Subscribe To Our YouTube Channel

Namoota Ogeeyyii ሰብአ ሰገል | Namoonni Ogeeyyii eenyu fa'i? Eessaa dhufan?

Namoota Ogeeyyii «ሰብአ ሰገል»

Seensa :- Barreeffama keenya guyyaa hardhaa keessatti waa'ee Namoota Ogeeyyii ykn Sabi'aa Saggal «ሰብአ ሰገል» eenyummaa fi maalummaa isaanii ni ilaalla Kitaaba Qulqulluu waliin wal bira qabuudhaan. Dubbisa gaarii!

Ibsa suuraa :- Namoonni Ogeeyyii kennaa yeroo dhiyeessan

«ሰብአ ሰገል» jechuun jechi isaa jecha Gi'iizii irraa kan dhufe yoo ta'u hiikni isaas «ሰብአ» jechuun «Namoota» jechuu yoo «ሰገል» jechuun ammoo «Ogummaa» jechuudha, walittis Namoota Ogeeyyii jechuudha.

Waa'ee Namoota Ogeeyyii kanaa Wangeela Maatewoos irratti akkasitti barreeffamee ykn ibsamee ni arganna «Iyyesuusis Beetaliheem Yihudaatti bara Mooticha Heeroods yeroo dhalatetti, kunoo Namoonni Ogeeyyii ykn Sabi'aa Saggal 'Mootiin Ayihuud dhalate eessa jira? Urjii Baha irraa arginee isaaf sagaduuf dhufneerra,' jedhanii Baha irraa gara Iyyerusaaleemitti dhufan....... Urjicha yeroo arganitti gammachuu guddaadhaan garmalee gammadan. Gara manaattis seenanii Daa'imicha haadha isaa Maariyaam waliin argan, kufaniis ni sagadaniif, Saanduqa isaaniis bananii Warqee, Ixaanaa fi Karbee dhiyeessaniif» Maat. 2:1-2, 2:10-11.


Namoonni Ogeeyyii eenyu fa'i?

Barsiisaan ykn Hayyuun Mana Kiristaanaa keenyaa Alaqaa Ayyalew Taammiruun Kitaaba isaanii «የኢትዮጵያ
እምነት በሶስቱ ህግጋት» jedhu keessatti maqaa namoota ogeeyyii kanneen sadanii :- 

→ Maalichuur
→ Maantiisooraa fi
→ Badidaasfaar akka ta'e yeroo ibsan, Hayyoonni Mana Kiristaanaa fi Seenaa warreen Lixaa ammoo 

→ Melichior
→ Balthasar fi
→ Caspar jedhuun.

Egaa maqaa isaanii irratti garaagarummaan sagalee kan jiru fakkaatuyyuu wal fakkaataa dha, baay'ee wal irraa hin fagaatu.

Wal dhabdee ykn walii galuu dhabuu hedduu kan qabu garuu «Namoonni Ogeeyyii kunneen lammiilee biyyoota kamiiti? Eessaa dhufan?» kan jedhudha.

Alaqaa Ayyalew Taammiruun sadan isaaniiyyuu Itoophiyaanota ta'uu isaanii ykn aanga'ootaa
Itoophiyaa ta'uu isaanii yeroo barsiisan, warreen kaan ammoo inni tokko Adii, inni tokko ammoo lammii Esiyaa fi inni tokko ammoo lammii Itoophiyaa akka ta'an ni dubbatu.

Hayyoonni warri Lixaa hedduunis barsiisa ykn yaada Alaqaa Ayyalew ni deeggaru. Fakkeenyaaf;

William Leo Hansbery and E Harper Johnson barreeffama isaanii «Africa’s Golden Past Historical facts challenging notion
that Christianity isn’t religion of West» jedhuu keessatti akkas jedhanii ni ibsu ;

“But it is in general agreed that the reverent visitors
were members’ of the order of the Magi and they are
usually identified as Caspar king of Ethiopia; Melchior
king of Nubia; and Balthazar king of Saba which was
for a thousand years the capital city of the African
Kingdom… and here too it may be of interest to note
the gold, frankincense and myrrh… are all natural
product of , and very abundant in, the African regions
embraced by Nubia, Ethiopia and Sudan ”

Barreessitoonni Seenaa fi namoonni Amantaa warra Lixaa kanneen biroo ammoo seenaan isaan irratti walii galan «Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiif Warqee, Ixaanaa fi Karbee kan dhiyeessan Ogeeyyiiwwan sadan Itoophiyaa, Esiyaa fi Adiidha. Sadan isaanii keessaa umuriidhaan inni xiqqaan isa Adii yoo ta'u kennaan inni dhiyeesses Karbeedha. Inni lammaffaan ammoo Araba ykn Esiyaa irraa kan dhufe yoo ta'u kennaa Warqeeti, inni Sadaffaan ammoo shakkii tokko malee lammii Itoophiyaa yoo ta'u kan inni dhiyeesses Ixaana dha.» jechuudhaan ni barsiisu. 

Namoonni Amantaas ta'e Hayyoonni Seenaa barreessan hundi wal mormii tokko malee kan irratti walii galan garuu namoota ogeeyyii sadan keessaa inni tokko Lammii Itoophiyaa ykn Itoophiyaawwii ta'uu isaati.


“Balthasar came from Ethiopia or Saba. He is often
portrayed as a black man of about forty years of age.
He brought the gift of frankincense. Frankincense is
the dried resin of Boswellia trees which, at the time of
Christ, grew in Arabia, India, and Ethiopia. It was used
in perfumes (Song 3:6; 4:6) and incense for the temple
worship (Ex 30:9, 34-38; Lev 2:1-12; 6:14-28; 24:7).
Because incense represents the prayers of the faithful
rising towards Heaven, the gift of frankincense
symbolizes sacrifice, Christ’s divine nature, and His
titles of High Priest and Son of God. The wise men
were given the gift of Faith for their frankincense.”

Raajiiwwan Namoota Ogeeyyiitiif debbataman ykn Raajaman

Waa'ee namoota ogeeyyii Raajiiwwan garaa garaa Kitaaba Qulqulluu keessatti barreeffamaniiru. Laphee Waaqayyoo jedhamuudhaan kan beekamu Mootichi Daawwit eenyu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos duratti dhiyaatee akka sagaduu fi kennaa akkamii fidaniifi akka dhufan akkas jedhee Raajii dubbatee ture ;

«Fuuldura isaattis Itoophiyaan ni sagadu, Mootonni Xarsees fi Eddoolota ishees kennaa ni fidu, Mootonni Arabaa fi Saabaa kennaa ni dhiyeessu!» Faaruu 71/72:9-11

As irratti Qulqulluun Daawwit «Mootonni Saabaa fi Arabaa» jedheetu kan barreesse. Saabaan bulchiinsa Arabaa osoo taateerti ta'ee ykn Saabaan bulchiinsa ykn kutaa Arabaa keessaa ishee tokko osoo taateerti ta'ee silaa «Bulchiinsa ykn kutaa Arabaa kan taate Saabaa» jedhee barreessa ture, garuu Saabaa fi Arabni garaa gara to ta'uu isaanii ibsuun barreessa.

Itti aansuunis Raajota Hangafa jedhaman keessaa tokko kan ta'e Raajichi Isaayyaas akkas jedhee Raajii dubbateera «Baay'inni Gaalotaa, Gaalonni Midiyaam fi Geefeer, si uffisu hundumtuu Saabaa irraa dhufu, Warqee fi Ixaana ni fidu Galatoo Waaqayyoos ni haasa'u.» Isa. 60:6

Raajonni lamaaniyyuu Itoophiyaanota kan ta'aan warreen Saabaa ykn Saabaawwan kennaa fidanii akka dhufan ifatti dubbataniiru. Itoophiyaanonni kennaa qabatanii fi Iyyerusaaleem nagaa gaafachuuf ykn «ለመሳለም» gara Iyyerusaaleemitti yeroo deeman kan jalqabaa isaanii miti. 

Fakkeenyaaf Mootittiin Saabaa Ogummaa Mootii Solomoon ilaaluuf Itoophiyaa irraa kaatee gara teessoo Mootii Solomoon kan taate Iyyerusaaleemitti deemteerti. 


«Mootittiin Saabaa maqaa Waaqayyootiin kan isheef ba'e waa'ee Solomoon yeroo dhageessetti hibboodhaan isa qoruuf ni dhufte. Gaalota irrattis Warqee garmalee hedduu ta'e, Inquu kabajamaa ta'es feesistee mi'a fee'isaa guddaa waliin gara Iyyerusaaleemitti seente, gara Solomoonitti yeroo dhuftettis wanta laphee ishee keessa jiru hunda itti himte. Mootichaafis Warqee Makliitii Dhibba tokkoofi digdama (120), Shittoo garmalee hedduu, Inquu kabajamaas ni kenniteef, baay'inni Shittoo akka sanaa Mootittiin Saabaa Mooticha Solomooniif kennite sana booda hin dhufne! ture!»

Galmeen jechootaa Kitaaba Qulqulluu Makliitii Safartuu ulfaatinaa ta'uu isaa fi Makliitiin tokko ammoo Giraama Kuma Afurtami lama (42,000) ta'uu isaa ni hubachiisa.

Kanaafuu Mootittiin Saabaa Warqeen isheen fidde Safartuu Warqee ammaatiin kana fakkaata jechuunis Makliitiin tokko Giraama Kuma Afurtami lama ykn Kiiloo giraama Afurtami lama (42 Kg) ta'a.

Kanaafuu baay'inni Warqee Mootittiin Saabaa Mooticha Solomooniif kennite ammoo Warqee Makliitii Dhibba tokkoofi digdama (120) kanaafuu kana gara Kiiloo giraamaatti yeroo jijjiirru ammoo:

1 Makliitii = 42,000g ykn 42 Kg
120 Makliitii = ?

Kanaafuu 120 x 42 Kg = 5040 Kg.

Kanaafuu Mootittiin Saabaan Mooticha Solomooniif Warqeen isheen kennite 5040 Kg dha jechuudha.

Tarii Warqeen namoonni Ogeeyyii Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiif dhiyeessan achirraa kan fudhatamedhaa laata?

Namoota Urjii lakka'aan moo Namoota Amantaa?

Akka barsiisa Hayyoota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Ogeeyyiiwwan sadan jechuunis namoota Ogeeyyii sadan dursaa kan ture Ergamaa Waaqayyoo Urjiidhaan fakkeeffamedha malee Urjii nuti galgala yeroo Aduun lixxu arginu miti. Urjiin qaama ifaa Aduun yeroo lixxu muldhatudha malee guyyaa hin muldhatu, sababni isaas ifti Aduu guyyaa jiru waan isa liqimsuuf Urjiin kamiyyuu guyyaa hin muldhatu. Urjiin kun garuu namoota ogeeyyii guyyaa fi halkaniin dursaa Beetaliheem isaan geessiseera.


Urjiin kun durii kaasee Abbootii cimoo ykn Abbootii Tsoomii fi Kadhannaa baay'isaniif, kanneen Qulqulloota ta'aaniif kan muldhatu ykn isaaniif kan ibsamu Ergamaa akka tureefi dubbiin kunis fakkeenyawaa akka ta'e Barsiisonni Mana Kiristaanaa ni barsiisu.

«Yaa'iqoob irraa Urjiin ni ba'a, Israa'eel irraa uleen ni ka'a» Seera Lakkoofsaa 24:17

Namoonni Ogeeyyii kunneenis kennaa isaanii erga dhiyeessaniin booda gara Itoophiyaatti imalan, imalli isaaniis guyyaa afurtama itti fudhate ture. Akkuma gahaaniinis dhalachuu Gooftaa Missiraachoo himan, dhalachuu Gooftaas ni barsiisan, Barsiisonni Wangeelaa Itoophiyaas isaan turan. Biyyi keenya Itoophiyaan Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo dhalatu mootiin ishee argamee kennaa dhiyeesse. Uummatas waa'ee dhaloota Gooftaa ni barsiise, bara Duuka Bu'ootaatti ammoo Jaandarabaan Mana Mootummaa isaa Baakoos kan jedhamu Iyyerusaaleem deemee Cuuphaa nuuf fide. Cuuphaas ni barsiise. Hanga hardhaatti uummata Itoophiyaa biratti Ayyaanonni Yaadannoo dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos fi Cuuphaan kabajaa fi iddoo addaa qabu. Nuti Itoophiyaanonni kana kan kabajnus Abbootiin keenya iddoo sanatti argamanii turan guyyaa isaan nutti himaniin waan ta'eef ykn guyyaan dhaloota Gooftaa fi Cuuphaa guyyaa irra oolu ykn guyyaa gooftaan keenya itti dhalatee fi Cuuphame Abbootiin keenya achitti argamanii waan turaniif guyyaa sanaan kabajna. Ofii guyyaan dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus akka Mana Kiristaanaa Itoophiyaa fi warreen Lixaa biratti maalif gargar ta'e? Dubbisaa!

Guduunfaa :- Egaa hardhaaf mata duree «Namoonni Ogeeyyii eessaa dhufan? Eenyu fa'i?» jedhu jalatti waa'ee eenyummaa fi maalummaa isaanii waa muraasa ilaalleerra, yeroo biraa ammoo waa'ee dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos sirriitti kan ilaallu ni ta'a.

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

1 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)