Kutaa 2ffaa
Yeroo darbe kutaa 1ffaa Hiikoo Andimtaa Wangeela Qulqulluu Maatewoos hiikoo Wangeela Maatewoos Boqonnaa 1:1-4 ilaalleerra. Kutaa darbe keessatti qabxiilee gurguddoon nuti ilaalle;
♥ Qoqqoodama Wangeela Maatewoos Boqonnaa 1
♥ Wangeela Maatewoos Boqonnaa 1 irratti Qulqulluun Maatewoos yeroo hidda dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo tarreessu maalif Abrahaam irraa jalqabe?
♥ Wangeela Maatewoos Boqonnaa 1:1 irratti «Ilma Daawwit Ilma Abrahaam, Kitaaba Dhaloota Iyyesuus Kiristoos» jedhee maalif «Abrahaam fi Daawwit» qofa kophaatti baase?
♥ Wangeela Maatewoos Boqonnaa 1:1 irratti «Ilma Daawwit Ilma Abrahaam, Kitaaba Dhaloota Iyyesuus Kiristoos» jedhee Daawwit Ilma Abrahaam osoo ta'ee jiruu akkamitti dursee Ilma Daawwit itti aansee ammoo ilma Abrahaam jedhe?
♥ Wangeela Maatewoos Boqonnaa 1:2 irratti Abrahaam Yisihaaqiin ala ijoollee hedduu osoo qabuu maalif Yisihaaq qofa caqase?
♥ Yeroo dhaloota Yisihaaq kaasetti Ijoolleen Abrahaam warri kaan Yisihaaq waliin hin caqasamne, dhaloota Yaa'iqoob irrattis akkasuma Eesaawu hin caqasamne Wangeela Maatewoos Boqonnaa 1:2 irratti garuu Yihudaan maqaadhaan caqasamee ijoolleen Yaa'iqoob kudha tokkoon hafan «Obboloota isaa» maalif jedhaman? Yihudaan hoo maalif kophaa isaatti caqasame?
♥ Wangeela Maatewoos Boqonnaa 1:3 irratti «Yihudaanis Ti'imaar irraa Faarees fi Zaaraa dhalche» jedha. As irratti hanga ammaatti yeroo dhaloota Yisihaaq Saaraa osoo maqaa hin caqasiin, yeroo Ijoollee Yaa'iqoob ammoo osoo maqaa haadha manaa Yaa'iqoob Arfan hin caqasiin as irratti maalif maqaa Ti'imaar caqase? akkasumas yeroo waa'ee ijoollee Yaa'iqoob kaasetti Yihudaa qofa caqasee warreen hafan kudha tokkoon «Obboloota isaa» jedhe, as irratti ijoollee Yihudaa lamaaniyyuu maqaa isaanii akkamitti caqase? kanneeniifi kanneen biroo Kutaa 1ffaa keessatti yeroo darbe ilaallee turre, isinis kutaa 1ffaa osoo hin dubbisiin gara kanaatti hin darbiinaa! Dubbisuuf Link kana tuqaa! 👉 Kutaa 1ffaa
Hiikoo Andimtaa Wangeela Maatewoos | Kutaa 2ffaa
📖 Maat. 1:4 «Araam Aminaadaab dhalche, Aminaadaabis Na'aasoon dhalche, Na'aasoonis Salmoon dhalche.»
📖 Maat. 1:5 «Salmoonis Raakeeb irraa Boo'eez dhalche, Bee'eezis Ruut irraa Iyyoobeed dhalche, Iyyoobeedis Iseey dhalche.»
Seenaa namoota kanaa jechuunis kan Raakeeb, Salmoon fa'a kan argannu Kitaaba Iyyaasuu ilma Nawee Boqonnaa Lamaa fi Jaha keessattidha. Nutis kutaa kana jalatti Fakkeenyummaa Seenaa isaanii ilaalla, garuu dursa osoo kanatti hin seeniin caqasa isiniif kenname dubbisaa! Kitaaba Qulqulluu irraa.
Gabaabsinee ilaaluuf, Israa'elootni dursummaa Iyyaasuutiin gara lafa Dhaalmaatti yeroo imalan, iddoo Saxin jedhamu osoo jiranii, Iyyaasuun basaastota lama jechuunis Salmoonii fi Kaaleeb Iyyaarikoo akka basaasaniif dhoksaan erge. Isaanis Iyyaarikoo akkuma gahaniin bifaa fi hojjaa isaaniin waan baramaniif gara mana dubartii Ra'aab /Raakeeb/ jedhamtuutti seenan. Isheenis isaan dhoksitee harka mootii Iyyaarikoo jalaa isaan oolchite. Israa'elootnis Iyyaarikoo yeroo qabatan dubartii kana oolchuuf abdii kennuuf. Akka mallattoo ta'uufis fooddaa isheerratti Uffata ykn Harrii Diimaa akka hiitu ishee akeekkachiisan. Israa'eloonnis yern Iyyaarikoo qabatan ishee fi maati ishee ni oolchan. Iyyaasuunis Salmoonii fi Raakeeb ni eebbise isaanis bultii ijaarrachuun Boo'eez argatan.
Kun fakkeenyummaan isaa;
~ Iyyaasuun fakkeenya gooftaa,
~ Iyyaarikoon fakkeenya Amantootaa,
~ Ormootni Ykn Ahizaabonni fakkeenya Seexanaati.
Iyyaasuun akkuma Ormoota balleessee Iyyaarikoo qabate, Gooftaanis Seexanoota balleessee ykn injifatee amantoota qabateera waan ta'eef.
~ Foddaan fakkeenya hidhii amantootaa,
~ Uffatni ykn Harr fakkeenya Fooniif Dhiiga gooftaa,
~ Alaabaan fakkeenya Fannoo,
~ Raakeeb ykn Ra'aab ammoo fakkeenya Ormootaati.
Read Also :- Wangeela Qulqulluu Yohaannis
Raakeeb dhiirota hedduutti heerumaa, hiikaa akkuma turtee dhumarra Salmooniin murtoofte, Ormoonnis Waaqolii tolfamoo garaa garaa Waaqessaa turanii Iyyesuus Kiristoos amanuun murta'aniiru.
Kana irratti maqaan Raakeeb maalif caqafame kan jedhuuf deebiin isaa akkuma kan Ti'imaaridha.
📖 «..... Boo'eezis Ruut irraa Iyyoobeed dhalche....»
Akkuma dura ilaalle Boo'eez mucaa Salmoonii fi Raakeebidha. Seenaan Boo'ee, Ruut, Iyyoobeed ammoo kan argamu kitaaba Ruut irratti. Ammaaf fakkeenyummaa isaa ilaalla isin guutummaa seenichaa Kitaaba Ruut Boqonnaa 1-4 irraa dubbisuu hin dagatiinaa.
~ Seenaa kana keessatti «Midhaan safartuu jaha safareef" jedha. Ruut. 3:15. Safartuu jahan kun fakkeenya jechoota Wangeelaa jahaaniiti.
~ Akkasumas Safartuu kudhan jedha kunis fakkeenya jechoota ykn abboommiiwwan kurnaniiti.
Maalif maqaa Ruut caqasame kan jedhuuf, deebiin akkuma Ti'imaar fi Raakeeb.
📖 Maat. 1:6 «Iseeyis Mootii Daawwit dhalche»
Mootiin Daawwit Mootota Israa'eel hunda caalaa jaalatamaadha. Kitaaba Qulqulluu keessattis akkasuma barreeffamee jira. 1 Saam. 16 kaasee hanga Kitaaba Moototaa 1ffaa fi 2ffaatti itti fufa. Kitaabolee Seenaa Baraa irrattis akkasuma.
Read Also :- Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Roomeetti erge
~ Mootichi Daawwit Beeteliheemitti dhalate. 1 Saam. 16:10-11.
~ Ijoollee Iseey hunda caalaa xiqqaa fi tiksee hoolotaa ture. 1 Saam. 16:11, 17:34-36.
~ Mootii Israa'eel ta'uufis harka Saamu'eeliin dibame. 1 Saam. 16:13....
Mootiin Daawwit bara mootummaa isaatti hojiiwwan gurguddoo hojjeteera. Isaan keessaas;
~ Bara Abbootii Firdiitii eegalee Israa'eloota kan jeeqaa turan Filisxeemota injifachuun isaan callisiiseera. 2. Saam. 5:18-25.
~ Gara Kibbaa, Gara Bahaa, Gara Kaabaatti uummattoota daangaa Israa'eel waliin qaban barsiisuun daangaa isaa karaa hundaan babal'iseera. 2. Saam. 8, 12:26-31.
~ Iyyerusaaleem iddoo walitti qabama afuurawaa akka taatuuf Taabotni iddoo jirtuu fichisiisee Dunkaana dhaabe keessa kaa'e, seerri Mana Qulqullummaas akka fooyya'u taasise. 2. Saam. 6, 1 Seenaa Baraa 15:16, 25.
Mana Qulqullummaas ijaaruuf barbaade garuu Waaqayyo isa dhorke. 1 Seenaa Baraa 28:3.
~ Faaruuwwan hedduus barreesseera.
Daawwit Mootii cimaa fi beekamaa ta'uu isaa irraan kan ka'e akka Kitaaba Qulqulluutti ykn Kitaaba Qulqulluu keessatti akka fakkeenya Mootummaa Masiitti ni ilaalama. Masiichis matumti isaa maqaa Daawwitiin caqasamaa ture. 2. Saam. 7:8-17, Isa. 9:7, Erm. 23:5-6, 33:14-17, Izq. 34:23, 37:27...
📖 Maat. 1:7 «Mootichi Daawwitis niitii Oriyoo irraa Solomoon dhalche, Solomoonis Roobi'aam dhalche, Roobi'aamis Abiyaa dhalche, Abiyaanis Asaaf dhalche.»
Hanga ammaatti waa'ee kabaja, jabina fi hojiiwwan gurguddoo Mootiin Daawwit hojjate ilaalleerra. Amma ammoo Qulqulluun Maatewoos Daawwit cubbuu dhaan kufuu isaa nutti hima. Daawwit sababa ejjaatiin loltuu isaa Oriyoo ajjeessee niitii isaa Bersaabeeh akka fuudhe Kitaabni Qulqulluu ni hima. 2. Saam. 11-12. Qulqulluun Maatewoos Cubbuu Daawwit ibsuun isaa maalifi yoo jettan;
~ Cubbuun isaa osoo hin ibsamne ta'ee, Daawwit Mootii waan ta'eef cubbuu isaa dhokseef akka hin jedhamneef. Kana waliin Wangeelaawwiiwwan lallabdoota dhugaa, kan soba hin dubbanne, kan harka namaa ilaalanii haqa hin jallisne, nama caala Waaqayyo kan kabajan akka ta'an hubanna.
~ Tokkos Gaabbii nu barsiisuuf, Pheexiroos Waaqayyo ganee booda garuu gaabbii galee akkuma isaaf dhiifame. Namni amma Daawwit gahus gaabbii yeroo galu isaaf dhiifame, isinis yoo gaabbii galtan isiniif dhiifama jechuuf.
As irratti maalif Bersaabeeh jechuu dhiisee Niitii Oriyoo jedhe kan jedhu gaaffii ka'udha, Sababni isaas;
Bersaabeen dubartii Ibrootaati, Qulqulluun Maatewoos ammoo Wangeela isaa kan barreesse Ibrootaafi, akka aadaa isaaniitti ammoo dubartiin Ibrootaa tokko hidda dhalootaa keessa seentee hin lakka'amtu waan ta'eef maqaa caqasuu dhiise.
Gama biraatiinis moggaasni ykn aangoo Mootii jedhamu Daawwitiif qofa akka kennamee jiru hubachuuf barbaachisaadha. Kunis Daawwit hundee mootummaa ykn Mootii Israa'eel jalqabaa waan ta'eefi.
Maali Mootiin jalqabaa Saa'ool mitii yoo jettan;
~ Saa'ooliif raajiin hin dubbatamne waan ta'eef, qomoon isaas qomoo Biniyaam waan ta'eef.
~ Beektotni Mana Kiristaanaa Mootummaa Saa'ool «Mootummaa si haa hudhuuti» jedhu. Sababni isaas Saa'ool kan muudame fedhiin sabni Israa'eel Samu'eeliin nuuf muudi waan jedhaniifi malee akka Daawwit fedha Waaqayyoon miti. Akkasumas Saa'ool bara abbootii firdiitti ramadama malee bara Moototaatti hin ramadamu. 1 Saam. 9:22-25.
📖 «Solomoonis Roobi'aam dhalche»
👉 Akkuma kana dura ilaalle Solomon ilma Mootii Daawwitii fi Bersaabeeti. Yeroo Daawwit dulloometti mootii ta'uuf in dibame. 1 Moot. 1. Daa'imas waan tureef akka qalbeeffataa ta'uuf ogummaa ni kadhate, ogummaadhaanis beekamaa ta'e. 1. Moot. 3:5-28, 10:1-10.
👉 Akkasumas kitaabole akka Kitaaba Ogummaa, Weedduu Weedduu Caalu fi k.k.f barreesseera. Gargaarsa Mootii Xiiroos Kiraamiin Mana Qulqullummaa ijaareera. 1. Moot. 5-8.
Egaa waa'ee mootii Solomon was muraasa kaasne baldhinaan Kitaabolee akka Galmee Jechootaa kan Kitaaba Qulqulluu irraa jechoota akka Solomoon, Mootota Israa'eel fa'a jedhan galchuun argachuu dandeessu.
📖 «Roobi'aamis Abiyaa dhalche»
👉 Roobi'aam ilma Solomooniifi Naa'immaa ishee Amoonaawwiiti. Erga abbaan isaa du'e booda Iyyerusaaleemitti Mootii ta'e. Qomoowwan Israa'eel Hundi mootii isa taasisuuf Seekeemitti walitti qabaman. Garuu Roobi'aam Qomoowwan Yihudaa fi Biniyaam irratti moo'e, yeroo Kanas Israa'eel iddoo lamatti qoodamte, qomoowwan lamaan kunis Mootummaa Yihudaa too jedhaman, Warreen hafan ammoo Mootummaa Israa'eel jedhaman mootii Iyyoorbi'aamiin durfamanii.
📖 Maat. 1:8 «Asaaf Iyyoosaafx dhalche, Iyyoosaafx Iyyooraam dhalche, Iyyooraamis Oziyaan dhalche.»
📖 Maat. 1:9 «Ooziyaan Iyyo'aattam dhalche, Iyyo'aattamis Akaaz dhalche, Akaazis Hizqiyaas dhalche.»
👉 Ooziyaan mootii Yihudaa kan turedha. Bara raajicha Isaayyaas kan turedha. Bara aangoo isaa gara jalqabaatti bifa gaarii ta'een mo'e, mootummaan isaas ni cime, Waaqayyos is a ni gargaare, booda garuu of jajuun hojii Lubootaa waan hojjeteef Waaqayyo itti dheekkame. 2. Moot. 14:21-22, 15:1-7, 2 Seenaa baraa 26.
📖 «Iyyo'aattaamis Akaaz dhalche»
👉 Akaaz Yihudaatti waaqeffannaa Xaa'otii babaldhise. Sooriyaawwan mootummaa Israa'eel Yihudaa waraanaan waan rakkisaniif uummanni ni sodaate, Raajichi Isaayyaasis osoo amantanii ni fayyitu jedhee gorsa kenne. Akaaz garuu dhaga'uu dide. 2 Moot. 16., 2 Seenaa baraa 28.
📖 «Akaazis Hiizqiyaas dhalche»
👉 Hizqiyaas Mootii Yihudaa bara raajicha Isaayyaas turedha. Mootota Yihudaa turan hun da kan caaludha. 2 Moot. 18:5. Innis waaqeffannaa Xaa'otii balleesseera, Mana Qulqullummaas ni haaromse, diinota isaas kadhannaan morma ture. Innis umurii Isaa irratti waggaan kudha shan dabalameefiira. 2 Moot. 18-20, 2 Seenaa baraa 29-30, Isa. 36-39.
Dubbistanii waan xumurtaniif Galatoomaa! Waaqayyo isin haa eebbisu! Faaruu kanaa gadi jiru isin affeerreerra dhageeffadhaa!
Barumsa Hiikoo Andimtaa Wangeela Qulqulluu Maatewoos kana hanga danda'aame dafnee dafnee isiniif dhiyeessuuf ni yaalla, isinis dubbisaa! Hiriyoota keessaniifis qoodaa! Akkasumas akkuma asii maxxansineen akka isin bira gahaaniif Subscribe taasisaa ykn mallattoo bilbilaa ykn 🔔🔔🔔 Blog kana jala karaa harka bitaatiin jiru tuqaa!
Itti fufa!
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
0 Comments