Subscribe To Our YouTube Channel

Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu | Kutaa 3ffaa

Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu

Kutaa 3ffaa

Seensa :- Gara Kutaa kanaatti osoo hin darbiin dura kutaalee darban jechuunis Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu Kutaa 1ffaa fi Kutaa 2ffaa dubbisaa! yeroo darbe kutaa 1ffaa fi 2ffaa keessatti Qo'annaa Kitaabolee Qulqullaa'oo ykn Qo'annaa Kitaaba Qulqulluu bifa gaaffii fi deebiitiin ilaalaa turreerra, kanaanis Seera Uumamaa irraa eegallee kan ilaalle yoo ta'u Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu 20 ilaalleerra. Kanaanis kutaa 1ffaa keessatti Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu 10 jechuunis 1 irraa kaasee hanga 10 fi Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu Kutaa 2ffaa keessattis Gaaffilee 10 jechuunis 11 irraa kaasee hanga 20 tti ilaalleerra. Kutaan itti aanu ammoo kunooti dubbisaa!


21. Raajichi Musee gara Tulluu Siinaatti yeroo bahu Iyyaasuun garuu Tulluu sana jala ture malee akka Raajicha Musee gara Tulluu sanaatti ol hin baane ture, sababni kun ta'eefis sababa mataa isaa qaba. Iyyaasuun gara Tulluu Siinaatti kan hin baane maalifi laata?


Musee kan gargaaran Jaarsolii 70 tu ture. Jaarsolii 70 kun Afuurri Musee irra bule isaanirras bulee Raajii yeroo raajan Iyyaasuun garuu inaaffaadhaan Yaa Musee! maalif akka callisan isaan hin dhorkitu? jedhee dheekkame, sababa kanaan Iyyaasuun Tulluu Siinaa irra osoo hin ba'iin hanga Tulluu Siinaa jalaatti qofa deemuu danda'eera ykn dirqameera.

Raajonni lamaan fi Duuka Bu'oonni Utubaa sadan qofti Tulluu Taaboor irra yeroo ba'an Yihudaan garuu «Ani bar Gooftaa kanan gurgure Tulluu Taaboor irratti waanan hin baaneefi» jedhee sababa akka hin dhiyeessineef Yihudaa dabalatee Duuka Bu'oonni hafan Tulluu sana jala turan. Yihudaanis gara Tulluu Taaboritti kan hin baane hojii isaa badaa kanaani. Tulluun fakkeenya Mana Kiristaanaa ti. Iyyaasuunis balleessaa isaa irraa erga barate booda Musee bakka bu'ee hoogganaa cimaa ta'eera. Lakk. 11:28.

22. Kitaaba Qulqulluu keessatti maqaan isaanii tokko ta'ee ykn wal fakkaataa ta'ee hojiin isaanii garuu garmalee faallaa kan ta'aan namoonni lama Fiinihaas jedhaman jiru. Hojiin isaanii garmalee faallaa ta'e kuni maali dha?

Deebii :- Lakk. 25:1-14 

Fiinihaas isa jalqabaa :- Ilma obboleessa Musee Aroon Ilma Alaazaaridha. Ilmi Alaazaaris Fiinihaasidha. Fiinihaas Waaqayyoof inaafaa waan tureef Lubummaan Sanyii isaatiif ykn Leewwotaaf akka ta'u taasiseera. Fiinihaas waadaa Lubummaa kana akkamitti akka argate Seera Lakkoofsaa 25:1-14 ilaalaa!


Fiinihaas isa Lammaffaa :- inni kun ammoo ilma Eelii yoo ta'u obboleessa isaa Afniin fi Fiinihaas jedhamanii yeroo waamaman caalmaatti ni beekamu.

Fiinihaas inni jalqabaa Dunkaana Oriitii keessatti namoota ejjan Eeboodhaan waraanee kan ajjeesaa turedha. Fiinihaas inni lammaffaan garuu Dunkaana keessatti nama ejjedha. Maqaan isaanii wal fakkaata hojiin isaanii garuu gonka faallaadha.

23. Yeroo tokko Daataan, Abeeroon, Qoree fi namoonni 250 Musee morman, namoonni kun kan adabaman akkamitti ture?

Namoonni kunneen Musee fi Aroon yeroo morman Waaqayyo akkamitti isaan eege? 

Dheekkamsi namootaaf dhufee ture hoo akkamitti hafeef? (Lakk. 16:1)

• Musee fi Aroon mormanii ofii isaanii akka Lubaatti kan lakka'aan Qoree fi namoonni 250 guyyaa tokkotti Ibidaan gubatanii ni dhuman, isaan waliin kan ta'aan Daataan fi Abeeroon ammoo lafti afaan ishee bantee isaan liqimsite. Seera Lakkoofsaa. 16:31-36.


Yeroo bari'us Israa'eeloonni uummata ficcisiistan jedhanii dhagaadhaan isaan rukutuudhaaf ka'an, Musee fi Aroon gara Dunkaana Oriitiitti baqatan. Waaqayyos Utubaa ifaa diriirsee isaan oolchee obboloota lamaan Waldaa ykn Mahaabara Israa'eelotaa irraa adda ba'aa, dheekkamsaan isaanan balleessa jedhee guyyaa tokkotti namoonni 14,700 ni du'an. 

Aroon uffata Lubummaa isaa uffatee Maa'ixentii ykn Ultuu Warqee qabatee yeroo isaaniif kadhatu dheekkamsichi ni dhaabbate. Seera Lakkoofsaa. 16:41.

