamaan sun isa gadhiisa!» jedhee deebiseef.
Haala kanaanis yeroo haasa'aa deeman Qulqulluun Rufaa'eel Xoobiyaa dhaan «Har'a Mana Raagu'eel bulla, inni fira keeti, innis intala Saaraa jedhamtu qaba, isheenis haadha manaa akka siif taatuuf akka siif kennuuf, Raagu'eelitti siin hima» jedheen.
Xoobiyaanis «Kana dura Dubartiin sun Abbaan manaa torba akka ishee fuudhaniifi halkan gaafa ishee fuudhaniittis goganii ykn du'anii akka bulan dhaga'eera. Kanaafuu ani Abbaa fi haadha kootiif ilma tokkicha waanan ta'eef ishee fuudhee akka namoota kana dura ishee fuudhaniitti ani yoon du'e Abbaa fi haadha koo namni gargaaru hin jiru, yoo du'anis namni isaan awwaalu hin jiru waan ta'eef nan sodaadha» jedheen. Ergamichi Qulqulluun Rufaa'eel garuu «Abbaan kee karaa warra firoota Abbaa kee yoo ta'aan malee hin fuudhiin kan siin jedhe ni irraanfattee? waa'ee kana dura Abbaan manaa torba jalaa du'aniiru jettuufis ani qoricha isaa sittin agarsiisa, hin sodaatiin hin duutu! Hadhooftuu fi Tiruu Qurxummii sanaa maalif seete qabadhu kanan siin jedhe? egaa Hadhooftuu fi Tiruu sana Ixaana waliin walitti maktee yeroo aarsitu Afuurri hamaan Saaraa irra bulee ture Seexanni Asmaaniyoos jedhame ba'ee ni deema, gara isheetti yeroo galtettis lamaan keessan gara Waaqayyootti kadhadhaa! nu waliinis gara biyya keetti qabannee ni deemna» jedheen. Xoobiyaanis kana yeroo dhaga'etti gammadee isheedhaan ala kan biraa akka hin fuune yaada isaa guutummaatti jijjiiree murteesse.
Kana boodas gara mana Raagu'eelitti akkuma gahaaniin Saaraan gammachuudhaan isaan simatte, Abbaan Saaraas Xoobiyaa akkuma argeen «Mucaan kun fira koo Xoobiit fakkaata» jedheen, sana waliinis wal qabsiisee «Ijoolle biyya kamii dhuftan?» jedheen. Isaanis «Biyya Nannawee irraa dhufne» jedhaniin. «Biyya sanatti obboleessa Xoobiit jedhamu qaban ture, isa ni beektuu laata?» jedhee isaan gaafate. Yeroo sanattis Xoobiyaan Abbaa isaa maqaa yeroo dha'an «Ni beekna, Ani matumti koo ilma isaati!» jedheen. Sana boodas Raagu'eel «Ilma obboleessa kootii?» jedhee haammatee isa dhungate. Xoobiyaanis Saaraadhaan «Jireenya keenya akka eebbisuuf dursinee gara Waaqayyootti haa kadhannu» jedheenii wal faana Kadhannaa erga taasisan booda, Hadhooftuu fi Tiruu Qurxummii qabatee ture sana Ixaana waliin walitti makee yeroo aarsu Afuurri hamaa Saaraa irra bulee ture sun ni ba'e, lammaffaas itti hin deebine. Isaanis jaalalaa fi nagaadhaan bulan. Cidha ykn Bultii Xoobiyaa fi Saaraa kana kan eebbise Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Rufaa'eel waan ta'eef «መልአከ ከብካብ» ykn «Ergamaa Cidhaa» jedhamees ni waamama.
Ayyaanni ykn Sirni cidhaa guyyaa 14 erga raawwatame booda garuu horii fi qarshii kenneefii eebbisee gara biyya isaatti isa erge. Maatiin isaa ykn Abbaa fi haati Xoobiyaa Xoobiit fa'a garuu turuu isaatiin mucaa keenya maaltu isa mudate laata jedhanii yeroodhaaf gaddaa turan. Guyyoota muraasa booda Haadha manaa isaa fi Gaala qabatee yeroo dhufu kabajaa fi gammachuudhaan isa simatan. Abbaan Xoobiyaa Xoobiitis mucaan kee dhufe yeroo jedhaniin Iji isaa hin argu waan tureef isa nan simadha yeroo jedhu waan kufeef hoggasuma Xoobiyaan hadhooftuu fi Tiruu Qurxummii sanaa qabatee waan tureef ija Abbaa isaa dibe, hoggasumas Iji Abbaa isaa Xoobiit ni banaman.
«Kdhannaa Qulqullootaa kan ol baasan hangafoota Ergamootaa torban keessaa tokko ana Rufaa'eelidha» jedhee ibsameef. Isaanis kufanii sagada kabajaa isaaf sagadan, dhuma irrattis Xoobiyaa waliin deemee kan ture Ergamaa Qulqulluu Rufaa'eeliif gatii dhadhabbii isaa qarshii isaaf kennuuf isa waaman. Inni garuu Xoobiit fi Xoobiyaa dhaan «Uumaa keessan galateeffadhaa! hanga hardhaatti eessaa akkan dhufe, eenyu akkan ta'e, ana hin beekne. Iccitiin Waaqayyoo garuu kabajaan ibsamuun isarraa eegama malee dhoksuun waan sirrii hin taaneef uumama koo fi maqaa koo isinitti himuu nan barbaada, uumamni koo ergamaadha!, hojiin koos Kadhannaa Qulqullootaa kan ol baasan hangafoota Ergamootaa torban keessaa tokko ana Rufaa'eel dha» jedhee isaaniif ibse. Isaanis kufanii sagada kabajaa sagadaniif. Waaqa Abbootii isaaniis Waaqayyos ni galateeffatan. (Kitaaba Xoobiit)
Akkasumas guyyaan Yaadannoo Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Rufaa'eel akka Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti ji'a ji'aan gaafa guyyaa 13 ti.
Hanga ammaatti dubbistanii xumurtan taanaan baay'ee gaariidha! Waaqayyo isin haa eebbisu! Nutis faaruu kana isin affeerreerra dhageeffadhaa! yoo dandeessan hanga dhumaatti dhageeffachuun nu deeggaraa!
Eegumsi Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Rufaa'eel hunda keenya waliin haa ta'u!
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
Madda :- Kitaaba Qulqulluu abbaa 81
Waldaa Qulqullootaa
Sinkisaar
ፍኖተ ስብከት
0 Comments