• Musee inni filatame fuuldura isaa osoo hin dhaabbanne ta'ee dheekkamsa sanaan osoo isaan balleessee ture akkuma jedhe Raajichi Daawwit. Faaruu 105:23.

24. Biyya keenyatti yeroo Ayyaanaa dhiigni Hoolaa Saahiniidhaan walitti qabamee ni jedhama, baadiyyaatti ammoo Sangaan osoo hin du'iin lubbuun osoo keessa jirtuu wanta qara qabuun morma Sangaa sanaa waraananii dhiiga isaa kan dhugan ni jiru! aadaan ykn barteen kun Kitaaba Qulqulluu dhaan ni deeggarama moo hin deeggaramu? maalif?

Horii du'ee argame ykn kan bineensi isa nyaate nyaachuun, Dhiiga Bineensotaa ykn Bineeldotaa dhuguun garmalee kan dhorkamedha. Seera Leewwotaa 17:1-16. Dhiiga keessa lubbuun waan jiruuf Dhiiga dhuguun garmalee kan dhorkamedha 

Kitaaba Iyyaasuu

Israa'eeloonni dursummaa Iyyaasuutiin Yordaanoos yeroo ce'an

25. Ani eenyu?

Maqaan koo jalqabaa Awusee dha, yeroo dargaggummaa kootti biyya Gibtsiitti garbummaa keessa kanan ture, Galaanni Ertiraa yeroo iddoo lamatti qoodamu ija kootiin kanan arge, Kaaleeb waliin lafa dhaalaa kanan ilaale, ijoollummaa koo irraa kaasee tajaajilaa Musee kanan ture Ani eenyudha?


Deebii :- Iyyaasuu

26. Nuti eenyu? Samii waggaa sadii fi ji'a jahaaf kan cufne, Aduu Gabaa'oon irratti kan dhaabne, tajaajiltoonni Waaqayyoo nuti eenyu?

Deebii :- Raajicha Eliyaas fi Iyyaasuudha.

Eliyaas jechuun Waaqayyo Gooftaa koo jechuudha, akkasumas Raajichi Samii waggaa sadii fi ji'a jahaaf kan bokkaa dhorke yoo ta'u,

Iyyaasuu jechuun ammoo Fayyisaa jechuu yoo ta'u Samii Gabaa'oon irratti Aduu kan dhaabedha.

27. Dachee dhaalaa isaanii dachee Kana'aan kan dhaalan namoonni lamaan eenyu fa'i?

Deebii :- Iyyaasuu fi Kaaleeb

28. Iyyaasuun fa'a Taabota Tsiyoon baatanii Yordaanoos yeroo ce'an lagichi guutee ture, kunis kan ta'e Cabbiin Tulluu tokko irraa baquun yoo ta'u haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam yeroo dhalattus Tulluun kun akka Daamotiitti fagoo irraa ni ibsa ture. Tulluun kun maal jedhama?

Deebii :- Mataa Libaanoos Tulluu Armooniyeem dha.

29. Ani eenyu? Iyyaasuun magaalaa Gaay jedhamtu balleessuu isaatiin dura ani magaalaa sanatti irmii kan ta'e buchillaa Warqee fi Kaabbaa bareedaa argee nan hate, Dunkaana koo keessas nan dhokse, Cubbuu kootiinis Israa'eeloonni namoota Gaayiin ni injifataman Ani eenyudha? kanan adabame hoo akkamitti ture?

Deebii :- Akaan yoo ta'u, kan adabames dhagaadhaan rukutamee ture. Iyyaasuu. 7:19

30. Iyyaasuun Luboota Leewwotaatiin Taabota Tsiyoon waliin gamoo ykn dallaa magaalaa tokkoo yeroo torba yeroo naannaa'u, magaalaan sun isa torbaffaa irratti ni diigamte, magaalaan kun maal jedhamti? Hiikni maqaa magaalaa kanaa hoo maal jechuudha?

Deebii :- Magaalaan kun Iyyaarikoo yoo taatu, namoonni Iyyaarikoo kanaas Addeessa ykn Baatii kan Waaqessan waan turaniif maqaa isaaniis Iyyaarikoo jedhanii moggaasan, Iyyaarikoo jechuun magaalaa Addeessaa jechuudha.

31. Maqaan Iyyaasuu inni jalqabaa eenyu ture? «Iyyaasuu» jedhee maqaa kan baaseef eenyudha? Iyyaasuu jechuun hoo maal jechuudha?

Deebii :- Maqaan Iyyaasuu inni jalqabaa «Awusee» yoo ta'u, Iyyaasuu jedhee maqaa kan baaseef ammoo Raajicha Musee ture, Musee jechuun kan dhalate jechuu yoo ta'u Iyyaasuu jechuun ammoo Fayyisaa jechuudha. Seera Lakkoofsaa. 13:16.

32. Qulqulluun Phaawuloos «Guyyaan fayyinaa ammadha!» akkuma jedhe (1 Qor. 6:1) Abbaan Murtii (መስፍን) tokko «አነ ወቤትየ
እግዚአብሔርን ነአመልክ» jechuunis «Ani fi Manni koo Waaqayyoon Waaqessina!» jedhee ture namni kana dubbate eenyu jedhama?

Deebii :- Jecha kana ykn Ani fi Manni koo Waaqayyoon Waaqessina kan jedha Iyyaasuu dha.




Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu Kutaa 3ffaan kana fakkaata ture waan dubbistaniif Galatoomaa! Waaqayyo isin haa eebbisu! Blog kana Subscribe taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments